Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

Pirofesar Asmaroom Laggasaa eenyu?

Takkaalliny Gabayyootiin

(Oromedia, 29 Mudde 2018) Qorataafi barreessaan xinhawaasaa ardii Afrikaa akka bakkalcha bariitti ilaalamu, Pirofesar Asmaroom Laggasaa dhalootaan lammii Eertiraa yoo ta’an, ALA bara 1931tti magaalaa guddoo biyyattii, Asmaraa, bakka Gazaa Kenishaa jedhamutti dhalatan.

Bakka Gazaa Kenishaa jedhamu kanatti Oromootni kanneen akka Onesmos Nasiib (Abbaa Gammachiis)fi Asteer Gannoofaan walakkeessa jaarraa 18fa keessa karaa buufata Masawwaatiin geeffamuun yeroo dheeraaf jiraachaa waan turaniif ummata Oromoofi maatii Pirofesar Asmaroom jidduutti jaalala uumuusaatu himama.

Pirofesar Asmaroom akkuma umuriinsaanii barumsaaf gaheen Waldaa Warra Wangeelaa yeroosan mishinarootaan Asmaraatti hundeeffametti barachaa turan. Carraa kanas kan argatan sababa haatisaanii Abbaa Gammachiisfaa wajjin hariiroo qabaachaa turteef akka ta’eedha kan ibsamu.

Bara 1945tti Eertiraafi Itoophiyaan konfidereeshiniidhaan walitti makamuuf sochiiwwan garagaraa taasisaa waan turaniif maatiisaanii wajjin bulchiinsa loltoota Biritaaniyaatiin Asmaraarraa ari’aman.

Sababuma kanaan maatiinsaanii Magaalaa Dasee dhaqanii Aanaa Ambaasalitti hojii omishaafi daldala biqiltuurratti bobba’an.
Adeemsa keessas barnootasaanii Finfinnee, Mana Barumsaa Tafarii Mokonnonitti hordofuun, barsiisota Kanaadaa waa’ee Yesus barsiisan harkaa ragaa fudhataniiru. Kanaanis namoota mana barumsichaatti barnoota xumuruun eebbifaman keessaas tokko ta’an.

Pirofesar Asmaroom osoo Kolleejjii Hayilasillaasee Jalqabaa hinseeniin dura sagantaa barnootaa mootichi Itoophiyaanotaafi Afrikaanota walqunnamsiisuuf ykn beeksisuuf karoorsanirratti hirmaachuuf gara Kolleejjii Makreeree (Ugaandaa)tti imaluun baratan. Barnootniifi muuxannoon Ugaandaarraa argatan kunis qorataa xinhawaasaa Afrikaa akka ta’aniif ka’umsa ta’eef.

Kana boodas Yunivarsiitii Kolleejjii Finfinneetti digrii 1fa barnoota falaasamaan eebbifamaniiru. Ameerikaa Kaabaa, Yunivarsiitii Harvaarditti sirna barnootaatiin digrii 2fafi xinhawaasaan (‘antrophology’n) ammoo digrii 3fa argataniiru.
Pirofesar Asmaroom Laggasaa wayita digrii 3fa barachaa turanitti, sirna eenyummaa Oromoo calaqqisiisu, Sirna Gadaarratti qo’annoofi qorannoo geggeessaniiru.

Kunis, lammii Siwiidiin kan ta’an akaakayyuusaanii, Paastor Zaratsiyoon Musee jedhaman Abbaa Gammachiis wajjin hiriyyaa dhiyoo waan turaniif ture. Lamaansaaniiyyuu mana barumsa dubartootaa, Imkulluu Eertiraa jedhamutti barsiisaa turan. Wayita sana gargaarsa Asteer Gannootiin Abbaan Gammachiis otuma barsiisuu Macaafa Qulqulluu gara Afaan Oromootti hiikaa ture.

Maatiin Pirofesar Asmaroomis barsiisota waan turaniif nama cimaa ta’ee akka bahuuf ka’umsa ta’aniiruuf. Kanarraa kan ka’es qorataa, barreessaa xinhawaasaa Afrikaa beekamaa, akkasumas Sirni Gadaa dhaabbata bulchiinsa hawaas-dinagdeefi siyaasaa ummata Oromoofi Itoophiyaanotaa qofa osoo hintaane bulchiinsa dimokraatawaa ardii Afrikaa ta’uusaa hayyuu beeksisaniidha.

Hojiilee guguddoon isaan hojjetan hedduu yoo ta’an, kanneen keessaa, “Class system Based on Time (1963), Gadaa: Three Approaches to the study of African Society (1973), Oromo Democracy: An Indigenous African Political System (2001, 2006)fi A pastoral Ecosystem (1991)” jedhaman akka fakkeenyaatti eeramu.

Hojiisaanii kan adda godhu yoo jiraate lammii biyya biraa ta’anii sirni Gadaa dimokraatawaa ta’uusaa qorachuun walakkaa jaarraa tokkoo oliif qorannoo seenaa Itoophiyaaf, keessumaa seenaa Oromootiif hayyuu bu’uura guddaa kaa’aniidha. Sirni Gadaa Oromoo dimokraatawaa waan ta’eef dhaabbilee dimokraatawoon biyyoota lixaa keessumaa heerri Ameerikaa Kaabaa sirnicharraa barachuu akka qaban gorsaniiru.

Walumagalatti, Pirofesar Asmaroom Laggasaa hojii qorannoosaanii keessatti Sirni Gadaa Oromoo eenyummaafi qaroomina durii ummata Oromoofi Afrikaanota maraa calaqqisiisu hawaasa addunyaatti beeksisuun yuneskootti hambaa kiliyyaa ta’ee akka galmaa’uuf gumaacha olaanaa taasisaniiru.

Madda: Bariisaa

Leave a Reply

Your e-mail address will not be published. Required fields are marked *