Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

Dr. Lookoo Duubaa: Hojii boonsaa fi fakkeenya guddaa!

Dr. Lookoo Duubaa nama Oromoo jaalatte biyya warraafi maatii ofii caalchifattee Oromoo filattee ummata Oromootiif hojii boonsaa hojattedha.

Dr.Lookoo Duubaa lammii biyyaa Jaappaan;  bara 1979 dhalatte. Umurii ishii keessaa waggootaa 24 barnootarraatti dabarsite. Umurii daa`imummaarraa eegalee seenaa qorachuuf fedhii addaa qabdi ture. Fedhii ishii kana dhugoomsuuf digrii jalqabaa akkuma xumurteen biyyoota guddachaa jiraan keessatti jiruufi jireenya hawaasaa horsiifatee bulaa qorachuuf karoorfatte. Biyyoota horsiifatee bulaan bay`inaan keessaatti argaman keessaas Itoophiyaa filatte.
Qorannoo ishii eegaluuf maallaaqni guddaan akka ishii barbaachiisu hubattus hin qabdu turte. Qabeenyi isheen of harkatti qabattee ture dandeettii fedhiifi hawwii qofa. Qarshii hojiif ishii barbaachisu argachuuf mala dhahuun dirqamte. Wayta sanatti biyyaa ishiitti maallaaqa karoora ishii ittiin milkeessitu argachuuf carraan qabdu hoteelaa keessaatti keessummeesituu taatee qacaramuu qofa ture. kanuma dhugoomsite. Fedhiifi hawwiishii onneerratti qabattee hojii osoo hin tuffatin hojjechuun maallaqa kafalamuuf kuufatte. Qarshiin kuufatte garuu gahaa hin turre. Ta`us abdii hin kutanne. Ariitiidhaan hojii lammataa hojjechuuf murteessitee galaana keessaa qurxummii kiyeessuun magaalaatti geessuun gurguuruu eegalte. Kanaan booda gargaarsaafi deggarsa tokkoo malee qarshii hojjettee qusatteen qorannoo ishii eegaluuf gara biyya Itoophiyaatti imalte.

Daawwaannaa yeroo gabaabaaf taasiifteen uummata aadaa miidhagaa hawwataafi makamaa hin qabne; keessummaa gammachuufi kabajaan ofiitti fudhatee jaalalaan simatu gammoojjiin Oromiyaa naannoon horsiifatee bulaa Booranaa hangafticha Oromoo miiraafi qalbii ishii booji`e.

Haaluma kanaan qorannooshii haala rakkiisaa kamiyyuu keessatti aadaafi seenaa ummataa Oromoorratti hojechuuf murteeffatte. Murteesheetiif bu’uura kan ta’eef sammuun ummata oromoo kitaaba warabbamnee hin dhumne ta`uu amanuu ishii akka ta`e irraa deeddebi`uun dubbatti. Akkataa kanaan biyyaa Jaappaan baddaa Osakaatii dhuftee gammoojjii Oromiyatti qorannaa ishii itti fufte. Waggaata kudhalamaaf naannoo Oromiyaa godina Booraanaa Gumii Gaayyoo qubate. Carraa kanaan Oromootis makamte, Rakkoofi bal`oo gamachuufi gadda qoodachuun jiruu ummatichaa jirachuum hojii eebbifamaa hojjachuun milkoofte.

Ummataa aadaa boonsaa qabuufi addunyaaf fakkeenya ta`erratti qorannoo hojjechuun waltajiiwwaan idil addunyaarratti dhiyeessuun beekamtiifi dinqiisifannaa argatte. Qorannoon Dr.Lookoon dhiyeesite gaaddisa Oromoo jala teessee turjumaanaan osoo hin taane afaan Oromoo barattee Oromoo fakkattee osoo hin taane Oromoo taatee abbootii Gadaa maanguddootaafi haawwootiirraa seenaa aadaafi dhuudhaa ummatichaa gadi fageenyaan barattee, qorattee masterii fi PHD ishii ittiin argatte.

Yeroo ammaa kana kitaabota lama xumurtee sadaffaa eegalte jirti “The Oral chronic of Borana in the southern Ethiopia” jedhu kana barii Sirni Gadaa UNISCOn beekamtii argatee galmaa`eetti “gammachuun gammachuu fiixaan bahu haa taatu” jettee ifatti addunyaaf gumaachite.

Kitaabni Dooktar Lookoo Duubaa (Dr.Chikage Oba-Smidt) “The Chronicle of the Boorana in the southern Ethiopia” kunis Finfinnee Giddu-Gala Aadaa Oromootti keessatti Muddee 06 bara 2009 eebbifame. Ebbicharratti hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa aadde Loomii Badhoo, qooda fudhattoonni, hayyoonni yuunivarsiitii Finfinnee, barreessitoonni, keessummoonni biyya Jappaanii fi hirmaattonni argamaniiru. Kitaabnii kun Fuula 774 kan qabu yoo ta’u, kitaaba kana barreessuuf waggaa 11 akka iiti fudhates Dooktar Lookoon dubbatteetti.

Akka hayyoonnii fi barsiisonni Yuunivarsiitii Finfinnee ibsanittis kitaaba kana adda kan godhu dhiibbaa fedhii qaama barreeffameetin kan barraaye ta’uu dhabuu fi sadarkaa idil aaddunyaatti afaan Ingiliziin deeggarsa biyya Jaappanii fi Jarmaniitin kan maxxanfame ta’uudha jedhan.Kitaba lammaffaa immoo dhiheenyati akka maxxansan Dooktar Lookoo Duubaa ibsaniiru. Dooktar Lookon kitaaba kana Mana Kitaaba Giddu Gala Aadaa Oromootiif kennaadhan laataniiru. Hojii hojjatte kanaanis Dooktar Lookoo Duubaa (Dr.Chikage Oba-Smidt) badhaasota gurguddoo lama mootummaa Jaappaanirraa argatteetti.

Mqaan dhalootaa Dr.Chikage Oba-Smidt kan ta’e hayyuun kun ummata Oromoo Booranaa biraa maqaa moggaasaa Lookoo Duubaa jedhamu argatte. Sababni moggaasa kanaas akak hayyuun kun nutti himtetti, afaanii fi aadaa Oromoo jaalalaan, “qaraa Dubuluq, booda Gaayo achi baaddiyaa taahee jiraadhee jireenna Booranaa baradhe. Akka namii bisaan dhaqu, qoraan dhaqu, okhaa dhaqu, gabayaa deemuu fi afaanillee baradhee aadaallee baradhe.Qaraa akka Booranni dubbatu barachuu fedhaa jedhee baradhee kitaaba barreesse.”

Achii lafa hedduu deemtee ganna tokko achi teettee waan achii baratteen digrii lammeessoo Master degree aragatte. Achii ammoo Dirree, Dubuluq, Dilloo, Meegga , Dhaas,Waacille, Borbor, Areeroo, Yaaballoo fiLiiban dhaqee aadaa baradhe jetti. Lafa tana cufa keessaa deemee jaarolee argaa dhageettii, jaarrolee himnaa 46 wa gaafatte barreessite. Waan gaafatte ammoo akkuma jarri afaaniin itti himeen adoo womaallee hin jijjiirre kitaabairratti deebifte. Waan barreessite kana fuulii 500 irratti fuula 300 irrattiwaan haga Boorana keessa jiraattee argitee fi waan dhageette irratti yaada ufi itti dabaltee barreessite Dr.Lookoon. Fkn akkana fa jettee ufi gaafatte,”Booraniibara qubeen hin barreessinetti akkamitti afaanumaan seenaa dabarsuu dandahe?” Kitaabii fuula 800 kun haga guddaan waan Gadaa, Himna Raaga Booranaa, maqa-baasa ijoollee Booranaa, Raaga Booranaa,jabaa fi janna Booranaa, Geerarsa Booranaa, Jeemuu fi Goba faa keessatti barreessan.

Yoo waan seenaa abootii Gadaa barreesstie ammoo abbootii gadaa cufaa 70nuu, Gadayoo Galgaloo(abbaa Gadaa Booranaa ka qaraa)tii haga Guyyoo Gobbaa (abbaa Gadaa Booranaa ka ammaa)tti maqaa barreessitee waan bara sun keessa tahe hamtuu-toltuullee walumaan barreessite. Jabaa-Janna Booranaa isiin barreessite keessaa ka durii Diidoo Gaawwalee, Saalaa Annaa,Waaqolee Booraa, Mardaayyee Dooyyoo Boosoo, Diidoo Saddeetii.

Raaga Booranaa ka durii ka isiin barreessite ammoo Morowwaa Uchumaa, Alii Boddee,Waariyoo Udatee, Boruu Jiloo-Walee, Areeroo Boosaroo,Kibboo Abbaa-Hareetii fi Waariyoo Baabboo fa.Kitaabii Dr.Lookoon kun 2015 keessa Jermen keessatti bahuuf deema. Dr. Lookoon hujii Booranatti hojjate fixannaan aadaa Oromoo Arsii fi Raayyaa barachuuf deemti.Maaf akkana aadaa Oromoo jaalatta jennaan “Fedhii..fedhiin tun eessa adhufte yo jette waaqatti naa kenne.Ka warra Oormo kun guddo aadaadansaa qaba. Maanguddon Oromoo mataa keessaa haasaa dansaa qabdi. Akka malee kana jaaldha.”

Hojii fi tattaaffiin hayyuu kanaa waa hedduuf fakkeenya gudda adha. Namuu bakka jirutti, yoo jabaatee hojajte milkie hin dhabu. Kaayyeffataniifi xiiqeffatanii hojii tokkorratti yoo bobba’an milkaa’uun akka dandaa’amus hojiin hayyuu kanaa raga jabaa dha. Dhaloonni keenya ammaas hojii boonsaa akka Dooktar Lookoo Duubaa (Dr.Chikage Oba-Smidt) kana irraa waa hedduu barachuu danda’a: hojii fi xiiqiin milkie qabu. Hojiin hayyittii kanaas hojii dheeraa, boonsaa fi mul’ataa dha.