Foto

Lammiilee biyyoota biraatti dabarsuu fi gurguruun heddummaachaa dhufe.

(Oromedia, 16 Fulbaana 2017) Wayyaanoonni Tigiraayii fi warri Tiwulidda Itoophiyaawwii biyya keessaa lammiilee  gawwamsanii biyyoota adda addaatti dabarsuu fi mirga namuummaa isaanii mulqaa jiraachuun gabaafame.

FotoKanaan duras anga’oonni fi Abbootiin qabeenyaa wayyaanee keessaa, lammiilee Itoophiyaa kumootaan lakkaa’aman addatti shamarran, akka mi’aatti biyyoota Arabaatti gurguruun qabeenyaa kuufachuutti jiran.

Yeroo ammaa kanas ijoollee isaanitti gadi bu’ee, Ilmaan cunqurfamoo maqaa hojii argattuu fi biyyoota alaatti isin ceesifnaa jechuun lammiilee hedduu biyyoota ollaa keessatti akka dhumanii fi dararaman taasisaa jiru.

Shamarran lameen suuraa isaanii argitan kunniin, Lammii Oromoo Warqee jedhamtuu fi Lammii Amaaraa kan taatee Sarkaalam jedhaman, jara Afaan Tigiree dubbatanii fi guutummaatti paasporta Itoopihyaan socha’aniin biyyaa fudhatamanii Keeniyaa irraan Ugaandaa geeffaman.

Shamarran lameen kun biyya Ugaandaatii hojii argattuu ni sooramtuu yoofeetanis, Biyyoota Awuroppaatti isin dabarsinaa jechuun gawwamsanii kan fudhatamanii dha.  Achi ega ga’anis yeroo dheeraaf mana keessatti itti cufamee akka jiraatan, Pass-porta isaanii harkaa fudhatanii isaan dorsisan dubbatan.

Jarri Afaan Tigiriffaa dubbatan kun lammiilee hedduu bifa kanaan biyyaa yaasuu fi gocha hammeenyaa akka irratti raawwatan dubbatan. Shamarran kun kana kan saaxilan carraa argataniin dallaati ba’anii lammiilee Itoophiyaatti himachuun akka ta’eefii, Baqattoonni Biyya sana jiranis isaaniif dirmachuun bakka itti cufamee isaan baasanii enbaasii geessuu fi paasportiin isaanii akka deebi’uuf ega taasifamee booda, namoonni kana raawwatan baqattootatti dhaadachuutu ibsame.

Jarri kana raawwatan Embaasii Itoophiyaa wayita dhaqanitti kunuunsi akka godhameefii soda tokkollee akka irraa hin mul’annee kanneen haalicha hordofan ibsaniiru. Haalli kun Polisatti gabaafamee qoratamaa osoo jiru fi bakka hojjachaa turaniitii mindaan osoo hin kafalamneefii,  shamarran kun osoo hin yaadamnee biyyatti deebisuutu dhaga’ame.

Jarri gurmaa’anii Biyyoota afriikaa keessatti hammeenya kana dalagan irra jireessi isaanii, MANA SIREE AKKA NAMA KIREESSUU ta’anii lammiillee Biyyaa gawwamsaan fidan waan barbaadan akka irratti raawwatan beekameera.

Jarreen hammeenya kana hojjatan Hamlasat, Yoonaas ….jedhamu suuraan isaanii kanneen keessaa muraasa.

Seera

Sirni wayyaanee sadarkaa dhala namaa gurguru irra dabranii, lammiilee Biyyaa Biyyaa baasanii , humnoota addaa ddaan qabamanii ajjeefamanii keessa qaamni isaanii akka gurguramuu taasisuun akka malee duroomaa jiraachu keessa beektoonni ni dubbatu.Namoonni baqattummaan jiraataniis maallaqaaf jedhanii hammeenya kana keessatti hirmaataa jiran gara fuula duraatti kan dhiheessinuu ta’aa. Baqattoonni Biyyoota adda addaa jiraatan hammeenya lammiilee irratti hojjatamaa jiru addunyaatti saaxiluun dirqama lammummaa ba’uu akka qaban dhaamameera.

Wayyaanoonni seera addunyaa cabsuun dhala namaa xiqqaa hanga guddaatti gurguruun beekaman.Dallaalaa ta’uun, lammiilee hedduu biyyaa baasanii itti taphatan. Keessattuu Lammiilee hedduu BIYYA keessaa baasanii caasaa adda addaa biyyota Sudaan fi Sudaan kibbaa, Gibitsii, Liibiyaa, Keniyaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Ugaandaa fi Afiriikaa kibbaa keessaa qabaniin akka malee itti taphachaa jiraachuun beekameera.

Wayyaanoonni Lammiilee addatti shamarran gawwamsanii Biyyoota arabaatti ergan keessaa hedduun isaanii Saa’udi Arabiyaan deebistee akka ariitu gochuun , yeroo ammaa waraqaa seeraqabeessaan deemtu jedhanii deebisanii biyyaa baasaa fi maallaqa saamaa jiraachuutu dubbatamaa jira. Ilmaan wayyaanee fi Tiwulidda Itoophiyaawwii warri jedhaman shiroota kanaa fi hammeenya kana raawwachuuf kan ittin socha’an Paasporta Itoophiyaan ta’uun beekameera.

Sirni wayyaanee, Lammilee Biyyoota alaa addatti Ertiraa kuma 800,000 (kuma dhibba saddeet) ta’an baqattummaan simatee, akka of danda’anii Industirii guddaa ijaaruufiif addunyaa irraa Dolaara Biliyoonaan gaafachaa wayita jirutti fi hedduun isaanii sooramanii wayita jiranitti lammiileen Biyyaa haala hamaa keessa jiraniif kana yaaduu dandhabuun isaa hedduu namata ajjabsiisa kannen jedhan hedduudha.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *