Guyyaa Ayyaana Durbartootaa

 By Firaol Tolasa  fi Oromedia*

6805374754_8bfc9453b3_zAkka aadaa Oromootti wanti hunduu kabaja qaba, wanti hunduu wayyuu fi safuu qaba. Safuun ykn wayyuun sirna Gadaa fi ilaalcha Oromoo (Oromo world view) keessatti gahee olaanaa taphata. Wayyuun waan qulqullaa’aaf kabajamaa itti hin bu’amnee fi Ilaalcha Oromoon uumaa fi uumamaaf qaburraa maddudha. Oromoon akka amanutti, Waaqni waa mara kabajaan uume.  Kanaafi Uumaa, uumamaa fi samiif kabaja guddaan kan qabaateef. Barruun kun guyyaa dubartoota addunyaa sababeeffachuun kabajaa fi hubannaa aadaan Oromoo dubartootaaf qabu ilaala.

6766242197_0c82f8cde5Dubartiinis Wayyuu ykn safuu qabdi. Kabajni ykn Wayyuun Oromoon dubartiif qabu sababa gara garaa irraa maddus, amantaa Oromoon “dubartoonni garraamii, gara laafeyyii fi dafanii waan namaa nahaniif waaqatti dhiyoodha, waaqni isaan dhagaha “ jedhurraa kan maddedha. Kanaaf “waan dubartin eebbifte eebbifamaa, waan dubartiin abaarte ammo abaaramaadha “ jedhamee amanama. Amaatiin ofii, haati ofii, dubartiin ulfi, durbi qarree, dubartiin deesse(qannafa diratte) wayyuudha, kabaja qabdi.

Siiqqeen ammoo sirna Gadaa keessatti dhaabbata mirgi dubartii ittiin kabajamudha. Siiqqeen ulee qal’oo dubartiin gaafa akka sirna Gadaatti heerumtu (guyyaa cidhaa) kennamuufii ta’ee Aangoo, humna, akkasumas kabaja dubartiin heerumte qabdu agarsiisa. Dabalataanis Siiqqeen meeshaa ittiin dubartiin mirga ishee kabajchiifattudha. Dubartiin siiqqee qabatte nama waldhabe gargar qabdee araarsiti, namni ittiin hin lolu.

Dubartoonni Oromoo sirna Gadaa keessatti siiqqeetti fayyadamanii mirga wal qixxummaa saalaa , Amantaa, siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ofii kabajchiifatu, siyaasa ittiin gaggeessu.
Fakkeenyaaf dubartiin tokko mirgi ishee abbaa manaa isheetiin yoo sarbame, yoo dhaanamte siiqqeeshee qabattee manaa fi ijoolleeshee dhiistee iyyaa Qilxuu jalatti baqatti. Inumaaayyuu dubartoonni ollaas siiqqee isaanii qabatanii ishee gargaaraa waliin turu. Hamma wal dhabdeen abbaa manaashee duukaa jiru jaarsummaan furaamutti manatti hin deebitu.
Kanaafi egaa kan sirni gadaa sirna wal qixxummaa saalaa irratti hundaa’edha jennee kan afaan guutnee dubbannuuf.

Ateeteen ammo Ayyaana dubartii kan waggaatti al tokko kabajamu yoo ta’u, ayyaana sanyii fi hormaata qajeelchitudha jedhamee amanama. Ateeteerratti dubartoonni fayyaa, fi hormaata kadhatu.
Guyyaa ayyaana Ateetee, dubartiin uffata aadaa kan mataa isaa danda’ee, Caaccuu fi Calleen faayame uffatee, dhangaa adda ta’e nyaachisuudhanii fi dhugaatiiwwan akka booka( buqqurii) obaasuun kabajji. Ateeteen yeroo Oromoon dur akka aadaa uummatoota Kuushitti jiraataa ture (waggoota ca. 5500 dura) jalqabame jedhameeti tilmaamama.

Calleen dubartii tokkoo nitii ilmashee angafaatti darbaa dhalama..Dhabduun kan itti dabarsitu hin qabdu. Kanaaf dubartiin yeroo ilma deessu shan ililchamaaf. Callee haadhaa kan dabarsutu dhalate jechuu dha. Kanaaf dubartiin akka ilmoo godhattu Waaqaa kadhatti. Ilmoon dhiiraa qeyee warraa dhalootaa dhalootatti dabarsuuf haa filatamu malee, ilmoo kamuu dhabduu dhabarraa oolchuun itti gammadama.

Guyyaan ayyaanaa kun seera Ateetee qabatee bakka sadiitti qoodama:

• Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii)
• Ateetee Hagayyaa (Ateetee Sanyii ykn Midhaanii)
• Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)

Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii

Ayyaani kun ji’a Amajjii keessa kan kabajamuu fo kan dubartiin ijoollee ofii Ateetee naqxee itti eebbiftuudha. Haati ijoollee ishiif dhangaa qopheessitee, kan deesse hundaa walitti qabdee Ateetee itti naqxee eebbifti. Guyyaa sana hortee haadha manaa sanaa kan ta’an hundi tokkollee osoo hin hafiin, mana ishiitti wal ga’anii eebba Ateetee fudhatu. Guyyaan kun guyyaa firri itti wal arguudha.

Ateetee Hagayyaa (Ayyaana Sanyii ykn Midhaanii)

Ayyaani Ateetee kun immoo Gindii hiikoo ykn Ateetee Midhaanii jedhama. Ayyaani kun ji’a Hagayyaa keessa yeroo qotee-bulaan qonna raawwatee gindii hiikee, midhaan facaase hundatti Ateetee naqee, qotiyyootti addoo mataatti maree eebbisee gad-dhiisu dha. Kun mallattoo xumura qonnaati. Sana booda bakka qonnaa hundaarra deemudhaan seerri dhibaayyuu xumuurama. Dhumaa irratti bakkuma dhibaayyuu sanati gamtaan taa’nii, wanna qabatan, farsoo dhuganii marqaa nyaatanii galu. Walumaagalatti ayyaanni kun Ayyaana Sanyii jedhama.

Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)

Ayyaani Ateetee kun bakka tokko tokkotti Jaarii Kormaa ykn Gannii Loonii jedhama. Ateeteen Loonii ji’a Sadaasaa keessa kabajama. Sirni kun kan ayyaaneffamu dallaan loonii bakka duraa irraa jijjiiramee erga ijaaramee booda mukni birbirsaa (kan kormoomsaa jedhamu) wiirtuu dallaatti dhaabudhhani. Bakki muki itti dhaabate kun sirritti erga jifaaramee booda sirni Ateetee naquu kormoomsaa jalatti kabajama. Dallaan loonii guyyaa sana galma misirroo fakkaata. Dubartiin kormoomsaa jalatti marqaa marqiti. Sirn dhibaayyuu erga xumuree booda abbaan warraa waan qalmaaf qopheese qala. Dhiiga sana bitaa fi mirga karraa tuqsiisa. Gogaan horii qalamee sun babaqaffamee miila fi mataa looniitti ni hidhama ykn ni marama. Kana booda dhangaan qophaa’ee fi foon nyaatamee, farsoon dhugamee sirnichi xumuura.

Hawaasti kamuu akkatti uumaa fi uumama hubatu qaba. Hubannaa kana keessaa muuxannoon argames jiruu fi jireenya hawaasaa keessatti calaqqisa. Aadaa Oromoo keessaa waanti hubannus, Oromoon akkuma dhimmoota kaanii, dhimmoota dubartootaafis aadeffannaa muuxeffatee ittiin jiraataa yoon gahe qaba. Dubrtiin ulfoo dha; dubartiin wayyuu dha; dubartiin kabajaa fi ulfinaan jiraachuuf mirga guutuu qabdi. Kun waan hin dabne, waan hin cabne, seera bultuma ti; safuu jireenyaa ti.  #March8

Madda:

  1. http://www.opride.com/…/3779-wayyuu-siinqee-and-gora-among-…
  2. http://www.humanrights.dk/…/billeder/u…/ayalew_report_ok.pdf
  3. https://om.wikipedia.org/wiki/Ateetee.

*Barruu kanatti xumura daballee jirra.