Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

Gooroo marmaaruu abbaa gadaa booranaa

Sirni Gadaa of keessatti aadaafi duudhaa addaddaa akka qabu beekamaadha. Abbaan Gadaas yeroo gadoomasaa keessatti wantoota raawwatu qaba. Akka sirna Gadaa naannawa Booranaatti Abbaan Gadaa dirqama gooroo marmaaruu ni qaba.

Haala kanaan torban darbe Abbaan Gadaa Booranaa, Kuraa Jaarsoo Kuraa Gadaa Booranaa sadan (Arbooraa, Awaxxuufi Konnituu) waliin Areerroorraa gara Liibanitti imalaniiru.
Nutis kanuma ilaalchisuun Qorataa Aadaafi Seenaa Obbo Jaatanii Didaa dubbisneerra.

Akkasaan jedhanitti, jalqabuma gooroo marmaaruu jechuun ardaan jilaa tokkorraa tokkotti naanna’uu jechuudha. Kana malees sirna Gadaa keessatti dabballummaarraa kaasee hanga gadaamoojummaatti adeemsi jiru walduraa duubaan gooroo jedhama.

Abbootiin Gadaa Booranaa bakka ardaa jilaa Areerroorraa gara Liibanitti yommuu imalan gooroo marmaaru kan jedhamuuf godaananiin achuma hintaa’an; deebi’anii waan dhufaniif ta’uu kaasu.

Abbaan Gadaa erga Gadaa fuudhee waggaa sadii booda dirqama gooroo marmaaruu qaba kan jedhan qorataan kun, adeemsa kana keessatti wantoota hedduutu raawwatamu jedhu. Abbaan Gadaa yaa’iifi maatiisaa fudhatee yommuu imaluu jalqabu korma mataa gafarsaa Areerrootti qaluun jilachuu eegala jedhu.

Kanaa booda bakka seenaa Obloo jedhamutti akka qajeelu kaasanii, bakki kun ardaa jilaafi bakka nagaan wal walirratti itti argamu jedhamee waan amanamuuf achi boqotee dullacha Obloo qalee akka darbu ibsu. Achiirraas bakka Randuu jedhamutti Korma Randuu qalee dhibaafatee darba; Ulaan/bakki kormi qalanii itti dhibaafatan kun ammoo dhiigaan dhibaafatamu kaasu.

“Kun immoo bakkichatti kanaan dura namni biraa cubbuu irratti hojjeteera ta’a. Kanaaf, “Yaa Waaq naa araarami jedhee dhiigaafi aannaniin dhibaafata. Haala kanaan dhibaafachuun ammoo aarsaa guddaan kan itti kanfalame ta’uu agarsiisa. Abbaan Gadaa ofiisaa qofa osoo hintaane dhalootaafillee darbee dhibaafata” jedhu.

Akka Obbo Jaataniin jedhanitti, abbaan Gadaa yommuu Areeroorraa gara Liibaniti godaanu bakkeewwan seenaa kanaan dura dhibaayyuun itti adeemsifamu hundatti ni dhibaafata. Imalasaa irratti yoo galaanni isa mudate galaana cinaa qubata malee callisee hinqaxxaamuru. Guyyaa galaana cinaa qubate sana guyyaa raajiin guddaan itti hojjetamuudha. Malkaan galaana ittiin qaxxaamuran kan Malkaa Mana Waaqaa jedhamtu jirti.

Yommuu Malkaa Mana Waaqaa kanaan qaxxaamuru akkaataan ittiin qaxxaamuruu waan raajii ta’ee jiraachuu eeranii, abbaan Gadaa farda yaabbatee, jabbii loonii dhaltuu qomatti qabatee galaana qaxxaamura jedhu.

“Yommuu ce’uuf jedhus yoo galaanni guutee kan yaa’u ta’e gubbaa taa’ee hancuufa itti tufee Waaqa kadhata; galaannis gadi deebi’a. Yommuu deebi’ee jilbaa gadi ta’a; inniifi yaa’iinsaa hundi farda irra taa’anii walduraa duubaan galaanicha qaxxaamuru. Kun raajii guddicha ta’uudha. Galaana qaxxaamure jechuun gooroo Areeroo fixatee gara gooroo Liiban ce’eera jechuudha” jedhu.

Akka ibsa Obbo Jaataniitti, yommuu ardaa jilaa Liiban qaqqabu namoonni hundi jilbeenfataniii lafa dhungatanii Waaqa kadhatu; “Liiban keenya kanaan nuu geessee, si qaqqabnee, akkanaan waliin nu qabdee jila keenya waan nu geesseef galatakee” jedhanii galateeffatu.

Achittis raajii ajaa’ibaatu uumama. Namoonni hundi akkuma uumaafi uumamaatti waan kadhatan akkuma galaanni illee gadi bu’ee sana dinqiin ni ta’aaf. Akkuma beekamu amma Booranatti waytiinsaa rooba miti. Kanaaf abbaan Gadaafi yaa’iinsaa “Naa roobi” jedhee kadhata. Horii dullachis ni qalama. Foonsaas bishaan bokkaatiin dhaabu/qulqulleessu. Yoo kana bokkaan ni rooba.

“Haala kanaan jilachuun itti fufee bakka hedduu naanna’a. Yommuu gaara Nuura jedhamu qaqqabu Dabballeef maqaa baasu. Isa dura garuu abbaan Gadaa dhaqna qabata, gurra urata. Kana malees abbaansaa gadaamoojjii waan ta’eef sirna gadaamojummaa tolchee guyyaa sana kallacha hidhata” jedhu.

Akka Obbo Jaataniin jedhanitti, Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo erga Gadaa fudhate waggaa sadaffaa keessa jira. Garuu kallacha hinhidhatu, kallacha hinqabatu, mana inni jiru kallachi hinseenu; kallachisaa illee mana nama biraa jiraata.

Sababni isa kallachi kan abbaasaati, abbaasaarraa kallacha fudhachuuf ammoo dhagna qabachuufi gurra urachuun dirqama. Kana booda abbaansaa sirna gadaamojjummaa raawwachuun kallacha ofirraa buusee ilmasaatti dabarsa. Erga kunniin hundi xumuramee booda dabballeef maqaa moggaasee gumii Eldelloo teesisa.

Haala kanaan waggaa tokkoof kan marmaaru yoo ta’u, kanaanis guyyaa guyyaan, torban torbaniinis waan raawwatu qabaachuu kaasanii, waggaa tokko booda jiluma walfakkaatuun Areerootti deebi’ee sirna Gumii Gaayoo teesisee seera himee aadaas akka barsiisu ibsu.

Liibanitti gooroon kan marmaaramuuf Liiban hangafa lafaafi bakka seena qabeessa waan jedhamee amanamuuf durumaa kaasee itti godaanama. Akkasumas bakki sun bonaa gannallee jidhaadha. Adeemsi abbaa Gadaafi yaa’iisaa fardaan yoo ta’u, fageenyisaa tilmaamaan Kiloo meetira 150 ta’a.

Saamraawiit Girmaatiin

Leave a Reply

Your e-mail address will not be published. Required fields are marked *