Yaadannoo waggaa 20 (1998-2018): Waraana Etiyoo-Ertiraa

BY Dhaabasaa Waaqjiraa, Adoolessa 8, 2018

Waraana Ertiriyaa fi Itoophiyaa gabaasuuf wagga 20 dura baatii Caamsaa keessa gara Tigiraay deemeen ture. ETV, Afaan Oromoo keessan ture. Garee yeroo duraatiif, akka oduu waraanaa gabaasaniif ergaman keessan ture. Finfinnee kaanee, karaa Amaaraa, Gondor keessaan Tigiraay, Shiraaroo buufanne.

Akka achi geenyeen waanti na mudate hedduu ture. Dura, “waraanichatti hin amanu,” jedhameen yakkame. Ittaansee, “ABOf gabaasa” jedhameen himatame. Yeroo biraa, “Sagalee ummata bal’aa Ertiraa caqasa; dinqisiifata,” jedhameen qoratame. Gaafa, dhibii immoo, “waraana sodaata,” jedhameen qeeqame. Himannaan kunneen ammatti salphaa fakkaatu. Garuu, yeroo sanatti, isa iyyuu adda waraana akeessatti hedduu hamaa ture; lubbuu illee nama galaafachiisa ture.

Turtii Adda Waraanaa
===============
Namni waraana san arge, waraana waan hin jibbineef hin qabu. Ilmoon namaa akka baala mukaatti gama lachuu irraa harca’aa turan. Ani hojiin koo oduu fi gabaasa Afaan Oromoon dabarsuu ture. Garuu, akka dhuunfaatti yaada mataa koo qabaadhus, waana chitti argame, karaa bilisa ta’een dabarsuuf hireen ture dhiphaa ture. Oduun gabaasamu, kanuma jajooti waraanaa nutti himan qofaa dha. Sana iyyuu godhee, hin amanamun ture. Oduun Afaan Oromoon qopheesse, otuun hin dabarsiiin namicha Tigiree, garee keenya sanhogganaa ture, Haddish Kaasuuf, Afaan Amaaraan hiikee himuun dirqama ture. Yeroo san Adda waraanaa san guyyaa 45f ture.

Dhuma irratti qorannaa cimaa narratti gaggeessan. Kijibaanis ragaa narratti bahan. Yeroo san gaazexeessitoota ragaa narratti bahan keessaa: Mikaa’el Minaasee (ETV, Afaan Tigiree), Asaffaa Ahmad (Gaazexaa Addis Zaman), Ballihuu Tarrafaa (Raadiyoo itoophiyaa), Makonnin Bazaabih (Raadiyoo Faanaa) fa’aa turan. Sababa kootti kan adda waraanaa irraa aryatame, Zaruu Balaay, ETV, Afaan Amaaraa) ture. Inni, “Dhaabasaan dhiphoo dha,” yaada jedhu morme. Kanumaaf, ana waliin aryatame. Yeroo gara Finfinnee deebinu immoo hojii fi mindaa irraa dhorkamne.

Mormii Koo
========
Yeroo san mormiin koo tokko hojii gaazexeessummaa akka hojjannu gaafachuu ture. Jarri akak waraanaatti akak sochoonu barbaadu. Ani immoo “otuu adda hin baafatiin waraana keessa seenuu, hin qabnu,” jedheen morme ture. Namichi Haadish Kaasuu sun akkuma waraanaatti akka dirree seennu barbaada ture. “Nuti leenjii waranaa hin qabnu, kun fiilmii dirrmaa kaasuu miti” jedheen ittiin morme. Kana biraan, “uffannaan keenya kan siviiliiti; akka waraanaatti adeemuu hin dnadeenyu,” kan jedhu ture. Kun immoo naamusa gabaasa waraanaa ti. Ani sababan mormeefin yakkamee aryatame; ijoolleen jaaladhu kan akka Hayiluu (Cameraman), Waasihuun (Gargaraa Camenraman) fi kan biroo, ergan ani deemee booda waraanicha keessatti dhuman.

Adabbii Waggaa tokkoo
==================
Akka Finfinnee geenyeen, hojii irraa dhorkamne; mindaas nu dhoowwatan. Akka tasaa yeroo san Solomee Taaddasaa reeffu biyya alaatii deebite waan ta’eef, murtii san hin fudhanne. Hojii irraa dhaabuu dandeessu, haga badiin itti hin muramnetti, mindaa argachuu qabu jettee nuuf murteessite. Sababa sanaan mindaa keenya argachuu dandeenye. Himannaan “naamusa hojii cabsuu, hojii danquu fi ajajamuu diduu” jedhu “Koree Naamusaa” dhaabbatichaatiin” nutti baname. Akka falmachuu yaallee turre. Garuu, sun gatii hin qabu ture. Adabbii fi murtiin durfamee waan nutti kennameef, waggaa tokkoof sadarkaa Qopheessummaa irraa gara Gargaaraa Qopheessaattin gadbuufame; (yeroo san qopheessan Birrii 980 argata ture; Gargaaraa Qopheessan immoo Birrii 835 argata ture). Kana malees, dhimma siyaasaa akkan hin gabaafnen dhorkame.

Badhaasa dhabuu
===========
Waraanni erga dhumee booda warra adda waraanaa deemanii hojjatan maraaf badhaasti kennamee ture. Badhaasti ssun Birri kuma tokko ture, kana mata mataan kennamee ture. Hiriyyaan koo Zaruu Balaay fi ani garuu badhaafamuu miti, waamichi iyyuu nuuf hin godhamne. Kan nama dhibu, kan guyyaa tokkoof achi gahee deebi’e illee badhaasa san argatee ture. Nuti garuu, adabbii lammaffaa fudhanne. Yeroon gaafa darbe, hunduu seenaa ta’a; kaanis qoosaa ta’ee darba.

Abdii Egeree: Nagaa fi Jaalala
=====================
Har’a barri darbee jira. Waraanni sunis seenaa ta’ee yaadatama. Harmeen ilmoo ishii wareegdes, godaannisaan jiraatti. Gaarii fi hamaan bara san hojjatames, akkuma akka isaatti yaadatamaa jiraata. Dhala namaa hundaaf, waanti akka nagaa hin jiru. Nagaan waa hunda; nagaan jaalala fida. Har’s guyyaan kan birooti. Abdiin ni jira!!

Kaayoo qabna; ni moona!!
Dhaabsaa Waaqjiraa, Adoolessa 8 bara 2018.

Barruun afaan Amaaraa kun barrugabaa adda waraanaa irraa waa’ela koo fi ana irartti barraa’e: Dhabasaa 1 001

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *