Foolleen maal?

Foollee

Akka Gadaa Oromoo Maccaa Tuulamaa fi Arsiitti Foolleen dargaggoota gannaa 16-24 keessa jiran. Isaan kunneen akka Gadaa Oromoo Booranaatti warra Gaammee Guguddaa jedhaman.

Dardaroonni sadarkaa Gadaa Foollee keessa jiran adamoo adamsuu (bineensi akka horii hin nyaane ittisuu) akkasumas barumsa waraanaa fi ispoortii kkf. baratu, biyya irra deemudhaan sirbaa, foollisaa saba maraan wal baru;yeroo kana keessattis dirqama hojii ittisa naannoo bahatan qaban. Hojiin isanaii guddaan sirna, naamusaa fi tasgabbii naannoo eegsisu.

Foolleen dirqama biraas ni qabu; yeroo Buttaan qalamu foolleetu korma kuffisee qaba. Cinaacha korma buttaa akkuma jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka leencaattii wal harkatti ciree nyaata. Yoo sirni buttaa jalate (seera irraa gore) foolleen korma hin kuffisu, foonis hin nyaadhu jechuuf mirga qaba (fkn namichi buttaa qaluu fedhe nama seera cabsee yoo ta’e). Foollee malee immoo buttaan hin qalamu.

Foolleen seera malee nama hin sodaatu, waan jedhuu fedhe, saalfii tokko malee sirbaan ibsa. Foollisaa, yoo fedhe abbaa Gadaa ni faarsa (seera tolchuu irrati jabaa yoo ta’e) ykn niabaara (seera yoo cabse). Dhiisi jedhama malee hinadabamu.

Foolleen nama aadaa cabse, nama nagaa naannoo booresse, nama sirnaa fi duuadhaa irraa gore qaanessuun sirnaa fi naamusatti akka deebi’u taasisa. Fakkeenyaaf, yoo dargaggoon tokko seeraan ala deeme, seera cabse mala ittiin adaban qaban. Nama badii dalage san jalaa huccuu fuudhanii ciruun ulee isaaniitti hidhanii itti sirbu. Yeroo eenyummaan nama sanaa beekamu, jaarsa baasee adabbii fudhatee akka qoqqobbiin irraa ka’u kataa lammii iyyata. Akkanaan deebi’ee hawaasatti dabalama.

Sadarkaa Gadaa Foollee keessati dargagoon sirritti biyyas walis baruun akka sirni, aadaa, naamusti fi tasgabbiin ummataa fi naannoo eegamu taasisu. Warri Foollee kun Boorana keessatti Jaldhaaba jedhamu. Bakak hundatti, gaheen isanii walfakkaata. Akka raayyaa waraanatti Gadaa jalatti kan ajajamanii dha. Gadaaf ni ergamu, loon bade ni barbaadu, bishaan ni obaasu. Warra Gadaa akka abbaa isaanitti gargaaru dha. Kanaaf Gadaan gaafa gadooma isaa damma qopheessee laataaf.

Foolleen ijoollee Abbaa Yuubaa ti. Akka sirna Gadaatti namni tokko kan fuudhee mana godhatu, yeroo umurii Raabummaatti seenu; kana jechuun yeroo umuriin isaa 32 ta’u niitii fududha jechuudha. Mucaan yeroo abbaan Raabaa Doorii keessa jiru kaaeessatti dhalatu, Gaammee ta’a. Yeroo abbaan isaanii Gadaa fudhatu immoo ijoolleen Dabballee ta’u. Yeroo abbaan Yuubatti seenu, ijoolleen Foollummaatti seenu. Kanaaf, Foolleen warra Gadaa keessa jiraniif raayyaa naannoo, kan nagaa fi sirna kabachiisan ta’u.
http://www.oromedia.net/gadaa/gadaa-oromoo-tuulamaa/
#Nagaa  #Foollee 

Image may contain: 4 people, people standing and outdoor