Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

Finfinneetti Yaadannoon Godhame

(Oromedia, Sadaasa 02,2016) Barattootni Oromoo Koollejjii Barsiisotaa Kotobeetti gochaa duguuggaa sanyii mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo Irreechaaf bahan irratti raawwateef Sadaasa 01, 2016 yaadannoo taasisan.

91490985_mediaitem91490984

Barattootni kunneenis yaadannoo kan taasisan erga gochaan sukkaneessaan suni raawwatee ji’a isaa eeganiiti.

Haaluma kanaan Barattootni Oromoo moorichaa huccuu gaddaa uffachuudhaanii fi nyaata lagachuudhaan yaadannoo seenaa qabeessa taasisanii jiran.

Kanumaan walqabatee waraanni mootummaa Wayyaanee mooricha seenuudhaan barattoota hedduu irratti reebicha erga raawwatee booda gara mana hidhaatti jumlaan guuree jira.

Barattoota kanneen keessaa Barataa Lammeessaa Kabbadaa fi kanneen maqaan hinqaqqabin hedduun keessatti argamu. Maqaa, muummee barnootaa fi bakka itti hidhaman akka arganneen isin qaqqabsiifna.

Leave a Reply

Your e-mail address will not be published. Required fields are marked *