Gadaa Oromoo Tuulamaa

Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran keessatti kan argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaan Macca, Kibba dhihaan Jimma, Kaaban Laga Abbaayi, Bahaan Karrayyuufi Kara kibbaatin Arsiidhan kan daangeffamuudha. Lafa bal’aafi ummata bal’aa kan qabuudha.Teessoon mootummaa biyya kanaatis handhura Tuulamaa, Finfinneedha. Gadaa Tuulamaa kana hundee irraa balleessuuf moototiin Habashaa kanneen akka Saahila Sillaasee, Minilikfi Hayila Sillaasee waraana hedduu itti bobbaasanii ardaalee jilaa isaatis dhaabbata adda addaafi Bataskaana irratti ijaarudhaan mallattoo eenyummaa Oromoo, lafa maqaa Oromootin waamamanis ta’ee maqaa namaatis jijjiirudhaan aangoo isaanitti fayyadamuudhan waan barbaadan hunda irratti raawwatanii jiru.

Sagalee-Gadaa_Tuulama2014Gadaan Tuulamaa gochaa bara dheeraaf irratti gaggeeffame kanaan baduu hin dandeenye. Dhiibbaa sana hunda keessa darbee har’a of cimsee Abbootii Gadaa Oromoo mara waliin walitti dhufeenya isaa cimsatee jira. Jiddu galli teessoo isaa dur Odaa Nabee ta’ullee, haala teessuma ummatichaatiin Gadaan achi taa’ee hojjachuuf mijaawaa ta’ee hin argamne. Lafti isaa qote-bulaadhan qabamee jira.

Kana malees har’a haala ammayyaa keessa jirru kanaan guddina Gadaan irra gahe bu’uura godhachuudhan gaa Gadaa Magaalaa Bishooftuu keessatti hundeeffate jira. Rakkoolee hawaas – diinagdee furuu keessattis waan guddaa hojjachaa jira. Walitti dhufeenya Abbootii Gadaa Oromootifis wiirtuu ta’ee jira. Galma Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo ta’uun isaa ummata biyya keessafi biyya alaa hunda kan gammachiisedha.

Caasaa Gadaa Tuulamaa Caasaan kun ilmaan Tuulamaa Sadeen; Daacci, Bachoofi Jiille of keessaa kan qabuudha. Saglan Yaa’ii Gadaa Tuulamaas ilmaan Tuulamaa sadeen kana irraa ijaarama. Saglan Yaa’ii miseensa sagal kan qabu ta’ee hojii Gadaa hunda ol’aantummaafi giddugaleessummaan kan gaggeessudha. Seera Caffeen tumte hojiitti hiika, hojii diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa akkaataa duudhaa Oromootiin gaggeessa. Seera Gadaa irratti hundaa’ee hawaasa kan gaggeessufi kan tajaajiluudha. Baajataafi mindaa malee bilisaan hojjata. Matta’aa ykn gubboo hin fudhatu. Waadaa qumbii eega. Waadaa gale hin cabsu. Cabsu abaarree itti ta’a. Firaafi alagaa walqixxee ilaala. Kanaaf ummataan jaalatama. Ummata biratti fudhatama guddaa qaba.

Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa, kan Yaa’ii Saglaniin hogganamu, Magaalaa Bishooftuu godhatee caasaa isaa aanaalee 42 kan Tuulama keessatti argaman hunda keessatti caasaa mataa isaa qaba. Aanaalee kanneen hunda keessattuu bakka bu’oota Abbaa Gadaa kan ummataan walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba. Bakka bu’oonni kunis aangoo giddugaleessarraa itti kennamu itti gaafatamummaan hojjatu. Kan humna isaanitii ol ta’e gara giddugaleessaatti ol dabarsu. Gabaasa hojii isaanis dhuma waggaa irratti ni dhiyeessu. Hojiin Gadaa Duudhaa Oromoo irratti waan hundaa’uuf Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba.

Yeroo har’aa kanatti hawaasni bal’aan dhimma isaa kara mana murtiitiin dhaquurra gara Waajjira Gadaa Tuulamaa fidachuu filata. Gadaan Tuulamaa ummata biratti amanamummaa guddaa qaba. Gadaa kan jibbu yoo jiraate diina Oromoo qofaadha. Warra waan hunda numatu isinii beeka jedhuudha. Fudhatama nu dhabsiisa jedhanii warra sodaataniifi warra Oromoo jibbanii qabeenya Oromoo jaalataniidha. Garuu akka isaan jedhan osoo hin taane guddinni Gadaa biyya tana irra darbee addunyaafuu bu’aa guddaa qaba. Kanas ta’ee sana Gadaan Tuulamaa har’a cimee caasaa isaa dur dhiibbaa adda addaan jalaa laafee ture cimsachuu irratti argama. Gadaa Tuulamaa keeaassatti Itti Makoo irraa kaasee hanga Gadaamojjiitti kana fakkaata; Itti Makoo→ Dabballee→ Foollee→ Qondaala→ Raabaa→ Doorii→ Gadaa→ Yuba→ Yuba 2ffaa → Gadaamoojjii.

Tuulama keessatti namni tokko erga Abbaa Gadaa ta’ee dabareen booda Gadaa gargaarudhaan, gorsuudhaan hojjata. Tuulama keessatti umrii caasaa Itti Makoo irraa kaasee jiru akka seenan ibsutti ijoollee waggaa 0 – 8 jiraniidha kan jedhu eegamaa miti. Tartiibni umrii eeggamaa miti. Sababni isaas akkuma olitti xuqame sirni Gadaa Tuulamaa baay’ee sarbamuu irraan kan ka’e addaan ciccitiin akka isa qunname seenan ni ibsa.

Gahee hojii Caasaalee Gadaa Itti Makoo: jabbilee tiksuu, qae’eerra taphachuu. Foollen yoo Gadaarraa gamma fudhatu isaan jala deemanii aadaa sirna foollee baratu. Daa’imman waan ta’aniif itti gaafatamummaa baay’ee hin qaban.

Dabballee: Loon bobbaasanii, borraaqanii taphatu, gosa ofii baru. Afoola adda addaa baratu.

Foollee: Akka raayyaa waraanatti gadaa jalatti kan ajajamaniidha. Gadaaf ni ergamu, loon bade ni barbaadu, bishaan ni obaasu. Warra Gadaa akka abbaa isaanitti gargaarudha. Kanaaf Gadaan gaafa gadooma isaa gamma qopheessee laataaf.

Qondaala: Sirna Bulchiinsa Gadaa shaakalu, waraanni biyyarratti yoo ka’e ni duulu, ni qotu, midhaan haamu…

Raaba: Aangoo gadoomaa jala warra gahaniidha. Bakka gadaan hin jirretti bakka bu’anii ni tajaajilu.

Doorii: Baallii Gadaa fudhachuu warra gahaniidha, alangee gadaa tolfatu, Odaa Nabeefi Caffee Tumaa ni godaanu, sirna Gadaa ni fudhatu. Seera biyya ittiin bulchan ni tumatu.

Gadaa: Qaama bulchiinsaa isa olaanaadha. Hawaasummaa, diinagdee, siyaasa walitti qabee kan ummata bulchuudha.

Yuba: Muuxannoo qabaniin warra aangoo Gadaarra jiran ni gargaaru, ni gorsu. Seera darbes ni himu.

Gadamiijjii: ni sooramu. Gadaa Shanan Tuulamaa Dur Gadaan miseensa (paartii) sagal akka ture himama.

Maqaaleen hanga har’aatti waamamanis kanuma mirkaneessa. Isaanis: Birmajii, Beelbaa, Halchiisa, Muudana, Roobalee, Horata, Duuloo, Biifole, Michilleefi Kiiloleedha.

Haa ta’u malee marsaan Gadaa naanna’ee hanga dhufutti Gadaa abbaa ilmi waan dhaqqabuu dadhabeef Gadaa shanitti akka deebi’e/dacha’e himama. Garuu bara kam Gadaa shanitti akka deebi’e ragaa qabatamaan hin argamne.

Gadaan sagal haa jedhamu malee 10ffaan Gadaan Kiilolee jedhamu maqaan ni jira. Kitaabni “Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa” jedhu keessatti haaromsa Gadaa gaggeeffameen Gadaan saddeet irraa akka shanitti deebi’e haala kanaan ibsa. “Caffeen giddugala Tuulamaa osoo hin taa‟in waggoota 360 ykn gadaa 45‟f akka citeefi gumiin hin taa‟in himama. Cinna Gadaa bara dheeraa kana booda bara Abbaa Gadaa Namoo Dooyyoo gumiin guddaan kan miseensa Birmajii jila gaggeessen Gadaan haaromfame jedhama. Kana jechuun yeroo ammaa irraa duubatti yoo herreegame 2006 – 888 = 1118 A.D jaarraa 12ffaa keessa akka caffeen deebitee Odaa Nabee teesse tilmaama. Jijjiirama yeroo sanaa keessa marsaan Gadaa 8 ture shanitti deebi‟e. Miseensi sadeen duraa of danda’an sun akka miseensa biraatti dabalaman ta‟e.”

Haa ta’u malee ragaa armaan olitti xuqame kan faallessu waraana yeroo adda addaa Oromoon lafa isaa kabachiisuuf mootota Habashaa wajjin gaggeessaa ture, Taabor Waamii kitaaba isaanii “Ye Wigganaa Dirsatoochinnaa Yetaarik Iwunataa”jedhu keessatti bara gaggeessummaa Gadaa isaanii haala kanaan kaa’e.

  1. Gadaa Meelbaa (Beelbaa) …. 1522 – 1530
  2. Gadaa Muudanaa …. ……….1530 – 1538
  3. Gadaa Kiilolee ………………1538 – 1546
  4. Gadaa Biifolee ………………1546 – 1554
  5. Gadaa Michillee …………….1554 – 1562
  6. Gadaa Harmuufaa …………..1562 – 1570
  7. Gadaa Roobalee ……………..1570 – 1578
  8. Gadaa Birmajii ………………1578 – 1586
  9. Gadaa Mul’ataa ………………1586 – 1594
  10. Gadaa Duuloo ………………..1594 – 1602

As keessatti Harmuufa jedhamee kan xuqame Gadaa Gujii keessatti argama. Yeroo ammaa Halchiisa irraa baallii fuudhuuf waggaa tokko kan isa hafuudha. Mullata kan jedhus ragaa yoon argachuu baadhellee Gadaa keessa waan jiru hin fakkaatu. Akka as irraa hubannutti Gadaan miseensa shanitti kan deebi’e bara 1602 booda fakkaata. Kun qorqnnoo gadi fagoo kan barbaadudha. Akka Gadaa Tuulamaatti Gadaan walitti deeb’e/dacha’e kan armaan Gadiiti: Roobaleefi Biifolee walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Birmajiin akkuma jirutti jira;  Beelbaafi Horatni walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Muudanniifi Michilleen walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Halchiisnifi Duuloon walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an. Walumatti Gadaa shan ta’u.