07f3aec8432dfebe07c5499d966a5eaa_XL

Ayyaana Gindii Hiikkaa Godina Horroo Guduruu

 (Oromedia, 15 Hagayya 2017) Yeroon kun qonnaan bultoota Oromoof hiikaa addaa qaba. Bakka gariitti, yeroo itti qonna xumuranii dha. Bakka birattis, qonnaan-bulaan hojii isaa qonnaa arfaasaan eegalan itti-fufanii dha. Kun hundi, abdiin kan eegamu, oomisha gahaa argachuuf kunuunsaa yeroo itti eegalanii dha. Akkanaan firii isa boruu abdiin eeggatan.

Akka Oromiyaatti hojiin qonna Ganna bakkeewwan baay’eeti kan gaggeeffamu yoo ta’u, baay’een isaa mala aadaan adeemsifama; kana yoo jennus meeshaa ittiin hojiin qonnaan gaggeefamurra kaasee hanga qotiyyoo ittii qonni adeemsifamuutti jechuudha.

 Yeroo ammaa kanattis hojiin qonna Gannaa bakkeewwan garagaraatti adeemsifamaa ture gara goolabbiiti kan deemaa jiruu dha. Akka Godina Horroo Guduruu Wallaggaattis qonnaan- bultooni hojii qonna gannaa gara goolabuutti jiru; wayita xumuran kanas qonna raawwachuu isaanii qotiyyo isaaniirraa ‘shaashii’ yookiin baala itti-maran irraa beekama.

Adeemsi qotiyootti ‘shaashii’ yookiin baala kalaalaa jedhamu maruu oolmaa qotiyyoon hojii qonnaa keessatti qabu mul’issuuf kan gargaaru yoo ta’u qotiyyoon erga shaashii yookiin baala kalaalaa maratee booda kunuunsa addaatu taasifamaafi jedhu qonnaan-bultoonni godinichaa.

Qonnaan-bulaan baatiilee muraasaaf sababa hojiin firaa fi michuu isaarra adda bahee tures gara wal-gaafachuutti oomisha ooyruu isaaniira facaafatanii booda firii bor irraa argatan fuul-duratti abdataa midhaan isaaniif kunuunsa addaa taasisuun, qonna Gannaa yeroo raawwatu gara firii biqilee dachee haguuge kunuunsuuti darba jechuudha.

Qonnaan-bultoota Oromiyaa kanneen Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti argamaniif yeroon kun yeroo hojii qonnaa raawwatuu dha. Kun immoo sirnaa fi duudhaa ittiin xumuramu qaba. Kunis ayyaana Gindii Hiikkaa jedhama.

Ayyaana Gindi Hiikaa

Ayyaanni kun hojiin qonnaa kan sanyii facaasuutti hidhama. Akka duudhaa Oromootti ayyaanni kun sanyiin Gannaa faca’ee raawwatee erga biqilee booda kabajama; kunis Hagayya 15 booda kabajama.

Akka kabaja ayyaanichaa aadaa naanichaatti nyaataaf dhugaatiin aadaa qophaa’ee dirree yookiin ooyruu oomishni magariisaa haguuge irratti kan gaggeeffamu yoo ta’u, dirree sanarrattii nyaataa fi dhugaatiin qophaa’e ni nyaatama nidhugama; kamnaa ol garuu hiika addaa akka qabu himama.

Sirnicharratti oomisha qonna Gannaan dhamaatee dheeraa keessa darbanii akkuma facafatan Rabbi isaan tursee akka isaan sassaabbachiisuu fi rakkoo jijjirama haala qillensaan dhufuuf illee oomishni isaanii akka hin saaxilamneef uumaa isaanii adeemsa ittin kadhatanidha.

Akka naannichaatti dhangaan ayyaana Gindii Hikkaa kanaratti qophaahu baay’inaan marqaa ta’uu fi nyaata addaa godinicha kan ta’e cumboos qonnaan-bulaan akkuma qabeenyaa isaatti kan qopheesu ta’uudha qonnaan-bultoota naannichaarraa kan odeeffanne.

Sirnicharratti nannoolee godinichaa tokko tokko keessatti qotiyyoo camadaman gara dirree ooyruu qonnaatti bobbaasanii sirna gindii qotiyyoorraa harqoota hiikuun kan raawwatamu yoo ta’u, bakka gara-garaatti ammoo gindiima ittiin qotaa turan qofa hiiku.

Sirna ayyaana gindi hiikkaan booda meeshaaleen qonnaa faayidaarra oolaa turan adda adda hiikamanii qonna arfaasaa itti-aanuuf of-eeggannoon ol-kaayamu.

Kana boodas oomisha halluu magariisaan ooyruu haguuge keessa darbanii darbanii mukkeen bifa adiin bocanii fi huccuu moofaa itti maruun keessa dhaabuu ni raawwatama; kunis akka aadaa hawaasa naannichaatti hiika ija hamtuu fi bineensa irraa eeguu akka qabu qonnaan-bultoonni yaada isaanii nuuf kennan himaniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *