10122-big

Gadaa: Mallattoo Qaroominaa fi Hambaa Seenaa

Yaa’iin Hambaalee Killayyaa Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa  Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) 11ffaan Finfinneetti geggeeffamaa jiru, Sirna Gadaan akka hambummaa seenaan galmaa’u murteesse. Kun Gadaan akka daran guddatuu, golee addunyaa keessattis akka beekamu ni godha.Kana malees, Gadaan jireenya dhala namaaf akka gahee isaa gumaachu ni taasisa. Gadaan har’a mallattoo qaroomina Oromoo fi hambaa seenaa aaddunyaa ti.

 Sadaasa 30 bara 2016 yaa’iin guddaa tokko magaalaa Finfinnee keessatti taa’ee, waan seenaa dhala namaa keessatti bakak guddaa qabau murteesse; Gadaan hambaa addunyaa ta’ee galmaa’e.

Hambaa addunyaa kana galmeessisuuf abbootin Gadaa, hayyoonni, fi ummannii Oromoo hojiin hojjechaa turan dhumarra firii boonsaa galmeesse.

Sirna Gadaa kunuunsuun, qorannaa bal’aa irratti gaggeessuun, duudhaalee isaa kunuunsuunii fi dhalootaa dhalootatti akka darbu taasisuunis ga’ee abbootii Gadaa fi ummataa Oromoo ti.

Adeemsi shaklaa gurraacha oomishuu Biisaalheez Poorchugaal, muuziqaa fi shubbisni Maadii Yugaandaa, Yuukreenitti sirni muuziqaa Koozaakooch, Kaamboodiyaatti aadaan muuziqaa Chaapaay Daang Veeng bara kana galmee balaa “UNESCO”rratti galmaa’aniiru.

Oromiyaan Gadaadhan, Sidaamaan Fiichee Caambalaalaa galmee “UNESCO”rratti akka hambaa addunyaa kiliyaarratti galmeeffamuun beekamaniiru.

Yaa’ii Hambaawwan Killayyaa 11ffaa Finfinneetti geggeeffamaa jiru kanaarratti Sirni Gadaa hambaa killayyaa addunyaa akka ta’uuf ‘UNESCO’ irratti galmeessisuuf qophiin barbaachisaan xumuramuun ala darbe ibsamee ture.

Sirna Gadaa dabalatee hambaawwan killayyaa haarawaa 37 akka galmaa’aniif gaaffiin dhihaateera.

Isaan keessaa hambaawwan 19 yaadni ogeeyyii (dhibbantaa 50 ga’u) itti kennamee murtoof dhihaataniiru.

Biyyoonni waggaa afur afuriin filataman dhibbantaa 50 hafe irratti sagalee erga kennanii booda hambaawwan galmaa’an kan adda ba’an ta’a.

Konvenshiniin Hambaalee Killayyaa ‘UNESCO’ kan ba’e bara 2003tti yoo ta’u, Itiyoophiyaan Konvenshinicha 2006tti mallatteessite.

Yaa’ii kanaarratti hirmaattonni kuma 1 ga’an biyyoota gara-garaarraa wal-ga’aniiru.

Yaa’iin hanga Jimaata dhufuutti turu kun Finfinneetti geggeeffamuunsaa tuurizimii koonfiransiif gahee olaanaa akka qabu ibsameera.

Hojiitti hiikkaa Konvenshinii Hambaawwan Killayyaa fi gaaffii hambaawwan nuuf haagalmaa’anii dhimmoota yaa’ichi irratti xiyyeeffatu keessatti argamu.

Yaa’iin Hambaalee Killayyaa ‘UNESCO’ 10ffaa Naamibiyaatti geggeeffamuunsaa kan yaadatamudha.

Hawwatni tuuristii fi aadaa Itiyoophiyaa eegamanii dhalootaa dhalootatti akka darbanii fi madda beekumsaa akka ta’aniif mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa itti kennee hojjataa jiraachuun ni beekama.

Faayidaa sirni Gadaa hambaa kiliyaa ta’ee galmaa’uu;

Toora odeeffannoo ‘UNESCO’ irratti barruun Afaan Ingiliizii fi kanneen biroon kaa’amee jiru waa’ee hambaalee Kiliyaa galmee dhaabbii fedhan, kan balaan irra ga’a jedhame galmaa’uu barbaachisuu fi addattimmoo muuxannoo gaarii waan qabaniif qabeenya addunyaa ta’uun irra jiraata jedhame dabalatee walitti 51 ga’u.

Kanneen keessaa Sirni Gadaa baatii tokkoof akka daawwatamuuf marsariitii barruu ‘UNESCO’ irratti Afaana Oromoo fi Ingiliiziin kaa’amee ture abbaa fuula 77 qabu sirna kana addunyaan dursee akka beekuf barreeffamaan gadi lakkifameet ture.

Ga’ee dubartiin sirna Gadaa keessatti qabduu fi ulfinni siinqee agarsiistudha.

Hambaalee Kiliyaa galmee dhaabbirra taa’uu qaban 37n kaadhimamaniif ulaagaalee gurguddoo shantu barbaadama.

Inni jalqabaa dhuguma aadaadhamoo asoosama namni tokko katabee dhiibbaadhaan uummata irratti fe’a isa jedhu adda baasuu gaafata.

Yoo galmee dhaabbii addunyaarra taa’emmoo bu’aan inni addunyaaf gumaachu ulaagaa gama birooti.Hambaa kana dhalootaaf dabarsaa deemuu akkataan dandessisu wanti qabatamaan jiraayyuu kan jedhu gaaffiin 3ffaati.

Dhimmi 4ffaan Hambaa Kiliyaarraa barbaadamummoo uummatamoo nama muraasatu naaf haa galmaa’uu gaafate kan jedhu koree miseensa biyyootii 24tiin kan xiinxalamudha.

Sirni Gadaa gaaffii Uummata Oromoo ta’uusaa xalayaa Bitootessa 4 bara 2007tti Ministeeraa Aadaa fi Turizimiitti Abbaa Taayitaa Qorannoo fi Eegumsa Hambaaleetiin barraa’een kan muul’ifamedha.

Kanammoo godinaalee gara garaatii kan uummaticha bakka bu’an Abbotiin Gadaa, maanguddoota, dubartootaa fi kanneen biroo 540 ta’an mallattoo isaanitiin mirkaneessaniiru.

Hambaan kunimmoo galmaa’udhaaf qabiiyyeen isaa mirga namoomaa, walitti dhufeenya hawaasaa as keessatti ga’ee dubartootaa fi daa’immaniis kan ilaallatu ulaagaa isa dhumaati.

Itti- aanaan Daarektarri Dhimma Aadaa ‘UNESCO’ Firaanchiskoo Baandariin galmeessa Sirna Gadaa kana irratti yemmuu dubbatan hambaaleen dhaabbanni isaanii gama sirna bulchiinsaan jiran galmee dhaabbii irra kaa’e muraasadha.

Adeemsi galmee mirkaneessuu Itiyoophiyaa dabalatee sagalee kennanii ga’ee koree miseensa biyyoota 24 ta’us, haala bulchiinsa Sirni Gadaa ittiin ilaalaniin qabeenya addunyaa ta’ee galmoofnaan ‘UNESCO’ iyyuu faayidaa akka ta’e kaasani.

Dhaabbatichi bara Faranjootaa 2008 irraa jalqabee hambaa kiliyaa 336 galmeesaarra kaa’era.

Maalummaa sirna Gadaa Oromoo;

Oromoon barnooota ammayyaa qaroomina har’aa addunyaan fiixee beekumsaa ittiin yaabbate osoo hin qabaatin, sirna bulchiinsa walxaxaafi qorannoo waggoota hedduu fudhachuu danda’u, kan jiruufi jireenya namaa karaa hedduudhaan gurmeessee oogganu, sirna Gadaa; demokraasii dhugaatiin wal bulachaa dhufee jira.

Gadaan Oromoo waliin walitti hidhata cimaa ta’e qaba. Jireenya hawwaasa Oromoo guyyaa guyyaa keessatti hiika addaa kan qabuufi raawwiin jireenyaa martinuu qajeelfama sirna Gadaa jalatti kan raawwatudha. Sirni Gadaa Jildii 1ffaa Asmaroomiin waabeffatee akka ibsetti, “Gadaan Sirna waan mara of keessatti qabuufi jireenya Oromoo kallattii maraan sakatta’udha,” jedha.

Gadaan Sirna Ddimkraasii namni marti itti amanee fudhatu, adeemsa hawwaasni ittiin wal hin qoodneen; tokko isa biroo irratti loogii ykn dhiibbaa kamiinillee uumuus ta’e uumsisuu bifa hin dandeenyeen keessatti hirmaatu ture.

Kanaaf, Gadaan Sirna Bulchiinsaa hawwaasni Oromoo achii as dhufaan sadarkaalee itti keessatti hirmaatamu ka’ee, walii isaa ittiin oogganaa turedha.

Adeemsa wal bulchuu sana keessatti Oromoon Waaqa tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan amana.

Gadaan Seera jedha; Seerri ammoo kan Waaqaati, jedha. Yaada kana keessatti kan ifu, waaqeffannaa isaa waliinis walitti hidhata cimaa akka qabutti ilaaluun ni danda’ama.

Oromoon sodaafi safuu Waaqaaf iddoo guddaa qaba. Haala kanaan Gadaan waa hunda aadaa, jireenya hawwasummaa, Dinagdee, Sirna Bulchiinsaa, Siyaasaa akkasumas Amantaafi kanneen biroo kanaan walitti hidhata qaban sirriitti ijaaramanii kan keessatti haala adda addaan calaqqisiif amaniidha.

Gadaan ijaarsa Sirna dimokiraasii keessatti fakkeeenyummaa olaanaa bakka hin buufamne qaba, kana jechuun, Sirni Gadaa mataan isaa Dimokiraasiidha jchuu ta’a.

Bulchiinsa Sirna Gadaa keessatti aangoon yeroo itti walitti kennaniifi wal harkaa fuudhan qaba. Adeemsi kun fedhiifi yaada namoota dhuunfaa ykn kan garee muraasaan oogganamuufi giddugaleessa godhatu miti.

Addunyaa har’aa keessatti yoo ilaalle, qabeenyi hedduuniifi lubbuun gara malee kan wareegamaa jiruuf aangoo bifa dimokraatawa ta’een walitti kennuun waan hin amaleeffatamneef akka ta’e ifaadha.