Qubsuma Ardaa Badhaasaa

Qubsuma Ardaa BadhaasaaArdaan Badhaasaa godina Booranaa aanaa Areeroo ardaa Haroo Diimtuu keessaatti argama. Ardaan kun magaalaa guddittii godina Booranaa Yaa’a Balloo irraa gara bahaatti fageenya  km 95 irratti argama. Aanaa Areeroo irraa gara dhihaatti  km shan irraatti argama.

Ardaa badhaasaa jechi jedhu badhaadhina jecha jedhu irraa dhufe. Jiltii Ardaa kanatti jilatamtu jila badhaadhinaa, nageenyaafi misooma barbaaduu ti; jila jiru jireenya amansiisaa jiraachisuu ti; jila nagaa Booranaa ti; jila nagaa Oromoo ti. Jilti kun kan nageenyaa, misoomaafi badhaadhinaa waan taateef ardaa kanaan badhaasa jedhanii kan moggaasaniif.

DOORII

Dooriin Sadarkaa Gadaa seenuuf waan qophoofteef Gadaan warraa Gadaaa uumaafi uumamnii badhaadhee, Gadaa waaqnii itti nama badhaasu taasisuuf kadhaa waaqaa ardaa badhaasaa kanatti geggeeffama.
Aadaa Ummata Oromoo keessaa hangafti, Aadaa Sirna Gadaa Oromootii.Gama biraatiinis Ummata Oromoo Booranaa biratti hangafummaan Uumamamalee, walcaalmaa Umriiniimiti. Angafummaan nama wal hincalchisu.

Garuu, bakka taa’umsaa irraatti, eebbaa irraatti, dura dubbaachuu irratti, carraa namaa kenna malee olaantummaa hin agarsiisuu. Waaqni waandura isaan uumeef qabaa, isaan dura haa dubattan jedhameeti malee, hiikaa biraa hinqabu.

Yaa’ii Doorii koree hayyuu jaha(6) ofkeessaa qabuun bula. Jarreenkun olaanaafi gadaanaa odoo hinta’in walqixummaatti walkabaju.

Wal’ajajuun hinjiruu.Murteen muramu heddumminaan (majority rule) ykn wal amansiisuun murama.

Jarreen jahan kunniin gosalamaan (Sabboofi Goonaa) keessaa sadii- sadii tahani filamuun qindoomuu.Ummanni Oromoo Booranaa yeroo jilaa qofa osoo hinta’iin qubsumaan walhangafu.
Qubsumnii hangafti mirgaa gara bitaattii deema.Hangaftii mirgaan yooqubatu, maandhaan/quxisuun bitaan qubata.

Qubsumnii Ardaa jilaa badhaasaa kan butte dhaabuu akkaataa aadaatiin mirgaa gara bitaattii hangaftittiin Adulaa yaa’aa kanaatiin lama-lamaan gosa hedduu ofjalatti qabatee qubata.

Yaa’a waliin qubatu kana hangaftii yaa’aa Arbooraa waan taheef, yaa’ii arboora kan luba kanaa gosa Digaluu waan ta’eef, gosa Maxxaarrii of jalattii qabatee, Abbaa Korma Buttaa dabalatee mirgaan qubata.

Moonaa loonii walitti tolfatu/qabuu. Itti’aansuun adulaan hawaxxuu, Adulaa karraayyuu waliin gosa biraallee dabalatee,moggaa ollaa Arbooraatti aanuun lamaffaarrattii qubatu.

Gama bitaatiin immoo Jiilleen warri gamoojjii adulaa konituufi adulaa Dambituu gosa, biraa dabalatee waliin qubatu.

Garuu qubsumnii kunniin gargar hinfagaatu aadaaf jecha xiqquma wal’angafaan qubatani malee.

Qubsuma Ardaa Badhaasaa

Yaa’i kun maaliif akkanatti qubata gaaffii jedhuuf Abbaan Gadaa damee hawaxxuu Adii Jaldeessaa hoggaa deebisan; “yaa’ii erga jila buttee kana fixateen booda waraana gara gara keeyyata ykn gara gara godaana, akka amma fulaa/eddoo sadii (3) qubanne kana fulaa sadii garaa gara godaanna, yaa’a sadan kana moggaa adulaa fiixee, yaa’a arbooraa taatee kophaa godaanti.

Moggaan adulaa Hawaxxuu; yaa’a Hawaxxuu taatee kophaa godaanti.
Moggaan Adulaa konituu, yaa’a koonituu taatee kophaa godaanti.
Abbaan Gadaa Arbooraa Abbaa Gadaa fiixee lubaa ta’a.
Abbootii Gadaa Hawaxxuufi Konituu lamaanuu Abba Gadaa kontomaa tahan” naanjedhe.Kanaaf yaa’a sadeeniifi Gadaa Sadeen asirraa jalqabu.Kan Oromoon yoo eebbifatu “GadaanSadeennagaa, Yaa’ii nagaa” jedhan amma’ asii jalqabama.Qubsumnii kunniin akka gogeessaatti gargar ta’uu ni danda’a.Garuu kan qubsuma Doorii kuraa jaarsoo akkana fakkaata.

1. Ijaarsa Galmaa
Galmi mana Aadaa guddaa ijaaramee jila keessatti tolfatan/gaggeeffataniidha.Ardaa jilaa badhaasaatti galmii jaaramu lamadha.Galma lamaan keesaa tokkoo Kan Abba Gadaa fiixeettii.Kaan immoo kan galma Butteeti ykn galma Abbaa Kormaa jedhama.

Galma buttee guyyuma ardaa badhaasaa qubatan jaaramee Afaan goodama.Wanni galmi buttee guyyumasana afaan goodamuuf galgaluma kana butteen waan keessa dhaabbatuuf xumuuramuu qaba.Guyyaa godaannaa dongorani/dhaabanii qubatan dhiirtii dongoraa gad-horfitee yoojettu, nadheen ollaa suniifi kan jila kanaaf olloota qe’ee irraa dhufan hunduu itti bahee ijaara.Galgala gulantaa keessa kaa’u.

Halkan sa’aatii loon elmanitti yaa’i buttee keessa dhaaba.Buttee gulantaan duuba miil-jalootti dhiheessuun qotiitti hidhu.

Doorii kuraa jaarsoo yoo galma jaaraa jirtu.
Figure 1.Yoo Galmaa Dongoruutti jiran.
Figure 2.Yoo Galma Jaaraa jiran
Figure 3.Yoo Galma Afaan Goodan.

Galma fiixee:-Galmi kun guyyuma Ardaa Badhaasaa qubatan dongorannii dongoraa dhiirti gad-dhooftee yoojettu nadheen ijaartii. Ijaarsi’isaa guyyaa kudhan fudhata.Wanni guyyaa kudhan jaaraniif Sirbaa Aadaa waliin deemsisuun guyyaa xumuura isaa waliin fixan.Kanaaf guyyaa kurneessoo afaan goodamuu qaba.

Dhuma guyyaa sirbi lafa dhawee/xumuramee yoojedhu, Jaarsa Mana Galmaa manaatti galchan.Akkaataan ijaarsa galmaa kunniin Gadaa-Gadaatti garaagarummaa qaba. Garuu kan asirratti barraa’ee taa’u kunniin ijaarsa galma kanaa, Gadaa 71ffaa ykn Doorii kuraa jaarsoo qofadha.

ardaaaa.jpg

Jaarsa mana galmaa callisanii hinfidan. Ollaa yaa’a kanaan alatti jaarsa duraan mataa buufate ykn Gadamoojjii ta’e filanii gosa Sadi(3) irraa filanii akka isaan kun jila kana Obbaasanii turtii jilaa dhibaayyuu akka isa galma keessa bulanii’oolan tolfatu. Wannii jaarsa mataa buufate qofa tolchaniif/godhaniif; Jaarsii mataa buufate cubbuufi yakka adda addaarraa bilisa waan ta’eef jila kana qulqullummaan akka gagessuuf filatama.

Jaarsi Mataa Buufate umurii dheeraa waaan qabuuf waan aadaa jilaa gadifageenyaan beekuuf jila kana jaarsa gorsaa tahanii akka qajeelchaniif barbaadamu.

Jila buttee keessatti jaarsa mana galmaa gosa sadi keesaa filachuun akka jila kana gaggeessaniif ni filatamu. Isaaniis:-

1. Maliyyuu
2. Digaluufi
3. Karrayyuudha.

Warroota ykn Jaarroota mana Galmaa akkaatuma Ummanni Oromoo hangaftittiin waan cufaa tolfattu, innis wal hangafaa. Jaarsii gosa maliyyuu hangafa yoo ta’uu, kan Digaluu itti aana, maandhaan/quxisuun karraayyuudha.

Akka jecha hayyootaatti jilarratti yoo bakka bu’aan gosa tokkoo jilarraa hafe, gosusuma biraarraa bakka buusuun, namuma gosa biraarraa gosa hafe kana bakka buusan gostikee maal jedhanii yoo gaafatan, kan inni himatu gosa isaa odoo hinta’in, gosa bakka bu’e sana himata. Fkn:-Maliyyu hafnaan gosti Dambituu yoo bakka bu’e, bakka bu’aan kun gosa isaa yoo gaafatan Dambitu osoo hinta’in Maliyyuu himata.

Jaarsa mana galmaa guyyaa dhuma Sirba Saddeettanii (8) tanii (Guyyaa Ruddii) galgala galma afaan goodan (xumuuruun) loon galchaatti wayta loon manatti galtu keessa galmatti galchan.Yeroo galchan muuda aadaa dhawachaa/sirbaa/ galchan.Ollaan akkuma jirutti bahee muuda Sirbaa Galma Abba Gadaa olseenan.

Warri Jaarrootaa warruma waliin sirbaa galma seenu.Achumaan galmatti hafuu.Guyyaa Sanaa jalqabee halkan cufaa hanga jiltii obbaatutti galma keessa bulaa, guyyaa’immoo moonaa dhibaayyuu keessa dhibaayyuu waliin oola.

Fakkeenyaaf muudnii gosa heddutu jira. Isaan keessaa:-

Muuda——————————— Oo hoo hidda muunnaa
Muudii aadaa qabaa ————— haa hoo hiddaa muunnaa
Waan muudaniin qabaa———— haa hoo hiddaa muunnaa
Didhaan takka baatee————– haa hoo hiddaa muunnaa
Takkaa dubbiin taate ————– haa hoo hiddaa muunnaa
Fooyee godaanee ———————hoo hoo lemmoo
Didhaan takka baatee—————-lemmoo
Takka duubaan teetee————— lemmoo
Daamara sabboo ——————– lemmoo
Mootii fulleellee———————- lemmoo
Marmaaraa gooroo—————— lemmoo
Jiltii baatii baatee——————– lemmoo
Abraasaa godaantee—————– lemmoo
Abraasaa gadoomaa—————– lemmoo
Gadaa turtiin muudaa————– lemmoo
Gadaan guutuu soqaa————– lemmoo
Yaa’ii naannoo soqaa —— lemmoo
Soqolee oblatee —– lemmoo
Soqoo dachaan lamaa ——-lemmoo
Kophee kaltuun lamaalemmoo
Harkaa laduun lama ——–lemmoo
Qa’ ee Gaangeen lamaa lemmoo
Karra guddaanlamaa lemmoo
Adda ganyaan lamaa lemmoo
Morma buuran lamaa – lemmoo
Hariirticha gaafaa karaan kee liiban- lemmoo
Liibee tiyyaa faarsaa lemmoo
Laduun harrootaa lemmoo
Muuda aadaa qabaa — lemmoo
Oolee didhaa qabaa lemmoo
Didhaan takka baatee lemmoo
Takka duuban teettee – lemmoo
Nama muuda oolelemmoo
Didhaan jilba geette – lemmoo
Didhaan ilmaan geettee — lemmoo
Muuda nuuraan foo’ii lemmoo
Nuurtuu dallansiisii — —- lemmoo
Tiittii roqomsiisi — lemmoo
Tiittee koolii dhibbaa lemmoo
Tiittii dubbiin dhibbaa lemmoo
Dhibba kee hin herrennee -lemmoo
Waan jilaa hinherreennee lemmoo
Jiltii baatii baatee lemmoo

Muuda2ffaa
Gadaan gadoo —————————— midhaafate goodaa
Bokkuu koonnoo————————————midhaafate goodaa
Koonnoo bonaan raasee jaaloo——————-hoo odituun dagaagaa kuraa
Gadaan gadoo—————————————-midhaaffatte goodaa
Furmaatii roobinnaa jaaloo————————-hoo odituun dagaagaa kuraa
Gadaan gadoo—————————————–midhaafatee goodaa
Bokkuu waarsoo ————————————–midhaafate goodaa
Waareen ganna misaa jaaloo————————odituun dagaagaa kuraa
Gadaan gadoo —————————————midhaafate goodaa
Bokkuu waarsoo —————————————hoo hoo
Tabonaa furmaata jaaloo——————————hoo Odituun dagaagaa kuraa
Gadaan gadoo ——————————————midhaafate goodaa
Bokkuu waarsoo —————————————-hoo hoo
Roobee lolaasinaa jaaloo——————————–hoo odituun dagaaga kuraa

Akkaataa kanaan muuda dhawachaa jaarsa mana galmaa olnaqu.

Jaarsa Mana Galmaa yoo galchan
Jaarroota Sadeen (3) n kana ni nyaachisuu, aannaniifi foon ollaan hunduu kennaaf.Ganamaafi Galgala dubartootnii aannaan okoleen qabatanii dhufaniin ciicoo warraaf qophoofteetti naqan. Yeroo naqaan akkas jedhuu “hoo siigumaachaa”jedhu.Jaarsi mana galmaa akkas jedhee deebisaaf “bonaa ganna gumaachi!” jedhee eebbisa.

Jaarsa mana galmaa hin albaasan jedhan aannaan quubsuun.Hojiin guddoon jaarrota kanaa jillii kunniin akka hin dogoggoramne niqajeelchu, nigorsuu.Jaarroleen kunniin aadaafi tartiibaa jilaa waan beekaniif Abbaan Gadaa waan jilaa gaafata.Kitaaba Aab Jaatanii Diidaa Haaromsa Aadaafi Seenaa Booranaa jedhu keessaatti akkana jedha.

Abbaan Gadaa “Jaali Abbaa Jiloo, jiltii maalti as’aanaa?” jedheeti gaafata.Jaarsii immoo, “roobaafi nagayaa, obbaatii jilaatii” jedheeti tartiiba jilaa itti hima.Kana duuba akkuma itti himaniin Abbaan Gadaa waan jilaa hojjachuu jalqaba.Haaluma kanaan hanga jila keessaa bahanitti waliin jiraachaa Abbaan Gadaa waan beekullee aadaaf jecha jaarsaan qajeelfama.

Kun immoo adoo beeknuu yaada nama biraa darachuu/dabalachuu/fi jaarsaa eddoo kennuu qofaamiti, namnii hayyuu-makalaa kan yuuba keessaa gooroo godaanee akka aadaa baratu dhageessisuu ykn barsiisuu namatti agarsiisa.

Jaarsi mana galmaa akkuma beekamu guyyaa galma jaaran irraa ba’anii duuba aadaa isaanii uyyisaan/uwwisaan galmatti galchan.Jaarsa isa angafaa uwwisnii isaa wayaa lama,kan itti aanuu akkuma isaa wayaa lama argatee, inni maandhichii (quxisuun) wayaa tokkoon galmatti gala. Jaarsi mana galmaa waan jila dhufeef hanga guyyaa dhibaayyuu keessa jiranitti galma keessatti siree jaaraniifii gara dhibaayyuu malee mana nama biraa hinseenu.

Kun kan ta’eef idanaan ykn horiin isaan qalan bifa kaattoon yaa’a keessa dhiheessaniif. Garuu jaarsi mana galmaa kun akka kan yaa’ a Arboora shanachaa hayyuutiin qooddachuuf adulaan kontomaa lamaan yaa’a keessaa tokko qofa waan ta’eef, yaa’a isaanii fulaa/bakka sadiitti (3) tti qooduun akka kunuunsa jaarsa mana galmaatiif toltu taasisu.

Fkf mi’a isaan ittiin soratan kan akka kubbaayyaa shaayyii, buduunuu bunaa, qorii nyaataafi ciicoo kan hinhafne dhiheessaniif. Aadaaf jedhanii odoo aannan jiruu horii qalaniif aannanciicoo guutan malee,nama cufa/ mara waliin soratu.Garuu ciicoo aananniin gumaachaniif cufaa foon kutanii keessa buusanii waliin galchan.

Dhibaayyuu doorii waliin moonaa dhibbaayyuutii bahuun,dhibaayyuu waliin dhibaafachaa oolu.Moonaa dhibaayyuutti, dhibaayyuu qajeelcha.Yoo dhibaayyuun xumuramte jaarrota tana horii qalaniifii nyaachisanii quubsan.Horiin jaarsa mana galmatti qalan Kun idana jedhamu akka kaattootti namuu qalaaf. Foon idanaa kana nyaatanii quufanii ganama ka’anii eebbifatanii, kanyeroo jalqabaa Ororoon galchan, amma immoo waraanaan gara warra isaanii galchan.

2. Dulacha Saamphuphaa

Dullachi saamphuphaa guyyaa Ardaa badhaasaa qubatan galgala guyyaa gula/hundaqalama.Yaa’a doorii keessaa akka kaattoottinama tokkoon kenamee karra Abba Gadaa fiixee duratti qalama. Dulacha saaphuphaa akka hulluuqootti waan ilaalamuuf jalqaba jilaa isa qalan.

Sababni dulacha saaphuphaa qalaniif “wallaallii akka saaphuphaa mataa namaa keessa jiru kan namni homaa arguu hindandeenye cufa nama keessaa ba’ee, warri jilaa waan beeku akka qabatan, waan isaan agarsiisan akka argan, waan itti himan akka baratanifi dhagahaaniif jedhanii waan amananiif jila kana duratti dulacha kana qalu.

Dullachi saaphuphaa kun aadaaf dulacha haa jedhamu malee, raada ykn jibicha ta’uu nidanda’a.Yaa’ii bahee akkaataa hangaftittii isaatiin hariirratee/eebbifatee, waaqa ofii kadhatee qalata.

Dulachi Saamphuphaa foon isaa yoo qalamu mana Abbaa Gadaatiin hingalani, gara mana bokkuutti galaniinii achiitti dhaabbatanii nyaatan.Maaliif foon sa’a kanaa mana abbaa kennee dhiisee mana bokkuutti gala gaaffii jedhuuf, jila kanaaf akka Aadaatti Abbaan jilaa bokkuudha, kanaaf bokkuun mana isaatti dhaabee uummataan gololchan.Hanga foon hundii manatti galutti namuu bakkuma sana taa’ee eega.

Akka agartan kanatti dulacha saaphuphaa jalqaba jila ardaa buttee, guyyaa (saafaa) loon keessa galchan buttumee moonaa loonii durattii hariirratanii qalatan.

ardaaa.jpg

Madda:-Bonayyaa Diidoo (Unpublished Paper); Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa