Odaa Bultum

odaaa

Odaa Bultum

Odaan Bultum Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum magaalaa gudditti Aanichaa Baddeessarraa kiloomeetrii 12 gara dhihaatti erga deeman booda Magaalaa xiqqoo Karraa Qurquraa jedhamtun gama kibbaa bahaatti koloomeetrii 4 fagaatee Araddaa qonnaan bulaa Goda horaa bakka dirree hora jedhamtutti argama.

Sirna Gadaa Odaa Bultum

Hundeeffamni sirna Gadaa odaa Bultum ilaachisee akka kitaaba barreessaa Ishatuu Irraanaa Dibaabaa seenaa oromoo durirraa hanga bara 1890tti mata duree jedhuun bara 2001 fuula 77-80 irratti akka ibsanitti hundeeffani sirna Gadaa Odaa Bultum jalqabni isaa jaarraa 12ffaa irraa jalqabee yemmuu tahu hanga dhuma jaarraa 19tti giddu gala siyaasaa , diinagidee fi hawwasummaa ummata oromoo tahee tajaajilaa akka ture ragaan kitaaba kanarraa arganne ni ibsa . yeroo kanarraa jalqabee hanga weerara sirni gita bittaa Minilik Oromiyaa Bahaa humnan hin qabatinitti sirni walharkaa fuudhiinsa baallii bara Gadaa tokkotti (waggaa saddeet saddeetitti) al tokko iddoo seena qabeessa God/Har/Lixaa kan tahe Odaa Bultumitti gaggeeffamaa akka ture Odeeffannoon Maanguddoota irra arganne ni ibsa.

Garuu erga Sirni gita bittaa (gabroofata Minilik Oromiyaa Bahaa humnaan qabatee jalqabee hanga sirna Abbaa irree dargiitti dhiibbaa fi hacuuccaa sirnoonni kun ummaticha irratti geggeessaa tureerraa kan ka’e waggoota 106 oliif mallattoo fi callaaqqee uummatichaa kan tahe wiirtuun kun akka addaan citu taasifame. Garuu, ummatichi yeroo sana keessatti sirna seena qabeessa kana gabroomfataa fi abbaa irree kana mormuun karaa hin gurmoofneen kallattii adda addattiin qabsoo hadhaawaa geggeessaa tureen wareegama lubbuu kaffalaa kan ture ta’uu isaa qorannoon Seenaa Sirna Gadaa Odaa Bultum irratti gaggeeffamee ni ibsa.

Kanuma bu’ura godhachuun ummanni Oromoo ardaawwan jilaa gurguddoo sirna walharkaa fuudhiinsa baallii itti geggeeffachaa ture irratti sababa dhiibbaa sirna gita bittaatiin addaan citee turee mirgaa walqixxuummaa sabaa sirna Dimokraasii kanaan argateetti fayyadamuun kufaattii sirna abbaa irreetiin booda waggoottan kurnan lamaan dabran keessatti iddoowwan bebbeekkamo seena qabeessa ardaa jilaa ummatichaa tahan kanatti waggaa saddeet saddeetitti al tokko Abbootii Gadaa aangoo kan waliif ittiin dabarsaa turan ayyaana sirna Bulchinsa Gadaa geggeessaa tureera. Iddoowwan beekkamoo kanneen keessaa Godina Harargee Lixaatti kan argamu Odaan Bultum isa tokkooodha. Odaan Bultum Odaalee beekkamoo shanan Godina Shawaa Bahaatti kan argamu Odaa Nabee, Godina Baaleetti kan argamu Odaa Roobaa, Godina Shawaa Lixaatti kan argamu Odaa Bisil, Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti kan argamu, Odaa Bulluqitti aansee quxusuu akka tahee fi Odaa heerri itti guutamae tahuu manguddoonni seenaa beekan ni himu.

Sadarkaalee Sirna Gadaa Odaa Bultum

Akkuma Odaaleen biraa, moggaasaa fi sadarkaa Gadaa qaban Sirna Gadaa Odaa Bultum keessattis sadarkaalee Gadaa kudhantu jira. Isaanis
1. Maxxarrii (seelee)-umrii dhaloota irra hanga wagga 8
2. Rubboo (Gaammee xixiqqaa)– Waggaa 9-16
3. Goobama (Gaammee gurguddaa)– 17-24
4. Kuusa (Umrii waggaa)-25-32
5. Raabaa Doorii (Um.33-40)
6. Gadaa (Umri waggaa 41-48)
7. Yuuba 1ffaa (umrii 49-56)
8. Yuuba 2ffaa (Umrii 57-64)
9. Yuuba 3ffaa (Umrii 65-72)
10. Gadamoojjii (umrii 73-80)
11. Yuuba (bara Gadaa) Odaa Bultum:-

Sirni Gadaa Odaa Bultum shan (5) qaba. Isaanis

1. Horata- hiikaa isaa horaa Bulaa jechuudha
2. Sabbaaqa- hiikkaan isaa Qabeenya dachaan horadhaa jechuudha
3. Badhaadha – hiikkaan isaa Adduunyaa guddoo qabaachuun jireenya gaarii jiraadha
4. Fadata- hiikkaan isaa garaanis bal’adhaa lafaanis bal’adhaa
5. Daraaraa- hiikkaan isaa horteen teessan haababal’attu jechuudha akka waliigalatti sirni Gadaa Odaa Bultum kana fakkaata.

Sirna kabaja Ayyaana Gadaa Odaa Bultum

odaa 233Uummanni Oromoo Aadaa Bal’aa qaba akkuma aadaatti bakka jireenyaasaatti Sirni kabaja Ayyaana adda addaa tahe argama. Kanaafu, Sirna Kabaja Ayyaana Odaa Bultum maal akka fakkaatu dhiyeessina. Uummanni Oromoo Godinichaa gosa Oromoo keessaa ilmaan Ituu kan ta’an Baabboo Elellee, Gaadullaa alga, Addaayyo, Aroojjii, Gaamo, Baay’ee fi Waayyee yommuu ta’an yeroo ammaan ilmaan tanaa Afran qallootis bal’inaan qubatanii Godina kana keessatti jireenya isaanii gaggeessaa jiran Ayyaana Odaa Bultum kana Abbummaadhaan kan gaggeessuu gosoota saddeettan duraa tahanillee Ituu sagaliifi warrii Qaalluuttis gahee mataa isaanii qaban.

Waa’ee hiikkaa Ituu ilaalchisee yaadnii Manguddoorraa argannee karoo lamatti qoodama akka Manguddoonnii gaariin himanitti Ituu jechuun maqaa guyyaa keessaa bahee malee maqaa namaatii miti akka ibsaa kanatti duratti gaafa Ituun tarree godaantu yeroo dheeraa Aannan guutamuufi itituuf didee naannawa Odaa Bultum kanatti ciicoon waan guutameef bakkii Aannan itti guutamee kun gubbaa guutu jeedhame akka moggaafamee ni himama. Kana booda Aannan kun halkan Odaa jala ballee waan nuuf ititeef Awsa’id kan jedhamu qaalluun ykn Awliyaan biyyaa akka Aannanii kanatti walitti ititaa jedhee eebbisee jedhan. Ituu kan jedhuus “ititi” jecha jedhu kanarraa akka moggaafame dubbatama. Haaluma wal-fakkaatuun Aannan asitti ititee kanaas raasanii dhadhaa laga irraa baasan booda baaduu bishaan horaa keessatti waan gad naqaniif horri kun horaa baaduu jechuun hanga ammaatti akka beekkamu Manguddoonni ni dubbatu.

Akka Ibsa Manguddoota lamataatti akkuma olitti ibsametti Ituun Ilmaan sagal qaba warra qaalluutti kudhani Ituun saglan bakka lamatti Afran Mana Baabboofi Shanan Mana Ituu jechuun beekkaman. Afran Mana Baabboo, Baabboo, Gaadullaa Elelleefi Alga yoo tahu shanan Mana Ituu immoo Addaayyoo, Aroojjii Gaamo, Baay’eefi Waayyee keessatti kabajaafi ulfina qabaatuun bekkaman.  Akka ibsa Manguddoota kan lammaffaa kanatti dur Ituun gosaan qabeenyaafi daangaarratti walitti bu’a turan haala kana foyyeessuuf Odaa kana jalatti wal-gahanii Heeraafi Seeraa ittin bulan baafatanii yeroo kana Awsa’id akka Aannan sa’aa tokkooti walittii ititaa tokko tahaa walitti isin haa mi’eessuu jedhee akka eeybisee ragaan argamee ni ibsa.

Odaa Bultum jechuuniis  halkanuma Odaa kana jala bulan akka bahee himama gaafa tarree Godaanaan halkan hunda namaa keessaa du’a kan jedhu ibsii Manguddoota halkan Odaa kana jala bulan immoo Nagayaan bulanii ja’an. Ganama yeroo ka’an “Bullee Bultanii” Ee bullee nagayaan bultanii jechaa nagayaa waan walgaafataniif “Bultum”jechuun “Bultanii” kan jedhurraa akka bahee himamaa ganamaa yeroo walitti dhufan “Bullee Bultanii” jedhanii nagayaa wal gaafachuun kana boodaa akka baratamee dubbatama.

Walumaa galatti Odaan Bultum bakka maqaa Ituu jedhamu itti argatan bakka nagayaan itti bulan waan taheef kabajaa guddaa argatu argachuunsaa akka jalqabee ni himamaa kan booda Odaan kun waa heedduuf iddoo seena qabeessa tahee Sirna Gadaa oromoo ykn akka jechaa Uummata Oromoo naannawaatti Sirna Raabaa Doorii keessaa Odaan kun quxusuu waan taheef bakkaa heeraafi seera Oromoon itti bultu itti guutamee ja’an. Dooriiin yeroo naannawan heera Odaa Bultumitti tumamu kan tahanii seeraa irraa baasuudhaan akka wal bulchaa turan Manguddoonni ni dubbatu akka summatti bara saddeetitti yeroo tokko Odaa kana jalatti Kora bahanii (walgahanii) Raaba isaan bulchu akka filatan ragaan argamee ni ibsa. Gabaabati Odaan Bultum Galmaa fi jiddu gala Mootummaa Uummata Oromoo naannoo kana tahee akka ofiin of bulchaa turan seenaan ni ibsa.

Sirna Raabaa Doorii (Gadaa)

Waggaa saddeet saddeetiin walgahanii Sirna Raabaa Doorii (Gadaa) yeroo gaggeessaan Ayyaana kabajamutu jira.  Ayyaanni kuniis Ayyaana Odaa Bultum jedhamuun beekkama. Akka Qorannoo Ayyaana Odaa Bultum kan bara 1993 agarsiisuti Ayyaanni kun kan tures guyyaa saddeetitti yoo tahu Sirni Ayyaanichaas tartiibaa mataa isaa qaba. Yeroo dura jalqaban Ayyaanni eeybaa manguddootiin guyyaa 8/5/93tti banamee Ayyaanni eeybaa hangafichi Ituu Baabboon eegale baname booda Manguddoonnii biraatiis ni eeybisan eeybaa baniinsa kanarratti Ayyaanni kan akka Oromoon dur kabaju akka tahuuf cimsanii kadhatan.

Guyyaa itti aanu daadhiif nadhiitu bulbulamee dhugama daadhiif wannii barbaachisu deeymaa bishaanii fi meeshaa aadaa tan itti dhugamudha. Deeymii eegaa dhiyaatee booda bishaaniis achumaa namoota waraabee fidu argatan namoonni bishaan fidan kun hidda mukaa daaluu jedhamu laffarraa harkisaa Baabbichaan dirqamanii laga deeman waan harkatti qabatan hundaa harka mirgaatti qaban. Kuniis mirgii kan Oromooti jechuu akka tahee manguddoonni ni dubbatu eega bishaan dhufee booda daadhiin meeshaa aadaati bulbulamee gosaa baabboo keessaa warraa dhalaaniin rabsama. Bakka bu’aan warraa dhalaan daadhii habbuuqee ummataatti biifuudhaan “Oromoon walitti haami’oytu wal haajaalatu akka kannisaatti haa gamtooytu tokkoo haataatu” jechaa eeybisa akka manguddoonni hedduun himaniifi daadhiin akka walitti mi’ooytu taasisa ragaa jedhu of keessaa qaba Sirnii daadhii kun eegaa raawwannee booda guyyuuma kana gama galgalaa killi qalamu jalaba.

Killi (bunaa qalaan) aadaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba waan jabaatte killaan akka ifirraa maqan taatani ragaan jaarsoolee irraa argannee ni agarsisa. killaaf waan barbaachisu firiifi baala bunaa dhadhaa mijuu (cicoo) aannanii saddeet, jimaa haaqaaraa saddeet, siiqeefi kkf dha eega kun guutamee booda dura firii bunaatii dhadhaa okkootee saddeetitti afeelameeti, qorii (killaa) saddeetitti naqama kana booda okkootee hundatti marqaa affeelanii qorii saddeetitti baasanii bulan manguddoonni bakka bu’ootaa gosa saddeetan Ituu jahan haadhaa Mana isaanii fudhatan achitti dhihaachun Sirna Killaa qalaa killaa qalaa kan gaggeessan killaarraa raagaa hoodaati mijjaa isaa dubbatan. Fakkeenyaaf eega qoritti naqamee booda yoo ititee, yoo dhoheefi, yoo danfee waan irraa himamutu jira.

Ganama eeybisanii, haallaatanii eega nyaatan miijuu dhuganii, jimaa rabsatan booda, eeybisanii killaa Odaa jala gama galmaatti galchan kana boodaa guyyaa sadihiif killii ulmaa tura kana booda guyyaa saddaffaa hadalla (qorii keessatti haftee) Odaa jalatti hallaataniiti shummoo affeelanii qorii sanitti naqanii eega nyaatan booda galchan. Yeroo kana killi ulmaa bahee jedhama.

Sirni Ayyaanichaa kan itti aanu kormi taa’aa dandee geessanii halluudha. Kormii lakkoofsaan saddeet kan bita takkaatu qophaa’ee goosota saddeetan Itutiin dhiyaata. Kormii dhiyaatan hundinu bitaan guraachaa, kormaati bifa guraacha tahuun maliiq barbaachisee kan jedhuuf jarsooliin yeroo deebisan kormii mallattoo jabeenyaa yoo tahu halluun guraachi garu wanni kadhatan hundi akka namaaf tahu ykn mokaa’uuf filatama jedhan. Taa’aa dandee bakkii jedhamtu Odaa Bultumirraa tilmaamaan kiloomeetira lama (2) gama bahaati fagaatee gaara dandee jalatti argama. Yeroo taa’aa dandee deeman haalli itti deemaniifi deebi’an hundinu seeraa mataa isaa qaba. Manguddoon yeroo karaa deemtu hangaftichaa Ituu, baabboon durfamteeti Qaalluu of jeddu buusanii wal-duraa duubaan hanga baay’eetti hiriiran. Akkasumati isaan boodaan korommiin sadataan hiriiraan jala bu’an waan harkati qabatan hundi harka mirgaatti qabatan.

Karaa yeroo deeman horiis tahee namniis akka dura hin qaxaamurree ni dhorkan. Hanga Odaa dandee jala dhaqanitti Manguddoon osoo of duubaa hin laallee karaa deeman. Gaara dandee jala osoo hin geenye bakka Galma Awsa’id jedhamtu takkatti gad-ta’anii lafaa qabachuudhaan yeroo sadii “Qaalluu Rabbii (Waaqaa) nu hooffalchi” eega jedhamee booda ammaas “ni deemna nu eeybisi” jedhanii, eeybisee amnaa itti fufuudhaan Odaa dandee jala gad ta’an. Kana booda qaalluu keessaa deemeti bakka taa’an dandee jiru Odaarraa hanga meetra 15 takka deemanii dhaqan. Eega achii dhaqee booda taa’aa kana jala kan jiru bishaan maddaa qumbitti naqaati ummata eegan.

Uummanniis hiriiraan deemanii taa’aa kana gama mirgaatiin naannawudhaan qaalluu maddarraa jiru bira dhaqan. Qaalluun bishaanirra dhaabbatee qaama namoota bishaaniin bakka sadii, toora qaamaa saalaa, hundhuraafi adda tuttuqudhaan “mishee kee namnii sirraa hin muratiin, hanudharaa kee namni sirraa hin fudhatin, dandee tahii, waa siin hin danda’in” jedhaa bishaan kana dibaa ykn hallaa. Kana jechuun akka diinni ajjeessee mishaa (qaama saalaa dhiiraa) hin murree akka horii isaa hin boojineefi injifachuuf dandeeyti akka qabaatu waaqaa kadhachuufi jedhan.

Kana booda Odaa dandee jalatti deebi’aniti qaalluun Aannan habbuqee ummataatti bifudhaan “Aannan walitti isin haa godhu jedhee eeybisa’’. Namoonni biraas walitti kennaa habbuuqanii walitti biifaa dhugan. Akka yaada Manguddootni jedhaniitti aannan mallattoo nagayaa waan taheef, akka garaan walitti fayyaa nuu tahuuf biifamee dhugamaa. Itti aansuudhaan bishaan madda Uummanni hallaterraa fidaniin kormii saddeettan Odaa jalatti kan Baabbichaarra jalqabanii ni hallan. Yeroo kana Uummanni walitti qabameeti horii farsaa taphatanii gama Odaa Bultum karaa bu’an.

Yeroo karaa deeman akkuma yeroo dhufanitti tartiibaan deemati “yaa leymoo faana roobaa” jechaa Rabbiin akka roobuuf kadhatan. Bishaan dirree horaa kana keessa deemu akkuma gahanitti “mayraa kutadhaa” baabbichii jedheenii hundinu mayraa harkatti fudhatee deema. Akkuma dhichiisaa Odaa jala gahaniin Odaa gama mirgaatiin itti naannawaniti osoo gad hin ta’iin, qaalluun “bakkuma jirtanii harka walqabadha” jedhan. Kuniis tokko tahaa, wal gargaaraa,” jechuuf akka tahee manguddoonnii ni dubatu. Kana boodaa gad ta’aniiti “mayra galchaa” waliin jedhanii qalluurratti galchaan. Qalluuniis “akka mayraa kanatti isin haa magarsu” jechuudhaan eeybisa. Kana booda Odaa jalatti kismidaal (qiinxaa) muraniti, eeybisanii, manguddoon galmaa isaanitti deebi’anii bulan.

Guyyaa itti aanu tartiibni Ayyaanichaa kan jalqabu qalmaata karomiitiin. Sirni kun yeroo jalqabamu dura kormaa baabbichaa kuffisaniiti akkasumatti tartiiban kan baayichaarrati xumuran. Kan halaalchu ykn qalu namuma tokkoo yoo tahu inniis baabboo keessaa warraa dhalaan jedhamu. Gogaa fi foon adda eegaa baasan waan garaa saddeetanitu galchan. Foon qalamee kana keessaa jalqaba tan nyaadhamtu tiru yommuu taatu tuniis seeraa itti qophooytu qabdii dura tiru kormi saddeetanii bakka takkatti walitti fidaniiti, akka sirritti walitti makaamtuuf tartiibaan ciramtee bakka bu’aa gosa baay’eetiin qophooyti. Kana booda “Oromoon akka Obbo Leeyyan tiru (ilmaan haadhaa abbaa tokkoo) walitti haa taatuu” jechuudhaan eeybisaniiti Uummataa hundaaf baay’een hiramti. Tiruun hiikaa oboleeyaan garaa tokko qabdii, Foon biraa akkuma galmatti galeen affeelametti wadajaaf miidhaysaa bulan.

Halkanuma kana keessaa lafee dugugguru Afuriifi Jimaan haqaaraa afur bakka agamsaa baaduu jedhamtiiti boollaa takkatti ni awwalaman. Kun sababni isaa waani Oromoof hin toollee akka awwalamu raaga jedhuuf akka tahee ni himama. Ganama Guyyaa isaa maayyii (xumura) 16-5-93 ti dubartonnii saddeettan haadha warra bakka bu’oota gosoota Ituu tahan waliin tahanii, siiqqee qabatanii taphacha uusa (Cuma) uranitti bakka bineensii nyaatutti darban. Kana maaliif akka godhan ilaalama sababaa gahaa hin argannee. Kanaaf qorannoo itti fufuun barbaachisaadha.

Dhumarratti mariin gageeffameeti korri lallabama. Akkaa seenaa Ayyaana kana odeeyfannoo manguddoorraa hubanneeti dur marii gaggeeffamu kanarratti rakkinni hawaasummaa kan bara saddeettan dabree hundinu qoratameeti hundaafu furmaata laatan. Mariin kuniis kan gaggeeffamu guyyaa Ayyaannii jalqabeerraa hangaa dhumatti. Gadaa irra turaaniifi kan itti deemaniis waliif hirman. Sirna Caasaa bulchiinsaa isaanittiis ni filatan. Kanaan booda waan irratti walii galan heeraan lallaabama (labsama).