Seemaa: Falaasama seera uumaa fi uumama Oromoo

(Oromedia, Finfinnee, Gurraandhala 17 ,2017)-Oromoon waan walaabuu keessa jiru mara akkatti huabtuu fi sirneessu qaba. Akka ilaalchaa fi hubannaa Oromootti, waanti marti seera ittiin uumame, seera ittiin masakamuu fi dhalootaa dhalootatti diroo darbu qaba. MAddi seerotaa fi sirnoota kunneenii, akka hubannaa Oromootti, Seemaa dha. Seemaan seera uumaafi uumamaa ti. Barruun kun  Seemaa kan Waaqni akkaataa itti uumama mara uumeefi dhugaan Waaqaa akkamiin mul’achuu akka eegale bal’isee ibsuu kan of keessatti qabateedha.

Seera uumaafi uumamaa Oromoo keessatti wanti gaafatamuufi iyyaafatamu hedduu ta’us kan “Waaqni maali? Maaltu waan hunda uume?” jedhu yeroo baay’ee dursee kan ka’uudha.

Nama jiraachuu Waaqaa amaneef immoo gaaffiin ittaane ka’u, “Uumamni akkamiin dhufe? Seerri Uumaa-uumamaa hoo akkami?” kan jedhutu ka’a. Kanaaf, akka Waaqeffannaatti dhimmi guddaan waa’ee SEEMAA beekuudha. Seemaa jechuun seera uumaa-uumamaa kan akkaataa uumamoonni itti uumaman mul’isuudha.

As keessatti wanti himamu hedduu ta’uu mala. Hunda dura garuu addunyaa (Daaniyaa) keessa jirru ilaaluun barbaachisaadha.

Akka seera Seemaatti, Waaqni jalqaba walaabuu uume. Walaabuun many’ee uumama maraati. Walaabuun bishaan ture. Waaqni walaabuu bakka lamatti qoode: Dacheefi Ruuda; Dacheen bishaan jalaati; Ruudi bishaan gubbaati. Dachee iddoo lamatti qoode: bishaaniifi lafa godhe. Ruuda many’ee lubbuu immoo bakka sadiitti hire: Aduu, Baatiifi Urjii jedhee.

Akka amantii Oromoo Waaqeffannaatti Waaqni waa hunda dura ture. Waaqa dura kan ture hinjiru. Waaqni fedhiisaatiin wantota kuun tolche; waa tolchuu kan eegales Walaabuu yayyabuun ture. Walaabuun bishaan ta’ee uumame. Walaabuun kan uumame akka bishaan madda waan hundaa ta’utti. Waaqni kan Walaabuun akka bishaaniitti kan uume bishaan madda jireenyaa ta’uu waan beekuuf ture.

Akka Waaqeeffattootni amananittis Walaabuun madda waa hundaati. Kanaaf, Oromoon Walaabuu jalqabaan kan waamus HORA WALAABUU jedheeti. Horri Walaabuu kunis mil’uu Waaqaatiin bakka lamatti bahe: Dacheefi Ruudatti. Akkanaan Waaqni waan jalqaba waa hunda uumuusaa Yaayyaa Shanan tolchuun akeekasaa marabbeesse.

Waaqni yaayyaa shanan erga uumee booda dhala namaa uume; Waaqni raajiisaas Walaabuun bakka lamatti hiree, achiin kan bishaan gubbaa uumuu jalqabe. Bishaan gubbaa keessattis wantota sadii guyyaa sadii keessatti tolchee raawwate. ”Waaqni guyyaa jalqabaa waantota Ruuda keessaa kan duraan tolche, aduu mul’ise. Guyyaa kanaanis Aduu Lafaa ykn Adulaa jedheen. Halkansaa immoo kan guyyaa lammaffaa galgala mul’ate, innika (Baatii) tolche; Guyyaa baatiin baate kanas Innika jedheen. Achiin Urjii tolche.

Guyyaa ittaanu immoo Bishaan Goodaa bakka lamatti qooduun dursee bishaan mul’ise; iddoo kana immoo duumessaan aguuge. Guyyaa shanaffaatti lafa mul’ise. Gaafa jahaffaa dhala namaa uume. Nama jalqabaanis Horo jedheen. Akkanaan waa hunda guyyaa 27 keessatti uume.

Akka Oromootti namni jalqaba Oddoola Liiban keessatti namni uumame Horoodha. Ummati Oromoos yeroo achii dhufteesaa ibsatu, Horotti galcha jechuudha. Dhugaan mul’ataa jirus Oromoon warra Waaqni jalqaba tolche keessaa tokko ta’uu mirkaneessaa jira.

Uumamni (Nama, Ayyaana, Qaalluu, Ateetee, Siiqqee, Dhugaa, seera Waaqaa, Seera lafaa ,Horii, mukaa, naannawa, Bishaan, Bineensa, Allaattii, fi kkf) hundi cufti waan Uumaa ni dubbata. Lafti yoo goggogu waan himu qaba; mukti yoo lalisu waan raagu qaba; kan afaansaanii beekutti waan himan qaban; waan mil’atan qaban; waan mul’isanis qaban. Oromoon wayita moora dubbisiifatu, eker-dubbistuu bira dhaqee waan jallate qajeelfatu ni mul’ata. Ayyaantuun dubbisee mil’uufi mil’uu hima ture.

Bu’urri amantii Waaqeffannaa Uumaafi seera Uumamaati; kitaabni amantii Waaqeffannaas Uumaafi uumama. Uumamni hundi kitaaba amantii Waaqeffannaati. Kan dubbisuu beeke, uumamarraa Raajiifi Ogummaa Waaqaa dubbisa; Olaantummaa Waaqaa dubbisa; Hayyummaa Waaqaa dubbisa; Seera Uumaa Uumamaa dubbisa; Seera Walaabuu shanan dubbisa.

Waliigala Oromoon haala kanaan uumaafi uumamaaf hiika kenna akkasumas, dubbata. Seera uumaafi uumamaa kanas Daaniyaatiin barreeffatee qaba. Seera kana caalaatti beekuuf Daaniyaa dubbisuun gaarii ta’a.