Hariiroon Xoophiyaa fi Eertiraa Oromoof Maali?

                                                                        BY Moonenus Hundarraa
SELAM
Suurri kan ETV dha.

Biyyoota walaba ta’an gidduu hariiroo afurtu jiraachuu danda’a. Inni duraa hariiroo firummaa dhaabbataa irratti hundaa’u yommuu ta’u, hariiroon kun jijjiiramuu gaggeessitootaa fi imaammataatiin hangas dhiibbaa keessa hin seenu [Permanent Diplomacy].

Hariiroon lammataa hariiroo hiriyyummaati. Hariiroon kun hiriyyummaa giddu galeessa kan taasifatu yommuu ta’u bifuma hiriyyoonni walii-wajjin jiraatanitti fakkeessuun ni danda’ama. Hiriyyoonni walitti mufatu; wal ho’isu; wal-dhiisus. Kun yeroo baayyee walii kennanii-fudhachuu giddu-galeessa taasifata [Formal Diplomacy].

Hariiroon sadaffaa, Hariiroo Tooftaati [Strategic Diplomacy]. As keessatti fedha kee qofa galmaan ga’achuuf biyya ykn mootummaa hin jaallanne tokko wajjin hariiroo qabaachuu fi uumuu jechuudha.

Hariiroon afraffaa, hariiroo diinummaati. Biyyoonni ykn mootummoonni biyyootaa fi mootummoota adda addaaf hariiroo diinummaa qabaatan jiru. Jijjiiramni mootummaa fi imaammataa hangas firummaa ykn hiriyyummaa isaan gidduutti hin uumu. Yoo baay’ate baay’ate, biyyoonni Hariiroo Diinummaa qabaatan kun gara Hariiroo Tooftaalessaatti dhufuu danda’u.

Egaa Saayinsiin Hariiroo [Science of Diplomacy] yeroo baay’ee yaad-rimee kana irratti walii gala. “States have no permanent enemies/friends; rather they have permanent national interest” Kana jechuun “Biyyoonni ykn mootummoonni hiriyyaa ykn diina dhaabbataa hin qaban; fedha dhaabbataa malee jechuudha.” Kanumarraa ka’uun mee waa’ee Hariiroo Xoophiyaa fi Eertiraa bara Bulchiinsa MM Dr Abiyyi haa ilaallu. Kunis Oromoof maal ta’uu danda’a jennee haa xiinxallu. Dhawataan hordofaa.

Hariiroo Eertiraa fi Xoophiyaa kana duubatti deebinee ilaaluun dirqama. Sababa Koloneeffattoonni Awuroophaa Gaanfa Afrikaa kana akka barbaadanitti hiratan. Sababa kanaatti Sabni tokko yoo xiqqaate biyyoota sadii jidduutti ciccitaniiru. Kanuma bu’uura taasifachuun Eertiraan Walabummaa ishee mirkaneeffachuuf qabsoo hadhaawaa fi obsa fixachiisaa waggoota 40 oliif erga taasistee booda bara 1991 milkoofte. Baga milkoofte, Oromoonis ni milkaa’a. Kanarraa wanti hubatamu, hundeen hariiroo Eertiraa fi Xoophiyaa jidduu ture diinummaadha. Eertiraan an biyyaa fi Saba walaba ta’edha garuu mootummoota Xoophiyaatu humnaan ofitti nu qabatee nu bulchaa ture malee jechuudha. Hariiroon Koloneeffataa-Koloneeffatamaa jidduu jiru yeroo baay’ee diinummaa of keessaa qaba, garuu hooggantoonni bilchina qabanii fi furmaata irratti xiyyeeffatan jiraannaan diinumaa ture gara firummaatti ykn hiriyyummaatti deebisuun ni danda’ama.

Walaboomuu Eertiraa kan bara 1991 booda akkaataan itti hariiroon biyyoota kanaa ijaarame shira siyaasaa kan of keessaa qabu ture. Akka Oromoon garbummaa boqonnaa itti aanuutti darbu kan taasise keessaa tokko shoora Isaayyaas Afaworkii akka ta’e beekamaadha. Isaayyaasii fi Mallas erga qophaatti walii-galanii booda I/A/H/D ABO yeroo sanaa kan turan Jaal Leencoo Lataa wajjin kaartaa garbummaa Oromoo sararan.

Bifuma sanaan ABO arii’anii; OPDO tti uffata Oromummaa uffisanii ergama olaantummaa isaanii mirkaneeffachuu mijeeffatan. Silaa Waaqni Oromoo kun dafee murtoo kenna; waggoota toorba booda Isaayyaasii fi Mallas walitti bu’an. Dubbiin keenya irratti lolli Xoophiyaa fi Eertiraa lola Shaabiyaa fi Wayyaanee [Isaayyaasii fi Mallasi] dha. Adeemsa keessa garuu mahaandisii shira siyaasaa Wayyaanee, Obbo Mallas, lola kana gara lola biyyootaatti; lola Uummatootaatti jijjiire.

Mallasaan sababa qaba. Innis:

(a)Dhimm Odolaa irratti harki caalaan Amaaraa mufii fottoquu Eertiraa irraa qabu

(b) Shaabiyaan humna cimsatee waan jiruuf lafa akkasumas nama dabalataa Tigraay irraa fudhachuu danda’a

(c) Xoophiyaan qophii fi ijaaramsa lolaa waan hin qabneef injifatamuun isaa hin hafu

(d) Shaabiyaan ABO wajjin hariiroo hiriyyummaa fi tooftaa waan uumeef

(e) Harki caalaa Oromoo jibbaa fi muffii ADWUI/OPDO irraa waan qabuuf fi kkf ture. Egaa, garraamiin akkasumas gootni Uummata Xoophiyaa wanuma beekamu waan ta’eef lola kana keessatti gahumsaan injifachuun danda’ame.

Erga waraana kana Xoophiyaan injifattee booda shira Mallas itti fufsiisuun ulfaataa ta’e. Kunis ABUT fi ADWUI gidduutti gargar caccabuu fide. Darbees, hariiroon Xoophiyaa fi Eertiraa cittaa’aa ta’e. Gama tokkoon kan injifate Xoophiyaa; gama biraan ammoo kan injifate Eertiraadha. Injifannoo waraanaa Xoophiyaatu gonfate; iniifannoo kaayyoo/akeeka/diplomacy garuu Eertiraatu gonfate. Haaluma kanaan daangaan Eertiraaf murtaa’e; Xoophiyaan beenyaa waraanaa akka argachuu qabdu taasifame.
Namni waa hidhe akka hin hiikamu hin barbaadu yoo ta’e; ammas shira biraa xaxuun dirqama ta’e. Kunis Mallas murtoo Waliigaltee Aljeersi qabee taa’e [Containing Policy]. Kana jechuun murtoon sun akka hojiitti hin hiikamne taasise. Kanaaf, olola biraa Eertiraatti jalqabe. Innis Eertiraan Mootummaa Shororkeessaadha jechuudhaan warra dhiyaa kana itti kakaase.

Akka Mallasitti, Eertiraan hiyyummaadhaan yoo rukkutamte Xoophiyaaf harka laatti kan jedhu herrega irra keessaa ture. Hariiroo Xoophiyaa-Eertiraa kanarraa kan baayyee miidhame mootummaa Wayyaaneeti. Hiyyummaan akka harka nama hin kennisiisne Eertiraan itti agarsiiste. Gama Xoophiyaan ammo garbummaan hundee gadi-fageeffate; cunqursaan cime; shirri Wayyaanee saaxilame; Saboonni hundi ADWUI/ABUT irratti ka’e. Eertiraanis bifa ajaa’iba ta’een Xoophiyaa irratti hojjechuu jalqabde. Saboota cunqurfamoof humnoota falman ofitti fudhachuudhaan madda soda guddaa Xoophiyaaf taate. Wayyaaneen humnoota kana diiguuf Eertiraan ala biyyoota olla fi baha giddu-galeessaa [Yemen] keessatti akka barbaadde ajjeesuu, hidhuu fi dararuu dandeessee ture. Haata’u malee dhiibbaan keessaa waan itti cimeef shirri Wayyaanee harkatti kufe, galata Qeerroo Oromoo.

Qabsoon Qeerroo bulchiinsa Muktaar Kadir dhiitee erga galagalchee booda President Dr Lammaa Magarsaa akka gara aangootti dhufan taasise. Haasaan Dr Lammaa haasaa Hayyu-Dureewwan ABO irraa adda jechuun ni ulfaata. Hojiitti hiikuu keessattis OPDO’n Dulloomtuu fi gareen Shiraa OPDO yoo danqaa itti ta’anis, Dr Lammaan OPDO’f qalbii, ijaa fi haamilee ta’uudhaan akka Dr Abiyyi Muummee Ministeera Xoophiyaa ta’uuf gahee olaanaa taphatan. Akkan yaadutti, dhimmi Xoophiyaa-Eertiraa dhimma DhDUO-ABO ti. DhDUO’n Saba Oromoo fi ABO gantee diina Oromoo fi Oromiyaa wajjin fira taate. ABO’n abdii kutannaa tokko malee danqaawwan hunda caccabsee hanga har’aattillee Oromoo fi Oromiyaaf abdii ta’uusaa mirkaneesse. Keessumaa waggaa sadii as sochii Oromiyaa keessaa gaafa xiinxallu, giddu-galli sochii kanaa ABO’n Abbaa Biyyaati kan jedhudha. Uffanni alaabaa ABO qabu; haasaa fi ilaalcha ABO dhaan gabbatanii argamuu kan filatan Qeerroon Oromoo DhDUO’f mata-dhukkubbii guddaa ta’e. DhDUO waan Oromoo fi Oromiyaa gochaa turte waan beektuuf; ABO’n immoo siyaasa haqaa waan gaggeessuuf qaama Oromoo fi Oromiyaa irratti daba hojjechaa tureef murtoo haqaa kenna kan jedhutu yaaddoo ta’e.

Kanaafi, MM Dr Abiyyi yaada “Araaraa fi Jaalalaa” qabatanii kan as bahan. Dhugaa dubbachuuf Dr Abiyyi filannoo biraa hin qaban. Eenyuun seeratti dhiyeessanii eenyuun dhiisu? Kun bifa ogummaa qabuun furamuu waan qabuuf ilaalcha kana filatan. Araarrii fi Jaalalli Dr Abiyyi kunis Waliigaltee Aljeersi sana hojiitti hiikuuf isa kakaase. Eertiraa wajjin hariiroo gaarii uumuun Dr Abiyyi waan gurguddoo sadiifi. Tokko: ABUT’f hojii-manee kennuu fi dhibbaa irraan gahuufi.

As keessatti shirri Mallas ifa ba’aa jira waan ta’eefi. Lammaffaa, dinagdeen Immiyyee Xoophiyaa kufaa jira. Jibuutiin akka malee Xoophiyaatti kooraa/bashannanaa jirti. Yaa’insi hariiroo siyaas-diinagdee Xoophiyaa-Jibuutii jidduu jiru kan to’ateeru Kontirobaandistoota waan ta’eef Dr Abiyyi waan karaa Jibuutii kana sirreessuun yeroo itti ulfaata. Kanaafuu, Eertiraa dabalatee biyyoota olla Odola qaban wajjin hariiroo uumuun yoo danda’ame Jibuutiin iddootti galuu dandeessi waan ta’eefi. Sadaffaa fi murteessaan dhimma ABO ti.

Waa’ee ABO kana namni baayyeen salphisee ilaaluu danda’a ta’a. Akkan keessa beekuutti, dhimmi ABO mataa-dhukkubbii guddaa akka Dr Lammaa fi Dr Abiyyitti ta’aa jirudha. Kunis sababoota sadiifi. Tokko: ABO’n sadarkaa ilaalchaatti yoomillee hin kufu. Dr Lammaa’n haasaa ABO endorse waan godhaniif jaallataman, kabajaman malee hojii isaaniitiin miti. Kun haqa hundi keenya beeknudha. Lammaffaa, Qeerroon akkuma jirutti ilaalchaa fi ejjennoo ABO ofitti fudhatee qabsaa’aa jira. Dhugaa dubbachuuf yoo ta’es, ABO tu Qeerroo Bilisummaa Oromoo ijaare, hundeesse, hoogganes. Sadaffaa, namoonnii fi gareewwan dur Oromoon garboomfameera jedhanii qabsaa’aa turan ABO gananii gaafa gara biyyaatti deebi’an ka’umsa yaadaa shira ABO keessatti ta’aa ture sana mirkaneesse. Kana jechuun qabsoo ABO qabsoo haqaa fi bilisummaa akka ta’e Sabni Oromoo harki caalu hubachaa dhufe.

Hariiroo Xoophiyaa-Eertiraa irraa Oromoon maal argata; maal dhaba kan jedhu gabaabinaan ibsuun yaala. 

1. Gaanfa Afrikaa keessatti Oromoon Saba guddaa, jabaa fi haqaa akka ta’e mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qaba. Eertiraan Oromoof oolmaa guddaa oolteetti. Akka Oromoon bilisoomuuf mandhee humnoota bilisummaa Oromoo taateetti. Ijoollummaa keenya irraa kaasnee, “Injifannoon Uumata Bal’aaf” kan jedhu dhaga’aa guddanne waan ta’eef.

2. Xoophiyaan carraa-fayyadama Odolaa akka argattu gochuu keessatti Oromoon toora kanaan akka fayyadamu godha. Akkuman asii olitti kaase toora Jibuutii kana warra Kontirobaandistootaatu dhuunfate. Carraa kanaan Oromoon toora Eertiraa kana dhuunfachuu danda’a.

3. Wayyaanee akka malee dadhabsiisa. Shaabiyaan Wayyaanee baayyee jibbiti; ijaa ba’uu barbaaddi. Kunimmoo Mootummaa Wayyaanee kana hunkuteessuu keessatti gahee guddaa qaba.

4. Horteewwan Kuush Eertiraa keessa jiranii wajjin hariiroo obbolummaa akka ijaarruuf haala nuuf mijeessa

5. Mootummaan Dr Abiyyii fi Dr Lammaa akka jabaatu taasisa. Oromoon, Amaarrii fi Shaabiyaan Mootummaa Ceehumsaa ammaa kana kan deeggaran taanaan impaayerri Xoophiyaa ceehumsa nagaa keessa akka darbitu taasisa.

6. Guddina dinagdee Xoophiyaan hariiroo gaarii Eertiraa irraa argamurraa Oromoonis akka Sabaattis, akka dhuunfaattis fayyadamaa ta’a.

7. Ilaalcha Oromoon madda nagaa, hariiroo gaarii fi bulchiinsa dimokiraatawaa akka Gaanfa Afrikaatti dur ture sana mirkaneessuun olola Wayyaaneen taasisaa turte furshi godha.

8. Eertiraa fi Xoophiyaan yoo hariiroo gaarii qabaatan ABO’n milkii gaarii qaba waan ta’eef Oromoon milkii ABO kanarraa fayyadamaa ta’a. Hooggansa ABO’f mandhee ta’uu keessattii fi shira yeroo baayyee Wayyaaneen taasisaa turte kan fashaleesse Shaabiyaa akka ta’e ragaaleen qabatamaa ta’an ni ibsu.

9. Garuu of eeggannoon barbaachisa. Oromoonis ta’e Mootummaan Dr Abiyyi eeggannoo guddaa taasisuu qaba. Siyaasa keessatti shakkuun gaariidha. Kunis jarri obbolaa waan taateef tapha siyaasaa obboloota jidduu jiru keessa guutummaatti galuun hin barbaachisu. Yoo guutummaatti gale, Oromoon akkuma bara Ceehumsaa sana miidhamaa ta’a.

Walumaagala, hariiroo Xoophiyaa-Eertiraa irraa Oromoon ni fayyadama malee waan miidhamu hin qabu. Garuu of eeggannaan amala siyaasaati.

Itti dabalaa; keessaas haqaa, mirga guutuu qabdu!

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *