Tapha Aadaa Oromoo

Taphni aadaa Oromoo hangafa tapha ammayyaati. Umurii dheeraas qaba. Taphoonni aadaa Oromoo keessaa baay’een isaanii yoo xinnaate namoota lama kan hirmaachisanidha. Gareedhaan kan taphatamus ni jira. Kaayyoon tapha aadaa inni guddaan nama yookiin garee waliin taphachaa jiran injifachuudha. Injifannoo argameenis cimina yookiincaalama agarsiisuudha malee nama yookiin garee injifatame dallansiisuu miti. Akka inni irra deddeebiin taphichatti hirmaatu xiiqii itti uumuudha. Kan injifatames dadhabina isaa fooyyessuun irra deddeebi’ee taphata.

Haaluma kanaan taphni aadaa akaakuu garagaraa fi faayidaa mataasaa danda’e kan qabudha. Taphoota aadaa keessa kanneen akka fiigichoo, wallaansoo, saddeeqaa, qillee, korboo, utaalchoo, facceefi kan kana fakkaatan ni argamu. Taphoonni kunniin kan adeemsifaman namoota lama yookiin lamaa ol gidduutti. Fakkeenyaaf, korboo tapachuuf namni qololchu yookiin darbatu tokkoofi kan waraanu tokko yookiin tokko ol jiraachuun dirqama. Gulufni yookiin gugsiin fardaas kan tapahatamu yoo xiqqaate nama lama ta’uun. Gareedhaanis ni taphatama. Akkasumas, tapha qillee keessatti namoonni qillee garee lamatti qoodamuun taphatu. Baayyinni miseensota gareewwan isaaniitis walqixa. Iddoon taphawwan kunneen itti taphataman dirreedha. Yoo miseensonni garee baayyatan dirree bal’aatu filatama. Yoo muraasa ta’an garuu, dirree dhiphaa ta’errattii taphatama. Tapha aadaa keessaa daakaan bishaaniimmoo kan dandeettiin dhuunfaa ittiin agarsiifamuudha.

Tapha aadaatti taphachuuf gatii guddaan hinbarbaachisu. Tapha aadaa keessatti meeshaaleen ammayyaas hangas mara hinbarbaachisan. Irra caalaan isaanii waan uumamaan jiranitti fayyadamuun kan taphataman. Uffata addaas hinbarbaadan; kanuma qabanitti dhimma ba’u. Bishaan, dirreen, mukniifi fardeen jiraannan warri waldorgoman hirmaachuu danda’u.

Kanneen akka saddeeqaa taphachuuf ammoo hidhannoo wayituu hinbarbaachisu. Kanaafidha taphni aadaa namoota garee kamiiyyuu kan hirmaachisu. Saddeeqni tapha aadaa Oromoo keessaa isa tokkodha. Taphni kun yoomessa keessatti taphatamu, adeemsaafi seera ittiin taphatamus niqaba. Namni mo’ame tokkos haala dabareesaaa eeggatee itti taphatu niqaba. Haaluma kanaan faayidaan inni jireenya dhala namaa keessatti qabu olaanaadha.

Saddeeqni yeroo mara dhagaarratti guyyaa tapha taphatamudha. Dabalataanis, ijoollonni yeroo hedduu horii tikaafi qarree lafa boolli saddeeqaa jirutti taphatu. Kunis, hojii garee yookaan lama ta’anii taphatamudha. Gosa isaa irratti hundaa’uun gola tokko keessa saddeeqni sadiis afuris naqamuu danda’a. Yeroo baay’ee erga facaasaan midhaanii dhumee booda yeroo boqonnaa tapha taphatamudha. Yeroo taphaa sana taphattoonni kan irra caalaa raawwatan jecha caalaa gochaanidha. Jechatti kan fayyadaman yeroo yaadaan wal morman qofadha.

Taphni saddeeqaa adeemsa ittiin taphatamu qaba. Tapha kana keessattii jalqaba saddeeqa afur afur boolla sadeeqqatti naqatu. Itti fufuun gosa tapha taphatanii inni tokko gaafata. Inni faallaan immoo dhalaa jedhee deebisaaf. Sana booda inni jalqaba taphicha eegale boolla saddeeqaa isa duubaan dhumarra jiru keessaa saddeeqa hammaaruun irra firfirsuu eegala. Bakka irratti fixe keessaa hammaarrachaa irra firfirsuun hanga naanna’ee gola qullaa irra ga’utti taphatee boolla qulla irra yommuu ga’u dhaabata. Sana booda inni karaa faallaa isaa ta’ee jiru gola isa dhumaa keessaa hammarratee irra firfirsuu eegala. Sana booda adeemsa gola gola isaanii keessaa yommuu boolli takkaa keessaa hammaaramee deebi’ee afur ta’e fuffudhachaa taphatanii dhumarratti hanga golli isa tokkoo qullaa hafuutti taphatama.

Ittuma fufuun, dhuma irratti saddeeqa nyaatan sana boolla boolla isaaniitti naqatanii inni tokko gola isa tokkoo keessaa lama kessa seenee naqatee sararaan daangaa gidduu buusa. Itti fufuun inni jalqaba lammata irratti taphate isa kana keessatti immoo dura bu’aa ta’ee taphachuu eegala. Haaluma duraan itti fufanii taphicha otoo taphatanii inni tokko gola isa tokkoo keessaa boolla saddeeqa sadii qabu irratti waan fixuuf arfaffaa irra buusee jalaa fudhata. Marsaa sadaffaa irratti immoo boolla hunda irraa waan fudhateef taphichi xumurama.

Tapha saddeeqaa keessatti namni mo’atamee taphni haaraan akkaataa inni itti fufuu qabu jira. Tapha saddeeqaa kana keessatti taphataan garee tokkoo yoo mo’ame, isa bira taa’ee dabaree eeggatuuf gadhiisee ba’a. Isaan kunneenis gola saddeeqaatti saddeeqa naqatanii caqii taphanna waliin jechuun eegalu. Inni jalqaba eegale kan isaa keessaa gara gidduutii gola tokko kessaa saddeeqa tokko fuudhee gola isa itti aanu keessaa fuudhee isa itti aanu keessa buusa. Haaluma kanaan, hanga naanna’ee bakka irraa eegale ga’utti itti fufa. Yeroo gola irraa eegale bira ga’u saddeeqa hunda hammaaree itti fufee firfirsa. Tapha kana keessatti yeroo irra firfirsu kan isa faallaa isaa keessatti gola saddeeqa lama qabaatee sadaffaa irratti yoo xumure ‘caq’ godheera jedha. Sana booda, golli sun kan namichaati keessatti kuufamaafi. Gareen faallaa isaa yoo irratti xumure saddeeqa lama qofa irraa fudhatee gola kan isaa keessaa hammaree irra firfirsa. Haaluma kanaan taphichi itti fufee tapha jalqabaa keessatti inni tokko mana lama qofa hambisaafi.

Tapha sadaffaa keessatti immoo ‘dilbii’ taphanna jechuun eegalu. Tapha kana keessatti immoo taphicha keessatti gola isaa keessatti yoo xumure gola isa faallaa isaa keessaa kallachaan toora isa keessatti xumuree keessaa fudhachuun kan nyaatanidha. Yoo kan faallaa isaa keessatti xumure ‘irra bule’ jedhamuu ni danda’a. Mo’ichi isaanii baay’ina gola walirraa fudhataniitiin murtaa’a.

Taphni saddeeqaa kun faayidaa hedduu dhala namaa gonfachiisa. Inni jalqabaa, ciminaan fageessaanii yaaduu, xiinxaluufi fagootti tilmaamuun bira ga’uu nama gonfachiisa. Kanaafuu, taphni kun bashannansiisuu cinaatti aadaa hawaasaa, lakkoofsa, tartiibaafi seera barsiisuun dandeettii yaaduufi fagootti xiinxaluufi tilmaamuu akka dagaagfatan taasisa. Dabalataanis, tapha kana keessatti ijoollonni yaadanii eessatti akka xumuran fagootti tilmaamuun waan taphataniif dandeettii xiinxallii isaanii daran dagaagsuu danda’a.

Walumaagalatti, taphni aadaa tapha aadaa ijoolleetiin taphatamudha. Tapha yoomessa mataasaa danda’e keessatti taphatamudha. Adeemsaafi seera mataasaatis ni qaba. Tapha kana keessatti namni injifatame haala inni itti marsaasaa eegee taphicha itti fufuu danda’u ni jira. Taphni kun faayidaa guddaa dhala namaatiif waan qabuuf kunuunfamee dhaloota dhufuuf darbuu qaba jenna.