Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

Hojiilee Shanan Gannaa

Oromiyaa keessatti yeroon kun yeroo gannaa ti. Oromoon gannatti yeroo dhihaatu, aadaa ittiin ganna simatu qaba; Irreechaa Arfaasaa. Ganni hedduu qorra; hedduu dhaamota; hedduu nama beelessas. Ta’us ganni qorra ykn beela duwwaa qabatee namatti hin dhufu. Ganni sugaa fi hiree gaarii illee namaaf fiduu ni qaba. Hireen gannaa kun kan qaamaa fi qalbii keenyaaf hoo’a kennuu; kan egeree keenyaaf abdii gumaachu ta’uu danda’a. Kun akka dhugoomuuf, ganna kana waatota shanan gochuu dandeenyu qabna. Kunoo ti!

  1. Bokkaan akka biyyoo keessa seenu gargaarsa gochuu

Bonna dheebuun ni mankaraarsa; ganni immoo bishaan ittiin dheebuu baanu nuuf gumaacha. Lafti keenya yeroo dheeraaf yoo goggogee ture, bishaan ofitti fudhachuu diduu mala. Bokkaan yandoo roobu illee lolaan irra keessa yaa’ee darbuu mala. Yeroo kana hojiin keenya tokko bishaan akka lafa irra fiigee hin deemne iggitii tolchuu fi akka biyyoo keessa seenuuf gargaarsa gochuu dha. Baala  goggogee akka bishaan lafa keessa hin seenne godhu kaasuun, akka biyyoon bishaan argatu; akka bokkaan roobe lafa  keessa gad seenu gochuun barbaachisaa dha.

  1. Aramaan akka ooyruu keenya hin dhaalle to’achuu

Yeroon gannaa aramaafis aanjawaa dha. Yeroo kana akka aramaan hin barbaachifne ooyruu keenya hin dhaalleef dafnee kichummaatti ciruu qabna. Aramaan albuuda lafa keessaa waan fudhatuuf, biqiltuuwwan yookaan sanyiin facaafne akka albuuda gahaa hin arganne godha. Aramaa yeroon buqqisuun midhaan keenyaa akka hin miidhamne godha. Aramaa kana yeroo balleessinu, hundeen isaa akak lafa keessatti hin hafne eeggannoo gochuun gaarii dha; sirriitti hundeetti yoo buqqifne, waanti nuti facaaafne alabuuda gahaa fi barbaachisoo argachuu danda’a.

  1. Nyaata fuduraa fi kuduraa facaafachuu

Ganni waan akka fuduraa fi kuduraa facaafacuuf yookaan dhaabuuf yeroo gaarii dha. Namooti fuduraa fi kuduraa jaalatan yeroo gannaa jabaatanii fuduraalee fi kuduraalee addaaddaa dhaabbbachuu qaban. Yeroo akna yoo hin  hojjanne, waan jaalatan kana qe’ee ofiitti argachuun salphaa hin ta’u. Qe’ee yookaan manduubee ykaan boroo ofiitti waan jaalatan guddifachuun baasii nu rraa xiqqeessa; waan dhaarraa itti qabnu akka salphaatti akak argannu nu gargaara. Kanaaf, yeroo gannaa kana fuduraa fi kuduraan boroo keessan miidhagsuutti jabaachuu qabdan.

  1. Mukkeen addaddaa akka latan gochuu

Yerooa ddaddaatti mukeken dhaabdan qabdu ta’a. Mukkeen kunneen kaan isaanii dulloomanii, kaan siaanii immoo fokkisanii mul’atu ta’a. Yeroon gannaa yeroo mukkeen hin jaalanne murtanii, kan jaalattan bakka itti buustanii dha. Akkasumas, yeroon gannaa yeroo mukkeen addaddaa illee itti heddummeessitanii dha; yeroo mukkeen addaddaa bakka itti jijjiirtanii dhaabdanii dha. Kun qe’ee yookaan araddaa keessaniif miidhagina addaa keenna; naannoo keenyas magariisessuuf hundee guddaan kan itti dhaabamu yeroo gannaa kana. Yeroo akanatti fayyadamuun gamnummaa guddaa dha.

  1. Waan haarawaa barachuu

Eegumsii fi Kunuunsi  naannoo beekumsaa fi muuxannoo hedduun gabbata. Ganna kana keessa hireen itti haala eegumsaa fi kunuunsa naannoo argatan hedduu jiraachuu maalu. Waajjiroota eegumsaa fi kunuunsa naannoo irratti hojjatan hedduun yeroo gannaa kana barumsaa fi leenjiia ddaddaa ni kennu; naannoo jirtanitti iyyaafadhaatii barumsa, leenjii fi muuxannoo irraa qooddadhaa! Yeroo hunda waan haarawaa barachuu irraa of hin daangeessinaa!

Hojiileen shanan armaan olii ganan kana keessa yoo hojajnne waan hedduuf furmaata keenya; hojiilee kunneen yoo hojjanne, naannoon keenya gaaddisa gaarii keenye jechuu dha. Mukkeen keenyas gaaddisa nuuf ta’uun rakkoo keenyaaf furmaata nuuf ta’an. Yeroon hamtuu akka nutti hin dhufneef illee nu gargaaran. Kun hariiroon uumaa fi uumama gidduu jiru akka nagaa ta’u godha; Safuun uumamas ni eegama. Dhaamsi yeroo gannatti dhihaatan, Irreechaa Arfaasaa irratti darbus kanuma akeeka. Hojiileen kunneen ganna keessa hojjanne, qorra hamaa sanas qaamaa fi qalbii keenya irraa ittiin haa dhoowwinu; hojii xiqqoo kana hojjachuunis magariisummaa Oromiyaaf gahee keenya haa gumaachinu!!

Leave a Reply

Your e-mail address will not be published. Required fields are marked *