Waltahiinsa: Tokko ala dhaabanii, tokko mana kaayanii guddachuun hin ta’u.

“Hojiin fakkeessaa surraa sobaa deebisee ijaaruu dhaabbachuu qaba”

By Dhaabasaa Waaqjiraatiin

Waliigalteen mootummaa Itoophiyaa fi jaarmiyoota siyaasaa mootummaan lolan gidduutti ta’e, ajandaa guddaa bara kanaa ti. Kun rakkoolee biyyatti barootaaf tuulamaa turaniif hiikkoo guddaa fakkatee jira. Sababa kanaan abdiin ummataa hedduu dabale. Haatu’uutii, raawwiin isaa akka abdatame fakkaachaa hin jiru.

Maaltu adeemaa jira?

Yeroo ammaa waltahiinsa irra gahame san milkeessuuf qaamota hundaan waanti hojjatamu abdachiisaa hin fakkaatu.

Namuu akka hubataa jirutti, gama mootummaan kan hojjatamaa jiru amala kanaan duraatiin adda miti. Jijjiirama amma mul’ataa jiru qaamni tokko qofaa kan fidee miti. Hirmaannaan qaamota addaddaa walhaa caalu iyyuu malee, malalttoo jijjiiramichaa fiduu keessatti qaamoti marti keessaa qabu. Kanaaf, abdii jijjiiramaa dhufaa jiru dhugoomsuu keessattis qaamota kana hirmaachisuun barbaachisaa dha; murteessaadhas.

Akka amma yoonaatti hubatamaa jirutti garuu gama mootummaatiin waanti godhamaa jiru, mootummicha aangoo irra tursiisuuf suphaa godhamaa jiruu dha. Paartiin aanoo ummataa qabatee jirus, akka waan eebbaan kennameefitti, ofumaa irratti murteesusuutti jira; hiree argame maraan  of-aangomsuutti jira.

Mootummaa qofaa isaanii qabatanii itti fufsiisuuf yaaluun kun garuu qajeelaa miti. Isaan, fakkeenyaaf, akka mootummaatti qabeenya mootummaa fi ummataan of haaromsaa jiru. Gaaffii ummataa kaasaa kan turan jaarmiyooti siyaasaa biyyatti deebi’an malee gahummaan hojjataa hin jiran. Hedduun isanii Finfinnee keessa jiran malee, akak hojiif tolutti deegagrsi godhameefii hin qubanne; akka qubatanii hojii qabatamaa hojjataniifis haalli mijjateefii hin jiru. Kan biraa hafee, waajjira keessa taa’anii hojjatan illee akka argataniif deeggarsi godhameef  hin jiru.

Gama kaaniin hundee qabsicha akan ta’e, Gaaffiin ummataa deebii gahaa hin arganne. Rakkoon ummataa, keessayyuu kan  hoji-dhabdummaa xiyyeeffannoo argatee irratti hojjatamaa hin jiru. Saamichi lafaa kan durii caala bifa dhoksaa fi iccitaa’an itti fufee jira. Kun hundi yeroo ta’aa jirutti, immoo kan aangootti walbaasus kan torbee booda walbuusus isaanuma ta’ee jira.

Haaromsi godhame kan afaanii fi miidiyaa ti. Haala adeemaa jiru kan hubatamu, haaromsa jedhamee kan himamaa jiru, kan tooftaa fakkaata. Haaromsa tooftaa yoo ta’malee, rakkoo jiru hundeetti hiikuuf hin jiru.  Kanuam waliin, yakkamtooti hedduun mootummicha keessa turan amma illee seeratti hin dhihaanne; araarri hiikkaa qabus godhamaa hin jiru.

Haalli adeemsa ammaa kun waanti mul’isu, gaaffiin ummataa hundeetti hiikamaa akka hin jirree dha; kan godhamaa jiru, hojii fakkeessaa surraa sobaa deebisee ijaaruu dha.

Maaltu godhamuu qaba?

Hojiin amma hojjatamuu qabu, hojii deebisanii ijaaruu fi haaromsuu ti. Hojiin kun kan warra aangoo irra ture qofaa miti. Hojiin kun kan qaamota hundaa ti. Kanaaf, ammaan ammatti kan godhamuu qabu, akkuma walgaltee duraatti, waltahiinsa haaraa tolchuu gaafata. Waltahiinsi kunis kan tokko ala dhaabuu, tokko mana kaayu akka hin taane mirkaneessuun barbaachisaa dha. Kan milkeessuuf immoo waan hoijjatamuu qaban irratti walitti dhufanii waltahuun dirqama ta’a. Kanaaf,

  1. ODPn Jaarmiyoota akka ABO/ KFO fa’aa qabatamaan hojii deebisanii haaromsuu fi ijaaruu keessatti hirmaachisuu qaban; hojii fuulduratti hojajtamu waliin akeekanii raawwii isaas waliin hordofuu eegaluu qabu.
  2. Rakkoolee dursa hiikamuu qaban waliin taa’anii aadda baasanii akeekuun sana irratti qaamonni hundi waliin hojjachuu qabu; kanas yeroo yeroon ummatatti beeksisuu qabu.
  3. Dubbiin haqaa xiyyeeffannoo argachuu qaba. Biyya deebisanii ijaaruu keessatti dubbiin araaraa fi nagaa akka salphaatti ilaalamuu hin qabu. Hundee rakkoo hiikuuf qaamoti rakkoo biyyattii keessatti miidhaa geessisan akka adda bahanii beekamanii fi yoo barbaachises seeraan gaafataman, yookaan dhiifama gaafatanii fi araarri bu’u irratti hojacahuun barbaachisaa dha. Haqa deebisan malee, nagana hin deebi’u.
  4. Dubbii waltahiinsaa fi waldhuunfannaa sirnaa fi yeroo akeekame keessatti raawwachuun barbaachisaa dha. Jaarmiyooti biyya alaa fi bosona keessaa deebi’an ilaalcha ittiin masakamaa turan qaban. Warri biyya bulchaa turansi ilaalcha ittiin deemaa turan qaban. Qaamota kanneen walitti fuduu fi waldhuunfachiisuun hojimmaata jabaa dha. Leenjiin gama hunda hirmaachise fa’aa yeroo yeroon kennamuu qaba. Hojiileen waltahiinsa irra gahamee ture san fiixa baasan, kan adeemsa keessa waldhuunfannoo qaamota hundaa mirkanneessuu fi milkeessuu danda’an hojjatamuu qaban.
  5. Ololii faallaa miidiyaa irratti adeemsifamu dhaabbachuu qaba. Kana qaama walaba ta’e kan gama hundaa hordofu itti hundeessuun gaarii dha. Hojiin akkasii akka yeroon hamtuu fi ulfaattuu kun nagaa fi milkaa’inaan keessa bahamu gargaara.; adeemsas gara fuulduraatti tarkaanfatamuufis yayyaba barbaachisaa dha.

Yeroon kun yeroo ce’umsaa ti. Yeroo ce’umsaa kana keessatti gaheen qaamota hundaa barbaachisaa dha. Hirmaannaa kamiyyuu xiqqeessanii ilaaluun  gufuu egeree awwaaluu dha. Haalli adeemsa ammaa kun waanti mul’isu, kan abdachiisu caalaa kan sodaachisuu dha. Yaaddoon bakkayyuutti dhagayamaa jiru yeroo fi hatattamaan xiyyeeffannaa argachuu qaba. Hojiin ummata abdachiisu yoo hin jiraanne, sodaan guyyuu guddataa adeemu balaa caalu dhalchuu mala. Kana biraan, hojiileen haga yoonaatti hojjatamaa jiran kan tuffataman ta’uu baatanis,  kan gaaffii ummataa hundeetti hiikuuf hojjatamaa jiran, kan abdii ummatatti horan hin fakkaatan; inumaayyuu kan godhamaa jiru, hojii fakkeessaa surraa sobaa deebisee ijaaruu fakkaata.  Adeemsi kun garuu jijjiramuu danda’a.

Ammas yeroon hin dabarre; hireen bal’aa fi kaka’umsi guddaa ummata keenya keessa jira. Ummanni amma illee abdii hin kutanne. Abdii kana deebifnee kaasuun immoo hunda keenya bira jira. Ammumaa kaanee, abdiin ummata keenyaa akka lalisuuf waltahiinsaa haaraa waliin haa tolfannu; irbuu haaraas waliif haa seennu; waltaanees, waan abdii ummata keenyaa guddisu haa hojjannu!!

Gadaan Gabbina!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *