Adeemsa Jiloota Buttee Dhaabuu Doorii

Gadaa keessatti ce’umsi sadarkaa addaddaa sirna mataa isaanii kan ittiin darban qaban. Akkuma umurii fi gahee sadarkaa Gadaatti  sirni ce’umsaa addaddummaa qaba. Cee’umsii Sadarkaa Kuusaa keessaa gara Sadarkaa Raabaatti godhamu garuu hagas mara Sirna Jilaa guddaa hinqabu.

Sirna Gadaa keessaatti Sadarkaa Raabaatti ittigaafatamni isaanii Aadaa, Seenaafi Seera barachuu dha. Sadarkaa Raabaa keessaatti niitii fuudhuu fi qabeenya horachuun namarraa eegama.

Adeemsa jiloota Buttee Dhaabuu Doorii Oromoo BooranaaWarri kaan yoo fuudhuu baatanillee warri Hayyuu Adulaa odoo Gadaa Raabaa keessa jiranuu fuudhuu qabu.Hayyuun Adulaa sadarkaa Raabaa warra Kuusaa jalqaba irratti hayyuu ta’ee filamee Sadarkaa Gadoomaa yoo dhaqqabe biyya bulchuuf warra of qopheesseedha.

Raabnii Waggaa Saddeetiin (8)n duuba Doorii ta’a.Dooriin waggaa Shan (5) n duuba Aangoo Gadaa fudhata.Aangoo Gadaa kana fudhachuuf dursa qophii jilaa gahaa gochuun gara Gadoomaa seena.Jiloota heddu godhatan kana keessaa Jilli Buttee dhaabuu isa tokkoodha.

Jillii butte dhaabuu tun jala bultii jila Aangoo Gadoomaaf godhamu keessaa isa baay’ee Giddugala Aadaa Sirna Gadaa Booranaa keessaa murteessaa ta’ee Dooriin Ardaa Badhaasaatti dhaabama.

Akkuma beekamu Aanaan Areeroo lafa Giddugala Aadaa Oromoo Booranaa ta’uu isii namuu ni beeka.Teessuma Abba Gadaa Boorana hundaati.

Jilootni Gadaa kan akka Butte dhaabuu, Baallii walirraa fuudhuu, Goodiyyaa, Galma Gadoomafi hedduun isaanii aanaa Areeroo keessaatti jilatamu.Abbaan Gadaa Masaraa Mootummaa kanaa taa’u, Ardaa jilaa Aanaa kanaa qubsumaan taa’uu qaba.

Ardoota jilaa Aanaa Areeroo kan Abbootiin Gadaa baallii walirraa itti fuudhaniifi jila buttee dhaabuun itti jilatan keessaa Ardann Badhaasaa isa tokkoodha.Ardaan badhaasaa akkuma maqaa irraa hubannu, ardaa itti badhaadhan, ardaa badhaadhinaafi quufaa gabbinaati.Waaqni ardaa kanatti nuyaa quubsuu jechuudha.

Bac-bacii

Yaa’ii Doorii Ardaa jila butteetiif Ardaa Dambala oolaatii ka’ee gara Ardaa Badhaasaatti godaannaa isaa jalqabee, jala bultii jilaatti Ardaa lafa dhawaa bulee korbeessa xiitii qala.

Ollaan kun Shanachaan gar gar bahee qubatee, akkuma qubateen Uchuma buufatee buna qalata. Uchuma jechuun muka aadaa kan yoo irban/rigan ibidda bahuudha.Ummatnii Oromoo Booranaa yoo qubatu jalqaba uchuma kana buufatu malee hojii biraatti hinseenu.Uchuma buusuun aadaa tolfamtu/raawwatamu keessaa isii tokkoopdha.

Doorii Kuraa Jaarsoo

Sirni qalmaa Bac-baciin kan raawwatamu jalabultii ardaa jila butteetti ardaa lafa dhawaa jedhamutti guyyaa kana namni jila kanaaf godaanu hundii horii qalata.Ardaa kana qubatanii guyyaa uchuma buufatanii, buna qalatanii eebbifatanii galgala horii galfachuun duratti hulluuqoo naqatanii, korbeessa bac- bacii ykn korbeessaa xiitii jedhamu manatti hidhan.

Yeroo kana haati manaa doorii hundi Sa’a sooressa mucha afraniin aannan baasu elmitee akka dhufteen abbaa manaatii kenniti.Abbaan manaa aannan kana unee deebisee gara jilaatti deema.Mi’a aadaa jilaa Orooroo, Waddeessafi Lichoo fudhatanii, korbeessa bac-bacii Haati manaa mataa qabdee, Abbaa manaa irraa jalqabee namni hundii hariirrata.

Kaayyoon guddoon jila ykn bac-bacii kanaa jila kanaan duubatti gara Gadoomaa waan deemaniif, namni sadarkaa Gadoomaa seenuun ummata gaggeessu cubbuu adda addaa irraa qulqullaa’uu qaba.

Kanaaf bac-baciin kun cubbuu dhiqachuuf jecha waan dur ijoollumaan hojjetan, kan beekaa hojjataniifi wallaalaan hojjetan asirratti dhiifama waaqa kadhachuu’ta’a. Cubbuun kun kanneen akka waan lubbuu bineensaas ta’ee, waan hoojjetaman aaraarama gaafachuudha.

Kaan immoo Walqunnamtii Saalaa nama Seerri dhorke waliin yoo godhe, irraa araara galuuf. Abbaan manaas yoo hariirratu “waan tapha taphichoo waan tapha ijoolummaa nagaa naaguutii” jedhani kadhatu.

Waan an tapha keessa hojjedheefi waan ani dogoggoraan hojjedheelle waaqnii dhiifama yaa naa godhuu jedhu.“Bac-baciin baatee wannii quyyee baatee, wannii xuxii baatee” jechuun kadhatu.

Quuyyeen bineensa xiqqaa garaan loo’uu, xuxiin bineensa xixiqqaadha, yoo anii kun waan kana keessaa bineensotii kana keessaa tokkollee duraan ajjeesse ta’e, waaqnii dhiifama naaf haagodhuu jedhu.

Ardaa lafa dhawaa

Horiin kun qalamee foon isaa nyaatama.Dooriin halkan kana jila tolfachaa bulee bor ganama ka’uun bokkuu moonaa keessatti eebbisu.

Maaliif bokkuu qofa kophaa eebbisan jennaan, olaantumaan jila kana kan gaggeessan bokkuu waan ta’eef akka inni jila eebbaan gaggeessu eebbisuun ‘huyisuun’ jila hedduu fuula keenya duraa jiruuf akka inni milkiin gaggeessuuf eebbisu.Achiin duubaattii gara ardaa badhaasaatti sirriiqu.

Madda:-Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa