Akaakuu Aadaa Walgargaarsa Oromoo

"kan hidhame, gaafadhu; kan dhibames gaafadhu!" Aadaa Oromoo

“kan hidhame, gaafadhu; kan dhibames gaafadhu!” Aadaa Oromoo

Sabni kamuu saba jadhamee beekkamee kan yaamamu yoo afaan, seenaa, aadaa fi duudhaa akkasumaas falaasama ofii isaa qabaatee dha. Akkuma afaanii fi seenaa, aadaan saba tokko calaqiftuu eenyumaa sabaa saniiti.

Akkuma saba biraa sabni Oromoos aadaa ittiin beekkamuu boonsaa fi bareedaa qaba. Akkuma bal’ina lafaa fi baayyina ummata isaatti sabni Oromoo aadaa fi duudhaa bal’aa himamee hin dhumne, garba waraabamee hin hir’anne qaba.

Deemsa jireenya isaanii keessatti barmaatilee gaggaarii, tooftaa jireenya isaanii ittin salphifataanii fi farsamoo hojii ittiin saffifachaa jiraatan aadaa godhataanii bara dheeraa itti dhimma bahaa jiraachaa turan. Arrallee ittiin jiraachaa jiru.

Roga hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa isaanii keessatti aadaa fi hooda miidhagaa, hawwataa fi bu’a qabeessa bu’ureeffatanii dhiibbaa fi cunqursaa  irraa hanga dandayanitti eewalachaa hanga arraa jiraachuun kan nama boonsudha.

Nuti dhaloonnii arraatiis walirraa barachaa, waliin guddifachaa dhaloota dhufuuf dhaalchisuun dirqama keenya.

Adaan oromoo akkaataa wal fakkeenyaa fi garaagarummaa/adda addummaa isaanii irratti hundaahun gosa heddutti qoodama.

Isaan keessaa akka fakkeenyaatti:-

• Aadaa wal gargaarsaa.
• Aadaa nyaataa.
• Aadaa uffataa.
• Aadaa fuudhaa fi heerumaa.
• Aadaa wallee fi weedduu(Sirbaa)
• Aadaa meeshaa fi kanneen biroos kaasuun ni dandahama.

Godinoota oromiyaa keessatti maqaan gosoota aadaa wal gargaarsaa addaa addummaa qabaatuus, tooftaa fi adeemsi isaanii hangas mara kan addaan fagaatuu fi wal dhabuu miti. Harraaf  aadaa wal gargaarsaa Oromoo kutaa Harargee keessatti maal akka fakkaatan isiniif dhiheessina.

Oromoon Harargee akkuma Oromoo godina biraatti, aadaa wal gargaarsaa bal’aa qaba. Sabni Oromoo bu’ura wal gargaarsaa irratti hundaa’uun qabeenya, humnaa fi beekkomsa walitti qindeeffachuun ittiin wal kaba. Wayta gaddaa fi gammachuu, dhabaa fi qabeenyaa keessattiis waliif dirmachuun tooftaa ittiin wal bira dhaabbatanii wal gargaaran qabu.

Oromoon saba hayyummaa fi beekkumsaan akkasumaas qabeenyaan badhaadhe dha. Akkuma hawaasa tokko keessatti qabaataan/dureeysi jiru dabree dabree dhabaan/hiyyeessiis hin dhabamu. Ta’uus garuu sabni Oromoo dhabuus bahee amba hin kadhatu, qabeenya namaa hin saamu hin hatu. Sababnis aadaa wal gargaarsaa gaarii qabeenya ittiin wal horachiisu waan qabuufi.

Aadaan wal gargaarsaa kun bu’aa baayyee qabu. San keessaa:-

  • Yerotti sirnaan akka fayyadaman nama taasiisa.
  • Hojii irratti namoota muraasaan hojii bal’aa hojjatuu nama dandeessisa.
  • Namoota humnaa fi dandeetti hin qabneef deeggarsa taasisaa.
  • Diinagdee dhunfaas tahee diinagdee garee salphatti akka guddatu taasisa,
  • Walitti dhufeenyaa fi wal jaalala hawaasummaa nama jiddutti uumuu fi k.k.f. qaba.

Aaadaan wal gargaarsaa oromoo baayyee tahanillee isaan keessaa beekkamoon kanneen armaan gadii kana:-

(1). Guuza/daboo/jigii:-

Namoonni baayyeen walitti dirmatanii, harka harkaan tooftaa hojii walirraa salphisuuf ittiin hojjatanii dha. Namni tokko hojiin isaa humna isaatii ol tahuu eega hubate booda, kallattiin ifii guuza kadhachuu ni dandaha yookan nama biraa kan walitti dhihaatuutti himatee akka guuza fiduuf gaafachuun kan kadhatamuu dha.

Guuzni yeroo kadhatamu abbaan kadhatu gosa hojii irratti bobbahan himuun dirqama. Sababniis namni kadhatamee san meeshaa hojii saniif barbaachisu qabatee akka dhufuuf haala mijjeessa.

Hojiin guuzan hojjatamu dongorri, akaaffi, gaaxii mana, mana jaaruu, oomisha galchuu fi k.k.f. nidha. Guuzni namoota wal kadhatan qofaaf kan oolu osoo hin taanee, maatii yaatama fi manguddootaa humna dhabeefiis dabree dabree waan hojjatuuf walitti dhuufenya ciimsa. Yeroo guuza haawwan ganda walitti dhufuun hoojjaa fi kasha guuzaa qopheessun haadha guuzaa gargaaru.

(2).Dimisha:-

Gurbaan soddaa warra intalaatiif osoo hin gaafatamin yookan gaafatamee hiriyoota isaa walitti kadhatee, aadaa itti hojii warra soddaa hojjaatudha. Yeroo intala qaadhimate irraa eegalee hangaa fuudhee waliin bultii jaaruutti, dabalatee hanga ilmoo duraa waliin dahanitti dimisha geessuun beekkamaadha.

Erga ilmoo walin dahaanii booda dimisha geessuun dirqama tahuu baatullee ifiif nama lamaa fi sadi if biratti fudhatee ooyruu warra soddaa ooluun ni gargaara. Dimishni warra soddaa kan geeffamu waggaa keessaa yeroo tokkoo fi isaa ol tahuu mala. Keessattuu, yeroo hojiin baayyee jiruu fi nama sarduu kan akka yeroo facaa’aa fi yeroo oomishaa dimishaan warra soddaa gargaaruun beekkamaadha.

Yeroo gurbaan dimisha warra soddaa geessu, intaltis geeloota isii yaammattee hoojjaa fi kasha waan geessituuf, carraa qaadhimaan lamaan wal arguu isaaniif uuma. Kunis bu’aa mataa isaa qaba. Gurbaan qanxummaa fi saansakaa qaadhimaa isaa hubachuuf isa gargaaruu cinattiis ijaan wal arganii yaada wal bahu. Isiiniis akkasuma ciminaa fi jabina isaa hanga tokko akka bartu isii taasisa. Kana waan beekuuf gurbaaniis yeroo hoojjaan yookan kashni dhufu baayyee gammada.

Gama biraatin hiriyoonni gurbaa kaadhima isaa akka baranii fi akka qeeqan carraa banaaf, kanuma keessa ijaan wal baru. Geellootni isiitiis akkasuma. Tanuma keessa dubraa fi dardarri biraas ija wal kaayatanii jaalalaaf wal abuurrachuu malu. Carraan biroo kan jaalalleewwan lamaan itti wal argan dhiphaa waan ta’eef yeroo akkanaa wal arguun isaanii, jaalala isaanii dabaluu fi sodaa gara lameen jiru xiqqeessuuf ga’ee guddaa qaba. Kanaaf qaadhimaan lamaan wal arguu isaanitti imaalmaana gammadan.

(3). Faraqee/marroo/:-

Aadaan wal gargaarsaa kun akkaataa walitti dhiheenya nama lamaa fi lamaa oliin humnaan yookaan qabeenyaan marrotti/tartiibaan/ itti wal gargaaraniidha. Warra dhiiraas tahee warri dubartii marroo/faraqee/ tana walitti seenuu dandahu. Warri dhiiraa humna isaaniitin walitti dhufuun yookaan qotiyyoo/diboota/ walitti hidhachuun tartiibaan hojii isaanii irratti wal gargaaru.

Warri dubartootaa/haawwanii/ humna isaaniitiin yookan qabeenya akka aananii walitti ida’achuun guyyaa guyyaan akka gurgurataniif marroo deeman. Humnaan yoo marroo walitti seenan dubartootni ollaa tokko jiraatan midhaan qabiyyee wal qixaa wal bira fidachuun mooyyee waliin tumu.

Mooyyee talaantalaa midhaan wal bira fidatan san faraqatti waliin feeddagu yookan waliin kurku. Dura kan nama tokkoo eega fixan booda kan nama kaanitti dabru. Qabeenya irratti yoo marroo walitti seenan garuu dubartoonni ganda tokkoo keessa jiratan kan loon elmamu qaban aanan qabiyyee wal qixaa walitti dabalachuun guyyaa tokko nama tokkoof kennuun akka gurguratu taasisuun, guyyaa itti aanuus nama biraatiif kennuun marroon tooftaa itti wal gargaaraaniidha.

(4). Gumaata:-

Aadaa wal gargaarsaa keessaatti gumaanni/kennaan/ baayyee beekkamaa dha. Keessattuu nama fuudhe/heerume/ yookaan dubartii deesseef kan gumaatamuu yoo tahuu dabree dabree namoota jahatanii mana jaaruutti jiruuf illee ni godhama. Gumaanni yeroo baayyee gamtaan kan gumaataan yoo tahu yeroo tokko tokko garuu dhunfaaniis namaaf kennuu ni danda’ama. guumaatni hiriyyummaa, firummaa fi wal beekkumsa birootiin waliif kadhatama.

Guyyoota muraasa dursee namni gumaata kadhatuu namaa beekuu hunda itti himaachu qaba. ‘Guyyaa akkaana gumaata naaf koottu’ ja’ee itti dhaamata. Namni kadhatamees guyyaa itti afeeramee sanitti qophaa’ee , waan barbaachisu qabatee iddo itti kadhatametti argama. Gumaatni dubraa fi dargageessaa/dardaraa galgala taha.

Kannaan dubraa dardarri gumaataaf waliif kannan maallaqa dha. Gumaatni haawwanii garuu irra baaayyee guyyaa taha. Kennaan isaanii garuu maallaqa yookaan kennaa biraa kan akka nyaataas tahuu mala. Kaayyon isaas nama fuudhee yookaan dubaartii deesse diinagdeen kabsachiisuu keessatti gahee guddaa qaba.

(5). Afooshaa:-

Aadaan kun haawasni akkaataa qubsuma isaanii irratti hundaa’uun walitti jaaramanii jireenya hawaasummaa keessatti tooftaa itti wal gargaaraniidha. Du’aa fi jiruu, gaddaa fi gammachuu, sadoo fi gadadoo keessatti wal bira dhaabbachuun aadaa itti wal gargaaranii fi wal bira dhaabbataanii ittiin wal jajjabeessanii dha.

Yeroo cidhaa, du’aa fi haajaa garagaraa ulfaataa tahan keessatti namoonni miseensa afooshaa ta’e hundi hirmaachu dirqama qabu. Afooshaan kun aadaa wal gargaarsaa kan biroo irraa wanni aadda godhaa yoo jiraate, seera ittiin bulmaataa mataa isaanii qabachuu caalaa yeroo gara yerootti bal’achaa, dagaagaa dhuufuu isaati.

Miseensoonni afooshaa heera ittiin bulmaataa ofii isaanii baafatanitti waan bulaniif, namnii dambii cabsee sirnumaan adabama. Kanaaf seera ittii bulmaata isaanii baayyee kabaju. Haalli kun ammoo uummatni seeraa namni biraa baaseefi ittiin bulaa ja’uun irra kan ofiif baafataanitti sirnaan buluu akka jaalatan namaatti mul’isa.

(6). Quubii:-

Aadaan wal gargaarsaa keessaa quubiin tokko yoo tahu, namoota hojii wal fakkaataa hojjatan, qubsumaan naannoo walitti siqu jiraatan, galii walitti dhihaataa argatan, yaadaa fi ilaalchaaniis waliif galan, akkasuma wal amantaa qaban jiddutti maallaqa walitti buufachuun tartiibaan tooftaa itti walii kennanii dha.

Guyyaatti, torbaanitti yookaan ji’atti namni tokko maallaqa hanga murteeffame kan kafalu yoo tahu miseensoota keessaa nama beekaa fi amanamaa ja’anii yaadan tokko walitti qabaa godhanii filatu. Kana booda tartiibaan maallaqicha walitti qabee marroon abbaa carraan baheefiif kennama. Quubiin qusannaa maallaqaa fooyyeessuun diinagdee nama dhunfaas, kan garees guddisuu keessatti gahee guddaa qaba.

(7). Kaaloo:-

Kaaloon kennaa gargaarsaa namni tokko gurbaa fuudhuuf yookaan nama jahatanii farditti jiruuf gumaachuu dha. Irra caalaatti kennaan kaaloo kun beeyladaa yookaan maallaqan kan kannamu yoo tahu adeemsi kennaa kuniis kaaloo waliif dhahu ja’ama.

Hangafummaan beeyladaa ykn maallaqaan kaaloo waliif dhahuun haa beekkamu malee, babree dabree garuu qabeenya biroos waliif kannuu ni dandahu. Namni kaaloo waliif dhahu harki caalu fira dhihoo yoo tahellee namni akkaataa waliti dhihaatuuniis waliif kannuu ni dandahu.

(8). Liqii/Mugoota fi Ergisaa:-

Aadaa wal gargaarsaa baayyee beekkamu yoo tahu sirni isaas namni qabeenya harkaa qabu tokko nama rakkateef laachuun namni san yeroo muraasa keessatti dhimma itti bahee akka deebisuu taasisuu dha.

Liqiin qabeenya akka maallaqaa, midhaan fi waan biraatiis kannamuu ni dandaha, Ergisaan garuu waan akka uffataa, meeshaa fi wantoota biro kan yeroo muraasaaf itti dhimma bahanii deebisan irratti xiyyeffata. Lamaanuu faaydaa guddaa qaba, keessattuu walitti dhufeenya hawaassummaa cimsuu fi namoota harka qalleeyyii tahaan rakkoo irra akka hin buuneef baayyee gargaara.

Liqii fi ergisaan wal amaantii namootaa irratti waan hundaahuuf, namni waa liqeffatuu yookaan ergifatu yerooniin deebisa jedhee qabate sanitti deebisuu qaba. Yoo haalli hin mijjaawiniif garuu dursee abbaa irraa liqeefatee sanitti himuu qaba. Gama biraatiin ergisaan meeshaa irratti waan xiyyeeffatuuf waan ergifatan san sirnaan eeganii deebisuun barbaachisaa dha.

(9). Hirtaa:-

Hirtaan aadaa namni dachii qonnaa hin qabne yookaan xiqqoo qabu nama lafa qoonnaa bal’oo qabu irraa fuudhee waaytii oomisha tokkoo yookaan waggoota muraasaaf qotee ommisha argamu san wal qixatti abbaa dachii waliin addaan fudhachuun/hirachuun wal gargaaranii dha.

Abbaan dachii eega lafa isaa hirtaa kannee booda oomishuma isaa eeggata malee quba hin qabu. Kan hirtaa fuudhe lafa kunuunsuu fi akka isiin oomisha guddaa kannitu waan dandahamu hunda godhee oomisha irraa galcha. Hanga oomisha addaan fudhatanitti amaantummaan waan lafa san irra jiru eeguu qaba.

(10). Nyaachisa fi Horsiisa:-

Beeyladaa walitti kennuun kan wal gargaaranidha. Nama beeylada hin qabneef namni beeylada baayyee qabuu itti kannee akka horsiisuu yookaan nyaachisuu godhama.

Tooftaan kun nama beeylada hin qabnee horachiisuu kan fayyaduudha. Beeylada dhaltuu namatti kannanii ilmoo ishii marsaa marsaan addaan fudhatan. Dhala duraa abbaan horsiisuu yoo fudhate dhala itti aanu abbaa beeyladichaatiif jalaa galchu. Kuniis horsiisa jadhama.

Nyaachisaan ammoo tooftaa qotiyyoo nama qotiyyoo hin qabnetti kannanii nyaata isaa dhiheessaafi ittiin qotatuudha. Haalli kuniis wal gargaarsa hawaasummaa keessatti gahee guddaa qaba.