IRREECHAA FI GADAA

Charinnat Hundeessaatiin*

49e6c92010764348f7aac47a5db853a3_XLAyyaanonni biyyoota adda addaatti kabajaman nageenyarratti miidhaa qabaataniyyuu hanga ammaatti kabajamaa jiru. Jibbiinsi ayyaana Irreechaa garuu otoo miidhaa tokkollee hinqabaatiin jibbiinsa namoota dhuunfaarraa ka’eedha. Kun hacuuccaa tureedha.

Ilaalchi mootummaa bira jiru hanga tokko jijjiirameera. Karaa namoota dhuunfaatiin barumsi baay’een ilaalcha jijjiiru kennamuu qaba. Kitaabni kun ilaalcha kana jijjiiruu keessatti gumaacha gaarii kan qabuudha.

******

-Kitaabni kun qorannoo biraatiif daandii kan banuudha. Dhiibbaan yeroo dheeraaf ture ummanni Oromoo aadaa isaa akka gatu taasiseera. Barreeffamoonni waa’ee Irreecha Hora Harsadii ibsan bal’inaan waan hinjirreef qorannoon kun barumsa guddaa kan kennuudha.

(Yaada namoota kitaabicha dubbisanii)

-Kitaaba xiqqaa kana barreessuuf kan na kakaase ilaalcha badaa kabaja Ayyaana Irreechaarratti namoonni hedduun konkolaataa keessattis ta’e daandiirratti yoo haasa’an dhagahuu kiyya. Kanaafuu ilaalcha kana jijjiiruun kan danda’amu madda isaa akkan barbaadu nan taasise.

Kanaanis hamman danda’e tuttuquu yaaleera. Kitaaba kanarratti yaada hayyootaafi ummatarraa naa dhiyaatuun akkasumas hayyoonni seenaa yoo irratti hojjetan hundee ilaalcha dogoggoraa kana ni gogsina jedheen amana.

(Barreessaa kitaabichaa)

Yaada seensarratti eerre kana qola duubaa kitaaba: IRREECHAAFI GADAA Obbo Caalaa Soorii, Bareessaa Caffee Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromootiin barreeffamee yaa’ii dhiyeenya Caffee Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo Riizoortii Sodareetti taa’amerratti eeebbifamee iftoomerraa fudhanne.

Akka barreessichi jedhanitti, kitaabasaanii lammaffaa waa’ee Irreechaafi Sirna Gadaa Oromoorratti xiyyeeffatuufi gatiinsaa qarshii 60 ta’e kana waggaa tokko keessatti barreessanii xumuran.

Bardheengaddaas kitaaba, “Irreecha Hora Harsii” jedhamu maxxansiisanii dubbistootaaf kan dhiyeessan Obbo Caalaan, innis waa’eedhuma Irreechaafi dhimmoota isaan walqabatanirratti kan xiyyeeffate ta’uusaa eeru.

Kitaabni, IRREECHAAFI GADAA kan xiyyeeffate walitti hidhamiinsa sirni Gadaa Irreecha wajjin qaburratti, Irreechi eenyuun akka ogganamuufi kkf irratti akka ta’es ni eeru. Kitaaba fuulawwan 159, boqonnaawwan saddeet, matadureewwan adda addaa 45, akkasumas wabiifi odeeffattoota qabate kana ilmisaanii maallaqaan gargaaree kan maxxansiiseef ta’uus ibsaniiru. Dhaabbanni maxxansaa tokkos kan isaan gargaare ta’uu ni dubbatu.

Kitaabichi Biiroo Aadaafi Turizimiitti kennamee gaafa ayyaana Irreechaa akka gurguramu hayyamamuusaas eeranii, kitaabichi waa’ee aadaafi seenaa sirna Gadaa bal’inaan kan balballoomsu, akkasumas waa’ee Sirna Gadaafi Irreechaa sirriitti kan qabateefi maalummaa Irreechaas gadifageenyaan kan ilaaleedha jedhanii, yaada Irreechi aadaadha moo amantiidha jedhurrattis hiikni waliigalaa kan kenname ta’uu eeru.

Kitaabni suurawwaniifi ibsituuwwan adda addaatiin waa’elchamee dhiyaate kun akkuma barreessichiifi namoonni kitaabicha dubbisan irranatti jedhanitti, yaadota adda addaa Sirna Gadaa Irreechaarratti kennamaa turaniif deebii kan kennuudha.

Kitaabni nama digrii 2fa, “Cultural and Educational Work” jedhamuun qabaniifi hayyuu dhimma aadaa Oromoo gadi fageenyaan qorataniifi beekaniin barreeffame kun hayyoota, barrattoota Sirna Gadaafi Irreecharratti qo’annoo bal’aa geggeessuu barbaadaniif akkasumas dhaabbilee miidiyaa gara garaatiif akka ka’umsa cimaatti kan gargaaruudha.

Nutis barreeffama keenya kana kitaaba, IRREECHAA FI GADAA, Boqonnaa Afur, fuula 54 irraa dubbisne isin dubbisiisuun goolabna.

Gaafii Amantii: Irreechi aadaadha moo amantiidha? Gaafiin namoota baay’ee walfalmisiisu, Irreechi aadaadhamoo amantiidha jedhuudha. Namoonni tokko tokko aadaan waan biraati, amantiinis waan biraati, kopha kophaa jiru jedhu. Namoonni gara biroon ammoo aadaafi amantiin addaan hinbahan, walkeessa jiru jedhu. Walmormii yaadaa kanaa namoota kanneenii ifaan kaa’uuf gaafiilee armaan gadiitiif deebii kennuu barbaachisa.

Aadaa, Irreechaafi Amantii jechuun maal jechuudha? Akkamittis ibsamu? Gaafiin hunda dura deebii argachuu qabu jecha “Irreecha” jedhuudha. Irreecha jechuun margaafi daraaraa keelloo Waaqaaf aarsaa kanfalamuudha. Margaafi daraaraa san iddoo gahuu qabu geessanii Waaqa ittiin galateeffatanii ittiin kadhatu.

Daraaraa keelloo Irreecha birraa qofarratti ittifayyadamu. Bona hinmargu waan ta’eef malee dhorkaa hinqabu. Irreecha margaa garuu maanguddoonni yeroo eebbisan harkatti qabatu. Namoota walitti araarsanis marga jiidhaadhaan harka walfuusisu.

Aadaa jechuun hoo maal jechuudha? Namoota hedduu biratti aadaan matasaatiin akka itti hubatamaa ture sochii aartiifi hambaa qofa taasisameeti. Kun dogoggora. Aadaan jiruufi jireenya dhala namaa kan walitti qabuudha. Guddinni dhalli namaa dhalootarraa dhalootatti taasisaa dhufe hundi aadaasaati. Sirni waaqeffannaas aadaa keessatti kan hammatameedha. Kanaafuu Irreechi sirna aadaa Waaqeffannaa keessaa isa tokko.

*Madda: Gaazexaa Bariisaa