Wal’aansa Mataa

Fayyaa Mataa

Mataan keenya fayyaa ta’uun karaa hedduu gaarii dha. Yeroo hedduu garuu, dhimmi mataa yoo dagatamu mul’ata. Hawaasa keenya keessattis, dhimmi kun akka gaariitti hubatamaa hin jiru..

Haata’uutii, waa’een fayyaa mataa waa hundaaf murteessaa dha. Namni mataan isaa fayyaa hin qabne, fayyaa guutuu hin qabaatu. Mataan keenya waan hojjannu mara qajeelcha. Kana waan ta’eef, yoo yeroo kamiyyuu mataa keenyaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa dha.

Ribuu Magariisa: Mallattoo Hubannoo Fayyaa Mataa ti.

Addunyaa irratti dhimmi Fayyaa Mataa akkaan hubannoo argachaa jira. Keessayyuu, dhimmi Dhibee Mataa waan hedduun waan walqabatuuf yeroon wal’aansa argachuun barbaachisaa dha. Kun bakka hedduutti himamaa fi beeksifamaa jira. Addunyaa irratti mallattoon hubannoo dhibee mataa ittiin dhaadgessan “Ribuu Magariisa”.

Ribuun Magariisaa Maal?

Ribuun Magariisaa dhimma fayyaa mataa hawaasa ittiin bariisuuf uumame. Bara durriitti mallattoon “Magariisaa” kun biyyoota garii keessatti akka mallattoo maraatummaatti fudhatama ture. Bara ammaa garuu mallattoon kun waa’ee fayyaa mataa ibsuuf oolaa jira. Mallattoon kunis bakka halletti kan ibsaa jiru, barbaachisummaa xiyyeeffannoo waa’ee fayyaa mataa ti. Kanuma waliin, namoota dhibee fayyaa mataa tajaajiluu fi ofitti qabuun akka barbaachisu barsiisa. Nama mataan dhukkubu, ofirraa fageessuun yookaan hawaasa keessaa baasuun dhibee san darna itti hammeessa. Gochaan akkasii immoo safuu namummaa miti.

Hawaasa akka Oromoo rakkoolee hedduu walxaxaa keessa jiraniif dhimmi Fayyaa Mataa kun immoo daran jabaa dha. Ummanni keenya rakkoo gabrummaa, waraana, hidhaa, shorokaa, hiyyummaa fi gadaddoo keessatti argama. Rakkooleen kunneen fayyaa waliigalaa irratti dhiibbaa guddaa qabaatu; mataan keenyas akak fayyaa hina rganne godhu. Kanaaf, dhimma Fayyaa Mataa irratti beekumsa, hubannoo fi muuxannoo jiru waliif qooduun hedduu barbaachisaa ta’a. Dhimmi Fayyaa Mataa kan callisamee bira darbamuu miti. Yeroo kamiyyuu kan iddoon gudda akennnamuufii qabuu dha.

Mataa keenay fayyaa gochuuf, hojiin nu eeggatu hedduu dha. Kan duraa garuu, mataan keenya akka wal’aansa barbaadu hubannoo qabaachuu dha. Yeroo kamiyyuu waanti wal’aansa hina rganne, dhibamaa adeema. Dhibeen gaafa hube immoo fayyisuun rakkisaa dha. Kanaaf, waa hunda dura, Mataa keenya wal’aanuu aadeffachuun barbaachisaa dha.

Wal’aansa Mataa

Dura akak beeknutti nama cabe yookaan miidhame qofaa wal’aanu. Garuu, kan hin cabnes, kan hin dhibamnes wal’aanuun, akka dhibeef hin saaxilamne godha.

Mataa keenyas akka addaddaatti wal’aanuu dandeenya. Inni duraa mataan keenya akka wal’aansa barbaadu hubachuu dha.Qabxiileena rmaan gadii kun mala ittiin mataa keenya wal’aanuu dandeenyuu dha.

  1. Hirriba gaarii argachuu
  2. Nyaata gaarii nyaachuu
  3. Sochii qaamaa gochuu
  4. Waan nu gammachiisu hojjachuu fi gochuu
  5. Namoota nagaa fi gaarumama nuuf kennan waliin hariiroo qabaachuu
  6. Ogeessa fayyaa keenya bira deemnee waa’ee fayyaa mataa keenyaa ilaalamuu
  7. Waan nu yaaddeessu nama nu gargagarutti dhihaannee waliin maryachuun hedduu nu gargaara.

Mataa keenya wal’aanuun wana guyyaa tokko jalqabamee dhiifamuu miti; yeroo mara aadeffatamuu qaba. Yeroo dhibamne qofaa wal’aansa fayyaa deemuu hin qabnu; yeroo fayyaa qabnus, mataa keenya kunuunsuuf dhibaahuu hin qabnu. Waa’ee fayyaa mataa irratti hubannoo qabnu guddifachuun barbaachisaa dha; akkuma jiruu fi jireenya keenya biroof tattaffannu fayyaa mataa keenyaafis xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa dha.

Fayyaan Mataa Murteessaa dh!!

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *