Sirna Gadaa Oromoo

Tulluu Goolee Barroo/ kitaaba isaa “Qabsoon Oromoo eessaa karam” jettu fuula 96 keessatti, Gadaan bara durii jaarraa 10n duraa jalqabee akka bulchiinsa sirna Oromoo ta’aa ture qorannaa geggeesseen addeesseera.

Yeroo baay’ee, Gadaa akka sirna bulchiinsaa qofatti fudhachuudhaan, sirna siyaasaa qofa jedhanii namoonni dhiyeessan ni jiru. Haa ta’u malee, garuu akkaataa maanguddoonni haala Gadaa barsiisan jedhanitti, “dhalli Oromoo sochii inni gaafa dhalatee hanga gaafa boqotuutti taasisu, kan Sirna Gadaatii ala ta’e hin jiru.”

Bulchiinsa Gadaa kan Dirribii Damusee “Ilaalcha Oromoo” jedhu keessatti barreesse fuula 200 irratti “heeraa fi seerri Oromoon ittiin of bulchaa ture kun kan alagaa biraa ergifatame miti” jechuun qabeenyaa ummati Oromoo ofiin uummatee dhimma itti bahe ta’uu ibsee jira. Itti dabaluuni fuula 201 irratti “Oromoon sirna bulchiinsa sadii

1 Sirna bulchiinsa Dubartii (Haadhaa) Matriarchal society

2 Sirna bulchiinsa Gadaa (Democracy)

3 Sirna bulchiinsa Alagaa (Colony)” dabarsuu isaa barreesseera.

Gadaan sadoo ummata Oromoo gamtoomsee, qindeessee hooggana mataa qabuun, jaarmiyaa ijaarsa walaba ta’een, biyya waloo, biyya Oromoo taate ijaaree geggeessaa ture ittis jira. Gadaan Oromoo kan inni ittiin beekamu fi akkasiin waan ijaarameefi. Akka mootummoota goonfoo har’a ummata afrikaa rakkisan utuu hin taane, sadoo jiruu fi jireeynaa namaa, argama Gaanfaa Afrikaa, kennaa har’a sirna hoogganuu fi ijaaruu qaba. Gadaan mana barnootaa umurii fi hooggana sirna dimokiraasii har’aa irrallee wayyituu dha.

Abbabaa Tarrafaa, “Minilik 2ffaa fi Oromiyaa” jedhu keessatti SABBAQA GADAA /LAYERS/akkanaan barreessanii jiran:

ADUULA GADAA

Aduulli Gadaa koree hoji raawwachiiftuu Gadaa ti. Isaanis:

1. Caffee Biyyaa National Legistature

2. Caffee Gosaa Provincial Legislature

3. Caffee Lammiiti Local Legislature

Aduulli Macca biratti kudha lama, Gadaa Tuulamaa keessatti sagal akkasumas Gadaa Booranaa keessatti jaha. Hayyoonni hedduun giddu-galaan, Aduulli Gadaa sagal jedhu kan giddu-galatti fudhachuudhaani. Isaanis:

1. Abbaa Bokkuu/Abbaa Kormaa/ – Gadaa Maccaa keessatti presdent;

2. Abbaa Bokkuu/ Abbaa Kormaa/ – vice presdent;

3. Abbaa Bokkuu/Abbaa Kormaa/ – 2nd vice president;

Bokkuun – waadaa qabduun kan ummata hooggana qixaan tajaajiluuf mallattoo itti gaafatamummaa fi mallattoo dursummaa, mallattoo qaama nama guutuu ta’e, kallachas addatti kan hidhatu fi hawaasicha geggeessuuf hawaasichaan kan itti amaname mallattoo guddaa dha.

4. Abbaa Muudaa – Qaalluu ayyaantummaa qabu, ayyaantummaa isaatiin kan raagu, kan fala ummataaf himu, diinni yoo biyya weerare kan waaqayyoon kadhatuuf fi lolaaf yoo ba’an illee ni eebbisa.

5. Abbaa Duulaa – hoogganaa humna waraanaa ti. Tooftaa lolaa kan leenjisu, ga’umsa kan qabu, kan irratti abdatamuu dha. – Abbaa Muudaatiin muudama.

6. Abbaa Loonii – Beenya sochii ummatichaaf oolu, kan sadoo Gadaa, waraanaa fi kkfn qaba.

7. Abbaa Seeraa – Warra seera hojiirra oolchan, seera tumameen murtii gaaddisatti, Abbaa Gadaa fi aduula qaamni isaa ilaalu wajjin murtii kan kennuu dha.

8. Abbaa Alangaa – tumaa caffee hojiitti kan hiiksisanii fi mallattoo alangaa kan harkatti qabatan, seerri akka hin dabne kan eegan, kan tiksan matta’aa malee, haqaan warra seera hojii irra oolchuu dha.

9. Abbaa Caffee – caffee irratti kan to’atu, itti gaafatama kan qabu, bakka walgeetti jilaaf gaafatama kan qabuu dha.

Abbaa Caffee akkuma jennu, warra dirreef Abbaa Dirree, Abbaa Malkaa jenna. Abbaa bokkuu sadaffaa kan jennu kana Alamaayyoo Hayilee kitaaba isaanii “Siyaasaa Oromoo Tuulamaa” jedhu keessatti “Abbaa biyyaa” jechuun aduula keessatti ibsaniiru.

MARSAA GADAA /The Gadaa grades (stages)

Marsaan Gadaa umurii irratti hunda’a. “A/Gadaa Roobalee” the decisive in the Gadaa functional system is the Gadaa stages. The Gadaa stages has ten (10) stages. To pass through the ten Gadaa stages, it takes eighty (80) years.Thhe responsibility to shoulder in each of the Gadaa stage and the lesson to be learned differ from one to another in degrees.

Saba Oromoo fi Sirna Gadaa

Gadaan tokko waggaa saddet qaba. Waggaa saddettan waliin GADAA TOKKOTTI YEROO ITTI AANGOON polotikaa warra Gadaa tokko harka jiraatuu dha. Kanaaf, Gadaan waggaa saddet saddetiin lakkaawama. Wal jijjiiraas. Waggaan saddettan Gadaa tokko maqaa mataa isaa qabaata.

Gadaa tokkicha maqaa adda addaa qabaatu kun, Goggeessa Gadaa ykn Miseensa Gadaa jedhamee waamama. Kun hawaasa Oromoo keessaa, bakka gargaraatti maqaa adda addaa qabata. Jechuun:

Boorana keessatti – Goggeessa Gadaa jedhama.

 

Tuulama keessatti – Miseensa jedhama.

Arsii keessatti – Miseensa jedhama.

Gujii keessatti – Baallii jedhama.

Ituu keessatti – Miseensa jedhama.

Gadaan warra Gadaa harka jira kan jedhamu, erga cabiinsi Gadaa mudateen akka Gadaa bakkoota hedduutti gosaa fi warraan akka dhaalmaatti adeemsiifamu utuu hin taane, namni kamuu gaafa dhalatee kaasee hanga Gaafa du’uutti, Gadaa keessa waan jiruufi. Innis umurii isaanii afurtamatti warra Gadooman kan ibsuu dha.

Yaadi addaa qoratnoo barbaadu, “Gadaan Gujii Baallii jedha” kan jedhu kan barreessitoonni kaa’an kanaa dha. Baalliin Hundee Gadaa Maccaa keessatti an qoradhe keessattis waan beekamuuf, hiiki inni Gadaa bakka garagaraa keessatti qabu ilaalamuu mala.

“Bakka Caffee Lubaa” kanatti lubni yaa’ee baallii wal harkaa fuudha. Baalli kana balbala Bonayyaatu qabatee ba’a. (erga Gadaan Gosaan ta’eetii jechuu dha). Ayyaantuun Gadaa kaaniif waa hunda qoodee Bonayyaan erga eebbi dhumee dhaqe, foon qalames balbalaan qoode, Bonayyaanis “an homaa hin argadhuu?” jennaan “baala kana siif kenneera” jedheen jedhama. isaan boodas, aduun balballan Leeqaa, warra eebba biraa fudhatan itti ba’ee isaan gubnaan gaaddisa dhaqan “jalaa naaf deemaa!” jedhe Bonayyaan. Bokkaan yeroo roobus “jalaa naaf deemaa” jedheen jedhama.

30

Isa booda, lafnis, qabeenyaas nuuf eebbifamee kan nuuf kenname ta’ullee, bakka gaaddisa hin argannetti akkamiin jiraanna jechuun waamanii waan inni dhabe mara qoodaniifii wajjin jiraachuu eegalan.

Egaa Gadaa Maccaa Kan Odaa Qumbii, kana keessa baallii wal harkaa fuudhuun ni jira. Yeroo kana hundumtuu waan ittiin eebbisamanii

qooddataniin dhufu. Sirna Baallii wal harkaa fuudhuu kana irrattis, Bonayyaan baalaanan injifadhe jedhee ittiin dhaadata. Gadaan kaan balbalaan kaan garuu balbalaan injifate). Kana irraa ka’uun, “Bonayyaa baala baattu” jedhanii itti qoosu.

Egaa Baalliin maal akka ta’e, qorannoo biraa kan barbaaduu fi,Gadaa Gujiin alatti illee kan argamuu dha.Qorannoo akka barbaadamu wanti taasisuu malus, Macci Baalli jedhee waama jechuuf “Miseensa lubaa” jedhanii waan waamaniif tasumaa walitti hin hidhatu.

Sadarkaalee Gadaa

Sadarkaalee Gadaa Oromoo ilaalchisee marsariitii irratti, Sirna Gadaa Oromoo barreeffamaan taa’e, akkasumas, waa’ee Gadaa qo’atnaan geggeesse wajjin akkanaan isinii dhiyeessa.

Sadarkaa Gadaa – akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni “Ilmaan Kormaa” tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddet qaba. Waggaa saddet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa

31

dulloomee du’utti hawaasa keessatti bakkaa fi qooda dalagaa qabaata.

Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatan illee, waliigalatti, akka armaa gadiitti keenya. Dabballooma (waggaa 0-8)

• Gaammoma (waggaa 9- 16)

• Dargaggooma (waggaa 17- 24)

• Kuusoma (waggaa 25- 32)

• Raaboma (waggaa 33 – 40)

• Gadooma (waggaa 41- 48)

• Yubooma (waggaa 49- 56)

Dabballee (ganna 0-8) Dabballeen sadarkaan daa’immaniiti, daa’imman umurii 0-8 qaban Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas, Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana huluuqe. Hamma sanatti maqaa manaatin waamama (fakk. Jaldeessoo, Qamalee kkf.) Warri isaanii horii aannanii kan hin qabaane yoo ta’an, gosatu annan kennaafi.

Waa’ee safuu bu’uuraa baratu, fkn kan akka gadhee fi gaarii, firaa fi diina addaan baasuu baratu. Galgala galgala himtee (myth), /tapha hiibboo fi seenaa akaakayyuu fi abaabileetuu itti himama.

Ittimakoo (Gaammee Didiqqaa) – ganna 8-16

Mucaa sadarkaa Dabballeerraa rifeensi mataa haadamee, firri waamamee ayyaani guddaan godhamee, kennaan goromsa tokkoo (Gubbisa) erga kennaniifii booda gara Sadarkaa Gadaa Ittimakootti (Gaammee Didiqqaa) ce’a. Kana jechaan, Hammachiifamee maqaan baafama.

Guyyaa hammachiisaa kanaa eegalee maqaa kanaan beekama. Ijooleen Sadarkaa Ittimakoo seennan bara afur booda gaammee haaddatanii, Roggee filatanii, jabbii tiksuu, bishaan daakuu, farada gulufuu, sirba sirbuu fi geerarsa geeraruu baratu. Hidda saynii yoo xinnaate amma mana kudha tokkoo beekuu qabu. Hojii tiksaa, qonnaa fi adamoo, morkii ispoortii, akkasumas warri durbaa hojjii jirbii fo’uu baratu. Waa’ee siyaasa (mirgaa fi dirqamaa, seeraa) fi hawaasummaa baratu.

Ayyaana ijoolee ykn guyyaa kabaja ijoollee (ayyaana taaboree), obbolaa fi hiriyyaa ofii wajjin ayyaaneffatu. Guyyaa taaboree ijooleen bixxillee nyaataa, farsoo dhugaa, sirbaa, gammachuudhaan dabarsu. Yeroo gaammee haaddattanu goromsi tokko dhuunfaatti ni keenamaaf. Uumamumaan, waggaa 16tti ijoolleen dhiiraa areeda, ijoolleen dubraa guntuta baasu. Sagaleen isaanii ni jijjiirama. Haaluma kanaan qoodni fi itti-gaafatamummaan isaanis ni jijjirama jechuu dha.

Ayyaannii Taaboree kun, kutaa ayyaanota jettu jalatti akkuma barreeffame, Macca kessaatti Taaboree Guduruu fi Taaboree Jimmaa jedhama. Taaboreen Jimmaa/Leeqaa ba’ee, Taaboreen Guduruu kudharfan isaatti kabajama.

Foollee (Gaammee Guguddaa) – ganna 16-24 Gaammee Didiqqaan Ukkee ykn Unkee jala ba’uudhan gara sadarkaa Foolleetti ce’u. Godoon Ukkee edda ijaaramee booda, isa keessatti haati gurbichaa waan barbaachisaa ta’an hundaa (fkn Coqorsa kichuu miila isaa irratti hirreeffachuu, bixxillee sagal caccabsuudhaan itittuu fi aannan itti dhibaasuudhaan) erga qopheessitee booda hiriyyoonni isaa bakka argamanitti eebiftee sirni ayyaanaa sirbaan calqabama. Sirbuma kana keessa gurbichi godoo cabsee karaa boroo keessaan baha. Sana booda ijoolleen maaliif godoo keenya keessa bahe jedhanii dhaanuuf itti fiigu. Innis arreedee ykn dhaadachuudhaan harkaa baha, sun ukkee cabsee bahe jedhama. Ijoollummaa keessaa bahe jechuu dha.

Sana booda, ciisa ijoolleetii baheetu mana jala buluu eegala. Ayyaani ukkee kun yeroo gannaa rawwatama. Namni ukkee bahe birraa masqala irratti Giifatoo sirbee horii fudhata. Achumaan Foollee sirbuu itti fufa.

Dardaroonni sadarkaa Gadaa Foollee keessa jiran adamoo adamsuu (bineensi akka horii hin nyaane ittisuu). Akkasumas barumsa waraanaa fi ispoortii kkf. Baratu. Biyya irra deemuudhaan sirbaa, foollisaa sabaan wal baru.

Yeroo buttaan qalamu foolleetu korma kuffisee qaba.Cinaacha korma buttaa akkuma jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka leencaattii wal harkatti ciree nyaata. Yoo sirni buttaa /jal’ate (seera irraa gore), foolleen korma hin kuffisu, foonis hin nyaadhu jechuuf mirga qaba. (Fknf namich buttaa qaluu fedhe, nama seera cabsee yoo ta’e). Foollee malee immoo buttaan hin qalamu. Foolleen seera malee nama hin sodaatu. Waan jechuu fedhe, saalfii tokko malee sirbaan ibsa. Foollisaa, yoo fedhe abbaa Gadaa ni faarsa (seera tolchuu irrati jabaa yoo ta’e) ykn ni abaara (seera yoo cabse). Dhiisi jedhama malee hin adabamu.

Sadarkaa Gadaa Foollee keessatti dargaggoon sirriitti biyyas walis baru (hiriyyumaadhaan wajjin deemu). Booranatti, jalqabaaf koree hayyuu hiriyaa jedhamu namoota jaha kan of keessaa qabu, ofuma isaaniitii filatu. Akkuma sadarkaa Gadaa Ittimakkootti, Foolee gidduutis wal morkiin jiru kanuma qaamaa (ispoorti fi dandeetti adamoo kkf.) qofaa dha. Yeroo isaanii irra caalaa waan wajjin dabarsaniif, sirriiti wal beeku. Dur Foolleen yeroo ajjeessu hin gaafatamu, du’us gumaa seeraan hin qabu jedhama.

Qondaala (Kuusa) – waggoota 24-32

Dursee galmi (masarri) guddaan gosa gosatti erga ijaaramee booda, hayyoota (koree) Gadaa sadarkaa kanaa hoogganuutu filatama. Alaabaa mallattoo Kuusaa (diimaa adii) kan ta’e erga dhaabatanii booda, sirba “Xunnee” (kan umurii isaanii) fi sirba ce’umsaa “Mokkee” jedhamu sirbu.

Abbootiin ijoollee kanaa (sadarkaa Gadaa Yuuba 3ffaa keessa kan jiranu), bakka faajjiin isaanii itti dhabatte irraa jalqabuudhaan sirba Mokkeetiin haadha manaa ofii (haadha ijoollee kuusaa) faarsaa gara bosonaa deemanii damee muka mi’eessaa kan baala qabu muratanii qabatanii deebi’u. Baala mi’eesaa karraatii suuqu. Haadhotiin ammoo bishaan aannaniin makaniii gabatee guutuu dhiyyeesu. Abbootiin ijoollee bishaan aannanii kanaan rifeensa mataa ijoollee ofii laaffisanii irraa erga haadanii booda, morma irraatti callee godhuuf.

Kanatti aansee sa’a eelmamtu tokko jabbii ishii waliin badhaasa kan godhameef fudhatee hiriyyoota ofii wajjin torban lamaaf bakka tokkotti ulma galu. Haadhoonni isaanii achitti galaa aannan fiduufi. Garuu ijoolleedhaan wal hin arganu. Galaa yeroo kennanu maqaa ilma ofii otoo hin ta’in maqaa gosaa ofiitti waamuu. Torban lama booda wayyaa aadaa uffatanii lichoo bokkuu xiqqoon itti hidhamee qabatanii, galama ulmaa keessaa bahu. Horii badhaasaan fudhatan sana horii warra ofiitti dabalatu. Kana booda ulmaa bahe jedhama.

Ayyaani kun boorana keessati Ayyaana Godiyyaa jedhama. Jarreen kun Foollee sirbaa horii sanbi kennuuf qalachaa nyaachaa, bineensaa fi diina adamsaa bara saddetif wal faana turu.

Raaba (Raaba Doorii) – ganna 32-40 Ce’umsi sadarkaa Gadaa Kuusaa irraa gara sadarkaa Gadaa Raabaatti godhamu hangas sirna guddaa hin qabu. Hayyoonni warri sadarkaa Gadaa kuusaa keessatti filataman kan du’anii fi kan dadhaboo ta’an bakka buufatamu malee akkuma jirutti itti fufu. Warri sadarkaa Raabaa hoogganan kun Aduulaa Raabaa jedhamuudhan beekamu. Itti gaafatamummaan isaanii ini duraa waraana hoogganuu yoo ta’u, yeroo nagaa immoo aadaa, seeraa fi seenaa adda addaa baratu.

Torban tokkoof jaarsolii isaan gorsan (barsiisan) wajjin ardaa-jilaatti ulmaa galu. Yeroo kana nama biraa waliin dubbachuun dhowwaa dha. Yeroo ulmaa fixanii bahan, hiriyyoon isaansii damee muka daannisaa badhaasudhaan sirbaa simatu. Isaanis kanaaf galata galfachaa daanisa sana irra dhaabatanii waliin sirbaa sirnichi xumurama.

Sadarkaa Raabaa keessati niitii fuudhuu fi qabeenya dhuunfaa godhachuutu nama irraa eegama. Miseensi Aduulaa Raabaa ta’e tokko fuudhuu, akkasumas qabeenya yoo dhabe horii shan kan kottee afuriin adeemu qabaachuutu isaan irra jira. Kana guutuu baannaan, umrii isaa guutuu Raabaa ta’eet hafa. (Gadoomuu hin danda’u jechaa dha). Namni akkanaa Qolee ykn Cufattee jedhama.

Cufatteen nama waan waamuu fi waan yaasu hin qabnee dha. Cufatteen hin gadoomu malee waan yakka miti (namni ofii ta’uu dadhabe biyyaafis hin ta’u jedhamee ti).

Sadarkan Gadaa Raabaa waggoota saddet eidda xumuree booda Raabaa Doorii jedhama. Warra hayyuu fi Abbootii Gadaa aangoo irra jiran irraa sirriiti muuxannoo argachuu akka danda’anuuf, walumatti, waggoota 13 sadarkaa Raabaa fi Raabaa Doori keessa turu. Sana booda ni gadoomu.

Waggaa 40tti namni tokko waan hundaanuu ni bilchaata (muuxxannoo fi beekumsa gahaa ni argata). Kanaafuu biyya bulchuu fi itti gaafatumaa fudhachuu ni danda’a jedheeti Oromoon amana.

Gadooma (/Lubooma) – Ganna 40-48

Buttaa Qaluu:

Buttaa qaluun waggaa afur afuriin kan raawwatu yeroo ta’u, kunis Gadaa tokko jalaa miila butanii ilaaluu jechuu dha. Horii didaa fi maseena luka jalaa butanii akka ilaalan, gadaa tokko jalaas miila butani Ilaalu. Gadaan sun jabduudha moo laaftuudha jechuufi.

Gadaan sun laaftuu taanaan dhaloota Raabaa Doorii keessa jiru keessaa, akkasumas warra Gadaa duraa keessaa bakka buusu. Akkas jechuun, gadaan dadhabduun tokko waggaa afur qofa ummata geggeessiti. Gadaa dadhabduu kana irraa warri aangoo fuudhatan kun gadaa isaanii keessatti yoo jabinaan geggeessan waggaa 12 aangoo qabatanii turu jechuudha (probability).

Akka mootota Gonfoo fi Akka Imaammata Dhaalmaa Mallas (Mallas legacy) jedhanii, umurii guutuu wanti ilma Oromoo irraa kawandisu, kawandiftuu fi imaammanni sobaan sadoo ofii guuttacnuu Gadaa keessa hin jirtu. Sadarkaa Raabaa Doorii keessatti akkuma ibsame kan du’ellee bakka bufama jechuu dha. Sadarkaa Hoogganaa Siyaasaa fi Amantii itti ta’amu.

Sadarkaan kun, Sirna Bulchiinsa Gadaa keessatti sadarkaa murteesssaa dha. Warri aangoo qabachuuf carraa qaban, warra sadarkaa kuusaa, Raabaa fi Raabaa Doorii keessatti dandeetii adda addaa agarsiisuudhaan, morkii hedduu keessa injiffannoon darban ta’u. Yuba 1ffaa amma 4ffaatti warri Gadaa keessaa buttaa qalee ba’e kun Yuba jedhama. Yeroo luba ba’anii gara Yubaatti ce’an kana, Abbaa Bokkuu ta’uuf warra dorgomee hafe jechuu dha baay’een isaanii. Addoodhaan adda hidhatu.Macci aadaa kanaaf, dubri gaaf heerumaa yeroo balabala dhowwattu: durbi “Addoo addattii hin qabu” jettee arrabsiti. Kunis, “kan buttaa hin qalle, gadabadii”, kan Gadaan jechuufijala dabarte,yookaan immoo heera Gadaa keessaa kan ba’ejechuufi.

Kunis namni Gadaa keessaa ba’e ummatichaanadabbiiaddaafudhatature. Tuulamni har’ayyuu Gadaa yoo ba’u kanGadaa keessa hin jirre kanGadaa keessaa ba’e irrattiFoollee tarkaanfii fudhachiisa “tabba namatti jige biyyatunamarraa kaasa yoobiyyi namatti jige maaltu namarrakaasa” kan jedhamuufkanaafi.

Ituu, / Humbanna, Sikkoo, Mandoo, Gujii, Booranattis ta’e,Karrayyuu fi Walloo,Macca keessattillee adabbiin namaGadaagattee waan laaffateef“gadabadii” ta’uunbabal’ate.

Macci duryeroo Gadaa ba’u “mataa hin qabdu maalhaaddatti Gadaahin qabdu maal baannatti” jedha.Kanaaf, Gadaa qabachuu fi keessatti dhaloota tiksuun beekamaa ture. Gadaa Maccaa hanganqayyabadhetti,namni tokko hawaasa Oromoo waan hin fayyadnediinaaf dabarsee yoo ummata basaasellee gucaanadabama ture. “Kofa ummataa saaqe” jedhama. Kanaaf,gucatti abidda qabsiisanii / yaa’ii ummataa keessatti waltajjiittibaasanii (gabaafaa ta’uu danda’a)gubu. Kanaaf namni icciitiiummataa saaqu hin jiru ture hanga gaafaMinilikGoobanatti jaalalaan /dhiyaatee Oromoo irratti hojjechiisuttiaadaafi bulchiinsa boonsaa kana of harkaa qaba tureOromoon.

Har’allee taanaan muraasa isaa ofharkaa qaba.“Ummanni maal namagooti ummanni dakkuu biyyooAn sittinif kenneeya giiftiiqabaa giyyoo” jetti dubartiin Ateetee yeroo weeddiftu. Ummata yookanis immoo namni homaa nama hin godhu jechuudha.

Jarreen kun warra umurii 48 amma 80 keessa jiranidha. Yuubni warra aangoo gadi-dhiisee sadarkaa adda addaa keessa jiru. Ittigaafatumaan isaanis, keessatuu yuubni 1ffaan akka gorsituu, seera hiiktuu fi seera murtuu ta’uun hojjata. Yuubni 4ffaan (Booranatti) immoo sadarkaa Raabaa Doorii (ijoollee ofii) wajjin seeratumuu irratti qooda qabu. Akkasumas ijooleen isaanii dorgommii (morkii) irratti injifatanii akka filatman ni gargaaru. Kana malees yuubni gosaa keessatti waa’ee araaraa fi misoomaa ilaalchisee tajaajila guddaa biyyaaf kennu.

Seerri, aadaani fi safuun akka hin badne kan to’atu yuuba sadarkaa adda addaa keessa jiranu. Tuulama keessati Yuubni warra Ayyaantuu (Qaalluu) wajjin iccitiidhaan miseensota Gadaa filanii sabatti dhiyeessu. Tuulamni jaarsolee kana “Guula” jedheetti waama.

Gadamoojjii – Ganna 80-88

Gadamoojjiin – sadarkaa Gadaa keessaa kan ba’ee dha. Umurii kana keessatti jaarsi Gadaammoojjiin beeku. Dirqama koo ba’eera jechuu isaati. Sadoo Gadaa keessaa ba’eera jechuu isaati. Umurii 88_olitti kan jiru jaarsa Korboo jedhama. Kan ol gale, barcuma korboorra taa’ee yoo danda’e kan gorsu, kanaan achi tajaajila isaa fixatee soorama waan ba’eef, akka daa’imaatti taphsiifama; ni kunuunfama. Namni sadarkaa Gadamoojjii seenu umuriin isaa waggaa saddettama tahee, nama sadarkaa Gadaa darban kurnanuu seeran hulluuqe tahuu qaba. Ijoollen Gadamoojjii, aangoo qabatanii biyyaa bulchaa kan jiranii dha. Umurii isaanii keessatti yeroo sadiif Gadaa ofii aangoo irrattii arguu warra danda’an jechuu dha. Kana jechaan:

1. Bara dhalatan, sadarka Daballee (umurii 0-8) keessa yeroo turan ykn bara abbootiin isaanii biyya bulchaa turan;

2. Waggoota afurtama booda, ofii isaanitii yeroo Abbootii Gadaa ta’an (aangoo qabatani)

Waggoota saddettama booda yeroo ijoolleen isaanii aangoo fudhatanii biyya bulchaa turan, paartiin keessa jiranu, fkn Meelbaan wayita sadaffaaf naanna’ee yeroo yaada armaan olii kana hiriyummaa wajjin walitti fidnee ilaaluu dandeenya. Hiriyummaan Gadaa keessatti maal akka ta’e yoo ilaalle warra Gadaa tokko fudhatu jechuudha.Mucaan dhalate tokko bara Gadaa Muudanaa yoo dhalate, nama waggaa 40 darbe Gadaa kana keessa jiru wajjin hiriyaa dha. Gadicha keessa kan jiru wajjin illee hiriyaa dha. Warra Gadamoojji ta’ee Gadaa Muudanaa yeroo sadaffaaf dabarsu wajjin illee hiriyaa dha jechuu dha.

Hiriyyaa:Hiriyyaan warra goggeessi Gadaa isaanii tokko tahee dha. Kana jechuuniis, hawaasa Oormoo keessatti warri waggaa Gadaa keessatti dhalatan hundii fi kan maqaan Goggeessa Gadaa isaanii yoo dulloomoo tahanillee wal irraa bu’e, yookaa tokko tahe hiriyyaa dha. Ijoolleen waggaa Gadaa 1-8 jidduufi gaheeyyiin waggaa Gadaa 45-56 jidduu yoo Goggeessi Gadaa isaanii tokko tahe hiriyyaa tokko jedhamu.

Marsaan Gadaa naannawutti walitti fidee ijoollee fi jaarsoolii hiriyyaa taasisa. Marsaan Gadaa fi Goggeessi Gadaa akkanatti hiriyyummaa murteessu. Hawaasa Oromoo keessatti hiriyyaan akka obbaleeyyaniitti wal ilaalu. Ayyaana gurguddaa fi beekamoorratti hiriyyaan wal argee waliin turuudhaan wal faarsa. Jaalalti walii, walamanuun, waliif dhimmuun, walgargaaruun, kkf hiriyyaa biratti jabaa dha. Aangoo polotikaa keessatti paartii tokko tahu. Kanaf, hiriyyummaan karaa hawaasaa fi polotikaa Oromootaa walitti hidhuu dha.

Waa’een hiriyyaa hoggaa akkas tahu, ijoolleefi ga’eessoota maaltu walitti fidee hiriyyaa godha? Gaaffiin jedhu ka’uu ni mala. Gaaffi kana deebisuuf, nama/ namuu Goggeessa Gadaa isaatiin Gadaa keenya jedha.

Gadaa isaa faarsa, kabaja. Kanarraa akka ilaalcha polotikaa baraatti hubachuuf waan Paartii ilaaluun gaarii taha. Hawaasa keessatti paartiileen uumamaatu turan jechuu dha. Goggeessi Gadaa shanan paartiilee shan kan ijoollee fi manguddoota hiriyyaa godhuus paartii tokkicha waliin qabaachuu dha.

Ummata Oromoo biratti wanti hunduu Gadaan walitti hidhata kan qabu yeroo ta’u, Macca biratti armaan dura akkuma kaasne Oromoon Oboo fi Coora qaba. Namni tokko umuriin yoo fagaatee fi daa’ima nama biraa tokko wajjin lamman isaanii Coora taanaan hiriyaa jedhamu. Kunis hiriyummaan sirna Gadaa wajjin hidhata qabaachuu argisiisa. Egaa gara yaada jalqabaatti yeroo deebinu, Gadamoojjummaan sirna mataa ofii qaba. Innis:

“ Ce’umsa irratti sirni godhamu ni jira. Sirni kun “sirna Qumbii wal irraa fudhachuu” jedhama. Sirna ce’uumsaa ti. Sirna kana irratti xinnaa guddaa otoo hin jedhamin sabni /hunduu argamuu ni danda’a.

Seenan gootota kanaa ni himama, warri biyyaa waan jabaa hojjatan akka gootaati ni faarfamu, ni kabajamu, isaanis ni dhaadatu. Sana booda amma lubuun jiranutti ittigaafatumaa hin qabani. Sabni jara kana amma lubbuun jiranitti ni kunuunsa, ni qananiinsa.”

Gogeessa Gadaa

Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta’u, isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareelee kun ganna sadet sadetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu (gabatee ilaali).

Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama /miseensa. Duraan dursee kan inni hammatamu / miseensomu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jiruti. Kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuu dha.

Haaromsa Gadaa Keessumatti, bara 1270 (bara ka’umsa Yukuno Amlaak) irraa eegalee hanga dhumaa jaarraa 15ffaatti Oromoon dhiibbaa fi roorroo humnoota Kiristaana fi Islaamaa jala akka ture ragooleen ni ibsu. Roorroo kana ittisuurratti gootota fi hayyoota hedduutu wareegame. Kanarraan kan ka’e sabni Oromoo walakkaan isaa manaa fi biyya abbaa ofii gadi lakkisee, waan qabu fudhatee gara Kibbaa fi bahaatti godaane. Achiittis dhiibbaan ittuma fufe. Kana booda Oromoon gara waggaa dhibba tokkootiif roorroo kana ofirraa ittisuuf mala dhahaa ture.

Keessumaa bara Gadaa Gadawwoo Galgaloo 1470n keessa haala karaa lolaatiin biyyaa ofii falmanii deebifachuuf akka toluutti of ijaaruun barbaachisaa akka ta’e amanee, hawaasa umuriin ijaaree, akka umurii isaatti dirqama itti kenne. Gadaan inni jalqabaa akka haaraatti waan ijaarameef, “Gadaan mala haaraa baase ykn Gadaa mala-baase” jedhamee hayyootan, moggaafamee, meedhicha hidhate. Maqaan Gadaa kanaa seenaa keessatti Gadaa Melbaa (Gadaa mala-baase kan jedhurraa dhufe) jedhamee beekkama.

Gadaa diinni isaan harkatti laaffise kana deebisanii ijaaruuf, yeroo hedduu fi adeemsa jabaa isaanitti akka fudhates beekamaadha. Ka’umsa Yikunoo Amlaakii kaasee Ormoon Gadaan harkatti laaffataa, diinni daangaa isaa cabsaa kan isatti siqaa bulu yeroo ta’u, rakkoo kana jalaa ba’uuf bulchiinsa jalatti wal hoogganu Gadaa jallatti hundaa’e. Saba Oromoo fi Sirna Gadaa irratti yaada kana hayyoonni akkanaan ibsan. Akka mangoddoonni Booranaa himanitti Gadaa ijaaruuf yaalii dheeraan eega godhame booda, Gadaan yeroo dheeraaf bifa hojjechuu

dandayu dhaabbate. Gadaa kanatti Abbaan Gadaa Gadayyoo Galgaloo ture. Gadaa kanatti Abbaan Gadaa Gadayyoo Galgaloo ture. Raabni isaa ammoo Yaayyaa Fuullee jedhama ture. Erga gaafasii jalqabee hanga bara amma keessa jirruutti (2016tti), Booranni Gadaa 61 /64 lakkaawa. Kanarraa waggaa saddet saddetiin yoo herregne (Gadaan tokko waggaa 8) 61X8= 488 / 64×8 = 512 taha. Barri isaa 1499tti dhihaata. Kanaaf, sirni kun ijaaramuun isaa walakkaa jaarraa 15ffaa isa lammaffaa keessa kan jedhame dhugaa taha.

Bara Gadaa Melbaa (bara 1522-1530) Gadaan Melbaa Oromoodhaf Gadaa isa jalqabaa miti. Isa durayyuu ganna kuma caaluuf Oromoon Gadaan bulaa akka ture ragaan nijira. Gadaan Melbaa garuu ummata bara saddet saddettiin qoodee, namoota waggaa 8 olii fi 80 gad jiraniitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa Oromoon jalqabaaf Abbaa Duulaatiin of ijaaree/ hoogganamee, akka kana/sana duraa yeroodhuma ormi itti dhufu ofirraa ittisuu qofaa dhiisee, biyya ofii deebifachuuf jecha, lafa diinonni isaa (Habashoonni) irraa fudhatan dhaqee loluu jalqabe.Waraanni Oromoo bara sanaa, akka waraana qaroomeetti /ammayyaatti hiriiree loluu eegale. Gadaan Melbaa Baalee deebifachuuf yeroo lolu, mooticha Habashaa Faasil jedhamu ajjeese. በፋስል ሞት አማራና ኦሮሞ ደም ተቃባ (አጥመ).

Bara Gadaa Muudana (bara 1531-1538) Melbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana. Bara Muudana kana seera jajjabaa lama tumatan.

1. Lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu

2. Lubni hundi osoo lafa dabalee hin bilisoomsiin meedhacha akka hin hidhanne kan jedhan ture.

Baalli kan Melba weeraruu jalqabe, Muudanni dhuunfatee hamma qarqara laga Awaashitti/ Hawaasitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Muusliimonni Imaam Ahmadiin geggeefamanii Kiristaanootaan waraanaa turanii dha. Waraana diinoonni isaa lamaan godhaa jiran kana Oromoon faana bu’aa ture. Daareel Baates namichi jedhamu kana barreessee ture. Waan waaqni diinoota isaa lamaan wal waraansiseef, Gadaa kana waaqatu mirga muude jechuudhaan Gadaa Muudanaa jedhee moggaase. “Gadaa Muudanaatu dura laga Waabee ce’ee lafa qabate” jedhe Abbaan Baahire. Kun seenaa ummata Oromoof kan xumura osoo hin taane kan jalqabati. Kanarraa ka’uun lafa babalifannaa itti fufe.

Bara Gadaa Kiilolee (bara 1539-1546) Muudanarraa Gadaa kan fudhate Kiilolee dha. Kiiloleen duula bal’isee Dawaaroo rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessatti handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waraana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis baqatee laga Awaash ce’e. Dawaaroo kan jedhamu Arsii har’aatt akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoo biyaa isaaf lolu moohuu hindandeenye.

Muudanatti aanee kan baalii fudhate Gadaa kiilolee ti. Bara Gadaa Kiilolee keessa Habashoonni gargaarsa warra Poorchugaalin, Imaam Ahimadiin bara1543 waan ajjeesaniif, qalbii tokkoon Oromorratti xiyyeefatanii, meeshaa ammayyaa fi humna waraanaa Awuroopparraa argataniin gargaaramuudhaan Oromoo irratti duulani.

Mootichi Habashaa Galaawudoos Imaam Ahmadiin erga ajjeesee booda, waraana guddaa nama Adaal Mabiiraq jedhanuun hoogganamu gara Oromootti bobbaase. Gadaan Kiilolee waraana Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaa akka madfii hidhate kana bara 1545 ofirraa rukutee, ajajaa waraanaa ari’ee laga Awwash ceesise. Waraani Habashaa hedduun harka Gadaa Kiiloleetti baqee dhume jedhe Abbaan Baahire.

Humnoota Habashaa fi Faranjii meeshaa ammayyaatti gargaaramanu waan mo’eef, Gadaa dhugaa lole, kan Lole jedhamee seenaa keessati yaadatama. Jechi “kan lole” jedhu kun bara dheerina keesa “Kiilolee” jedhamuun beekkama.

Bara Gadaa Biifolee (Bar 1547-1554)

Barri Gadaa Biifolee bara mootiin Habashaa lola warra Islaamaa waliin qabu mo’atee humna isaa mara gara Oromoo qofaatti xiyyeefate ture. Mootichi Habashaa Galaawudoos, Adal Mabiraq mo’amuu dhaga’ee humna isaa walitti gurmeesee waraana Porchugaal wajjin fuula isaa gara Oromootti naannesse.

Bara Gadaa kana keessa waraanni Oromoo Dawaaroo fi Faxxagaariin injifatee namas booji’uu jalqabe. Kiristaanonni booji’amanii lakkisaman isaan dura qoricha koosoo kan hin beekne yeroo ta’an, namoonni boojuudhaa ba’anii galan qoricha kana isaan barsiisuu Baahireen barreesseera. Gadaan kun gadaasaa xumuree Gara Gadaa Michilleetti dabarse.

Bara Gadaa Michillee (Bara 1554-1562) Miidhaan warra Habashaa fi Islaamaa karaa lamaan jabaatee waan dhufeef, Gadaan Michillee seerota sadii baasee labsuudhaan hojjaa irra oolchee ture. Isaanis:

1. Namni diina hin ajjeefne akka hin fuune, akka rifeensa mataasaa hin aaddanne;

2. Namni ganna (waggaa) 8 oli fi 80 gadii lola keessatti qooda akka fudhatu;

3. Waraanni Fardaan lolu hedduun leenjifamee akka bobba’u; seera jedhutu tumame. Kun immoo iddoo fagoo deemee akka lolu isa taasise.

Fardaa fi gaachanaan jabaatee loluu kan jalqabe Gadaa Michilleetti. Michillee waraana Galaawudoos, Hamalmaaliin hoogganamu waraanee mo’ee, Faxagariin (Ererii fi Karrayyu) guutuummaatti harka Oromooti galche. Itti dabalees hooggani

Michille Harariin qabate. Amir Nuur oduu kana dhaga’ee otoo inni gara Haraaritti deebi’uutti jiruu Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee hidhatee rukute. Lola kana irratti Oromoon hedduun dhumullee waraanni Amir Nuur moo’amee harka Michilleetti baqee raawwate.

Islaamaa Amir Nuurmooticha Habashaa Galaawudoosiinwaraanee mo’ee (ajjeesee),gammadee ayyaaneffachaa otoo jiruMichille Harariinqabate. Amir Nuur oduu kanadhaga’ee otooinni gara Haraaritti deebi’uuttijiruu Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee hidhatee rukute. Lola kana irrattiOromoon hedduun dhumullee waraanni AmirNuur moo’amee/ mo’amee harka Michilleetti baqee raawwate.

Abbaan Baahire akka barreesetti,“Gadaan 5ffaan Michilleejedhamu biyya waraanee moo’amee/mo’atee idda balleeseebooda,loon ofii fudhatee itti gale”jedha. Oromoon durii biyyawaraanee waan barbaade ergagodhee booda gara dhufetti deebi’a jechuu isaati.

Seenaa Oromoo keessatti kan akka Gadaa Michillee diinota,warra Habashaa (kanPorchugaalin gargaarame) akkasumasAfaar (kan Turkiin gargaarame) haleelee dangaa bal’aabilisoomse hinjiru. Michillee jechuun, bineensa bara caamsaanhammaateeyeroo haroon qooru bakka bishaan ture keessa bahu,bineensa/ bineentiigurraattihanga saree xiqoo geessu, kanwaraanni hin seenne, kan nama hin sodaanne, kan nama duukaakaattee nama ciniintu, bineensa/ bineentiihamtuudha. GadaanMichillee farda luka afur qabuyaabbatee gaachanaan waraanaofirraa qolatee waan bakka yaadega‘eef, Gadaa Michilleejedhamee moggaafame. HumniIslaamaa kun,kiristaanota mo’achuu isaa Baahireenakkas jedheera “ይበዝሁ ሰራዊት ኑር ዘተቀተሉ አመሀ እስመፈtsሙ እግዝአብሂር በቀለደሞሙ ለአግብርቲሁ ዘተከእወ በነጭሳር

Gadaa Harmufaa fi Gadaa Hambisaa (Bara 1563-1570)

Gadaan Michillee dangaa bal’aa waan bilisoomseef, dangaa bal’aa kana Gadaa tokkoon hoogganuun rakkisaa waan ta’eef Gadaan duraan Boorana fi Baarentuu irraa ijaaramee hooggana tokkoon walfaana socho’aa ture, bakka lamatti qooduun dirqama ta’e. Baarentuu Gadaa Harmufaa akkasumas Boorani Gadaa Hambisaatiin akka hoogganaman godhame.

Harmufni Beggamidir rukutee gosatti moggaasee of jala galche. Hambisaan immoo duula guddaa mooticha Habashaa Minaas Oromoo irratti bobbaase jabinaan falmee, balaa dhufuu danda’u hambise. Hambisni akka Harmufaa lafa bal’aa dabalee qabachuu baatuus, kan ture akka jirutti eegee dabarsuu waan danda’eef, Gadaa Harmufaa wajjin meedhicha hidhatanii baalli dabarsanii Gadaa Roobaleetti kennan.

Bara Gadaa Roobalee (Bara 1571-1578)

Gadaan kun Roobalee Baarentuu fi Roobalee Booranaati. Roobaleen lachuu wal gargaarudhaan Beggamidir fi Wallootti duula guddaa bananii (keessatuu Roobalee inni Booranaa Amaaroota hallayyaa fi holqatti naquudhaan), daangaa biyyaa ballisuu/bal’isuu danda’anii turan. Wa’ee Gadaa Roobalee Abbaan Baahire akkas jedha: “waggaa saddet booda kan bakka Harmuufaa qabate Roobaleen, ilma Gadaa Muudanaati. Isa kan Shawaa balleessee Gojjaamiin rukutee, nama aangoo cimaa qabu Azmaachi Zari Yohannis ajjeese” jedhe.

Bara Gadaa Birmajii (Bara 1579-1586)

Gadaan Birmajii Baarentuu Habashaa Kaabaa akka malee muddee qabuudhaan, Dambiyaa rukutee Abooli fi Baahera Nagaash yeroo ajjeesu, Gadaan Birmajii inni Booranaa maqaa Maccaa fi Tuulamaatiin ijaaramee Amaaroota bakka hundaatii ari’ee, lafa fardi isaa seenuu danda’u hundaa qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti, holqatti galtee dhokatte. “Utuu gaarrii, hallayyaa fi holqi hin jiru ta’ee namni hafu hin jiru” jedhe barreessaan Habashootaa Alaqaa Atsimeen.

Bara Gadaa Mul’ataa (Bara 1587-1594)

Gadaan kun Muul’ataa/Mul’ataa Baarentuu fi Muul’ataa/Mul’ataa Booranaa ti. Bara Gadaa Muul’ataa/Mul’ataa kana Walloon hedduu hin duulle. Yeroo lama qofaa Gondoritti duulee deebi’ee qubate jedhama. Muul’ataa/Mul’ataa Maccaa fi Tuulamaa garuu duula isaa itti fufe. Bifa lolaa geddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu jalqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta’an gidduutti eegee ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda isaaf mijaa’u mara Goojjaamii fi Gondor keessa gulufee, qabatee, basha’ee achi taa’e. Barreessaan yeroo sanaa Abbaa Baahire akka jedhetti, biyyi Gadaa Booranaa jalatti bule, kan hafe tokkollee hin jiru jedhe. Muul’anni baalii / Mul’atni baallii Gadaa Duulootti dabarsee kenne.

Haala kanaan Abbootiin Gadaa injiffannoo erga argatanii booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa keessa ka’uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa’ee, Gadaa isaa kabajataa nagaadhaan jiraataa ture. Sirni Nafxanyaa kan jalqabe, Amaarri Oromoo waraanuu dadhabnaan araarfachuu calqabe. Walitti makamuu (wal fuudhuudhaan) uumameen kan ka’e Oromoonni Gondarii fi Goojjam keessa jiraatanu Afaani fi Amantaa ofii irraanfachuudhaan kan Amaarummaa fudhatanti.

Dannabsa Gadaa Maccaa keessatti “Dannaaboo” ya Gadaa Lubaa abaaboo

Dannaaboo……………………………Gadaaa muudanaa

Dannaaboo…………………………….lubamuuddannaa Dannaaboo “gadanoo gafarsaa

Dannaaboo …… Unumaan magarsaa

Ya Lubaa ya kooraa koo

Bar saddet kaloon keetii

Dhowwadhuu kophaa dheedhi / dheedi

Geeshee sirrii Gadaa Abbaa kee

Geessee sirbi

Luba Iyyayyoo kan/nukan/ Waaqayyoo

Luba irreessaa been sin geessaa

Luba Qarsaa simagarsaa

adaa fuudhaaf heerumaa Naqata keessatti dhiirri “Addoo” hin qabne addoo addattii hin qabdu haati ateetee hin qabdu kan jedhan aadaan adda jala hidhachuu dhiiraa achirraa luba shaashii kanaan wal qabata.

Luba shaashii nubadhaasi!Aadaa fuudhaafiheerumaaNaqata keessattidhiirri “Addoo”hin qabne addooaddattii hin qabdu haati ateetee hin qabdu kan jedhanaadaan adda jala hidhachuu dhiiraa achirraa lubashaashii kanaan walqabata.

Warri luba ba’e shaashiiykn uffata jirbiirraa tolfameen addaba’a.Jaarsoliin Gadaa Maccaa kana keessatti ADEEMSAWARAANBUUSI jechuu malee adeemsa/jila akkamii akka ta’enaa ibsuu hin dandeenye.Kun Hayyoonni biroonis irrattiwaanhiramaachuu qabaniifi soquu qaban yeroo ta’u,LubiIrreessaa,LubiIyyayyoo kunneenmaal akka ta’anis qorannoobarbaada. PaartileenGadaa OROMOO shanyeroo ta’an isaaniswaggaa afurtama afurtamaan naanna’u.

OBOO FI COORA

Aadaa Oromoo Maccaa keessattiabbaan Oboyoo ta’e ilmiimmoo Coora ta’a.Ateetee keessatti illee dubartiinisyerooguyyaa dalagdu dhiirrii halkan jeekkarullee Oboo fi Coora qabu.Karaa wal faana deeman irratti, abbaa f ilmi akka duraa fiduubaan deeman. Nami karaa

deemullee Oboo fi Coora walgaafatee walduraaduubaan deema. Gaa’ila keessatti Cooraan Cooraa, OboonisOboo malee hin fuudhu. Oboo fi Coorri abbaaf ilma, haadhaa fiintala walii ta’u waan ta’eef, waa walitti haasayuufyoojedhan “faachoo”jedhanii walitti haasa’u. Dubartiin garuu garaabbaa manaatti lakka’amti kan jedhanis jiru.

Gadaan Maccaa paarlaamaa balbal tokkeedha. Miseensa 45 qaba. Shamarran umurii 9 hanga 24 fi dhiira umurii 17 hanga 32 hirmaachisa. Kana keessatti dhiirri umurii hanga 32 ta’u, shamarris 22 yeroo ta’an nama tokko dhiira ta’ee nama yuuba 2ffaa keessa jiru, kan tajaajila sirna Gadaa laatee dha. waliii galatti 45 ta’u. Ga’een isaaaniis shamarran umurii kanaa ka’anii akka dorgomaa deemanii fi warri dhiiraa immoo hanga qondaalaatti waraanaaf illee ni filatamu. Warri gara Raabaa Dooriitti ce’an mana dhaabbatanii umurii 40tti Abbaa Gadaaf dorgomu.

Oromoo Maccaa-Tuulamaa keessatti, Oromoon gartuu Walaannaa fi Gabaroo jedhamu qabu. Walaannaan kanneen hidda isaanii yeroo lakkaawwatan Maccatti fullaafatanii dha. Tuulamattis, Gabaroon Orom-duroo ykn Oromoota yeroo haaromsa sadoo Gadaatiin Oromoonni/ Oromoomani.

Maccaa-Tulamaa, lafa har’a Oromoon Maccaa fi Tuulamaa irra jiran kan irra ga’an, irra jiraatanii dha. Oromoonni kunis “waraannumoo” yeroo jedhan, isaan kun akkuma keenya afaan keenya dubbatuu, aadaa fi jiruuf jireenyi isaanii kan alagaa miti jechuun waraanuu dhiisanii, sadoo Gadaatti makamaniiru.

Keessumaa Macca keessatti Oromoonni Gabaroo biqiltuu yoo dhaaban hin gogu jedhanii warra Walaannaa Booranaa kana biratti waan amanamuuf biqiltuu dhaabsifatu. Warri booranaa immoo leenca hin ajjeesani. Gadaan Maccaa, jarraa 5 dura odaa Namee/Nabee irraa biqiluun Oromoo Maccaa tajaajilaa jira. Odaan Bisil, giddu-gala Oromoo Maccaaa ta’uun tajaajilaa ture. Gara Jaarraa 12ffaa irratti Gadaan Bakkanniisa Qasee Leeqaa, Gadaan Horroo Bulluq irraa adda ba’uun rakkoo jiruu fi jireenyaa furaa turani.

Gadaan Horroo Bulluq irraa adda ba’uun rakkoo jiruu fi jireenyaa furuu jalqabanii sadoon Gadaa kun hanga tokko laaffatulllee hanga har’aa itti fufee jira. Dhaloonni si’anaa Gadaa abbaa ofiitti deebi’uufis dirqama seenaa qaba.

GADAA BULLUQ

Gadaan kun, Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti yeroo argamu, ilmaan Jaawwiitiin ijaarame. Ragaan waraqaa facaatuu waajjirri aadaa fi turiziimii Jiddaa Ayyaanaa barreesse akka jedhutti, naannoo bara 1453 keessa sababa fageenyaan, Gadaa kanarraa ilmaan Jiddaa Gadaa fudhachuun naannoo isaaniitti Gadaa dhaabbbatanii ittiin buluu eegalani.

Gadaa kana hundeeffachuufis Oromoon Jiddaa yaa’ii ykn kora isaanii Jiddaaa Ayyaanaa lafa Kora Goobuu jedhamutti geggeeffatanii, hundee Gadaa fudhatan. Kora /Yaa’ii kanaanis, Amuru Nafuroo irratti, Kiiramuun Darrabbaa irrratti, Jiddaa Dirree/Dhaahee irratti, Caliiya Soob irratti, Eebantu Diilallo irratti, Limmu Leemmaa irratti hundee Gadaa fudhatani jedha. Kora /Yaa’ii kanaanis, Amuru Nafuroo irratti, Kiiramuun Darrabbaa irrratti, Jiddaa Dirree/Dhaahee irratti, Caliiya Soob irratti, Eebantu Diilallo irratti, Limmu Leemmaa irratti hundee Gadaa fudhatani jedha. Hundeedhuma Gadaa Horroo Bulluq kan ta’e Gadaan tulluu Injirroos, bifa jaariitiin hanga har’aa kanatti Angar Guuteetti itti fufee jira.

GADAA MANDIIDA WAAQOO /SALGAN GUDAYYAA

Gadaan kun Ona Gudayyaa Biilaa keessatti kan argamuu fi salgan Gudayyaatiin akka ijaarametu himama. “Gudayyaan Farda leejjisa gaandee duraa turmee tumannaan diina/roorroo/ deebisa aabbee!” jedhama. Gudayyaan maaliiif farad leejjisuu kanatti akka waamamu afoola Oromoo kana irratti illee qorannoo taasisuun barbaachiisaa dha.

Gadaa Bakkanniisa Qasee (Leeqaa Naqamtee)

Gadaan kun hanga warri Kumsaa Bakareefaa dadhabsiisanitti naannoo magaalaa Naqamtee har’atti giddu-gala Oromoo Leeqaa ta’ee taaajaajilaa ture. Maqaan Naqamtee jedhus maqaa goota “Naqamtee Gadaa Ootaa” jedhurraa kan dhufe malee akkanumaan “Naqatamte” jedhanii seenaa bu’uura hinqabne kan odeessamu akka hin taane w/ra Aadaaf Turizimii W/Bttii Hayyuun Oromoo Obbo Charinnat Waaqwayyaa qorannoo waajjirichi taasise naa himaniiru. Gadaa Bakkanniisa Qasee hambisame kana malees, bakki Bataskaana Maaramii Naqamtee bakka Ayyaantuu warra Leeqaa akka tures beekamaa dha.

Gadaa Arfan Odaa Arjoo

Gadaan kun ilmaan Jaawwii warra naannoo Jimmaa Raareerraa jaarraa 17ffaa keessa Oromoo Leeqaa wajjin bakka Jimmaa Arjoo fi Nuunnuu Qumbaa har’aa kana qubatanii hundee Gadaa Maccaa achitti hundeeffatanii dha.

Bara tokko Oromoon Leeqaa fi Jimmaa kun walitti ba’anii wal fixan. Lola kana irratti Oromoon Jimmaa Jaawwii yeroo injifatu, guyyaa jimmataa waraanaa labseen injifate kanaaf Jimmaa Arjoo keessatti, warri Jimmaa guyyaa jimaataan guyyaa injifannoo godhanii waan ilaalaniiif hanga har’aa guyyaa kana huuba lafaa hin fuudhani ni kabaju. Lola kana irrratti Oromoon Leeqaaa injifatamuuf sababa kan ta’e, Leeqaan

Balbala Leeqaa

Balballi Leeqaa Waayyuu ilma guddifachaa ilma Sayyooti. Leeqaan haadha manaa hanga fuudherraa ilmaan waan dhabeef waayyuun hangafa taasisee guddifate. Leeqan dubartii harmalaa irraa Baabboon godhate. Leeqan dubartii harmalaa irraa Baabboon godhate haadhamanaa isaa ishee qarree fi qeeerrummaan fuuudhe irraa booda keessa Laaloo godhate. Achii booda Baataa fi Bonayyaa godhate.

Hangafuummaa sadoo Gadaa irratti eenyu jalqaba eebbisa yeroo waliin jedhan, Waayyuun ani hangafa jedha. Baabboon immoo ati ilma abbaa keenyaa miti kan Sayyoo waan tateef hangafti ana jedha. Laaloon immoo haati koo qarree Abbaan koo kan irratti qeerrummaa buufate, kan keessan boodaan godhatani jechuun anatu hangafa; natu hangafummaa qaba jechuun Leeqaan wal lole. Walii isaatii wal lolee gamtaa dhabee wayita jiru, ilmaan Jimmaa kun Leeqaa waraananii jilbeenfachiisan. Hanga har’aa kana rakkoon ilmaan Oromoo naannoo Naqamtee kanarraa madda jedhu abboonni. durumaan waan tokkummaan isaa laaffateefi.

Yeroo biraa keessaa immoo Oromoonni sibuu warri gara Sibuu Siree warri jiran, gara Waamaatti yeroo loon hora geessan namni Waaqoo Dubbisaa jedhamu loon isaanii Kanaanis Leeqaa fi Sibuun waraana wal irratti labsuun, sibuun Leeqaa humna tokkummaa akka gosaattu dhabetti duulee hanga Giyyootti ar’e jedha. (Tasammaa Taa’aa የወለጋ የታርክ ሰነዶች) Kanaafis Leeeqaan yeroo mammaaku hanga har’aa kana “waaqis naan taphnaan, Waaqoonis naan taphe” jette niitiiin Waaqoo Dubbisaa jedhama.

Gadaa Odaa Qumbii

Gadaan Leeqaa Waamaa hundeensaa Odaa Bisil yeroo ta’u, naannoo dhuma jaarraa 16ffaa Garbii Jilootiin sababa fageenyaan hundee Gadaa akka fudhatan ta’e. Heerri Gadaa Odaa Qumbiis, Garbii Jilootiin (Abbaa Gadaa) naannoo bara 1830 tureen lallabame. Heera Gadaa lallabame kanaa wajjin sirna Dagaagaa qaluutu adeemsifamaa ture. As irratti Gadaan Oromoo Shan haa ta’u malee, yaadi barreessitoonni odaalee Gadaa shani jedhan kan fudhatama qabuu fi duudhaa fi seenaa Oromootiin deggerame miti.

Godina Arfan Qalloo, Walloo, Booranaa fi Gujii, Sikkoo, Mandoo, Maccaa, Tuulamaa hanga ammaatti beekaman malee, hanga biyya Keenyaa, Somaaliyaa fi Akka Goojjam keessatti Oromoon Caffee Gadaa irratti Heeraa fi Seera tumee lallabachaa ture. Gadaan isaan irraa fudhatan, Gadaa Laga Gibee Leeqaa Billoo irraa akka ta’e hayyoonni Oromoo durii dubbatanis jiru. Gadaan Laga Gibee raawwatee Gadaan Leeqaa kun Buttaa qala (Dhangii’aa Borojaa Shumboo).

Gadaan Leeqaa Waamaa kun Odaa Qumbii caalaatti maqaa Odaa Bodii jedhuun beekama. Haata’u malee, bakki itti dannabsan, luba ba’an, Abbaa Kormaa moosisan Odaa Qumbiitti.

Odaalee Gadaa Leeqaa Waamaa (W/B/A/Waamaa Hagaloo)

1. Odaa Qumbii………………….ganda BaAbbaa Kofalee bakka Ardammaa buttujjiin daangessu, bakkee tumaa jabbiitti.

2. Odaa Bodii …………………………ganda Baabboo Wandiitti yeroo ta’u, Oromoon Odaa Bodii, Gadaa ba’e bodee ofii itti hirkifata. Kun waraanbuusii jedhama.

3. Odaa Habullaa…………. Ganda bonayyaa Qassoo (gosoonni Baabboo) waamaa amma irra jireessaan bakka Adiyyyaa Burraa jedhamutti argama.

4. Odaa Tarree…………………ganda Uggaa Hordaa jedhamutti (jechi uggaa jedhu ifa jechuu dha) kana malees,tulluu Soodduutti soodduutti darrAbbaa ba’u. Tulluun kun aanaa/ona Waamaa Hagaloo, Bonayyaa Boshee fi Sibuu Siree addaan fo’a.

Caffee Kofalee, Waamaa ganda BaAbbaa Kofaleetti yeroo argamu, duraan bakka irraa allaadduu (dhallaadduu) jilli Gadaa kutatu ture. Booda keessa garuu Caffee Kuraa irraa kutachuutti ka’ani. Caffeen Kuraa, Caffee Kofalee irraa gara bahaatti deemsa lafoo sa’atii walakkaa hin caalle fagaata.

Bakke jabbiin iddoo eebbaa guddaa fi jila Ummata Oromoo yeroo ta’u, Odaan Qumbii bakka kanatti argama. Laga Bakke jabbii cinaa yaa’u Qolaatiidhaa jilli Gadaa iddoo Bokkuu muratu addatti qaba ture. Bokkuu Gadaa kan soqan balbala Gulummaa Daannooti Gaafa sirni buttaa qaluu raawwatu, re’ee gurraatti (jaamee) fidanii ija jaamsanii, harka cabsanii faajjii sadoo Gadaa cuuuphu Faajjiin dhiiga re’ee cuuphame sun gogeetti jedhama. Gogeettii, Sibuun Gadaa waan hin qabneef achitti gatu. Oromoonni Tuulamaa garuu Sibuus, Leeqaas waan walitti waamaniif “gadi cabii akka muka ceekaa, gada badii akka Leeqaa” jedhu. Yeroo Gadaa ykn Luba ba’uuf waggaan lama hafu, gabaa naanna’u. Warri gabaa biyyaa (dur jimaata Baabbaa) naanna’u. Kun walaannaa jedhama kan jedhanis jiru. Gabaa naanna’uun kun mannaga Buttaa jedhama. Odaalee armaan dura tarreessinettis akkaataa Gadaa isaaniiitiin kan itti irreeffatan yommuu ta’u, balbaloonni Leeqaa kunis:

Jahan waayyuu

Shanan Baabboo

Sadan Laaloo

Sadan Baataa fi

Shanan Bonayyaa ti.

Erga gabaa biyyaa naanna’anii darrAbbaa Tulluu Sooddutti qalanii, achiin booda gabaa Billoo naanna’anii deebi’u. Yerooo kana, warra Odaa Bisiliif jila akka gargaaran dhaamu. Erga biyyatti deebi’anii Caffee Kofaleetii (booda Caffee Kuraatii) allaadduu (dhallaadduu) buqqifatanii, “waraanbuusii” adeemsa jedhamu Odaa Bodii Baabbootti ya’anii, eeboo ykn bodii/bode itti hirkifachuun jila Odichaa raawwatu.

Yeroo walaannaan waraan-buusii raawatu kana, warri Gadaa umurii 40-48 jiran luba ba’anii qalu. As irratti wanti beekamuu qabu, warri Gadaa Buttaa qallaan, walaannaan gabaa naanna’u. Waggaa tokkoof gabaa Waamaa naanna’aniitu Billoo dhaqu. Sangaa Billoon qopheessutu Gibetti qalama.

Caffeen Bakke jabbii, bakkee jilaa ti. Bulti sagal guutuu Leeqaan balbala balbala isaatiin godoo ijaarratee achi tura. Odaan Qumbii Abbaa Kormaa achitti moosisu.

Odaa Bodii waraan-buusii dha

Odaa Tarree waraan-buusii dha

Odaa Habullaa achitti dhaqna qabatu. (warri luba ba’e jechuu dha)

Abbaan Kormaa Leeqaa waggaa saddet guutuu:

Qeensa hin qoratu,

Lafa hin qotu hin aramu,

Wayyaa hin miiccatu,

Mataa hin haaddatu,

Wayyaa hin dachaafatu,

‘’Gabaa hin ba’u. Yeroo muudanis humnaan isatti irreeffatu. Isa boodaan Abbaa Dullachaatti irreeffatu.Gadaa Leeqaa Waamaa keessatti, Abbaan Dullachaa Abbaa Kormaa lammaffaa ykn Asaffaa Tafarraa vice president kan jedhanii dha. Jaameen ykn gogeettiin kan dhiyeessamtu gaafa bultii sagalii bor gallaa jedhaniiti. Lubni dacha’ee re’ee irratti alangaa quwaasa Inni qalus dirqamaan ta’ullee dhiyaatee qala.

Dullachaa, bulti shan guutuu hin rafani. Erga qalanii booda OdaaHabullaatti dhaqna qabatanii rafu.Jaameen ykngogeettiin kan dhiyeessamtu gaafa bultii sagalii bor gallaajedhaniiti. Lubni dacha’ee re’ee irratti alangaa quwaasa.Inniqalus dirqamaan ta’ullee dhiyaatee qala.

Bara dhufaatii Xaaliyaa isa lammataa keessa AbbaanGadaaLeeqaa Waamaa Abbaa Kormaa/Gadaa Dhugumaajedhama.Yeroo kanautuu inni lols/ lolaXaaliyaaf Diiduu(IluuAbbaa Booraa?)achi jiruu abbaa isaa ajjeesaniigara Jimmaatti darban.Innisgumaa abbaa isaatii baasuufJimma bu’ee faranjii shan ajjeesee, qaamaa mallattooirraafuudhee(akka Oromoon Arsii SeeraArsii itti ba’u)dhufee,“namnigumaaabbaa ofii hin baafne AbbaaKormaa hinta’ini!”jdhee seera tume.

Ka’umsa Dargiitiin,bara 1976 keessa Abbaan Kormaayeroo dhumaaf Gadaa kana fudhachuun Bokkuun harkaisaatti hafe,MitikkuuCawwaaqaa Naacaa jedhama.Namni Abbaa Dullachaa tures,Moggoo isaa akka tureefi ajajamootummaaDargiitiin Gadaan kun dhaabbateera.

Hanga har’aa kanas ummati kun Gadaa kana jalatti akkawalitti hin qabamneef mootummaan wayyaanee,bakka Jilaa kansadoon Gadaa Oromoo jireenya dhuunfaaf dirreekanarraa qotuun akka hin barbaachifne tumes, hafee lafainvestimentii fi mana barnootaa jechuun dhaloonni akkairrattiwal hin arginetaasisuun, imaammannimootummaajoonjoftuukanaa /burjaajessaanmootummaa wayyaanee, dhaloota joonjeesseera.

GADAA ODAA WALTAATEE HAROO

Gadaan kun godina I/A/Booraa keessatti argama. Innis ilaanuma tum’een ijaaramuutu himama. Gadaan Koodoo Irii, Gadaan godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Mattuutti kan argamuu fi hanga ammaatti kan jiruu dha. Bara kana Abbaan Gadaa Odaa Koodoo Irii, A/Gadaa Kaliifaa Caalii jedhama. Gadaan kun ilmaan Tum’ee Arfan Mattuu, salgan Iluu, shanan Buunnoo, saddettan Cooraatiin ijaarame.

GADAA ODAA HULLEE

Gadaan kun G/Jimmaa A/Oomoo Naaddaa keessatti kan argamudha Gadaan kunis qorannoo bal’aan akka irratti geggeeffamuu qabuufi deebisanii jajjabeessuun irra jiramu hayyoonni Oromoo dubbatu!.