Jaarsummaa

JaarsummaaUmmanni Oromoo yeroo seerri ammayyaa hin jirretti rakkoolee haqaa naannawa qe’ee isaaniitti isaan mudachaa ture sirna ittiin hiikkachaa turan qabu. Sirni kun akka guddina hawaasaatti dagaagee beekamuu baatus, amma dhibdeelee fi rakkoolee hawaasummaa hiikuu keessatti gahee guddaa qabaachaa jira. Srin kun jaarsummaa jedhama. Barruun kun waa’ee jaarsummaa, aadaa furaa rakkoolee hawaasummaa Oromoo irratti xiyyeeffata.

Sirnoota haqni Oromoo haala aadaatiin ittiin eegamaa ture keessaa tokko jaarsummaa dha. Akka aadaa Oromootti jaarsummaan akkasumas duudhaaleen araaraa abbaa seerummaa sirna

Gadaa keessatti argman, afarsaataan, saboota biratti ammoo sirnoonni akka ‘awucaacinyifaan’ ni eeramu.

Asirratti afarsaataadhaan walqabatee waan akka qoosaatti himamu tokko kaasuuf, jiraattonni mandara tokkoo al tokko hattootaafi saamtota isaanuma wajjin jiraatan sadiin gidiraa argaa turan. Rakkoo kana furachuufis maanguddoonni, jaarsoliin biyyaattii abbootii afarsaataa waamu.

Ummannis walitti qabamee sirni ‘awucaacinyii’ jedhamu eegalame. Hattoonni jiraattota gidirsaa jiranis yaa’ii afarsaataarratti waan hirmaataniif jiraattonni kuun ija jabaatanii ebelu, ebelu jechuuf rakkatan.

Yeruma kana jaarsi tokko ka’anii, maqaa hattoota sadanii iccitiidhaan hima keessa galchanii ibsanii taa’an. Afarsaatichis haasawa maanguddichaa qoratee namoota maqaansaanii malaan waamame danbii naannawaatiin akka adabaman gochuun nageenya qe’ee ofii kabahciifatan jedhama.

Har’as taanaan sirni kun bal’inaanis ta’uu baatu naannawawwan tokko tokkotti tajaajila olaanaa kennaa jira; keessumaa naannawawwan sirni Gadaa jabaatee itti argamutti.

Yeroo ammaa hawaasni haqa argachuuf sirna jaarsummaa aadaa naannawasaatti argamutti tajaajilamuu maddiitti jaarsummaa ammayyaattis fayyadamaa jira. Qaamni jaarsummaa sadarkaa kamiittuu argamu dhiibbaa qaama ykn qondaala mootummaa ykn kan biraa kamirraayyuu bilisa. Abbootiin seeraa hojiisaanii bilisummaa guutuudhaan raawwatu. Seeraan malee waan biraatiin hin ogganaman jedhee ittifufa.