sirna ayyaana Ateetee godina Wallagga bahaa 

Ateeteen aadaa amantaa waliin kan walfkkaatu ta’ee karaa dubartoonni Oromoo jireenya ishee fooyyeeffachuuf ayyana Haadhaa fi Abbaa ishee wal simsiifattee ittiin Waaqa kadhattuudha. Ateeteen waggaa lama lamaan facaafama Ateetee fachaafachuuf dubartiin tokko ulaagaalee gutamuu qaban duraan dursitee daakuu daakkattee farsoo naqattee waan qalamus niiqopheeffatti.

Kabaja sirna ayyaana Ateetee godina Wallagga bahaa

Guyyaan Ateetee kudha afuritti yammuu galu namni nii waamama kana keessatti Abbaan manaas hirmaannaan isaas bayyeedha.guyyaa ayyaana Ateetee dubartiin Ateettee facaafattu dinqa teessi malee hojii hin hojjattu. Jala bultii ateetee iraa eegalee Sayyuu, Amaatii fi dubartoota ollaatu hojii guddaa hojjatu.

Hojiiwwan kunis bishaan maqaa ateeteetiin malkaa haaraa baafame keessaa woraabanii fiduudha. Dubartoonnis bishaan kana woraabanii yammuu galan weeddisaa gara manaatti galu. Dubartiin ateetee facaafattu kun wantoota isheen eeggachuu qabdu guyyoota shaniif Abbaa manaa isheerraa adda baatee bult,gaaddidduu ykn laguu irraa jiraachuu hinqabdu.

Abbaan manaas horii Ateeteef qophaa’e kanneen akka hoolaa, re’eefi dullacha sa’aa qopheeffatee dhiyaata guyyaan Ateetee boritti yammuu galu haati Ateetee sanaa qayya, urgeessaa, dhadhaafi qorxii bakka tokkotti walitti qabdee dinqa bulchiti.

Haati Ateetees Biddiqqoo afattee dinqa teessi malee hojii biraa hojjachuu hidanddeessu.Biddiqqoon kunis ayyoolee gosa sadituu jira.

Isaanis
 Biddiqoo muddituu –gabaabduu mudhii olitti
 Biddiqoo andaara / giiftii boroo dheera dha
 Biddiqoo boxxolee (kuula gurraacha ,diimaafi adii)

Biddiqqoon ayyoolee kunneen kan hojjatamanu kuula gosa adda addaa irratti baatii ateetee qofa kan uffatamuudha.Abban manaas bakkuma isheen biddiqoo kana uffattee teessutti horii ateeteef qophaa’e sana itti dhiyeessa horiin nii qalama.kana booda waan qalame sana iddoo hunda irraa muranii affeelanii duraan dursa haadha ateeteef kennu.

Isheenis mataashee fi gudeedasheerra erga keessee booda nii facaafatti nii nyaattis erga isheen nyaattee boda dubartoonnis quphananii nyaatu. Kun hundi erga ta’ee booda dubartoonnis Oboo fi Cooratti wal-qoodanii, isaan keessaa filatamanii Marqaaf dhiyaatu, xuwween marqaa ibidda irra kaa’ama.

Isaanis wal-saamanii daakuu fi bishaan itti naqanii marqu. Warri kaan immoo mana keessaa oliifi gadi deemanii akka ayyaanichi dhalatuuf kadhatu ykn jeekkaru. Daakuun marqamus dubartoota sanaan qophaa’a.

Akkaa aadaatti dubartoonnii waamamanii gargaarsaaf waa qabatanii dhufan sun yeroo balbala dura ga’an ni ililchu malee waan biraa hin dubbatan.

Yeroo marqaan bilchaatee ibidda irraa bu’uuf jedhu immoo hundinuu ni ililchu,
Akkas jedhaniis weeddisu;
Maaram yaa mudaayehoo
Facaasaan urgaayewoo

Marqaan sun erga ba’ee booda haadha ateeteetti dura kennama. Isheenis erga facaafattee booda maatii isheef kenniti Kana booda dubartootni martuu nyaachuu danda’u, nyaatanii erga maaddiin ka’uuf jedhee immoo maaddolee weeddisu.

Yaa maaddolee maaddiin waraana tolchewoo
Sarro waraana dhori yaa waaq jedhewoo…
jechuudhaan wal harkaa fuudhanii weeddisanii maaddii eebbisu. Dubartiin sun dhala argachuuf facaafatti yoo ta’es akkas jedhanii dalagu:

Ammoo tarii ammallee tarii
Jalduu biiroo ta’i
Qomaa dugddaatti baadhu
Oolchaa ilmaa nyaadhu

Amma tarii ammallee da’i …jechuudhaan ho’issanii dalagu.kana maraa erga raawwatanii booda dubartoonni gara mana isaannitti galu.

Bulanii qorxii galchuuf jecha deebi’anii dhufu.erga dubartoonni galanii imoo warri dhiiraa eebbaaf dufu isaan abbafi haadha ateetee aannan qabee guutuu qabachiisanii eebbisu.

Isaan dura garuu nyaatanii dhganii jeekkaru.Isaan immoo ayyaana abbaa waamanii jeekkaru Ayyaana abbaa dura yaabee… jechuudhaan jeekkaru.

Adaraa yaalafaa;

Siifan lafallafa…jedhanii wal- jalaa qabanii jeekkaru.Erga kana hundaa jedhanii jeekkaranii immoo sirna eebbaatu raawwata … Akkasiin eebbisu:

Ateeteen ateetee bulchaa bu’ee ha ta’u /haa milkaa’u

Namaan dagaagaa

Horiin dagaagaa…jedhanii erga eebbisanii booda gara mana isaaniitti galu. Ateeteen gaafa guyyaa lammaffaa raawwata waan ta’eef dubartoonni immoo bulanii ganama ka’anii qorxii galchuu deemna jedhanii deebi’anii dhufu.

Qorxii jechuun meeshaa farsoon ykn wanti dhugamu itti naqamudha.Guyyoota lamaan kana keessatti dhugamaa ture deebisanii galchuunis ayyana ayyaana qaba jechuudha .guyyaa kanas akkana jedhanii dalagu:
Ilmoodha yaawaaqa abbaakoo sin waama dhageessaa
Ilmoodha yaawaaq abbaa koo
Ilmoondha maal nama hingoone
Haxaayii nama ciratee
Haasoftee nama himattee…jedhanii waaqa kadhatanii qorxii bakka isaatti deebisu .Guyyaa dhumaa kanas namoonni shan dubartoonni lamaa fi dhiironni sadi haadha ateeteefi abbaa manaa guutuu qabachiisanii ateeteen isinii haa dhaga’u jedhanii eebbisu .isaan immoo lafa taa’anii Ameen jechuudhaan sagalee ol kaasanii dhageessisu ,kun ayyaana ateetee isa xumuraat jechuudha.
Kana booda hati ateetees kaatee mana ishee keessa deemuu dandeessi jechuudha.