Baandiraa Habashaa fi Toophiyaa, Alaabaa Oromoo fi Garbummaa Oromoo

 | Tufaa Nadhabaasaa irraa

Habashaan alaabaa yoom irraa kaasee dhaabbachuu (j)calqabe? Toophiyaan yoom ijaaramte?

Gabaabumatti:- Habashoonni alaabaa isaaniitiin “Baandiraa” jedhanii waamu. Darbanii darbanii “Sedeq Alamas(?)” ni jedhu. Maqaan baandiraa jedhu kun Afaan Laatiiniiti. Attamitti Habashaan afaan halagaa kana kan ofii godhatee dhimma itti bahuu calqabe?

Hammas gabaabumatti:- Bar-dhibbee 16ffaa keessa innaa Portugaalonni nama “Grany Ahmed” jedhumu loluuf gargaarsa Habashaaf jedhanii gara Gondar dhufan sana, maqaan kun isaan wajjin dhufee Habashaa biratti baramee jedhama. Achumaan masaraa Gondar sanas ijaaranii deeman.Habashoonni garuu masaraa kana “nutu ijaaree” jedhu. Kan ofii hin qabne, kan gooftaa isaatii dhaadata jedhu mitii.

Haalluu Baandiraa Habashaa: Magarisuu (Arenguwadee),Keelloo(Bicaa) fi Diimaa(Qayyi) dha. Haalluwwan kun, seenaa bataskaana isaanii wajjin hedduu waliitti hidhamee jira. Suuraan, huccuu fi akkasumas daatuun bataskaana Habashaa marti, haalluwwan kanaan caalaatti kuulamanii hojjetamu.Taabonni Habashaa innaa bahuu fi galu, huccuun haalluu baandiraa kanaan kuulame, Taabota isaanii sana irra qabamee ykn uffifamee laga bu’a, lagaa debi’ee gala. Innaa balbala bataskaanaa ol-seenee galu, hoolaan itti qalama. Qeessiin Taabota sana baatu, dhiiga hoolaa kana irraa tarkaanfatee gala. Kana waanan ijaan argeen himaa jira.

Seenaan Nugusoota Habashaas seenaa bataskaana isaanii wajjin addaan waan hin baaneef, nugusoonni isaaniis baandiraadhuma kana irratti asxaa garaa garaa uumanii dhimma itti bahaa turan. Har’a dha illee kanumaan jiru.

Bara Axee Minilik fi Isa Dura

Yeroo duraaf, bara 1897-tti huccuun bifa sadiin kuulame, “Ye Itiyophiya Bandira” jedhamee waamamuu calqabe. Isa dura, akka kanaan gadi jiru kanattii hojjetamee, gararraan isaa diimaa ta’ee, mana bataskaanaa fi nugosoota biratti bekamuu irraa kan hafe, akka alaabaa biyyaa bilisa qabdu tookotti dhaabatee hojirra olee hin beeku.

Haalluun alaabaan kanaa seenaa nugusootaa Habashaa ,warra dhalootaan Nugusa Solomon wajjin hidhannaa qabna jedhanii fi bataskaana isaanii biratii beekama.

Eegga “Ye Adwaa Xoorinneetti” jedhamu irratti, niitiin Axee Minilikiin, Etegee Taayituu Buxul kan jedhamtu, dhirsa ishii dirqisiiftee Xaaliyaanota irratti duulchiftee mootee galtee booda, akkaataan taa’umsa halluu baandiraa Habashaa jijjiirame. Haalluun diimaa jalatti gadi bu’ee, magariisuun gararraatti ol-bahee, keelloon walakkumatti hafe.

Asxaa Baandiraa Habashaa

Bara 1897-tti, baandiraan kun attamitti haa taa’uu fi asxaan(emblem) isaa maal haa ta’uu irratti Habashoonni egga walii galanii booda, asxaan isaa fuduraan “St. George = Qiddus Giyorgis” ta’ee, duubaan ammoo Leenca Mootii Yuhudaa akka ta’u irratti walii galanii akka kana gad jirutti kaawwatan.

Maalif asxaa kana filatan? Gaafa ayyaanni Goorgisii sanaa kabajamu “humna Qiddus Goorgisiitiin moonee injifannoo argatane” jedhanii waan amananiif filatan. Kana jechuun, “Amajaajota keenya moone” kan jedhu mirkaneessa jedhuu isaaniiti. (“Qidus Goorgis” kan jedhamu, dhalootaan nama Giriikii yoo ta’u, lotuu Girikii keessatti ajajaa shantamaa ture).

Asxaan kun kan muldhisu, innaa “Qiddusiin” sun, farda yaabbatee amajaajota (diinota) isaa lafatti asii gadi waraanee ajjeesu mirkaneessa. Barri kun, bara Habashoonni Xaaliyaanii mohan duwwaa otoo hin taane, bara isaan ummatoota kibbaa, Oromoo dabalatee, 90% waraanan mohanii itti dhuunfatan ture.

Baandiraa Axee Minilik, Lola Adowaa boda, isa fuula duraan asxaa Giyorgisii qabu. Duubaan leenca Yuhudaa qabu

Amantii, jaalalaa fi marartoo “Qiddusii” Goorgisii kanaaf qaban ifatti baasuuf jecha, mana sagada Ortodoksii (Orthodox Church), Finfinnee walakkaatti, iddoo Maarama Birbirsaa jedhamutti maqaa “Qiddus” kanaan ijaaranii jiru. Itti aansaniis, siidaa Axee Minilki, innaa inni fardaa Oromoo yaabbatee Oromoo irra gulufaa jiru kan mudhisus achumatti dhaabbatan.

Bara Nugusa Hayilesillaasee

Yeroo duraaf, bifti baandiraa Habashaa fi akkaataan inni itti taa’uu qabu seeraan (constitutionally) mutaayee gaazexaa irratti labsamee akka bahu kan godhe Hayile Sillaasee ture. Seera Haaromsa isaa (Revised Constitution of 1955), isa bara 1955 sana keessatti seeraan ifa ta’ee jira. Innis “Nagaariti Gaaxzexaa” waggaa 15ffa (15th year), Lakk.2, (No 2), boqqonnaa (article) 124, Sadaasa (November) 4, 1955 maxxanfamee bahe keessatti argama.

Akka gaazexaa kana irrati baheetti, gararraan isaa Arenguwade, walakkaan Bicaa, gajjallaan Qeyyi, ta’ee, tarree galee akka taa’u godhame. Isa dura maqaan haa beekamu malee, seeran tumamee, gaazexaa irratti labsamee jiraachuu isaa hin agarre.

Baandiraan kun, sirna Nugusa Haayilesillaasee keessatti caalaatti yoo beekamu, har’a ammoo mallattoo warra “Rasteferian” ofiin jedhanii Hayilesillaaseetti amananiin uffatamaa jira.

Mootonni Habashaa, hidda sanyii dhaloota isaanii, mootii Yuhudaa kan ture, Nugusa Solomoon kan jedhamutti of hidhu. Asxaan mootummaa Solomoon (emblem) leenca turee jedhama. Isaanis “ qaccee Solomoon” waan ofiin jedhaniif leencaa filatan.

Haaylesillaaseen asxaa isa duraan, kan bara Minilik karaa duubaa “Goorgisii” qabaachaa ture sana irraa kaasee “Leenca”gara fuula duraatti dabarse. Leenci kun “Zewud” kan jedhamu, kan mallattoon kiristaanaa, “Masqal” irratti tolfame, mataa irra kaawwatee, (to re-certify the slogan, “ Ethiopia being an island of Christian state in the ocean of the pagans”) bandiraan ammoo eebootti diramee, gateettiitti baatee innaa gara bahaatti deemaa jiru muldhisa. Asxaan baandiraa kanaa hamma Fulbaana (September) 1974-tti Haylesillaasee wajjin taayitaa irra ture.

Mo’a Anbessa ze Neged Yuhuda
The Conquering Lion of the Tribe of Judah,Haile Sillasie I, Elect of God
“Leenca Qaccee Yuuda, Hayilesillaasee Duraa (I), Muudamaa Waaqaa”

Bara Dargii

Dargiin, kan Koloneela Mangistuu Haayilemaariyaamiin hoogganamaa ture, otoo bifa haalluu baandiraa kanaa hin jijjiiriin, asxaa isaa duwwaa irraa kaase. “Zewud” isa jedhan mataa leencichaa irraa folloqse. Masqalii isa jedhamu ammoo gara qara eebootti jijjiire. Maqaa leencichaa, isa “ye Yuhudaa Anbessa” jedhamu “ Ye Itiyophiyaa Anbessa” jedheen .

Baandiraa dargii, akka Haayilesillaaseen ar’ameen boodaa kan yeroof taaytaa irra ture.

Bara 1985 innaa Dargiin of jijjirree “Hizbawii Democrasiawi Repuublik Ityopiyaa” (Peoples Democratic Republic of Ethiopia) ofiin jedhe sanas, haalluun baandirichaa hin jijjiirramne. Ol’aantummaa Habashaa qabateetuma taa’e. Maqaa asxaa, “Mo’a Anbessa Ze Negede Yuhuda” jedhu duwwaatu gara „ye Itiyophiyaa Anbesa“ jedhamutti jijjiire.

Asxaa Dargiin baandiricha irra kaayee keessaa, guddisee kan muldhatu, siidaa Aksumii fi urjii guddaa tokko duwwaadha. Isaan kaan, maal akka ta’anii fi maal akka addeessan baruun nama dhiba.

Baandiraa Dargii bara 1985 booda hamma Wayyaaneen jijjiirtutti kan ture.

Bara Wayyaanee TPLF

Bifti haalluu baandiraa Habashaa bara Wayyaanee TPLFs hin jijjiiramne. Haalluu fi taa’umsi isaa akkuma turetti taa’ee, jijjiirraa asxaa duwwaa irratti godhame. Seenaa Ol-aantummaa Habashaa fi mallattoo gooftummaa isaa har’a illee finniinsaa jira. Seera Wayyaanee keessattis, akka kanaa gadiitti tumamee jira.

Article 3: The Ethiopian Flag

(1) The Ethiopian flag shall consist of green at the top, yellow in the middle and red at the bottom, and shall have a national emblem at the center. The three colors shall be set horizontally in equal dimension.

(2) The national emblem on the flag shall reflect the hope of the
Nations, Nationalities, Peoples as well as religious communities
of Ethiopia to live together in equality and unity.

(3) Members of the Federation may have their respective flags and emblems and shall determine the details thereof through their respective legislatures.

Akkaataan taa’umsa haalluwwaniis iddoo dur turan irraa hin siqne.Akkuma mootota duraanii, Waayyanee TPLFs asxaa isaa duwwaa jijjiire. Seerri Tumaa Wayyaanee (Constitution) inni bara 1995 s kanuma mirkaneessee kaayee jira.

Baandiraa Wayyaanee Toophiyaa isa bara 1995 seeraan tumamee labsame.

Wayyaaneen iddoo asxaa Dargii, urjii qara shan qabuu fi jidduu qara urjii kanaa ammoo qara biiftuu shan itti naqxee jirti. Wayyaaneen, ol-antummaa Habashaa, seenaa haalluu baandiraa kanaan irra deebitee mirkaneessiteetti. Asxaan kun, idoolojii Wayyaaneen ittiin deemaa jirtu wajjin waan deemu hin fakkaatu. Maaliif booda keessa akka filattee, “carqi newu” kan jechaa turte sana irra deebitee “qiddus new” jettee aasxaa kanas irratti dhodhoobdeef hin beeku .

Ayyaana Guyyaa Baandiraa Waayaanee

Wayyaaneen Waxabajii (June 5?), guyyaa baandiraan Toophiyaa itti kabajamu jechuun, bara 2008 irraa calqabdee akka itti “sagadamu” seera baastee jirti. Guyyaa kanas, keessuma mana barnootaatti ijoollee baachiftee akka faarsan dirqisiisaa jirti.

Guyyaan, “Ye Baandiraa Qan” jedhmee kabajamuu calqabe kun, mootota Habashaa duraan turan biratti hin beekamu. Isaaniif baandiraan galgalaa fi ganama waan farfamuuf, seera kophaatti baasuun isaaniin hin barbaachifne ture. Wayyaaneen garuu, seera tumte bira tartee, Mallasaan eegga du’e asis, footoo isaa wajjin iddoo hundaa dhaabuudhaan biyyi akka itti hirreenfatu goosisaa jirti. Gochi kun marti, baandiraa sana kan jibbisiisu yoo ta’e malee, kan leellisiisu ta’ee argamaa hin jiru.

Baandiraan Arenguwaadee, Bicha, Bayi ta’ee jiru kun, alaabaa killilootaa biraa (Tiraay irraa kan hafe kaan garbootaa,) caalee akka balali’u godhamee jira. Maaliif inni warraa biraa caalee akka balali’u godhame? Deebiin isaa garbummaa fi gooftummaa keessa waan jiruuf, achuma kesatti beedii argata jenna.

Wayyaanee booda kan dhufu ammoo, asxaa attamii qabatee akka dhufu tilmaamuun ni danda’ama? Kan Minilik? kan Haayilesillaasee? Kan Dargii? Moo,kan kan biraa ta’a?

Garbummaa Oromoo fi Baandiraa Toophiyaa

Nafxanyoonni, eegga humna qawween Biyya Oromoo garboomfatanii booda, Toophiyaa, Toophiyawwii ofiin jedhanii, maqaa Habashaa jedhamu irraa gara “Itiyoophiya” jedhamutti of jijjiiran. Uummanni Oromoos maqaa garboomfame kanaan kiristinnaa ka’ee „Itiyophiya Itiyophiyawwi“ jedhee akka of waamamu dirqisiifame.

Eegga Biyya Oromoo gutummatti garboomfatanii booda, “Ye Itiyophiyaa Baandira”, kan jedhamu akkuma kanaa olittii kaawuu yaaletti, seera isaanii keessattii tumatanii uummata Oromoo irratti fe’an. Otoo “baandiraan ol-bahaa ykn gadi-bu’aa jiruu maaliif deemta? Maaliif hin dhaabanne?” farda irraa maaliif hin buune? jedhamee Oromoo meeqatu foolisiin magalaa keessatti qabamee adabame? Ijoollee meeqatu mana barumsaatti dhaaname? reebamne?

Garbummaan eegga uummata Oromoo irra dhihaa-bahatti, kibbaa-kaabatti guutummatti diriiree booda, uummata Oroomoo biratti, baandiiran kun hiikaa attamii/maaliii argate? Hiikaa bilisummaa? kan birmadummaa? kan misoomaa? kan tokkummaa? kan abbaa biyyummaa? Moo kan garbummaa, hiyyummaa, doofummaa, gadadummaa, hamlee cabsaa fi cabsummaa ti? Oromoon, Oromummaa fi Toophiyummaa addaan baasee baratee jiru, kana deebisuuf waan itti rakkatuuf hin jiru. Kan itti rakkachaa jiru, kan handhuurii isaa “imiyyee Itiyoophiyaa” irraa cituu didee itti rarra’aa jiru duwwwaa dha.

Alaabaa Ummata Gadaa Oromoo 

Uummnanni Oromoo yoom irraa kaasee, haalluu alaabaa kanaatti fayyadamaa akka ture, hamma yoonaatti waan qulqulleeffannee of harkaa qabnu hin jiru. Kunis, gaaffii Gadaan Oromoo yoom irraa kaasee sirna bulchiisa diimookraasii uummata kanaa ta’ee hojiirraa ooluu calqabe? kan jedhu wajjin akka walbira qabnee qorachuu qabnu nu afeeraa jira.
Haalluun alaabaa kanaa, falaasama, aadaa, amantii, seenaa, qabeenyaa fi ilaacha uummanni Oromoo uummaa fi uumama wajjiin qabaacha turee fi har’a illee irra jiru nuu mirkaneessa. Kan ummanni Oromoo bareedina isaatiif jedhee filate otoo hin ta’iin, kan jiruu fi jireenya ummata Oromoo keessatti ilaalcha waloon qaban waloon finiinsu ta’uu isaa nuu mirkaneessa.
Si’a kana keessa, seenaan uummata Oromoo inni dhugaan kuufamee jiru, ilmaan Oromootiin barreeffamanii gadi hahaa jira.Calqaba bar-dhibbee kudha-jahaffaa keessa(1522), innaa biyyi Oromoo karaa kaabaa Portugaalonnii fi Habashoonni, karaa bahaa ammoo Turkoonni Biyya Oromoo irratti duula hamaa deemsisaa turan sana, mootummaan jiddu-galeessa Oromoo Madda Waalaabuu jira ture. Bara kana, motummaan kan Gadaa Birmajii.
Abbaan Gadaa Birmajii bara sanaa Walaabuu Jiloo jedhama. Gootota maqaani isaanii Abaayyii Baabboo (Abbaa Duulaa) fi Jirmoo Horaa (Abbaa duulaa) jedhaman alaabaa kana qabachiisee akka diina biyya isaa qabachaa jiru kana irratti bobbaase, hayyuun Aadam Tiinnaa Jaarraa fi hayyuun Muusaa Haajii Aadam Saaddoo jedhaman, barroo “Seenaa Oromoo fi Madda Walaabuu” (Mudde/December 2011) jedhanii maxxansiisan keessatti ifa godhanii jiru. Heduu galatoomaa jennaan.
Akkaataan taa’umsa haalluu kanaa, akka ilaacha bara sanaatti innaa ibsan: gararraan, Gurraacha; jidduun; Adii, gaggallaan; Diimaa ture. Maaliif akkasitti akka taa’es, barreessitoonni kun wabii manguddoota oolanii bulan irraa argataniin gargaaramaa, barroo isaanii keessatti seenaa abbaa biyyuummaa uummata Oromoo fi seenaa gootota Oromoo dhaloota hammaaf ifa godhaniiru.
Waraanni Abbaa Duulaa Abbayyii Baabboon hoogganamu, maqaa “Booroo” jedhamu jalatti gumaaye. Kan Jirmoo Horaan hoogganamu ammoo maqaa “Barii” jedhamu jalati gurmaaye. Duulli waaraana kanaa eebba jarsoolii, yuubotaa fi dubartootaani geggeeffame. Dubartoonni siqqee (sinqee) fi bulbulaa dammaa, kan buqqee elellaanii fi calleen jifaaraman keessatti naqamee jiruu qabatanii eebba qenan. Eebba dubartoota kanaa keessaa, akka Obboo Aadamii fi Obboo Muusaan barressanitti, mee isaan kana akka fakkeenyaatti haa fudhanu:
  • Bulbula diimaa sitti dhibaase. Ija diimtuu sibaase —
  • Wantteen teessan diinatti hangaasuu gannaa haa taatuu
  • Kotteen fardoota keessannii bakaakkaa roobaaa itti haa taatu 
  • Bishaann lagaa aannan isinii haa ta’u. 
  • Midhaan mukaa baksaa isinii haa ta’u. 
  • Diinni keessan raafuu bonaa haa ta’u. 
  • Jiruun keessan cidha haa ta’u.
  • Kan diinaa awwaala haa ta’u, kkkf jechuudhaan miila hooggantoota waraana kanaa irratti dhibaafatan.
Sana booda, hooggantoonni waranaa, Abbayyii Baabboo fi Jirmoo Horaa, alaabaa kana, abbaa Gadaa Walaabuu Jiloo irraa fudhatanii ka’an. Waraanni Booroo, kan Abbayyii Baabboon hooganamu, dura ka’ee Lagaa Gannaalee cehe. Lixaa fi kaaba-lixaa (western and north western) qabatee diina irratti bobba’e. Itti aansee waraanni Barii, kan Jirmoo Horaan hooganamu, Lagaa Waabee cehee bahaa fi kaaba-bahaa (east and northeastern) qabatee bobba’e. Lamaanuu diina mancaasaa, Biyya Abbaa Gadaa Oromoo, kan Portugaalli, Habashaa fi Turkiin qabachaa jiran, bilisa baasaa, Laga Mormor (Laga Abbayyyaa) irratti walittin dhufan. Alaabaa Oromoo deebisanii achirra dhaaban.Kakuu seenan otoo hin dabsiin fiixaan baasanii, yeroo duraaf naannoo sanatti nagaan akka bu’u godhan.
Ummanni Oromoo, durii kaasee sirna Gadaatiin of ijaaree birmaduummaan jiraachaa ture. Alaabaan haalluuwwan gurraachadiimaa fi adiin jifaaramee jiru kun, seenaa eenyuummaa fi maalummaa mootummaa Gadaa Oromoo mallatteessa. Ummata Oromoo bira iyyuu taree, hundeen isaa kan uummatoonni Kuush marti wal-faana qabaachaa turan ta’uu ni mala.
Otoo kun ta’ee jiru, ilmaan Habashaa fi jaleewwan isaanii, “kan dur hin ture, kan har’a Toophiyaa ittiin balleesuuf uumame“ jechuu isaanii itti fufanii jiru. Kun akkuma jirutti ta’ee, “Oromoo yemibaal hizb yellem“ jedhanii jiru miti? Biyyi “Oromiyaa” jedhamus hin jiru jedhanii irra deddeebi’anii nutti himaa jiru. Malli karaa kana tilmaamame deemsisuu dinnaan, hamma ammoo “Oromoo fi Amaarii Obbolaa dha, Goojjam keessati dhalatan” jechaa mala doofaa fi gowwaan illee fudhachuu hin dandenye baafatanii dibbee rukucchaa jiru.

Baandiraan Toophiyaa Mallatto Garbummaati

Baandiraan Habashaa uummata Oromoo wajjin qunnamtii attamii qaqba? jedhamnee yoo gaafatamne, deebiin keenya maal ta’uu danda’a? Deebiin keenya uummata Oromoof, mallattoo gabrummaa fi garbichaa ti (symbol of slavery and colonisation) yoo ta’u,uummata Habashaaf (Toophiyaanotaaf) ammoo mallatttoo Garboomfataa fi ager Maqinaat (colonisation) jechuu iraaa kan hafe deebii biraa qabaachuu hin dandeenyu. Itti dabalee, mallattoo seenaa nugusoota Habashaa, kan Taabota afurtamii afurii fi kan diktaatorooti jechuu ni dandeenya.
Baandiraan Habaasha, Biyya Abbaa Gadaa Oromoo eegga qinnyii ager godhate irraa kaasee, bullukkoo fi wandaboo uummata Oromoo irraa saamee, dabaloo fi bututtuu isaa itti uffisee taa’aa jira.Bar-dhibbee dhuma 19ffaa irraa kaasee, uummaanni Oromoo dabaloo fi bututtuu Habashaa kana uffatee deegaan jiraachaa jira.
Hamma Axee Minilik dhufee, humna qawween Toophiyaa har’aa kana Oromoo irratti ijaaretti, Biyyi Toophiyaa jedhamtee waamamtu hin turre. Haa ta’u malee, uummanni „Habashaa“ jedhamuu fi biyyi isaanii „Abyssinia” jedhamtu akka turte seenaan ni beeka. Isaan garuu seenaa kana otuma beekanii wallaalaa seenaa ofii ta’aa jiru. Otoo gara mana kuusaa barroo (libraries) London, Romaa ykn Paaris dhaqanii, waa dubbisanii barachu danda’u ture.
Uumama Toophiyaa ilaalchisees, maqaan Toophiyaa jedhamuu, Afaan Griikii ta’uu isaa fi ummatoota bifa guraacha qaban, warra Afrikaa keessatti argamaniif kan kenname ta’uu isaa ni haalu. Isaan “Bayibila” wajjin uumamee nuu kennamee jedhani itti sagadu. Dhugaan jiru garuu, otoo Biyya ajajaa Haamsaa Alaqaa Giyorgis itti dhjalate, boodaa kan Qiddus Giyorgis jedhame (kan isaan itti sagadan) dhaqanii gaafatanii, dhugaa jiru barachuu danda‘u ture. Rakkoon jiru ammoo, Habashoonni namoota dhugaa barbaadan otoo hin ta’iin, faallaa dhugaa dhaabachuu fi seenaa dabsuuf warra uumaman waan ta’aniif, iddoo dhugaan jiru hin dhaabatan, dhaqaniis hin dubbatan, hin gafatan.
Seenaan haalluu Baandira Habashaa, seenaa Qidus Mika’el, Qidus Gabr’iel, Qidus Giyorgis, Soostuu Sillaasee, zewud, zufan, nuguse-nägest kkf ta’ee otoo jiruu, “mallattoo birmadummaa uummata Toophiyaa, isa waggaa 3000 qabu jedhanii qaani tokko malee barreessanii odeeffatu. Uummanni Oromoo fi kan Oromoo wajjin garboome hundi, akka isaan wajjin uumametti hololaa jiru. Otoo kan Oromoo ta’eera ta’e, uummanni Oromoo baandiraadhuma Habashaa kana qabatee waan mirga isaatiif hin falmineef hin jiru ture. Mirga Oromoo kan sarbe waan ta’eef, uummata Oromoo biratti laguu ta’ee jira.

Alaabaa Bilisummaa Oromoo

Baandiraan Habashaa, inni haalluun isa magariisuu-keelloo fi diimaa ta’e kun waan alaabaa garboomfataa ta’ef, qabsaawonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) innaa prograama duraa sana (1974-76) baasan, uummata Oromoo garbummaa Habashaa jalaa baasuuf alaabaa kana qabatanii bahan.
Alaabaa Bilisummaa Oromoo, kan ABOn qabsoon hidhannoo ittiin calqabame

Alaabaan kunis, mallattoo bilisummaa, kan uummata Oromoo garbummaa baandiraa Habashaa jalaa baasee, birmadummaa uummataa deebisee gonfachiisuuf xiyyeeffatee kan ka’e ta’uu isaa mirkaneessa. Har’a ilmaan Habashaa fi jaleewwan isaanii ija attamiin alaabaa kana ialaalaa jiru? Habashaan waan uummata Oromoof ta’u maraa “ hin ta’u” jechuu malee, ni ta’a jedhanii hin beekan. Jechuus hin danda’an. Alaabaa Oromoo beekuu dhiisuu isaanii dura iyyuu, “uummanni Oromoo” jedhamu hin jiru jedhanii jiru. Har’a illee taanaan Itiyophiyawwinnet yoo ta’e malee Oromummaan uummata Oromoof akka hin taane jaleewaan isaanii barsiisaa jiru.

Namni, Oromoon akka sabaattii jiraachuu isaa haale, attamitti seenaa saba kanaa, alaabaa saba kanaa, araddaa saba kanaa baruuf fedhii qabaachuu danda’a? “ Sabni Oromoo jedhamu hin jiru”, eegga jedhani booda, biyyi “Oromiyaa” jedhamu hin jiru jechuuf waan saalfataniif hin qaban. Biyya sana egga hin beeknee, daangaa biyya sanaa baruuf waan dhama’aniifis hin qaban. Seenaan uummata Oromoo har’a injifannoo gad-hahaa jira. Seenaan warra dhugaa qabuu isaaniin awwaalaa akka jiru hubatanii, otoo of qajeelchuu danda’anii garidhaa jennaan.

Nagaan fi Bilisummaa Wajjin,

Tufaa Nadhabaasaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *