Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

“Haqa qabna; qabsoo keenya…uummata keenya defend godhuun mirga keenya.” J Goollicha Dheengee, Ajajaa WBO Zoonii Kibbaa

Gaaffiif deebii jaal Goollicha Dhengee fi Gaazixeessaa Dhaabasaa Waaqjiraa waliin godhame; kan barreeffamatti jijjiire, Qalbeessaa Dhanga’aa ti. 

“…. uummatni Oromoo nam 50 miti nam miliyoona 50, namni 50 nama miliyoona 50 bakka hinbu’u. Abbootiin gadaa namni 5 hincaalle, koree toknikaa jedhanii nama 71 ijaaranii, isaan keeessayyuu calalanii nama 30 tti galchanii, hogganni Keenya hogganni ABO WBO uummata Oromoof abbootii gadaaf laadheera jechuun nama 30 hireesaa murteessa jedheetii? Oromoon mari’achiifameeraa? Akka rifirandamiitti WBO’n jiraachuu qabamoo dhabamuu qaba jedhee Oromoon mari’achiifameeraa? Namoosi muraasi uummata Oromoo bakka hinbu’ani..” jedha.

Gaazixeessaa: Hayyee jaal Goollicha Dhengee ajajaa waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa toorarratti argamtee gaaffif deebii si waliin gochuu ayyamuukeetiif galatoomi.

Jaa Goollicha: Isinis gaaffiif deebii naa gootaniif galatoomaan jedha.

Gaazixeessaa: Egaa akkuma beekamu yeroo ammaa kana wal dhabdee mootummaa fi mootummaa gidduu jiruun kan walqabate waraana bilisummaa Oromoo gara biyyaatti deebisuuf gareen abbootii gadaa fi ogeessota adda adda of keessaa qabu bobba’ee jira. Haala kanarratti maanni yaadi keessan?

Jaal Goollicha: Yaadni keenna akkuma hubatamu gareen abbootii Gadaa fii koree teknika jechuudhanii araara adda bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduutti buusuuf socho’an. Garee kana dheengadda naannoo Yaaballootti dhufanii nam sadii Jaawar Mohaammad fi namootni biroon lama isaan waliin turani, “waraanni bilisummaa Oromoo asitti simatama, asitti walitti qabama, asitti galmaa’ee fudhannee gara biyyaatti galla” jechuudhaan, naannoo Yaaballootti argamanii.

Egaa haa ta’uutii; tokkoffaa waraanni bilisummaa Oromoo abdii gaachana uummata Oromootii. Kaninni qabsaa’aa tureef bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa uummata Oromoo mikaneessuudhaafi kan qabsoo godhaa turee. Egaa kana keessatti rakkoo waraana bilisummaa Oromoo fi mootummaa Xoophiyaa jidduu akka laayyootti kan ilaalamu miti.

Gama keenyaan yoo laallu rakkoon kunii rakkoo jaarraa tokkoof walakkaa turee. Rakkoo guddaa kana akka rakkoo gandaatti gadi buusanii akka rakkoo Oromoo fo Oromoo gidduuttii akkasuma akka rakkoo hoggana ABO fi OPDO gidduutti gadi xiqqeessanii ilaaluuudhaan value qabu argatuu dhorkuudhaan araaruma sadarkaa gandaa tokkotti gadxiqqeessanii ilaaluun hinmalle. WBO’n galuu qaba jedhanii dunkaana dhaabuun maaliif baanee maal argannee gallaa? Wanti kaleessa manaa baaneef maltu nuu guutame? Akka uummata Oromootti maaltu argame? Maaltu guutame? Kanaafii; araarri gaarii ta’ee tokkoffaa mootummaan walii galtee kaleessa Eertiraatti waliigalame wanti hojiitti hiikame hin jiru, tokkolleen waan hiikka argate, hinqabu. Fkn: koree araaraa sanaaf waraqaa fuula lama qabu kan qabxii 10 qabu itti barreessinee turre; akka Zoonii Kibbaatti. Mootummaan kuni araara fakkeessaa gamtokkoon araara jedhaa, gamkaaniin ammoo wanti araara fakkaatu mul’achuutti hinjiru. Tooftaa siyyaasaaf tapha siyyaasaa mootummaan nurrat taphataa jira.

Gaazixeessaa: Waan kanaaf raga maalii qabdu ‘araara fakkeessaati’ yogguu jettan?

Jaal Goollicha: Guyyaa koree Teknikaa dhufe abbootii gadaa waliin jedhan sanaa waraanni mootummaa magaalaa Yaaballoo dacha meeqaan dhuunfate koree kana waliin dhufee. Haala akkasii keessatti akkamitti wal haasa’u wal haadsa’uumoo wal loluutti deemnaa? Humna hidhate waliin dhufanii eenyu dhaqee wal haasa’a? warra mootummaan marfamee jiruun, warra humna addaatiin marfamee jiruun akkamitti wal haasa’u? dhugaan jirummoo wanta kale manaa baaneef dhiisiitii; wanti mootummaaf ABO’n Asmaraatti wal haasa’aniyyuu qabsoo karaa nagaa gochuuf kan ABO’n finfinnee galeef wanti hiika argate hinjiru jechuudha.

Mootummaan illee waan walii galle, waan addaa walii mallatteessine hinqabnu jechaa jira. Miidiyaatti bahee, facebook tti bahee jechaa jira. Kanaafii gam keenyaan nagaa Gamkeenyaan nagaa nii jaallanna, nagaa yoo jaallannummoo araarichi ka nagaa ta’uu qaba. Nutii bardheeraaf waldhuksaa turre, bar dheeraadhaaf wal waraanaa turre qaamni bardheeraaf wal lolaa ture walitti dhufuufii qabxiileen tokko tokko kan amantaa ijaaran jiraachuu qabu. Nuuf mootummaa gidduu amantaan jiraa? Wanta kaleessaarraa maaltu geddarame? Nuuf mootummaa gidduutti nagaa buusuuf mallattoo maaltu mul’ate? Kanaafii nuti waraanni bilisummaa Oromoo ka jechaa jirru haalduree lafkeeyaanne sun nuuf haa guutumu. Utuu ajjeefamaa jirruu, utuu lolamaa jirruuutuu humni diinaa bakka kallee hingahin gahee nurratti jigee qubsiifamaa jiruu, maqaa araaraa dahoo godhachuun lafa kaleessa hingahin gahaa jiruu araarri akkanatti hinta’u.

Araarri kabaj qabu, araarri value qabu, sadarkaa kamittuu amansiisaa ta’e ka waraana bilisummaa Oromoo hinbabsine, kan mootummaa hinbaabsine, kanneen walab ta’an, kanneen dantaa fi bu’aa adda addaa mootummaarraa hinqabneen warren akkanaa araar kanaaf gaari ka jedhu qabxii adda addaa ibsineetiin jirra. Qaamotni ammo araar kanaaf deeman hedduun isaanii; isaanumaaf adda bilisummaa gidduutti araarri bu’uu qabudha. Warren kaleessa miidiyaa of harkaa qabaniin, qabsoo bilisummaa Oromoo xinneessuu, quucarsuu, hir’isuu, xiqqeessuu fi injifannoo cululuqaa addaa addaa qabsaa’ota bilisummaa Oromoon dhawata dhawataan argaman haaluudhaan injifannoo qabsoo bilisummaa Oromoon mirkanaawaa jiru divert godhanii iddoo biraatti jallisuun ka dhuunfaa godhatanii butatuuf fedhii addaa addaa qabaniin warra fedhii siyyaasa mataa ofii qaban kanneen activist jechuudhaan of waamanii kanneen ABO balleessuurratti hojjetaa turan har’ammoo jaarsa araaraa yogguu jedhan nuun akkamitti nutti dhagaa’ama?

Uummata keenya maaltu itti dhagaa’amaa? Kana qofaa miti; warren kaleessa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo diiguudhaan yakkoota addaa addaa raawwatan, WBO miidhaa turan, qabsoo miidhaa turan kanneen qabsoo bilisummaa Oromoo duuba deebisaa turan, har’ammoo mootummaan Xoophiyaa badhaasa kenneefii itti gaafatama nageenya Oromiyaa fi kanneen kana fakkaataan muuduudhaan; shira itti yaadee mootummaan kun araarri kun akka galma hingeenye kan godhe gamtokkoon araara ha jedhu malee waan mootummaan kun gochaa jiru kan araara kana itti fufsiisu miti.

Gaazixeessaa: Araarri amma deemaa jiru kun araara sirrii fi qajeelaa miti yaada jedhu qabduu?

Jaal Goollicha Dhengee: Dhugaa dubbachuufii mootummaan kuni boojuu qabbanaawaa nu booji’uu barbaada, akka addi bilisummaa Oromoo fi waraanni bilisummaa Oromootuu amma hinjirretti haasa’aa, akkasuma halduree nuti keewwanne utuu nuun guutiin araaramuu dhiisiitii walitti dhufnee haasa’uu hindandeenyu jechuun barbaada.

Gaazixeessaa: yoo ilaaltuu namootni gala jiru jedhamaa jira isa kanarratti maal jettu?

Jaal Goollicha: Jaal kiyya mootummaan kun mootummuma uummatni keenya beeku mootummuma nuti beeknu; mootummaan kun mootumma umuriisaa guutuu kijibee jiraatu, fiilmii sobaa fiilmii dharaa, miidhakfatee namoota mandar keessaa Qawwee dulloomaa caccabaa moortarii, qawwee samana Hayila Sillaaseefaa walitti funaanee namootuma dadhabduu mandar keessaa walitti qabatee namootni hanganaa waamicha abbootii gadaa awwaate jedhee ittiin wacabaraa jira. Fiilmiin kun hundee hinqabu; namoota isaan agarsiisanillee namoota umuriidhaan baay’ee guddatanidha. Yookiin namoota qabsoo bilisummaa Oromoo keessa dur turan malee; namoota dhadhabduu hanqina siyyaasaa qaban yoo ta’e malee waraanni bilisummaa Oromoo wanti galchu hinjiru, waanarganne hinqabnu. Kun ammo danqaa kan ta’e mootummaa Xoophiyaati.

Dhugaa dubbachuudhaaf adda bilisummaa Oromoo fi mootummaa akkasuma Oromoo fi mootummaa gidduu rakkoo bardheer ture. Addi bilisummaa Oromoo kallacha ta’ee qabsoo uummata Oromoo gaggeessee diddaa finiinse kanaafii waldiddaa fi waldhabbii keenya waldhabbii akk laayyootti ilaalamu, labbi labbiin ilaalanii akka fedhanitti godhan utuu hintaane waan yeroon kennameefii, hayyootni adda addaa irratti hirmaatanii uummatni namootni bebbeekamoon garagaraa irratti hirmaatanii ballinaan rakkoon kun gadifaginaan rakkoo furan waan ta’eef ulfinni kennameefi yeroon fudhatamee maaltu ta’uu qaba jedhanii xiinxalanii gadi qabanii ol qabanii ilaalanii malee waan bultii 20 bultii 30 keessatti ta’u maal hanga kana gabaa dhaqnee Boqqolloo bitachuu moo gurgurachuu dhaqne.

Maal jennee galla? Maal arganne? Kaleessa maal jenne? Har’a maaltu mul’ate? Qaallittii galuuf gallaa? Makaalaawwii galuuf gallaa? Nutu araara jedhe malee mootummaan araara kana hinfudhanne? Yoo mootummaan araara hundee qabu nii fudhata ta’e araara nii barbaanna. Malee akka ammaa kanaan kan boojuu qabbanaawaa booji’amnu miti.

Gaazixeessa: Gama kaaniin ammaa namootni tokko tokko gaafa haasa’an mootummaan ammaa mootummaa Oromooti, mootummaa Oromoo waraanuun sirrii miti jedhu kanarratti maal jettaa?

Jaal Goollicha: jaal kiyyaa nuti kaleessa yeroo manaa baanee kaanee, akkuma sagantaa siyyaasaaf heera keenyaatti deemna. Mootummaan kun mootummaa Oromootii jedhu warren siyyaasaaf deeman kanneen hubannaa siyyaasa hinqabne ammo Abiyyiin argateeraa, Lammaan argateeraa, Ayyaantuun Magarsaan muudameera jedhu kuni ilaalcha dadhabinaa warra dammaqiinsa siyyaasaa hinqabneeti. Mootummaan kunii wanti geddarame hinjiru, namatu barcumarrattii wal jijjiire. Immammanni mootummaa, idooloojiin mootummaan kun ammayyuu mootummaa EPRDF. Mootummaan EPRDF isuma kaleessaati maaltu geddarame? Constitution heerri biyya sanaa geddarameeraa? Sagantaan siyyaasaa geddarameeraa? Maaltu geddarame? Abiyyii ilaallaa? Kaleessa Abiyyii dhabnee baanee? Abiyyiin namtokkoo bar. Mootummaadha gaaffiin keenya mootummaa Xoophiyaa gaafataa turre. Abiyyii dhiisii yoo Goollichi Dhengee muummicha biyyattii ta’eyyuu gaaffiin uummata Oromoo deebii hinargannen jedha.

Gaazixeessaa: Mee jaal waaniin qulqulleeffadhu jira. ABO’n mootummaa waliin wal;ii galteerra gahee biyyatti galeera. Walii galtee kana mormitu jechuudhamoo maalinnii?

Jaal Goollicha Dhengee: Addi bilisummaa Oromoo ammayyuu wantanni dubbachuutti jiru sirriidha. Akka ABO fi mootummaan walii galuun qabsoo karaa nagaa gochuutti jiru karaa addaa addaa dhagaa’aa jirra, haa ta’uutii mootummaan waan kaleessa adda bilisummaa Oromoo waliin irratti walii galan guutee argamaa hinjiru. Maaliifii? Nuti bakgaaffiin uummaa keenyaa deebii argataa hinjirre, bak sirni kun gaaffii deebisaa hinjirretti haqa qabna qabsoo keenya defend godhuun mirga keenya, uummata keenya defend godhuun mirga keenya. Kanaafi dubbichi dubbii akkasumatti hogganni akkas jedhe, akkas jedhee odoo hintaanee bu’uuraa ka gaafattu jira: akkamitti, eessatti, eenyutti?

Gaaffilee kun sadarkaa hoggana kanaan wal gaafannee wal mari’annee, irratti wal mari’annu ture, mootummaan kun hogganaa fi qabsoo hidhannoo addaan muree jira. Qabsoo hidhannoo fi hogganni jiru wal dubbachuu hindandeenye, walitti dhufuu hindandeenye. Wal mari’achuu hindandeenye, wal gorfachuu hindandeenye kanaaf nuti akkanumaan lafaa kaanee galuu hindandeenyu. Hololatu jira, mooraa qabsoo hidhannoo irratti mootummaa hololaa jira. Quunnmtii keenyallee kutee jira. Wanti akkasii lafa hinaanjofnetti galli hinjiru.

Gaazixeessa: Yoo mootummaan abbootii gadaa dhaga’uu didan isiniin jedhe maal gootu?

Jaal Goollicha: Uummatni Oromoo nam 50 miti nam miliyoona 50, namni 50 nama miliyoona 50 bakka hinbu’u. Abbootiin gadaa namni 5 hincaalle, koree toknikaa jedhanii nama 71 ijaaranii, isaan keeessayyuu calalanii nama 30 tti galchanii, hogganni Keenya hogganni ABO WBO uummata Oromoof abbootii gadaaf laadheera jechuun nama 30 hireesaa murteessa jedheetii? Oromoon mari’achiifameeraa? Akka rifirandamiitti WBO’n jiraachuu qabamoo dhabamuu qaba jedhee Oromoon mari’achiifameeraa? Namoosi muraasi uummata Oromoo bakka hinbu’ani.

Gaazixeessaa: koreen dhufan Jaawar Mohaammad si quunnamaniiruu?

Jaal Goollicha: Anaan nan quunnamne.

Barruutti kan jijjiiree Qalbeessaa Dhangi’aati.

Leave a Reply

Your e-mail address will not be published. Required fields are marked *