Booree Oromoo: Anis Qoodan Qaba!

                                                               Siiqqee Dhugaatiin  (2012/05/27)

“Ana hiite malee, kaayyoo koo hidhuu hin dandeessu!” kan jedhu sagalee shamarran Oromiyaa ti. Sagalee akkanaa kana dachee Oromiyaa keessaa dhagayuun, haraan tana waan nama raajuu miti. Namni waan Oromoon itti jiru hin beekne, tarii, “kun maal?” jedhee gaafachuu mala ta’a. Haata’uutii, kanneen waan naannoo isaaniitti ta’aa jiru beekuuf yaalii godhan, waan biyyi Oromoo, Oromiyaan, keessatti argamu beekuuf yeroo hedduu isaanitti hin fudhatu.

18222138_1877521015607238_4906726895994879757_nHar’a murna abbaa irree Mallas Zeenaawwiin kan durfamu mootummaan Itoophiyaa, tattaaffii qabsoo ummata Oromoo ofirraa qabbanneessuuf duula maraaleessa gaggeessa jira. Kallattiin duula Mallasaas sabboonumma Oromoo cabsuun akak Oromoon jilbeeffatu taasisuu dha. Kun immoo murna murnaan kan raawwatamu waan ta’eef, dhimma san keessatti roorroo fi miidhaan dubartoota Oromoo irra gahaa jiru addatti kan ilaalamuu dha. Tarkaanfiileen hammeenyaa kun immoo har’as bal’inaan fudhatamaa jira. Sababa kanaan,  dubartoonni Oromoo tarkaanfiilee farrummaa mootummaan Wayyaanee isaan irratti fudhataa jiruun cunqursaa dachaaf saaxilamanii jiran. Inni duraa imaammata gartuu Wayyaanee TPLF kan sanyummaa fi abbaa irrummaa bu’ura godhateen haleellaa ummata Oromoo waliigalaa irratti banameen gaaga’ama qabeenyaa, qaamaa qalbii fi lubbuu dhaqqabaa jiru keessatti adda dureen miidhamoo ta’uudha. Gama biraatiin, ammoo mootummaan Wayyaanee dubartummaa isaanii akka hanqinaatti dhimma bahuun gochaalee farra mirga dhala namaa, faallaa safuu Oromoo cabsan, kan dubartoota Oromoo irratti addatti qiyyaafateen gidiramaa jiraachuu dha. Bifa kanaan, dabartooti Oromoo, jireenya gabrummaa ummatni  Oromoo jiraatu keessatti addadurummaan gidiraa keessa jiraatu.

Baroottan digdamman darban keessatti, miidhaa fi roorroon ummata Oromoo irra gahaa jiru, dubartoota Oromoos caalatti miidhaa jira. Dubartoonni Oromoo hedduun duula hidhaa gartuu Wayyaaneef saaxilamanii, dhaabbilee barnootaa keessaa, bakkoota hojii fi maatii isaanii biraa qabamanii manneen hidhaatti darbatamu. Manneen hidhaa keessatti loltoota Wayyaaneetiin gidiraan gara jabinaan guutume irratti raawwatama. Reebichaa fi toorcharii, akkasumas dirqisiisanii gudeeduun tarkaanfii loltootaa fi poolisoota sirna Wayyaaneetiin manneen hidhaa garaa garaa keessatti dubartoota Oromoo irratti fudhatamuudha.

Kana malees, dubartooti Oromoo hedduun ajjeefamanii bosanaa fi gaara keessatti gatamanii irbaata bineensaa ta’anii jiru. Kanaaf, ragaan guddaan Oromiyaa bahaa, gaara Suufii irratti ajjeefamtee bineensaan kan nyaatamte seenaa dubree Oromoo Aayishaa Alii yaadachuun gahaadha. Dubree kana irratti gochaan sukkanneessaa raawwatame, hammeenya sirna Wayyaanee sirriitti kan saaxiluudha. Loltoonni Wayyaanee gara jabeeyyiin dubree Aashaa Aliyyii mana ishee biraa ukkaamsanii fudhachuun gochaa dhala namaaf hin malle erga irratti raawwataniin booda ajjeesanii gaara keessatti gatuun irbaata bineesaa taassisan. Gochaalee fakkaataa shamarran fi haadholii Oromoo irratti raawwatame, himanii fixuun hin danda’amu.

Har’as dubartoonni Oromoo kumoota hedduun lakkaawaman manneen hidhaa akka Qaallittii, Maa’ikalaawwii, Zuwaayi fi bakkoota biroo hedduu keessatti gidiraa ulfaataa argaa jiran. Badii tokko malee bakkoota jireenyaa, manneen barnootaa fi hojii irraa qabamanii murtii tokkoon maleetti baroota danuuf manneen hidhaa sirnichaa keessatti dararamaa jiraatu. Gariin murtiin dabaa fi loogii sanyummaa irrattitti hunda’e itti muramee jireenyaa fi du’a gidduutti argamu. Murtiin du’aa, hidhaa umurii guutuu fi baroota dheeraa itti murtaawee poolisoota sirnichaan dararamaa kan jiran hedduudha. Akka fakkeenyaatti kaasuuf dubartoonni Oromoo kanneen maqaan isaanii armaan gaditti tarraa’e, kanneen badii tokkoo malee humnoota tikaa fi poolisoota sirnichaan ukkaamfamanii murtiin jal’aan irratti dabree fi murtii tokkoo malee baroota dheeraaf mana hidhaa keessatti jireenya hadhooftuu dabarsaa jiran ilaaluu dandeenya.

Akka ragaa of-harkaa qabnuutti, har’as shamarran Oromoo fi dubartooti Oromoo hedduun mana qorannoo fi manaa hidhaa Wayyaanee keessatti gidiraa argaa jiran. Isaan keessaa hagi tokko hidhamanii hidhaa isaanii fianii kan biyyaa bahan yoo ta’u, amma illee biyya keessatti roorroo argaa kanneen ajiranis hedduu dha. Kana malee, yeroo amma kanatti murtiin jalloo itti kennamee kanneen mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiranis hedduu dha.  Akka fakkeenyaatti baroottan digdamman darban keessatti kanneen hidhaman keessaa kanneen yeroo duraaf seenaa biyyattii keessatti murtiin du’aa irratti darbe, dubartoota Oromooti. Asilii Oromoo, qabsooftuu Oromoo diddaa garbummaa jibbuun akkuma dhiira Oromoo bosona seentee sirna Dargii lolaa turtee dha. Bara Wayyaaneen Dargii waraanaa turret, Asiliinis hidhattee Dargii falmaa turte. Kan nama dhibu, sirnuma akka ishii bilisummaa isaatiif falmataa tureen deebitee qabamtee, isayyuu yakkamtee murtiin du’aa irratti darbe. Waan mana hidhaa keessatti ishii mudate immoo, kan raga bahu ishuma ta’a. “Jarri sun nama irraa kan dhalatan hin fakkaatan; biyya keenya irratti mirga keenya sarbanii, san caala iyuu akka waan biyya isaanii deemnee isaan miineetti nu yakkan; ijaan arga keenya jibban; murtii dabaa nurratti jigsan.”

Qabsoo fi diddaa ilmaan Oromoo kutannoon godhaniin, har’a Asilii irraa murtin dua’aa waan ka’eef baatee jirti. Sun garuu hiraarsaa fi roorroo ishiirra gahaa ture kan deebisuu miti. Godaannisti isaa akka gaaddiddu ishii waliin jira. “Waan jarri sun nama keenya godhan ibsuuf jechi na hanqata. Isaan akka bineensaatti nama keenya ciibsanii qalu; hiraarsu. Ijoollee dhalattuu mirga saba ishiif dubbattu ija keenya duratti ajjeessan. Qabsaa’ota Oromoo meeqaafi meeqa nu duraa qabanii gatan; seenaan isaa kan dhumuu mit.” Seenaan akkanaa dachee Oromiyaa dhuunfatee jira. Dacheen Oromiyaa seena ahimamee hindhumneen guutamee jira. Murtiin du’aa dhiirota keenya irratti darbee jirus,  ammaillee kanneen akka Jamaal Musxafaa, Ismaa’el Ahmad Muudaa, Araarsaa Abbaa Humnaa, Fissahaa Biraasaa fa’aa irraa hin kaane. Kana malees, dubartoota Oromoo kanneen akka Dirribee Ittaanfaa fi Urgee Abbabaa fa’aa irratti darbee jira. Oromooti hedduunis murtii akkanaa eeggachaa jiran. Kun immoo haga Bilisummaan keenyaa hin deebinetti, kan itti fufuu dha.

MaliaShamarran Oromoo biyya keessatti qaamaa fi qalbiin hiraarfamanii biyya abbaa isaanii irraa baqatan, bakka deemanittis hireen walfakkaataa isaan mudata. Kanneen akka Maaliyaa Mohammad, fakkeenyaaf, miidhaa qaamaa fi qalbiitiin yeroo mara dhiphachaa jiraatti. “Humnooti tikaa Itoophiyaa anas, firoottan kiyyas miidhanii jiran; hiraarsaan Oromummaa kiyyaan narra gahe, kan obbolaa  kiyya irra gahe kan himamee dhumuu miti.  An amma biyya san irraa qaamaan baqadheen jira. Garuu, laalaan miidhaa na waliin godaanee jiru, waan na waliin jiruuf jalaa bahuu hindandeenye,” jette Maaliyaan.

Biyyoota mirga namummaa dhiituudhaan sadarkaa olaanaatti beekaman keessa Itoophiyaan, golee shamarran Oromoo hidhuu fi hiraarsuun itti dararamanii dha. Kana malees, lammilleen biyyattii  jireenya tasgabbii hin qabneen akka raakaman, biyyaas abqatanii balaa caaluuf akka saaxilaman gochaa jirti. Aadde Maaliyaanis kanuma seenessiti. “Bakka hundatti miidhaan nurra gahu dachaa dha. Fakkeenyaaf,yoo biyya keenya keessa jiraannu qabanii nu hidhu; nu gudeedus. Yeroo biyya irraa baqannu immoo, bakka deemnutti nu hordofan;  biyya geenyuttis, waan hundaaf saaxilamna,” kan jette  Maaliyaan, biyya itti dahannoo gaafattee jirtu keessatti illee sodaa fi bir’uudhaan  jiraachaa akka jirtu dubbatti. “Biyyaa baqadhee ergan bahee, Somaaliyaan dhaqe. Achiis sodaadheen gara Yamanitti dabre. Yaman irraa immoo bu’aa-bahii hedduu boodan gara Norway seene. Norway seenus, haga ammaatti  hayyama jireenyaa waanan hin arganneef yaaddoo guddoo keessattin argama,” jechuun yoo gara biyyaatti humnaan deebifamte waan ishii mudachuu malu yaadaa, gama hundaan yaadda’aa fi dhphachaa akka jirtu himti.

Dhugaan Itoophiyaa keessa jiru, Oromoon biyya isaa irraa baqate, yoo humnaan biyyatti deebifame, shakkii tokko malee hidhaa bara dheeraa irraa haga ajjeechaatti kan gahu murtiin olaanaan kan adabamu ta’uu hubachiisa. Har’a manneen hidhaa afaan Oromoo kan dubbatan, waan dachee Oromoo keessatti argaman qofaaf miti; manneen hidhaa afaan Oromoo kan dubbachaa jiran, waan sabboontoti Oromoo dammaqoofi sabboonoon keessatti hidhamanii jiraniif. Afaan Oromoo kanas akka dubabtaniif,  mana hidhaa keessatti hayyamameefii otuu hin taane, mirgaa fi haqa saba isaanii fi eenyummaa isaaniif falamchuuf kutannoo fi murannoo waan qabaniif qofaa dha. Mana hidhaa keessatti iyyuu, afaan Oromoon dubbachuun yeroo nama adabsiisu qaba. Eenyummaa Oromoo mul’isuun yakka guddaa yeroo itti ta’u qaba. Waan Oromummaa calaqqisu uffachuunis, yeroo itti nama gaafachiisu qaba. Kanneen waan isaanitti dhagayame yaadannoo isaanii irra kaayaniif mirga mana hidhaa keessatti qaban sarbaman hedduu dha. “Mana hidhaa keessatti walaloo waanan barreesseef yakkameen jira; waanana barreesse mara narraa saaman. Sababa kanaan baatiis addeet darba ahidhamameen bahe,” kan jette Durbee Masarat Taaddasaa ti. Durbee Masarat Oromummaan sihiitiin bara 2007 keessa qabamtee waggaa shan kan itti murtaa’ee turte; erga hidhaatii baate illee jireenya nagaa fi tasgabbii qabu dhabdee hordofamaa akka jirtu kanneen ishiitti dhiyaatan barreessaa kanaaf himanii jiru.

Har’a seenaa fi hiraarsaa dubaroota Oromoo irra gahaa jiru ibsuu caalaa kanneen Oromummaa isaaniitiin yakkamanii hidhaman, yookaan ajjeefaman yookaan biyya abba isaanii irraa akka baqatan gdoamanii biyyoota olla keessatti gidiraa argaa jiran tarreessuun human aola ta’aa jira. Seenan baqattoota Oromoo irraa guyyuu dhagyamaa fi ibsama ajirus itti fufiinsa hiraarsaa biyya keessaa ta’uun falmisiisaa miti. Yoo xiqqaate, seenaan mara ibsuun dadhabamus, kannneen ajjeefaman, kannen hidhaman, kanneen achi buuteen isanaii dhabamee fi amma ille manneen hidhaa keessati gidirfamaa jiran tarreesuun seenaa egereef bu’aa guddaa qaba. Ammaaf maqaa fi eenyummaa dubartoota Oromoo beekaman yoo ilaalle, sirni Wayyaanee ummata Oromoo lafa irraa fixuuf hagam kutatee akka jiru mirkaneessa.

1. Aslii Oromoo                                      Murtii  du’a
2. Algaanash……….                                  ……
3.Dinqinash Dheeressaa                        ………
4.Feeruzaa Abdii                                     10
5.Tsahaay Garbii                                      bilisa
6.Sawunnati Taammanaa                          bilisa
7.Roobee……………..                                  ”
8.Simmanyi Dayyaasaa                           3
9.Dirree Qamar                                        bilisa
10. Kadijjaa Abdallaa                               bilisa
11.Lalisee Taaddasaa                              bilisa
12.Massaluu Taaddasaa                          bilisa
13.Tolashii Qansii                                    bilisa
14.Cuucee Alamayyoo                             bilisa
15.Lamlam Tsegayee                                bilisa
16.Wasanee Taddalaa                              bilisa
17.Haraaree Booranaa                               3
18.Boontuu Shuggii                                   6 fi ji’a 6
19.Ruuqiyaa Obsee                                   5
20.Waaritee Huseen                                  5
21.Masarat Taaddasaa                               5
22.Warqee Guutee                                     2
23.Abbabach Ajjamaa                                bilisa
24.Atsadee    Imaanaa                               3
25.lalisee Wadaajoo                                 hidhaa waggaa afurii booda   bilisa
26.Faaxee Uummee                                  ……..
YEROO AMMAA KANA WARRA MANA HDHAA QAALLITTII JIRAN
27.Dirribee Ittaanaa                                   du’a
28.Urgee Abbabaa                                     du’a
29.Alimaa Abdallaa                                   umrii
30.Baaccuu Margaa                                  18
31.Caaltuu Taakkalaa                                 12
32.Abarraash Yaadataa                             12
33.Hawwii ……………                                ………
34.Boontuu    ……….                                …………

Yaaliin shamarran Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti hiraarfamaa turanii fi amma illee jiran tarreessuuf godhame kun, karaa hedduun hir’uu dha. Haata’uutii, kan haga beeku tarreeesse, dabooroo hin ta’u. Isa hafe kan itti guutu duubaan waan dhufuuf, ka’umsaaf egereef bu’aa guddaa qaba. Yeroo ammaatti illee,  loltoonni Wayyaanee guutummaa Oromiyaa keessatti bobbaafaman dubartoota Oromoo kanneen ganna 18 gadii dabalatee, dubartoota dhirsa qaban saalfii tokko malee dirqisiisanii gudeeduutti jiru. Kun jiruu fi jireenya sabaa irratti godaannisa akkamii akka qabu, yoo ture illee, seenaan yoomiyyuu saaxilbaasuu hin dhiisu. Dhukkuboota daddarbaa kan akka HIV AIDS tiin faaluun, maatiin akka faca’uu fi diigamu taasisuun, haa turu malee gaafti gaafachiisu dhufuun isaa hin oolu.

Kana malees, kanneen abbaa warraa malee daa’imman guddisaa jiran, daa’imman irraa ukkaamsanii hidhuun maatii facaasuunis gochaa hammeenyaa mootummaan Wayyaanee imaammata tolfatee dubartoota Oromoo irratti raawwataa jiruudha. Akkasumas abbaa maatii irraa ajjeesuun ykn hidhuudhaan jireenyi dubartoota Oromoo caalatti qormaataan akka guutamu gartuu Wayyaanee TPLFn irratti hojjatama. Kanneen haalota ulfaatoo hedduu keessa qaxxamuruun baratanii barnoota fixatan, qondaalota Wayyaaneetti qaama isaanii gurguran malee hojii kamuu irratti akka hin hirmaanneef danqaan kaa’ameera.

Haalli dubartoonni Oromoo har’aan tana keessatti argaman hedduu yaaddessaa dha;  haalaanis ulfaataa fi gaddisiisaadha. Waan taheef hawaasni addunyaa, dhaabbilee kabajamuu mirga namaaf qabsaawan, dhaabbileen mirga dubartootaaf falmanii fi qaamni dhimmi kun isa ilaallatu marti gidiraa hamtuu dubartoota Oromoo irratti raawwatamu kana dhaabsisuuf akka hojjatan waamicha goona. Itti dabalees mootummaa Wayyaanee irratti dhiibbaa feessisu akka godhan gaafanna.

Qabsoon har’a karaa hundaan finiinaa jiru kanneen akka Ayishaa fa’aa du’a irraa deebisuu hin danda’u Garuu, aknneen akka Ayishaa gaaratti geessamanii akkamalee erga hiraarfamanii booda ajjeefamuuf jiran kumaatamaaf furmaata ta’uu mala. Kanneen biyyoota itti dhatan keessatti namoota akka bineensaatti yaadaniin gudeedamuuf jiran hedduu barbaarsuu dnada’a; kanneen biyya isaanii keessatti hidhamaa fi baqataa ta’anii bir’uu, soda fi yaaddoon jiraachuuf adeeman heddtuutti abdii deebisuu nda’a. Hunda caalaa Oromooti ardaa fi qe’ee isaanii keessatti anagaa fi tasgabbiin akka jiraataniif hundee dha. Orommoonni biyya isaanii keeessatti araaraa fi nagaa waarawaan akka jiraataniif furmaati jiru tokkichis qabsoo nagaa fi hidhannoo walitti cimdeessuun guyyaa bilisummaa dhiyeessuu qofaadha;

Booree Oromoo ti!Seenaa darbe irraa akka hubannutti, biyyii fi sabni dhaloota eenyummaa isaaniif quuqaman qabu abadan akka garboomee salphifametti hin hafu. Aadaa fi seenaan lammii quuqamuuf qabus akka awwaalametti hin hafu. Dhalooti bilisummaafi walabummaaisanaiif falmatanis akka garbummaajalatti ba’aa garbummaa baatanii jiraachuun carraa isaanii hin ta’u. Ba’aan garbummaa hammaatus, haga Booreen Oromummaa kabajamee jirutti, dhugaan Oromoo akka dabsametti hin hafu; wareegamni shamarran Oromoos sanyii biyyaa fi lammiif quuqaman dacha dachaadhaan baay’isuun isaa itti fufa! Dhalooti egerees, kanaaf, dhaloota har’aa irraa abdii egeree eeggata; abdiin dhaloota egerees gaaddisa dhaloota har’aa jala dahatee jira. ANIS QOODAN QABA: kun Booree Booranaa ti; Booree Baarentuu ti! Booree Oromoo ti!!

DubartootaIrreechaa