JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO: Kutaa Lammaffaa

  Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, barreeffata kana kutaa tokkoffaa akka gaariitti dhamdhamachuu keessan waanan sirriitti akeekkaddheefan, kunoo ammammoo kutaa isa lammaffaa kana itti isiniif dabale. Isinumti dhalawwan haadhotii Siiqqee fi abbootii Gadaa anaafis, Oromoota keessan kaaniifis dhamdhamaddhaa malee, ani randa bayee, tabba bu’ee, laggeen ceyee, muummee qaariyuun gandeeni fi manneen Oromiyaa teenyaa mara seenuun jechoota barbaachisoo isiniif dhiyeessuu hin daddhabu! Maali kanatu natti heddummaataa-ree?
SEENSA
Kutaa dabre keessatti ani: “Afaan Oromoo keenya jechoota hedduu, kanneen akka galaana Abbayyaa waraabamanii, akka cirracha Awaash guuramanii hin dhumne qaba. Afaan kun guutumaa guutuutti —” jedheen ture. Mee isan jedhe kana akka gaariitti kan isinitti agarsiisuu dandayun ammas fakkeenya wayii isiniif dhiyeessa. Fakkeenyi kun kan waayee maqaalee lafa Oromoo ilaalu waan taheef, wanneen tokko tokko isin akeekkachiisuu dandaya. Akki itti uummanni Oromoo namaa-lafaa, sa’aa-fardaa maqaa baasu kan hedduu nama maalaluu fi nama gammachiisi.
Barreeffatoota amma Afaan Oromootiin ifa argaa jiran garii isaanii keessatti, maqaan magaalaa Oromiyaa Bahaa tokko jallifamuun kitaabamee agartu. “Haroo Maayaa” jechuun warri barreessani kun “Hara Maayaa” jechuu isaanii ti. Oromoonni garri dhibbayyaa 90 (90%) jechoota “hara” jedhamuu fi isa “haroo” jedhamu sirriitti addaan-baafatanii dubbatu, barreessu. Jechoonni kun mataa ofii kan dandayan maqaalee garagaraa ti. “Hara” jechuun isa Afaan Ingiliziitiin “lake” jedhamu. “Haroo“-n garuu isa “pond, pool” jedhamu. Ani akkan qalbeeffaddhetti Oromoonni keenya kanneen Laga Gudar irraa gara lixaatti argaman, yaadundee lamaaninuu “haroo” jedhu. Maqaa “Hara Maayaa” jedhamu kana isa seenaa Oromoo keessa waggaalee 600 ol hulluuqee as gaye kana, nuti amma lafumaa kaanetoo wanni geeddarruuf massaan (sababni) tokkollee hin argamu. Kanaaf, adaraa Waaqaa mee “Hara Maayaa” jenneetuma haa barreeffannu. Akkanuma namoonni tokko tokko magaalaa seena-qabeettii Oromiyaa Waltajjii keessatti argamutu, “Bishooftuu” Haadha Siiqqee fi Abbaa Gadaa “Bushooftuu” jechuun nu jalaa busheessanii barreessu. Waan bakka magaalaa tanaatti harawwan jaha argamanii fi waan bishaaniin Waaqni ishii badhaaseef, Oromoon Tuulamaa lafa bishaan baay’ee qabu jechuun “Bishooftuu” jedhee moggaase. Dhageessaa-ree yaa Bishooftuu araddaa Irreechaa fi qeyee eebbaa!
Akkuman kanaan dura isniif ibse Oromoon uummata dubbii beeku, abbaa beekumsaa waan taheef: lafa isaas, nama isaas dabrees wanneen birootiif maqaalee gaggaarii kennuun moggaasa. Bakka mukni “adaamii” itti-heddummaatu waan taheef “Adaamaa” jedhetoo moggaase. Lafa ciraa qabuun “Ciro“, lafa amboo (“xabala“) qabuun “Ambo“, lafa geedni (mukni) ittii heddummaatuun “Geedoo“, lafa seenaan akka idaayaa (misirroo) naqatamteen “Naqamte“, lafa awwaala nama Doolloo jedhamuu irratti makni “dambii” margeen, “Dambii Doolloo” jedhee maggaafate. Ani kana irratti meeqa himeen dandaya-ree? Biyya Oromoo sadeen Sooddoo keessa tan amma magaalaa taate bakka tokkotu jira. Bakka kanatti muka “harbuu” guddicha tokkotu argama. Guyyaa guyyaa, saafaa keessa oggaa aduun nama waxaltu gaaddisa harbuu kanaa jala horiin dhufanii ciisu. Cululleen isaan kana keessaa “tokkoon isaa boqotaalaa?” jechuun harbuu irra hedduumminaan yaatee, teessee eeggatti. Kana hubachuun Oromoon keessan “Harbuu Cullullee” jechuun maqaa kenneefi. Naannoo Meettaa Hoolotaa bakka “Ejersa Lafoo” jedhamutu jira. Namni Bachoo irraa ka’uun gara Meettaa Roobii fi dabrees gara Salaalee deemu, goodaa Bachoo keessa kutee ennaa randa olbayu, warri fardaa dalga goggoruun akka  hoddhaa gundootti maramee randa daddhabsiisaa kana baya. Warri akka kiyyaa miilaan xallisu immoo randuma kana kallattiin fuundaratti olbaya. Garuu, hedduu waan daddhabuuf erga olbayee, ejersa guddaa tokko kan achitti argamu jala taa’uun haara-baafata. Kana irraa ka’uun iddoon sun “Ejersa Lafoo” jedhame.
Maqaaleen lafaa kanneen Afaan Oromoo isaan jechoota mirree (cimdii) tahan irraa baafaman daran namatti tolu; sonaan nama gammachiisu. Sammuu fi qalbiif soorata mishaa tahu. Wallagga keessaa: “Laaloo Qilee, Siibuu Siree, Noolee Kaabbaa, Boojjii Coqorsaa, Waamaa Agaloo, Qilxuu Karaa faa agarra. Jimmaa fi Iluubbaa Booraa keessaa: Shabbee Somboo, Limmu Saqaa, Saqaa Coqorsaa, Algee Saachii, Bunoo Baddallee faa qalbeeffanna. Oromiyaa Waltajjii keessaa: Adaamii Tulluu, Tullu Boolloo, Dheeraa Walisoo, Baddaa Qeerroo, Tokkee Kuttaayee, Tulluu Maraa, Malkaa Qunxuree, Aqaaqii Basaqaa, Kaarra* Halloo, Kaarra Qoree, Muka Xurii, Garba Gurraacha, Caffee Doonsaa, Laga Daadhii faa hubanna. Barentuu (Harargee) keessaa: Daaroo Labuu, Dirree Dhawaa, Ejersa Gooroo, Kaarra Maraa, Kurfaa Callee, Malkaa Raafuu, Gubaa Qorichaa faa akeekkanna. Naannolee Arsii fi Baalee irraa: Haroo Dumaal, Gurra Dhaamolee, Nageellee Meexamaa, Madda Walaabuu faa baranna. Naannolee Booranaa fi Gujii keessaa: Hiddii Lolaa, Meettaa Gafarsaa, Malkaa Soogiddaa, Erba Muudaa, Oddoo Shaakkisoo, Saba Boruu faa qayyabanna. Mee maqaan Bulee Horaa jedhamu kan naannoo Boorana keenyaa keessatti argamuu daran isin hin gammachiisuu? Isaan kanneen fakkeenyumaafan isiniif dhayeessee malee, dacheen Oromiyaa kanneen akkanaa kumaatamaan qabdi. Mee egaa, amma kanaa gaditti jechoota kutaa kanaaf dhiyaatan ilaalaa!
JECHOOTA DIGDAMII-SHANAN HARDHAAF DHIYAATAN:
1) daga                         –                    ethnic (= goslammii)
2) danaadanee            –                     diversity

3) geeda                      –                     tree (garuu: muka jechuun “tree” fi “wood” jechuu dha.)

4) folka                        –                     wood
5) furaa                       –                     dictionary (= galmee jechootaa, kuusaa jechootaa)
6) hadhaadhiyyaa      –                     rehabilitation
7) hajalaa                   –                                cassette (hajalaa biidiyoo  =  video cassette)
8) hara                        –                     lake (= dambala, hashaaqa, tajii)
9) haroo                      –                     pond; pool (= koonnoo)
10) killayyaa               –                     abstract (not concrete)
11) lafaala                   –                     floor
12) lamii                      –                     ambassador (mana lamii – embassy)**
13) lubbiyyoo              –                     cell
14) ichimmee               –                    match (= kibriitii)
15) malkee                   –                    seaport, harbour
16) miccee                   –                    carrot (= kaarota)
17) miduu                    –                    to evaluate
18) miira                      –                             sense
19) quboo                      –                 dijit
20) ruuda                     –                  heaven; sky
21) sadakkuu               –                  triangle
22) talaalii                    –                  vaccination (talaaluu – to vaccinate)
23) uranee                    –                 oasis (= adaalqaljii)
24) wayyaba                 –                 majority (= irra-jireessa)
25) yaaya                      –                 logic
______________________  Hubachiisa Miiljalee _________________________
* Dhiyoo kana barreeffata tokko keessatti: “Karaa Qoree, Karaa Maraa” jechuun waan barreeffamen arge. Kun dogoggora. Nama jecha Oromoo isa “kaarra” jedhamu hin beeknetu akkanatti barreesse jechaa dha. Afaan raajeffamaa kan Biyya Gadaa kana keessa jechoota afur kanneen sirriitti addaan-baafachuu qabnutu jiru. Isaan kun: kaarrakarrakaraa fi kaarroo dha. “Kaarra” jechuun lafa akka karraa (ulaa) tahe kan tulluuwwan yookaan gaarran lama jedduutti argamu. Isa Afaan Ingiliziitiin “mountain-pass” jedhamu sani. “Kaarroo” jechuun immoo isa Afaan Ingiliziitiin “fern” jedhamu. Kanaaf: “Karra Halloo, Kaarra Qoree, Kaarra Maraa, Kaarra Warra Gulee” faa jenneetoo akkuma uummanni keenya dubbatutti barreessina.
** “lamii” dha malee, “lammii” akka hin taane qalbeeffachuun gaarii dha!
                                                                                               Itti-fufa ——!