Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

Irreecha Tulluu: Sirna kadhaan ittigaggeeffamu

Irreechi amantii Oromoo keessaa isa tokkoofi adda dureedha. Irreecha jechuun sirna kadhaafi galata Waaqaaf g o d h a m u u d h a . K a d h a a f i galanni godhamu kunis iddoofi yeroodhaan kan murtaa’eedha. Kunis amantii keessatti gochaan kan ibsamu yoo ta’u, sirni irreechaa kan hogganamu jaarmayaa Qaalluutiini.

Irreechi iddoowwan adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni guddaan bakkawwan lamatti raawwatama, isaanis Irreecha Malkaa (birraa)fi Irreecha Tulluu (arfaasaa) ti.

Irreechi Birraa (Irreechi Malkaa) wayittiin gannaa xumuramee seensa baatii birraa ykn giddu gala ji’a Fulbaanaa Masqalli ba’ee Dilbatasaa Bishooftuu, Hora Arsadiitti kabajama. “Ayyaana Birraa ykn Xaddacha Saaquu” jedhamuunis nibeekama. Iddoon irreechaa, malkaafi hora guguddoorratti. Tibba darbe namoonni guutama galaanaatiin addaan citanii turan walarguu jecha guyyaa kana akka guyyaa gammachuutti fudhatu. Kanaaf Oromoon malkaa gamaafi gamanaa walitti bahee “Mareewoo!…Mareewoo..!” jechaa Waaqa kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa gara Malkaa deemu.

Irreechi Arfaasaa (Irreecha Tulluu) kun kan gaggeeffamu tulluurratti yoo ta’u, yeroonsaas bonni darbee roobni arfaasaa yeroo itti eegamuudha. Baatiileen dursanii turan roobni dhabamee hongeen namniifi horiin kan itti miidhamaa tureedha. Kanaaf giddu gala ji’a Bitootessaa maatiin gara lafa qabbanaafi jiidha qabutti bahee rooba arfaasaa argachuuf Waaqa itti kadhatuudha. Tulluutti bahanii kadhachuun kun kan amantii waaqeffannaa Kuushoota durduriin walqabateedha jedhama. Tulluun Cuqqaalaa araddaa irreecha arfaasaa isa guddicha.

Irreechi arfaasaa akka irreecha birraa ho’uu baatus keessumaa yeroo ammaa bifa

bittinaa’eenis ta’u bakkaa bakkatti nikabajama. Gaazexaan Bariisaa dhimma kanarratti Pirezdaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa, barreesaafi qorataa seenaa, Obbo Dirribii Damise Bokkuu dubbiseera.

Akka isaan jedhanitti, Oromoon walakkaa ji’a Bitootessaarraa kaasee hanga walakkeessa Eblaatti kabajama. Oromoon waytiin kun yeroo gogiinsi darbee jidhiinsi dhufuuf jedhu waan ta’eef tulluutti ba’eetu Waaqa kadhata. Asirratti waanti hubatamuu qabu karaa kibbaafi bahaa dursee rooba; birraas dafee caama. Karaa kaabaafi lixaattiimmoo suuta rooba; birraammoo duubatti hafee caama.

Kanaaf haala kabaja ayyaana irreecha tulluu giddu galeessa Maccaafi Tuulamaa yoo ilaalle, Oromoon naannawasanaa ji’a Eblaa keessa tulluutti ba’ee, korma qalee, irreeffatee Waaqa akka kadhatu ibsu.

Kadhannaasaatiinis, “Bona gogaa; bubbee hamaa nu baaste, arfaasaa gaarii nuu roobi, Yaa Waaq lafti dheebottee, babbaqaqxee, afaan bantee, sanyii baattee sieeggataa jirtii roobii qabbaneessi.Qurxummiin bishaan keessaa, allaattiin roobakee malee hinjiraattu.Yaa Waaq yeroodhaan nuuroobi” jedhee akka kadhatu ibsu.

Akka ibsa Obbo Dirribiitti, irreechi tulluu urgeessa ykn hindhee qabachuun raawwatama. Yoo bakka sana urgeessiifi hindheen hinjirrellee waanuma jiidhaa qabatanii irreeffatanii Waaqa kadhatu. Irreechi tulluu kadhaa Waaqaati. Roobaan “dafii nuu roobi, facaasuuf misoomaaf sieeggataa jirra. Bishaan burquuf, loonis dhuguuf sieegaa jiru jedhamee kadhatama.

Sirna kanarratti yommuu kormi qalamu, adii hinta’iin malee kanuma argametu qalama, goramsa kan qalus nijira kan jedhan pirezdaantiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa. Sababni kormii adii hinqalamneef caami jechuu waan ta’ee ta’uu eeru.

“Irreecha malkaarrattis ta’e irreecha tulluurratti bakki dubartiin hindhaqne hinjiru. Dubartootatu okolee, gaadii, siinqee, qabatataniifi caaccuu hidhatanii duraa deema. Daabboo tolchanii, farsoofi buqqurii naqanii fuudhanii deemu. Achi yommuu ga’anis buna dhaabanii, xaaxee xaaxessanii warra irreeffatuuf kennu.

Yoo isaanirratti hirmaatan malee kadhaan hinjiru. Isaantu dura deemee ofkalcha. Isaantu dura malkaa bu’ee saaqa. Tulluuttis isaantu dursee bakka bunni ittidanfu dhaquun dhaabata. Dhangaa isaantu fidee bilcheessa. Kanaaf sirna Gadaa keessattis, irreeffannaa keessattis dubartoonni bakka olaanaa qabu. Dubartoonni hindhaqne taanaan Gadaaniyyuu hinoofkalu jedhu.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti, ijoolleen dhiiraas ta’e dubarri irreecha lamaanirratti hindhowwaman. Kanaaf irreechi qabeenyaan, umuriifi korniyaan adda nama hinbaasu. Hundumtuu gaafa irreechaa, waluma faana dhaabbatee kadhata; Waaqnillee ijuma tokkoon ilaala jedhamee amanama.

Kadhannaa irreecha tulluu kana booda roobni nirooba jedhamee akka amanamu ibsanii, keessumaammoo yommuu ongeen hammaatu jechuunis, Ebla keessa roobuu dhiisee ji’i Caamsaa yoo walakkate deebi’anii kadhaa biraa akka kadhatan himu. Yeroo kanas farda luugamanii, bishaan jala kaa’uun; jabbinis haadha akka hinhoone godhu. Kanas warra ayyaantuutu hoggana jedhu.

Haala kanaan tulluutti ba’aanii korma qalanii “Yaa Waaqayyoo uumama keetti garaa hinjabaatiin, jabbiin haadha hodhuu dadhabde, fardi dheebotee du’uufi, Waaqayyoo nutti araarami. Erga ati garaa nuukutattee nutis waanuma ati gootu goona, kana booda jabbiin haadha hinhootu, fardis bishaan hindhugu, nutis midhaan hinnyaannu, atuu nu lagdee, nutis humnaan sin caallu garuu waan ati goote goona” jedhanii jilbeenfatanii akka kadhatan dubbatu.

Ani kan bakka addaddaa dhaqee argeera kan jedhan Obbo Dirribiin, fakkeenyaaf Shawaa Lixaa keessa bakka Saglan Dandii jedhamutti haala kanaan kadhatanii, utuu isaan foon korma qalamee nyaachaa jiranii galaanni dhufee garagalee wayyaasaanii cuunfatanii galuusaanii addeessu. Oromoon akka kanatti jilbeenfatee “abet yaa Waaq garaa nutti hinjabaatiin.” Jedhee kadhatee irraa hindhabu. Sababnisaas siiqqeetu ba’a, kallachatu ba’a jedhu.

Irreechi tulluu akka irreecha malkaa xiyyeeffannaafi beekamti bal’aa akka hinarganne eeranii, silaa lamaanuu walumaqixa; garuu irreechi arfaasaa ykn tulluu hangafa ta’uu ibsu. Irreechi tulluu kadhannaadha; kottuu nuu roobi jechuufi, inni malkaammoo galata; waan nuu roobdeef galatakee jechuufi.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti, irreechi malkaa beekamtii argatee addunyaarratti akka beekamu kan taasise jabina ummata Galaani. Isaan baruma baraan yommuu cunqursaan ummata Oromoorra turellee otoo addaan hinkutiin muraasa ta’ani sirreefataa turan. Inni biraan Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessattis yaadni “Eenyummaan Oromoo karaa Sirna Gadaafi Waaqeffannaa calaqqisa” jedhu waan tureef aadaa Oromoo cimsuuf sochii taasisaa tureera.

Kanaaf namoonni waldicha keessa jiranis irreecha malkaarratti hirmaachuu eegalan. Namoonni naannawa Bishooftuu jiraatanis gara waldichaa dhufuun irreeffannaan achii akka haaraatti cimee akka jalqabamu ta’e.

Guyyaansaas Masqalli ba’ee Sanbata ittaanu akka ta’uuf walii galamuusaa ibsanii hayyoonniifi namoonni magaalaa miseensota waldichaa turan bal’inaan irratti hirmaachuun isaanii beekamtii ga’aa akka goonfatu taasisuusaa dubbatu.

Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka banameet akka cufamuun rakkoo itti ta’eetu malee irreecha arfaasaallee akkuma irreecha malkaa(birraa) beeksisuuf karoora qabaachuus ni ibsu. Fuuldurattis irreecha kanatti guyyaan ittigodhamee, warra abbaa malkaatiin, warra tulluutiin mari’atamee qindeessuuf yaadamuu himu.

Dhumarrattis, “Oromoo of ta’ii, kan kee qabadhu. Biyya abbaa keerratti aadaakee ganamaa yaadadhu, ittiinis booni.Yoo kan keetiin boonte Waaqnis namnis sidhaga’a. Biyyi kee eebbifamaadha. Waaqatu burqaa siikenne. Isarra dhaabattee yoo kadhatteefi galateeffatte irra milkoofta” jechuun dhaaman

Bariisaa Ebla 4 /2011

Saamraawiit Girmaatiin

Leave a Reply

Your e-mail address will not be published. Required fields are marked *