Ardaa Jilaa Tarree Luugoo Oromoo Karrayyuu

Kennaan jabaa har’a ummata Oromoo biraa addunyaaf gumaachame qabeenya sammuu Oromoo kan ta’e sirna Gadaa ti. Maddi sirna Gadaa qaroomina Oromoo kan beekumsa, ogummaa fi muuxannoo ummata Oromoo bara dheeraa keessaa bahee diroo darbaa yoona gahee dha. Ummanni Oromoo erga Gadaan buluu jalqabees jaarraa heddu lakkoofsisuun qabatamaa dha.

Tarree Luugoo KarrayyuuJalqabamuun Sirni Gadaa qarooma dhala namaa keessaa, qaroomina ummata Oromoo waliin gama siyaas-diinagdee fi hawaasummaatiin hidhata guddaa kan qabuudha.

Ummanni Oromoo durdurii osoo qaroomni sirna bulchiinsa diimokraasii hin calqabin dura, fakkeenya sirna bulchiinsa diimokraasii Addunyaa keenyaa kanta’e sirna Gadaa Oromootiin walbulchaa ture.

Sirnoota dabran keessa Ummanni Oromoo adaa fi seenaa isaanii dagatanii eenymmaa isaanii akka wallaalaniif waggoota dhibbaa oliif dhiibbaan gara garaa irratti raawwatamaa tureera.

Godinaalee Oromiyaa dhiibbaan sirna bittaa osoo isaan hin danqin aadaa fi duudhaa isaanii ganamaa kan ta’e bulchiinsa sirna Gadaa Oromootiin bulaa turanii fi ammas sirna kanaan bulaa fi bulchaa jiran keessaa tokko Oromoon Karrayyuu ti.

Oromoo Karrayyuu

6805374754_8bfc9453b3_zOromoon Karrayyuu bakka lamatti qoodamu: Baasoo fi Dullacha. Horteen kunneen latiinsa mataa isanii qabu. Ummanni Oromoo Karrayyuu horii horsiisee bula. Ijaarsii fi caasaan bulchiinsa Oromoo Karrayyuu kan gosa mara irratti hundaa’e, kan nagaa fi bilisummaa tiksuu fi kan jireenya hadhaadhihu ta’ee, caasaa tokkummaa keessaa jabaa ta’e kan qabuu dha. Gosti kamuu gaaddisa waloo irraa faayidaa barbaachisu loogii malee argata; dirqamas akkasumatti bahata.

Gadaa Oromoo Karrayyuu

Bulchiinsa sirna Gadaa Oromoo keessatti Walharkaafuudhiinsi aangoo waggaa saddeet saddeetiin kan raawwatamu yommuu ta’u, sirni walharkaa fuudhiinsa aangoo Oromoota karrayyuu immoo kanneen biroo irraa wanna adda isa taasisu qaba.

Haaluma kanaan, hawaasni Oromoo Karrayyuu sirna walharkaa fuudhiinsa aangoo kan calqabu waggaa saddeet eegee osoo hintaane waggaa 6ffaa irratti; tuuta aangoo fudhatuuf, sirna Goobaa/Walakkaa Aangoo isaa kennuun,waggootii lamaaf leenjiiwwan adda addaa bulchiinsa sirna Gadaarratti barbaachisan baldhinaa fi gadi fageenyaan erga laateefii booda, dhuma waggaa 8ffaatti aangoo isaa guutummaatti kan kennuuf ta’a.

Sirni kun Sirna Goobaa/Walakkaa aangoo jedhamuun beekama.

Sirni kun kan gaggeeffamu tuutni Gadaa tokkoo, aangoo Sirna Gadaa fudhatee erga harkaan gahatee booda, waggaa 6ffaa isaattii sirna kabajamuudha.

Kanaafuu cidha kana keessatti tuutni Gadaa Meelbaa Muddee 23/2009 bakka duraan qubatee jiru Ardaa Warra Gadaa dirree “Abbaa Kulaa” irraa godaanuun gara Dirree Jinfuu/ardaa Jilaa “Tarree Luugootti” namaa saawwaan qajeelu.

Oromoon Karrayyuu Yoo bakka duraan qubatee(Gabaloomee) booca “O” ummee qubatee jiraaturraa gara Dirree Jinfuu/ Ardaa Jilaa bakka Sirni Gadaa itti gaggeeffamu dirree Cidhaa Tarree Luugoo godaanuu(Mannaaguu)osoo hin calqabin, Abbootiin Gadaa Karoora mataa isaanii baafatanii qoophii barbaachisaa ta’e taasisuun sochoo’u.

Kunis kan ta’u, baatii Qokkee(Muddee) gara dhumaa, seensa baatii Amajjii keessa ayyaanni Sirna Gadaa kamiyyuu gaggeeffama akka Oromoota Karrayyuutti.

Kana jechuun,Oromoonni Karrayyuu Jila Kamuu kan gaggeessan, Seensa baatii Amajjii keessa ta’uu isaa agarsiisa.

6766242197_0c82f8cde5Kanaafuu Sirni Kabaja Ayyaana Ciicoo Guddaa Hawaasa Oromoo Karrayyuu Bara 2009 gaafa Muddee23 kaasee, hanga Amajjii 28/2009tti bifa ho’aafi miidhagaa ta’een kabajama. Jilli kun bakka qubatee jiruru Abba KulaairraaMuddee23 sochoo’uun Karaa bulee, gaafa Muddee 24/2009 Waaree booda bakka lafa Jinfuu Jilaa Tarree Luugoo gaha.

Haaluma kanaan Sirni Cidhaa Tarree Luugooakkuma kaleessaa duudhasaa ganamaa eeggatee, bifa ho’aafi miidhagaa ta’een itti fufuun, Amajjii 8/2009 xumuurama.

Tarreen Luugoo Kun bakka jiituu afaan lagaatti waan argamtuuf muka “Luugoo” jedhamtu irraa kan moggaafamte. Warri Gadaa gaafa dooromu hanga waggaa saddeetiitti naannoo qubata.

Yaata’u malee, Oromoonni Karrayyuu Waggaa Jaha(6) booda hangafaa quxisuun tarree luugoo kanatti bahee tarrisee/sarara galee dagalaa’uun qujbata.Hootana bakkuma duraan abbotaafi akaakileen isaanii irraqubatan irraqubatu.

Tarree Luugoo tarree biraa irraa adda kantaasisu,akka lafa muudaatti laalamuu isaati. Hoggaa tarree kana qubachuufka’an kan biyyatti himataniif akka biyyi baatee nama gargaartuufidha.

Keessattuu, warri “Walaannaa”Gadaafudhachuuf qophaahu dura deemee karaa cira,meeshaa isaanii geejjibaan godaansisaaf, Warri Walaannaa Warra itti aanee Gadaa fudhatuu yoota’u,kuun immoo warra Raabaa(warra Gadaa harkaa qabu) Sirna kanarratti nigammadu,itti tolas, hoggaa bakka tarree luugoo gahe, dura dursoo abidda buusa.

Geejjiba meeshaan ciisa, hookana warri raabaa“Ardaaga reeba”. Ardaaga reeba jechuun, ni’ori’a niceeha jechuudha.

Warri hoggaa qubatu akkana jedha:-

Hooda raarrataa loon korma rugee!
Ta’ar’a taphaa buru taajjabaa loon korma rugee !
Yaa hiriyoo yaamiseensayyoo !hooda raarrataa loon kormaa rugee!
Yaatuu Sululaa gootatu waamuraa, hooda raarrataa loon korma rugee !
Ka’argee dheesse haati maaldesse !hooda raarrataa loon korma rugee !
Naannaqii har’aa qoosaa hegeree ,hooda raarrataa loon korma ruhgee !
Oromoo Karrayyuu hoggaa dirree kana qubatu akkana jedha:-
Aadaa teenya hin balleessin ,Oromoo Aadaan bultu nugodhi !
Dhaddachano siqabadhee qabaa balaa jalaa nabaasii
Arraba nuhin micciirin Aadaa nuhinjijjiirin
Oromoon jiituu, jiidha nuhindhowwatin
Gadaa teenya Gadaa miinyaa nuugodhi !
Jedhanii erfga eebbifatanii booda, geejjibni hiikkama.

Wayta kana Abbaan Bokkkuu dhaabbatee “Ori’aa” jedha.Muka guuraa fidaa jechaadha. Muka guuree fide gadi dhaaba. Mukni kunis kataarrii jedhama. Warri kun dhaddacha hintuqu.Dhaddachi muka Kadhaa waaqaa waanta’eefiidha.Muhka kana erga dhaabee booda akkana jedha.

Gubee gubee kataarrii, Kataarrii dannabaan gubee!
Dhaabee dhaabee, Kataarrii danna baan dhaabee!
Reebaa Waaqoo reebbataan diina balleessee jedha.

Sana booda Bokkkuun korbeessa qala.Maqaan korbeessa kmanaa “korbeessa huffeenaa jedhama. Tulluun Korbeessi kun irratti qalamu Tulluu huffeenaa waan ta’eef yoota’u gama bijraatiin Korbeessi kun korbeessa tuhlluutis ni jedhama.

Korbeessa waddee nyaatee ,dhiiga biyyee waliin waldeessee,kolbata/bijlata.Hoggaa fixe gara waraa deebi’uun akkana jedha. Haaya maal muumuu gadda dhiiguu muudee! Muuda akakee kiyyaa, haaya maal muumuu gadda dhiiguu muudee!

Dolooloon kurriftee raachi kokqaa bulee,haaya maal muumuu gadda dhiiguu muudee,
Yoonan roobsuu baadhe ,Mandisiisuu baadhee,haayaa maal muumuu gaddaa dhiiguu muudee
Dhiiga tuhmaalessaa, haayaa maal muumuu gadda dhiiguu muudee
Gaafa namaa gamtee gootatti dheessanii, haaya maal muumuu gadda dhiiguu muudee
Hoggaa karra bira gee galuuf
Gaabii Sayyoo roobee biyya gabbisee!
Oromoo fuula booruudhaa!
Booruu yaafula Waaqayyoo !
Oromoo Uumaatiin bulaa, Qaalluun Ayyaanaan bulaa
Roobee biyya gabbise jedhaa. Sana booda karra bokkuutti gala.

Eega baatiin baatee guyyaa afurbulee booda godaanee qubata.Sana booda biyyi harki guhddaan nigala.Kun hanga goobanuu galma jaraatti gaafa dukkan dursan Ciini qalama.Haayaa maal muumuu gaddee dhiiguu muudee ….

Ilmaan baareentuu baratu bara jila muudatan jira jedhe, bakka tarree luugootti.

Galma namoota hundaa duraa Galma Abbaa Bokkuutu ijaarama. Qirbaa manaa nama hundaa dura Abbaa Bokkkuutu Foodduu ijaarrata. Foodduu dhoqqee loonii afaanitti ,hiddii loonii itti naanessanii karra Abbaa Galmaa duhratti hokojjetani.

Abbaa Galmaatiifi Bitimaa Walakkaa hinbahan.Hoobahan foodduun nutaakaala, yookaan nuqallisee nutuhffatte jedhu.Isiintun booddee milluu/komii fiddijechaadha.Ganda Abbaa Bokkkuu duhratti “Ardaagni” ijaarama.Bakka kanatti ibidda bobeessanii akka hindhaamne tiksee ykn jajabbii itti godhan. Namnis Ardaaga kana gidduu hinbahu yhoobahes ni tuhmamaa, horritu irraa qalama.

Bakka ibiddi itti boba’e kanatti Saani dullachi niqalama.Foon achumatti waadamee nyaatama.Bakka cidhaa Ardaa jilaa kanaa deemuun dhowwaadha.Namuu gumaachituu foodduu gubbaatti eeggatee olgalfata.Guyyaa Cidhaa gumaachituu namni hunduu ala Ciisee/taa’ee hanga intalti Abbaa Bokkuu hangafti galtutti eega.

Hoggaa isiin galte Simaloofi Abbeentaa(Waarii Abbaa Bokkuu uwwisan.Eega mi’oon Waarii Abbaa Bokkuu “Ammayyoo” dhageessiftee booda namuu olka’ee dhaabbata.Sana booda Karra namuurrattuu Hammayyoofi Dambaleen dhagahamu calqaba.Sirba Dambalee Warri dhiiraa yootaphatan, Hammayyoommoo dubartootatu taphata.Warri Jilaa hammayyoofi dambalee taphatee erga quufee booda namuu galee keessummaa isaatti dhihaata.

Galma nama hundaa keessatti “Loogaatu” dhaabbata. Dursa garuu kan Abbaa Bokkuutu dhaabbata. Loogaa: Sirna Ciicoo Buttaa keessatti, funyoofi hookkoon walitt loogoo jedhama. Ciicootti Aannan naqamee qadaaduun utubaatti hidhbama.Abbaan Warraa qabatee ejjeta/dhaabbata.

Abbaa GalmaaQadaadduu
Looga mijuu keetii Mijuu jireen
Rooba Abbaa Waaqoo tanaa tanaa
Warra dilluu walbarbaadutu tanaa?tanaa
Walitti horaa ?horaa
Walitti Bulaa ?bulaa

Bu’uuruma kanaan,halkan kana Galma nama hundaa keessatti Sirni Ciicoo buttaa ni hojjetama. Hoggaa bari’u Warri Abbaa Bokkuu Korma qala.Kormi kunis Korma qilxuu jedhama. Kormi kun ifa golgola barii keessa yooqalamu, Warri raabaa hunduu dhufee qabata. Warra raabaa kana dura namuu qabachuu hindandayu, Sababaa dooriin nama hindhiifneef.

Korma kana Kolbeetu raawwatu yoota’u, sana booda naanna’uun akkana jedhu:-
Qaalluun Miinyaa naakenne nanfudhaa x2
Bokkuun miinyaa naakenne nanfudhaa x2
Gateettii hoolaa Korma adda jabboo!
Qunbiin nyaararraa qabaa waan tooloo !
Doorii maroo ! Simaaree yaawaaqa naamagarsi!
Siifan maaraa ! Rabbuma luba naamagarsi,
Siifan maaraa ! Yaabokkuu jireenya naamagarsi,
Siifan maaraa Yaabokkuu daayyuu naamagarsi.

Erga Kormi Abbaa Bokkuu qalamee booda namuu korma cidhaa hinburuqin qala. Gara Saafayaatti Warri jijlaa kanfedhe ni galaa, kanfedhes ni tura. Sana booda Warra Wallaanaatti gooba(Walakkaa Aangoo Sirna Gadaa) kenna. Abbaa Bokkuu lamaan Maraan harka walfuudha. Jaarsi biyyaa Walakkaa dhaabbatee kennaaf.Hoggaasan Maangudduun akkana jetti:-

(Ija agartuu keenyaa Ijarraa nuhambisaa, Gadaa Tuuta kanaan Waaqatu gahee , tajirtuu hinbadin, tahinjirre hindhalatin, tuuta kanaa Gadaa akka kennitan maraa biyyeen isinitti wawwaannaa!)Erga jedhaniin booda Gadaan Karoobaa Gabbinaa haataatu jedhanii eebbaan irraa fuudhanii kennaniif.

Tuuti Warri Gadaa fudhate kun hanga Waggaa lamaa akkana jedhanii taphatu.
(Goobaa Maroo Simaaree Yaa Waaqa naamagarsi,
Gooba kichaa nahobbaasi Waaqa hayyichaa,
Gooba lattuu nahobbaasi Waaqa hunda Caaltuu!:-akkana jedhanii goobaan taphatu.)

Waggaa Lamaan booda Aangoo Sirna Gadaa guutumatti fudhatuu.Akkana jechuun Liboomee fudhatu jechuudha.Gaafni guyaa Liboomaa Kun Cidha Liboomaa/Gururaa) jedhama.Cidha Guruuraa wanti jedhameef, Obboleettiin Warra Liboomaa hunda dhadhaa bubbee keessaa ittibiifanii, qoree muka Agamsaatiin gurra uraniif.Ijoolleen raabaa Kalaalaa mataatti marattee dhadhaa buubbee keessaa qadaaduun itti biiftee Aannan qoriitti areeranii dabbasaa irratti naquu irraa haadan.Akkuma kanaan dura dubbannetti Karra Abbaa Bokkuu gubbaatti Guutuu Aangoo kanaa har’a kennaafi. Warri Doorome, Warra harraantana Gadaa fudhate jechuudha. (Doorii Maroo! Simaare yaawaaqa magarsi!

Doorii maroo !Simaare yaa Gadaa jiituu jedhee taphataa deema.Ganda Abbaa Bokkuu tuuta isaanii bulee Korma qala.Warri Liboome Luba jedhama.

Waggaa 40 booda ilmaan isaanii dooroman jechaadha. Gabaalanii tarree kanqubatu ji’a Qorkee(Fulbaana/Muddee) baatiin baatee erga guyyaa 4 bultee qubata. Dukkana Durisa guyyaa 11 bulee gumaachituun dhufti.Walumaa galatti guyyaa 15ssootti Ciini niqalama, eega ciini qalamee booda guyyaa 8 bulee addaan godaanee Onasaa kanduraatti deebi’a.

Gaafa tarree qubaa kana biyyi baatee gargaarti.Keessattuu warri Wallaanaa (itti’aanee Sirna Aangoo kana fudhatu, guutuu ta’uu walakkaata’udura deemee karaa cira. Meeshaa isaanii hunda godaansisaniif tarree goobaa kennuun qubatu waggaalamaan bahee,lubooma ykn gaafa gurra uraa ammas deebi’ee tarree qubata.
Maddi: Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa