Waa’ee Gadaa Oromoo

Sirni Gadaa Oromoo ummatichi waggoota hedduuf ittiin wal-bulchaa turee, jalqabbii demokraasii fi duudhaa guddaa kan of keessaa qabu. Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran kanatu sadarkaa Gadaa jedhama.

Waan muraasa waa'ee Gadaa OromooSadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du’utti hawaasa keessatti bakkaa fi qoodama dalagaa hedduu qabaata.

Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta’u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu.

Fakkeenyaf; ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessatti jechuudha.

Sadarkaalen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka adda addaatti amala addaa yoo qabaatellee waliigalatti yoo ilallamu garuu;

Dabballee;
Ittimakoo (Gaammee Didiqqaa) (Ganna 8-16)
Foollee (Gaammee Guguddaa) (Ganna 16-24)
Qondaala (Kuusaa) (Ganna 24-32)
Raabaa (Raabaa Doorii) (Ganna 32-40)
Gadoomaa (Luba) (Ganna 40-48)
Yuuba 1ffaa amma 4ffaa
Gadamoojjii (Ganna 80-88)

Dabballeen sadarkaan daa’immaaniiti, da’imman umurii 0-8 qaban Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana hulluuqee, amma sanatti maqaa manaatin waamama (fakk. Jaldeessoo, Qamalee kkf.). Warri isaanii horii aannanii kan hin qabaane yoo ta’an gosatu annan kennaf. Wa’ee safuu bu’uuraa baratu, fkn kan akka gadhee fi gaarii, firaa fi diina addaan baasuu baratu. Galgala galgala himtee (myth), taba hiibboo fi seenaa akaakayuu fi abbaabileetuu itti himama.

Mucaa sadarkaa Dabballeerraa rifeensi mataa haadamee, firri waamamee ayyaani guddaan godhamme, kennaan goromsa tokkoo (Gubbisa) erga godhameefii booda gara Sadarkaa Gadaa Ittimakootti (Gaammee Didiqqaa) ce’a. Kana jechaan Hammachiifamee maqaan baafama. Guyyaa hammachiisaa kanaa eegalee maqaa kanaan beekama. Ijooleen Sadarkaa Ittimakoo seenan bara afur booda gaammee haaddatanii, Roggee filatanii, jabii tiksuu, bishaan daakuu, farada gulufuu, sirba sirbuu fi geerarsa geeraruu baratu. Hidda saynii yoo xinaate amma mana kudhatokkoo beekuu qabu. Hojii tiiksaa, qonnaa fi adamoo, morkii ispoortii akkasumas warri durbaa hojjii jirbii fo’uu baratu. Wa’ee siyaasa (mirgaa fi dirqamaa, seeraa) fi hawaasummaa baratu.

Ayyaana ijoolee ykn guyyaa kabaja ijoolee (ayyaana taaboree), obbolaa fi hiriyaa ofii wajjin ayyaaneffatu. Guyyaa taaboree ijooleen bixxillee nyataa, farsoo dhugaa, sirbaa gammachuudhan dabarsu. Yeroo gaammee haadattanu goromsi tokko dhuunfaatti nikeenamaaf. Karaa uumatiin waggaa 16tti ijoolen areeda fi guntuta baasu, sagaleen isaanii ni jijjiirama. Haaluma kanaan qoodni fi itti-gaafatumman isaanis ni jijjirama jechaadha.

Gaammee Didiqqaan Ukkee ykn Unkee jala ba’uudhan gara sadarkaa Foolleetti ce’u. Godoon Ukee ega ijaaramee booda isa keessatti haati gurbichaa waan barbaachisaa ta’an hundaa (fkn Coqorsa kichuu miila isaa irratti hirreeffachuu, bixxillee sagal caccabsuudhan itittuu fi aannan itti dhibaasuudhaan) erga qopheessitee booda hiriyoonni isaa bakka argamanitti eebiftee sirni ayyaanaa sirbaan calqabama. Sirbuma kana keessa gurbichi godoo cabsee karaa boroo keessaan baha. Sana booda ijoolleen maaliif godoo keenya keessa bahe jedhanii dhaanuuf itti fiigu. Innis arreedee ykn dhaadachuudhan harkaa baha, ukee cabsee bahe jedhama. Ijoollummaa keessaa bahe jechuudha. Ciisa ijoolleetii baheetu mana jala buluu eegala. Ayyaani ukee kun yeroo gannaa rawwatama. Namni ukkee bahe birraa masqalarratti Giifatoo sirbee horii fudhata. Achumaan Foollee sirbuu itti fufa.

Dardaroonni sadarkaa Gadaa Foollee keessa jiran adamoo adamsuu (bineensi akka horii hin nyaanne ittisuu) akkasumas barumsa ittisoo fi ispoortii kkf. baratu, biyya irra deemudhaan sirbaa, foollisaa sabaan wal baru.

Yeroo buttaan qalamu foolleetu korma kuffisee qaba. Cinaacha korma buttaa akkuma jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka leencaattii wal harkatti ciree nyaata. Yoo sirni buttaa jallate (seera irraa gore) foolleen korma hin kuffisu, foonis hin nyaadhu jechuuf mirga qaba (fkn namichi buttaa qaluu fedhe nama seera cabsee yoo ta’e). Foollee malee immoo buttaan hin qalamu. Foolleen seeran ala nama hin tuqu, saalfii tokko malees sirbaan ibsa. Foollisaa, yoo fedhe abbaa Gadaa ni faarsa.

Sadarkaa Gadaa Foollee keessati dargagoon siritti biyyas walis baru (hiriyumaadhan wajjin deemu). Booranatti, jalqabaaf koree hayyuu hiriyaa jedhamu namoota jaha kan of keessaa qabu ofuma isaaniitii filatu. Akkuma sadarkaa Gadaa Ittimakkootii Foolee gidduuttis walmorkiin jiru kanuma qaamaa (ispoorti fi dandeetti fi kkf.) qofaadha. Yeroo isaanii isa irra caalaa waan wajjin dabarsaniif sirriiti wal beeku.

Dursee galmi (masari) guddaan gosa gosatti erga ijaaramee booda hayyoota (koree) Gadaa sadarkaa kanaa hoogganutu filatama. Alaabaa mallattoo Kuusaa (diimaa adii) kan ta’e erga dhaabatanii booda sirba Xunnee (kan umurii isaanii) fi sirba ce’umsaa Mokkee jedhamu sirbu. Abbootiin ijoolee kanaa (sadarkaa Gadaa Yuuba 3ffaa keesa kan jiranu), bakka faajjiin isaanii itti dhabatte irraa jalqabuudhan sirba Mokkeetiin haadha warraa ofii (haadha ijoolee kuusaa) faarsaa gara bosonaa deemanii damee muka mi’eessaa kan baala qabu muratanii qabatanii deebi’u. Baala mi’eesaa karrattii suuqu. Haadhotiin ammoo bishaan aannaniin makanii gabatee guutuu dhiyyeessu. Abbootiin ijoolee bishaan aannanii kanaan rifeensa mataa ijoolee ofii laaffisanii irraa erga haadanii booda morma irraati callee godhuuf.

Kanati aansee saani eelmamtu tokko jabbii ishii waliin badhaasa kan godhameef fudhatee hiriyyoota ofii wajjin torban lamaaf bakka tokkooti ulmaa galu. Haadhoonni isaanii achitti Galaa aannan fiduuf. Garuu ijoolleedhaan wal hin arganu. Galaa yeroo kennanu maqaa ilma ofii otoo hin ta’in maqaa gosa ofii waamuu. Torban lama booda wayaa aadaa ufatanii Liichoo bokkuu xiqqoon itti hidhame qabatanii galma ulmaa keessaa bahu. Horii badhaasaan fudhatan sana horii warra ofiitti dabalatu. Kana booda ulmaa bahe jedhama. Ayyaani kun boorana keessati Ayyaana Godiyyaa jedhama.

Ce’umsi sadarkaa Gadaa Kuusaa iraa gara sadarkaa Gadaa Raabaatti godhamu hangas sirna guddaa hin qabu. Hayyoonni warri sadarkaa Gadaa kuusaa keessatti filataman kan du’anii fi kan jaaran waan ta’uu danda’aniif bakka buufatamuu malee akkuma jiruti itti-fufu. Warri sadarkaa Raabaa hoogganan kun Aduulaa Raabaa jedhamuudhan beekamu. Ittigaaffatumaan isaanii inni duraa waraana hoogganuu yoo ta’u yeroo nagaa immoo aadaa, seeraa fi Seenaa adda addaa baratu. Torban tokkoof jaarsolii isaan gorsan (barsiisan) wajjin ardaa-jilaatti ulmaa galu. Yeroo kana nama biraa waliin dubbachuun dhoowadha. Yeroo ulmaa fixanii bahan hiriyyoon isaansii damee muka daannisaa badhaasudhaan sirbaa siimatu. Isaanis kanaaf galata galfachaa daannisa sana irra dhaabbatanii waliin sirbaa sirnichi xumuurama.

Sadarkaa Raabaa keessati warroomuu fi qabeenya dhuunfaa godhachuun nama irra eegama. Miseensi Aduulaa Raabaa ta’e tokkoo fuudhuu akkasumas qabeenya dhabee yoo dhabe horii shan kan kottee afuriin adeemu qabaachuun irra jira. Kana guutuu baannan umrii isaa guutuu Raabaa ta’eet hafa (Gadoomuu hin danda’u jechaadha). Namni akkanaa Qolee ykn Cufattee jedhama. Cufatteen nama waan waamuu fi waan yaasu hin qabaanee dha. Cufateen hin gadoomu malee waan yakka miti (namni ofii ta’uu dadhabe biyyaafis hin ta’u jedhamee waan amanamuufi). Sadarkan Gadaa Raabaa waggoota sadeet idda xumuurre booda Raabaa Doorii jedhama. Warra hayyuu fi Abbootii Gadaa aangoo irra jiran irraa sirriiti muuxannoo argachuu akka danda’anu walumatti waggoota 13 sadarkaa Raabaa fi Raabaa Doori keessa turu. Sana booda ni Gadoomu.

Waggaa 40tti namni tokkoo waan hundaanuu ni bilchaata (muuxxannoo fi beekumsa gahaa ni argata), kanaafuu biyya bulchuu fi ittigaafatummaa fudhachuu ni danda’a jedheet Oromoon amana.

Sadarkaa hoogganaa siyaasaa fi amantii itt ta’amu. Sadarkaan kun sirna bulchiinsa Gadaa keessatti sadarkaa murteesssaadha. Warri aangoo qabachuuf carraa qaban warra sadarkaa kuusaa, Raabaa fi Raabaa Doorii keessatti dandeetii adda addaa agarsiisudhaan morkii hedduu keessa injiffannoon darban ta’u.

Jarreen kun warra umurii 48 amma 80 keessa jiranidha. Yuubni warra aangoo gadi-dhiisee sadarkaa adda addaa keessa jiru. Ittigaafatumaan isaanis, keessatuu yuubni 1ffaan akka gorsituu, seeraa, hiiktuu fi seera murtuu ta’uun hojjata. Yuubni 4ffaan (Booranatti) immoo sadarkaa Raabaa Doorii (ijoolee ofii) wajjin seera tumuu irratti qooda qabu. Akkasumas ijooleen isaanii dorgommii (morkii) irratti injifatanii akka filatman ni gargaaru. Kana malees yuubni gosaa keessatti wa’ee araaraa fi misoomaa ilaalchisee tajaajjila guddaa biyyaaf kenna. Seerri, aadaanii fi safuun akka hin badne kan to’aatu yuuba sadarkaa adda addaa keessa jirani. Tuulama keessati Yuubni warra Ayyaantuu (Qaalluu) wajjin iccitiidhan miseensota Gadaa filanii sabatti dhiyeesu. Tuulamni jaarsolee kana Guula jedheetti waama.

Namni sadarkaa Gadamoojjii seenu umuriin isaa waggaa saddeetama ta’ee, nama sadarkaa gadaa darban seeran huluuqe ta’uu qaba. Ijoolen Gadamoojjii aangoo qabatanii biyyaa bulchaa kan jiranidha. Umurii isaanii keessatti yeroo sadiif Gadaa ofii aangoo irrattii arguu warra danda’an jechuudha, kana jechuun, bara dhalatan; sadarka Daballee (umurii 0-8) keessa yeroo turan ykn bara abbootin isaanii biyya bulchaa turan waggoota afurtama booda, ofii isaanitii yeroo abbootii Gadaa ta’an (aangoo qabatan) waggoota saddeettama booda yeroo ijooleen isaanii aangoo fudhatanii biyya bulchaa turan, paartiin keessa jiranu, fkn Meelbaan wayita sadaffaaf naanna’ee yeroo dhufu jechaadha.

Ce’umsa irratti sirni godhamu ni jira, sirni kun sirna Qumbii wal irraa fudhachuu jedhama, sirna ce’uumsaati. Sirna kana irratti xinnaa guddaa otoo hin jedhamin hundi ni argama. Seenan gootota kanaa ni himama, warri biyyaaf waan jabaa hojjatan akka gootaati ni faarfamu, ni kabajamu, isaanis ni dhaadatu. Sana booda amma lubuun jiranutti ittigaafatumaa hin qabani, sabn jara kana amma lubbuun jiranitti ni kunuunsa, ni qananiiniisa.