Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

Hofkaltii Gadaa Ijoollee

Waltajjii araaraa dhiheenya kana Magaalaa Ambootti taasifamerratti abbootiin Gadaa, haadholiin siinqeefi keessummoonni waamichi taasifameef argamanii turan. Abbootiin Gadaafi haadholiin siinqees uffannaafi faayaalee aadaa Oromootiin miidhaganii haala qalbii nama hawatuun ture kan argaman.

Hirmaattota uffannaa aadaatiin miidhaganii argaman keessaa daa’imman obbolaa sadii qalbii hirmaattota hedduufi ija kaameeraa miidiyaalee achitti argamanii kan hawate ture. Daa’imman kunneen uffannaa alaabaa abbaa Gadaatiin faayame uffataniiru.

Gurrasaanii lamaan uratanii lootii magariisa ka’aataniiru. Mormasaaniittis callee dirataniiru. Mataasaaniitti marata marataniiru. Harkasaaniitti ulee qal’oo hojjaasaanii xiqqoo caaltu qabataniiru. Inni hangafti alangees qabateera.

Anis itti siqeen maaliif gurra akka uratan, uleefi alangee qabatan gaafannaan, inni hangafti “Abbaa keenyarraa Gadaa waan fudhanneefi” naan jedhe. Waltajjiicharrattis walaloo ykn faaruu dhiheessuuf dhuftaniiree jedhee gaafannaan, “Lakki, Gadaa waan qabnuuf abbaa keenya bakka buunee akka abbaa Gadaatti hirmaachuuf dhufne” jedhee naa deebise.

Yoo kana sammuu koo keessa gaaffiileen “daa’imman akkamitti abbaa Gadaa ta’uu? Marsaan Gadaa waggaa saddeet saddeetiin qoodamee keessa darbamu bakkaa bakkatti addaddummaa qabas?” Kanneen jedhaniifi kkfn tarree galan. Daa’imman kana gaafachuuf dandeettiisaanii gararraa waan ta’eef bilbila abbaasaanii irraa fudhadhee ergan Finfinneetti deebi’ee bilbileef.

Obbo Lachiisaa Sabbooqaa akka Gaazexaa Bariisaatiif ibsanitti, isaanumtuu abbaa gadaa kan turan yoo ta’u, ammammoo isaan afurtamasaanii waan xumuraniif daa’imman isaanii Gadaa qabachiisaniiru. Sababuma kanaani daa’imman kunneen gurra urachuuniifi ulee qabachuun. Inni hangaftimmoo kan alangee qabateef quxisuwwanaa akka eeguufi gorsuuf ittigaaafatamummaan irra jiraachuu mul’isuufi jedhu.

Daa’imman kunneen erga Gadaa qabatanii isaan bakka bu’uun sirnoota addaddarraatti hirmaachuu, yaada kennuu akksumas araararratti hirmaachuu akka danda’an ibsu.

Dhimmuma kana ilaalchisuun Abbaa Gadaa Roobalee kan turan Doktar Mulgeetaa Dabbabaa Gammachuu akka nutti himanitti, daa’imman umuriidhuma jiran keessatti yoo abbaan isaanii Gadaa xumuree isaan qabachiise gadooma fudhachuu ykn ofkaluu danda’u. Kana jechuun yommuu abbaan Yuuba ta’u daa’imni sadarkaalee Dabballee, Gaammee, Kuusaa ykn Raabaa keessa osoo jiru Gadaan maree yoo bira ga’e baruma sana Yuuba ta’uu akka danda’u ibsu.

Asirratti garuu waanti hubatamuu qabu sababa Gadaan dhiibbaawwan garagaraatiin laafee tureef wantootni aadummaa isaanii hineegganneefi sirrii hintaane yommuu raawwataman akka mul’atu kaasu. Silaa akka sirna Gadaatti namni Gadaa fudhate tokko yommuu bultoo dhaabbatus ta’e ilmoo godhatullee karoorfatee ta’uu akka qabuufi utuu kun ta’ee yommuu abbaan Gadaa kennu ilmi umrii Gadaa fuudhachuurra ni qaqqaba ture jedhu.

Sababa kun ta’uu dhabeefis walfaalleessi bakkawwan addaddaatti akka mul’atu kaasanii, daa’imman Gadaa qabachuu yoo danda’anillee ittigaafatamummaa abbaa Gadaatiif kenname raawwachuun garuu adeemsa sirnichaa kan hinhordofne ta’uu ibsu. Daa’imman Gadaa ofkalan kunneen miseensa ta’uun abbootii Gadaa waliin deemuu garuu ni danda’u jedhu.

Dogoggoroonni mul’atan sirraa’uu qabu kan jedhan Doktar Mulgeetaan kan Booranaa, kan Gujii, kan Maccaafi kan kanneen biroo walitti qindeessuu akka barbaachisus dubbatu.

Walumaagalatti, dhimmi kun kan walfalmisiisuufi akkuma jedhame qorannoo gadi fagoo barbaadu waan ta’eef hayyoonni seenaa, Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaafi kanneen dhimmichi ilaallatu hundi irratti hojjechuu qabu. Walfalleessaafi burjaajii darbee darbee mul’atu qajeelchuunis barbaachisaadha. Dubbistoonnis dhimma kanaafi kanneen biroorratti haala qabatamaa naannawa keessan jiru barreessitanii yoo nuuf ergitan kan keessummeessinu ta’uu ibsina.

Saamraawiit Girmaatiin
(Suurri Tsahaay Niguseetiin)

Leave a Reply

Your e-mail address will not be published. Required fields are marked *