Oromia

Falaasama Arawaatoo fi facaasaa midhaanii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa

(Finfinnee, Adoolessa 27, 2017)– Hawaasni Oromoo  bakkeewwan hedduutti hojii qonnaarratti bobba’e aadaa fi falaasama ittiin bulu qaba. Aadaa fi seerri bulmaataa kun bakkaa bakkatti haala qabatamaa bakkichaan garaagarummaa ni qaba.

Falaasama Arawaatoo fi facaasaa midhaanii Godina Horroo Guduruu WallaggaaHaata’u malee, adeemsa hojii qonnaa keessatti wayita facaasaan midhaanii gahu adeemsa ittiin sanyiin midhaanii haala yeroo isaa eeggateen facaafatu qaba. Kunis midhaan facaafamu akka waqtii isaaf maluun ala facaafamuun duraa fi booda facaafamee rakkoof hin saaxilamne gochuun oomishaa fi oomishtummaa biyyaa keessatti bu’aa guddaa buusa. Qonnaan bultoonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee garagaraa keessatti argaman yeroo midhaan facaasan, fakkeenyaaf, akkaataa ittiin yeroo adda adda qoodanii bifa haala qilleensaan wal-simeen hojii isaanii gaggeessaa ykn sirna lakkaawwii aadaa isaan fayyadamaa turaanii fi ammas jiran isiniin geenya.

Godinichatti oomishaaleen akka boqqoolloo, garbuu fi nuugii dursanii kan ji’a Caamsaa fi Waxabajjii keessa facaafaman ta’ullee, kanneen akka qamadii fi xaafii facaasuuf ammoo gosa sanyii fi bakka haala qilleensaa naannoo isaanii bu’uureffachuun lakkoofsa bifa aadaa kana fayyadamanii oomisha kamtu yeroo kam ykn torban kam keessa yoo faca’e gaarii ta’a kan jedhu adda qoodanii kaa’u.

Arawaatoon maala?

Qonnaan bultoonni godinichaa Hagaya 5 irraa kaasee oomishaalee xaafii, baqelaafaa facaasuu kan eegalan yoo ta’u, guyyaan Hagaya 5 irraa kaasee hanga 12tti jiru godinichatti Arawaatoo jedhamee beekama. Turtii Arawaatoo kana keessattis nannoolee dhooqaa fi bishaan kuufatu jedhamanii fi yeroo asheetanis qorraaf saaxilamuu danada’u jedhanitti facaasaan midhaanii akka eegalamu dubbatu qonnaan bultoonni naannawwichaa.

Erga turtiin torban Ariwaatoo dhumatee booda lakkoofsa kudhan irraa eegalee hanga tokkootti irraa gadi lakkaa’amutu jira.

Kunis kurnan, salgan, saddeettan jedhee irraa gadi hanga tokkeetti kan lakkaa’amu yoo ta’u, hundi isaanii torban tokko tokkoof turu.

Torbeen jalqabaa Arawaatootti aanee dhufu kurnan jedhamuun kan beekamu wayita ta’u, ji’a kana keessa facaasaan midhaanii naannoo amala gammoojummaa qabuu fi badda dareettii eegalee naannoo baddaattis darbee darbee facaasaan eegalama.

Lakkoofsonni kennaman kunis kurnan, saglan, saddeettan jechaa hanga tokkootti wayita wal jijjiirraa deeman callisanii facaasuuf qofa osoo hin taane gosoonni midhaanii kam torban kam keessa akka facaafaman adda qoodameetu kan beekamanidha.

Hojiin facaasaa midhaanii Adoolessa 5 torban Arawaatoo jedhamuun beekamurraa eegalame kunis qonnaan bulaan bal’inaan kan keessa facaasaa raawwatu kurnanirraa kaasee hanga torbaniitti yoo ta’u, midhaan waqtii kanaa booda facaafamanis firiin isaan kennan gaarii ta’uu dhabuu danda’a.

Garuu sanyii dafee qaqqabu yoo ta’e gara boodaarra facaafamus rakkoo hin qabu. Kaan garuu booddetti yoo harkifatan rooba gahaas dhabuu waan danda’aniif dafanii faca’u.

Kanaan alammoo gosoonni oomishaa torbee jahan jedhamuun booda facaafaman immoo baay’inaan mi’eessituu fi oomishalee yeroo gabaabaa keessatti qaqqabbuu danada’an jedhamanii amanaman qofadha.

Lakkoofsi sirni facaasaa naanichatti torban Arawaatoo jedhamuun dursamee kurnan irraa eegalee hanga tokko ykn tokkeetti ji’a tokkoof torbanoota lamaaf turtii taasises facaasaa raawwatamu cinaatti ji’a Gannaa raawwatame gaggeessuun Qaammerraa qaari’ee Birraattis nama dabarsuuni kan raawwatu.

Kana malees lakkoofsi bifa aadatiin hawaasni Oromoo Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti beekamu kun lageen naannawichaa yeroo kam akka guutanii fi akka hir’atanis torbanoota kanaan adda baasanii lakkaa’u.

Falaasamni kun beekumsa haawaasni itti fayyadamaa of eeggannoofis itti gargaaramaa jiruudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *