Caaltuun Akka Helan

Obboleeyyan! irra jireessi keessan seenaa “ጫልቱ እንደ ሄለን- Caaltuun Akka Helan” jedhu kanaaf haarawaa miti. Seenaan seenaa intala Oromoo sirna Amaaraa keessa Oromummaan keessaa haqamee, qorqalbiin miidhamtee sababuma saniin lubbuu isii dhabdeeti. Barruun kun kitaaba “Tasfaayee Gabra’aab “የስደተኛውማስታወሻ-ጫልቱ እንደ ሄለን” isa jedhu keessaa fudhatame. Tasfaayeen seenaa Oromtittii tanaa barreessuu isaatiif woreegama guddaa kafale.

Duula guddatu irratti godhame. Duulli kun garuu seenaa Caaltuu fi kitaaba isaa taan caalaa akka beekkamu godhe malee akka isaan yaadan maree sheelfitti hin dachaafne. Akkuma irra jreessi keessan beektan, duulli Tasfaayee irratti godhame kun ka jalqabaatii miti. Tana durallee kitaaba ”የቡርቃዝምታ“ jedhu ka bara 2000 keessa barreesse irratti akka dhiifama gaafadhu jedhanii nu kolfisiisaa turan. Haata’uu garuu duulli dhiheenna Tasfaayee irratti godhame seenaa Amaarran dhoksuu yookiin waakkachuu barbaadan taan caalaa akka dhagayamu taasise. Seenessi sagalee ka “Caaltuun Akka Helan” jedhamee Afaan Oromootti hiikkame dhihoma tana miidiyaalee hawaasaa irratti gad dhiifamee ture. Barruun kun ammoo worra dubbisutti aanjoo qabuuf.

Worri caqasuus ta’ee dubbisuu dandeettan affeeramtaniirtan. Waan dur Amaarri Oromoo irratti raawwatte kana hubadhaa hubachiisaa. Ka biraallee kumii-kitiltu jiraa gad baasaa. Dhiheenna kana Ameerikaa keessatti “12 years slave” fiilmiin jedhamu tokko bahee ture. Haala suukanneessaa dur ummata gurraacharratti raawaatame worri fiilmicha laaltan agartaniirtan. Wontichi yoo laalan waan mataa nama tuqaati. Haata’uu garuu maraattuu “waan kaleessa dalagameef adiidiin ardhaa gaafatamuu qabdi” jedhu argaa hin jirru. Arguullee hin qabnu. Adiidiin arhaa isaan kaleessaatiin adda. Wonni kaleessa dalagame deebi’ee akka hin raawwatamne irraa wolbarsiisan. Daba kaleessa ummata gurracharratti dalagame sirrii ta’uu ka mirkaneessu yookiin ka haalu yoo jiraate seeraan gaafatama. Keennaa fi ka  Habashootaa garuu adda. Bara ardhaa “waan Miniliik Oromoorrati dalageef ilmaan yookiin ilmaan ilmaan isaa itti gaafatamuu qabdi” Oromoo jedhu hin agarre. Arguullee hin qabu.

Oromoon ekeraa Miniliik faana hirriba dhabu hin jiru. Garuu Miniliikota ardhallee akka Miniliikitti Oromoo bituudhaaf hirriba dhabaa jiran ufitti dadhabaa jirra. Miniliikiin nutti faarsuu bira taranii, “harkaa-harmi muraa wonni jedhamu hin jiru! kijiba! /“የጥቂትየኦሮሞልሂቃንየፈጠራታሪክነው። Seenaa kijibaa eliitonni muraasni uuman” nuunjedhaa jiran. San birallee taranii ragaa nu gaafataa jiran. Dhiiroo barri “harkaa-harka muraan aanolee” fi “Calii Calanqoo” akkasumas fixxaan kaleessaa fi ardhaa dachii Oromoo irratti raawwatame/aaru fiilmiin hojjatamu dhufaa laataa?

Obboleeyyan! Waan kaleessa ta’ee fi ardhaallee ta’aa jiru qabadhaa kaayaa! Dhalaaf dabarsaa! Kana ka goonu ammoo eennuunuu miidhuuf yookiin balleessuufii miti. Akkuma ummata kamiituu jiraachuudhaaf. Maraafuu caqasa yookiin dubbisa gaarii isiniif hawwa. Dhiheennatti ammoo seenessa mata- duree “Ihaadigicha!” jedhu, ka bara Tigree kana keessa ta’e tokkoon isinitti deebi’aa nagayaan naa turaa.

Amaan Hedatoo ti.

 *****

Caaltuun Akka Helan

Afaan Amaaraatiin ka barreesse: Tasfaayee Gabra’aab

Afaan Oromootti ka hiikee: Amaan Hedatoo 

Seenaan Caaltuu baay’ee nama ajaa’iba. Garaa nama nyaatas. Haqaaqii irraa kiilomeetiroota muraasa irra ka jiru ganda baadiyaa Qooftuu jedhamutti ta dhalatte Caaltuun woggaa digdamii shanitti kichuun karatti hafte. Faaya laalanii gara biraa laaluun nama dhibu, ta gamaa gamanni bareeda isii irraa odeesse ijoollee qotatee bulaa turte. Sababa du’a isii, ka biraa hafee maatiin isiituu guutuu hin beeku.

Hennaa ijoollee turte seenaa isii namni hin beekne hin jiru ture. Maqaan isii Tuulama keessa haga Waajjituu, haga Wolmaraa, haga Seeraa, haga Dawwaraa, haga Bachoo, haga Cuqqaalaa, haga  Dirree fi Gimbichuutti hanga’ee beekkama ture.

Ka’umsi beekkkamuu isii seenaa Tuulamaa keessatti dhiira woliin dorgomtee injifachuudhaan farda badhaafamuu isii ture. Bareedinni uumamaan qabduu fi dhiiraan qixa farda kaachisuun ammoo caalatti maqaa isii hangaase. Gaaf tokko hennaa woggaa kudha afur turte ture. Fira gaafachuudhaaf kophaa isii Qooftuu irraa gara Tulluu Diimtuu hennaa deemaa turte ka’ima butuudhaaf hordofaa ture jalaa galtee turte. Dargaggeessa durba butuudhaaf bahe hoongessanii galuu jabduun caalu kamtu jira? Dargaggeessi seenaa isii kana hin beenne ammoo hin jiru ture.

Namoonni jajjaboon naannoo, kanneen seenaa isii jaalatan, Caaltuu ilmaan isaaniitti fuudhuudhaaf hawwaa turan. Abbaan isii obboo Midhaksaanis mucayyoo isaanii namoota kanniin dhoorgatanii tursiisuu hin dandeenne. Ufiin bulaa yookin algala tokkoon uduu jalaa hin butamin, maatii kabajamaa tokkoof kennuuf murteeffatan. Haaluma kanaan mucayyoo isaanii ganna kudha shanitti maatii Ada’aa ka Dirree dhufe tokkoof kennan. Kana godhuu isaanii firaa heddutu mormee ture.  “Mucayyoon tun uduu barattee…” jedhee ka yaada kenne heddu ture. Martuu hafee Caaltuun heerumte. Garuu qalbii guutuun ka fudhatte hin turre. Maatiin Caaltuu akkuma namoota naannoo sanii qonnaan bultoota ka turan ta’us qotattoota naannoo heddu biratti garuu maatii irra woyyaawaa turan. Abaabayyuun Caaltuu Bantii Dammoo nama heddu horee, hundee maatii baldhaa hambifatee dabre. Kanaafuu maatiin Qooftuu keessa jiraatu irra jireessisaa ka hiddi isaa Bantii Dammootti galu. Caaltuun worra isiitiif takkittii taatullee, maatii baldhaa Bantii Dammoo ka Qooftuu marsee jiraatu saniin marfamtee, hiree matatti baadhatamuudhaa argattee guddatte.

Umrii ijoollummaa isitti seenaa dhaloota dabreetiin kunuunsee ka guddise abaabiyyee isii woggaa dhibbaa ol jiraatanii daran turan. Maqaan isaanii Godee ture. Bantii Dammoo ammoo nama maatiin marti ittii boonu ture. Beekaa miiloo isaa lakkaayee Daacitti galchu. Kana qofaa miti. Abbaa fardaa dhukaasaan beekkamu ta’utti dabalee namoota wol dhaban araarsuu fi galtee gumaa fixuudhaan seenaa gaarii hambifatee nama dabre.

Caaltuu, seenaan dhaloota durii ka abaabibiyyee isii irraa baratte qaama isii ta’ee woliin guddate. Umrii ijoollummaa saniin aadaa fi seenaa Tuulamaa qeensaa haga refeensaatti beekti. Hora Finfinnee dhaquun dur-durii ta’ee hafus, hora Bushooftuutti irreeffachuun hawwiilee qalbii isii keessatti mana ijaaratan keessaa isa tokko ture.

………………………………………

Farda Caaltuun gaaf dur dhiiraan dorgomtee injifattee badhaafamte maqaan Gurraacha ture. Egaa Caaltuun eega Gurraacha badhaafamte as nama hin danda’amne taate.

Guyyaa gurraacha badhaafamte adda babayii duratti utaltee irra buute. Guyyaa san irraa qabee “Caaltuu worra Galaan” jedhamtee maqaa baate. Yaabbii fardaa akka kennaa addaatti dhuunfatte. Egaa “Caaltuu worra Galaan” gurraacha malee jette. Gurraachillee isii malee jedhe. Caaltuu malee namni itti dhihaatu ni dhabame. Dhaabatee maddii yookiin boqoo isii yoo arraabu ‘raajii’ jedhame. Abbootiin gaarii fardaa, kanneen Haqaaqii Basaqaa “qarshii kuma tokkoon nutti gurguri” jennaaniin fuulati cirriiqattee ariite. Yaabbii fardaa namni isii barsiise jiraachuu baatullee, Sambataa haga Sambataa gurraacha hallayyaa Tulluu Diimtuu keessa utaalchifte. Achii yoo kaate harka ufiitiin haga inni cululuqutti dhixxi. Harka ufiitiin nyaachifti. Galgala daree isaatti galfattee, “nagayatti naa buli gurraacha koo!” jettee biraa lixxi. Gurraachillee akkuma isiiti. Caaltuu sagaleedhaan beeka. Waan isiin jettuun hubata. Yoo isiin itti fiissite, bakka jiruu haada kutee dhufee isii bira dhaabata. Maqaan Gurraachaa fi Caaltuu yoo waamamu wol biraa hin hafu ture. “Gurraacha Caaltuu! Caaltuu haadha Gurraachaa!

Guyyaa gabaa gurraacha saggaarsisaa hangaati. Intalti ilma Bantii Dammoo! Caaltuu Midhaaksaa. Imaltoonni Tulluu Diimtuu, Gimbichuu fi Dirreellee uduu hin hafin Caaltuu fi Gurraachi adda bahuu akka hin dandeenne baratan. Hajaallee qabaachuu baattu gabaa Kiibxataa fi Sambataa gurraacha kooratti lixxee gabaa takkaa lama naannofti. Gurraachi isii “gadabee utaala! Daaraa kaasu homboleleettii fakkeessa!” jedhamee jajame. Gurraacha kooratti lixxee yoo kolfaa gabaa naannoftu isii ta’uu maratu beeka. Marumatu itti lallaba. “Caaltuu worra Galaan! Caaltuu haadha gurraachaa!”jedhaniin.  “Intalannana akka si hin bunne!” jedhaan ka bareeda isiitiin qalbiin badde. “Digdama hori akka akaakilee keetii!” jedhaan ka eebbisu ammoo. “Caaltuu sanyii Bantii Dammoo!” jedha ka gaachena isiintiin gammade. Wonni jedhamu heddu. Isiinillee kana yoo dhageettu diqqaa hin boontu. Kikissitee kolfiti. Yeroo akkasii bowwuun kolfa isii Tulluu Diimtuu irraan maree mandi’ee taphatee bosona Bilbiloo qalbii jiisa. Kana qofaa miti. Kolfi isii yeroo garii samii Ad’aa Liiban irra mashisuudhaan, hortee Bantii Dammoo qalbii rarraasa. Bira tareellee Shaggar qixxee Dhakaa Araaraa dhaqqabuu dhabuu isaa namni himu hin jiru.

Beekkkamtiin sanyii ilma Bantii Dammoo egaa hagas gahe. Egaa dur! Gaaf dur! Gaafa gurraacha yaabbattee fira gaafachuuf gara Tulluu Diimtuu arreeddu san ijoollee ganna kudha afurii turte. Dhaabaa fi bareedinni akkasumas  rifeensi isii ka akka faachoo gurraacha isii asii achi dhangala’u, maashoo ilkaan isii ka yoo kolfitu namaan badutti yoo dabalamu guchii samii bosona bilbiloo dhuunfatee kophaa isaa bararu fakkaatti turte.

Karaa biraatiin akka ijoollee baadiyaa ija laaftuu hin turre. Yoo itti dubbatan saalfattee ta lafa laaltus hin turre. Waan akkasii garayyuu hin beektu. Maatiin isii malee ijoollee biraa waan hin qabneef akka ilma dhiiraatti mirga guutuun guddatte. Uumamni isii ammoo gubbaan dabalame. Akka ilma dhiiraatti manguddoo keessa teettee caqafti. Yoo isaan haasayan waan hin galiniif “akkas jechuun maal jechuu dha?” jettee gaafachuu jaalatti. Hennaa ijoollummaa isii manguddoon “ankoo xinnoo!” jedhaniin ture. Anko dur dur keessa dubartii dureettii akkasumas jajjaba fi mootii Karrayyuu turte. Bakki galmi Ankoo ka dur sun “Ankobar” jedhamee waamamaa akka ture dur duriidhaan itti himamee ture. Kanuma irraa Ankoon durii sun Caaltuudhaaf modeela turte.

Karaa biraatiin ufitti amantaan, akkasumas sodaa malee waa dubbachuun Caaltuu jajjaba akka fardoo lolaa worra Galaan ture. Tumata morma isii gurra jalaa ka’ee haga qomaa bu’u yoo laalan Hindoota diddiimtuu fakkaatti. Diimtuu waan taateef tumanni hanga’ee irraa muldhatu bareeda isii ka hafe ol baasee nama cuullifata. Dhugamatti baras, hallayyaa Quuftuu keessa laphee dhiibdee yoo gurracha utaalchiftu mootittii Tulluu Cuqqaallaa abadaaf jiraattu fakkaatti turte. Maal godhan ree ?! Mucayyoo akkas taate! Isii Biyya maratti dhagayamte! Isiin gurra dhagayatte sun! Ta deebitee hin argamne sun… Ah! Dhalattee woggaa digdamii shanitti…

………………………………………….

Dubbiin akkana. Woggaa kudha shanitti ciini guddaan godhamee heerumte. Garuu akka aadaa naannootti haadha manaa jabduu ta’uu hin dandeenne. Heerumtee baatii sadaffaatti sokkitee gara maatii isii deebite. Sabani bakka itti heerumtee baateef garuu gahaa ta’ee hin muldhanne. Jaarsi isii machaayee galee akka isii dhaanu himattullee gorsaniinii turan. “Abbaan worraa yoo gabaa dhaqee gale waa unuun waanuma jiru. Yeroo tokko tokko ammoo jaartii dhaanachuunillee haarawaa miti!..” jedhanii gara jaarsa isii deebisudhaaf yaalanillee hin taane. Hin didde. Yoo ka isii dirqan ta’e ija qabattee akka baddu akeekkachiifte. Dabalteellee “an intalti ilma Bantii Dammoo machaayaadhaaf harka hidhadhee hin jiraadhu! Machaayaan jaarsa naaf hin ta’u!” jette. Maatiin waan godhu wollaale. Aanaa-aanteen yaa’ee waan jedhu dhabe. Jaarsi biyyaa bahee “qeerransi akkanaa Galaan keessatti dhalatee hin beeku” jedhee wolitti hime. Dhugatti ammoo akka aadaa naannootti, dubartiin hin heerumin farda kaachisuun argaa dhageettiif haarawa ture. Durbi hin heerumin sagalee ol qabattee kolfitee hin beektu. Mataa gad qabattee waan jedhan fudhatti malee, akkanatti manguddoo dura hin dhaabattu. Karaa kanaan egaa Caaltuun nama addaa turte. Uduu maatii isiitiif takkattii, akkasumas intala ilma Bantii Dammoo ta’uu baattee aadaa fi safuun Quuftuu amala durbaa ka akkanaatiif bakka hin qabu ture. Addatti ammoo akka hin fakkaanne abaabayyuu isii Bantii Dammoo fakkaatti ture. Manguddoonni abaabayyuu isii beekan, hennaa isii gurraacha kooratti lixxe argan “Bantii Dammoo deebii’ee dhufe!” haga jechuu deeman ture. Maayii irra dubbi gara godhan wollalanii maatii wolgahee irratti mari’ate. “Dubartiin takka jaarsa jalaa yoo baate deebi’ee ka fuudhu hin jiru. Ka Caaltuu ammoo adda. Amala isii kanaan eennullee isitti hin dhihaatu. Ka akkanatti isii balleessite ammoo Godee dha. Kanaa achi ammoo wonni danda’anii fooyyessan hin jiruu maal godhutu mala?” Ka mala wol gaafatu baay’atee ka fala fidu yeroo barbaadametti dhabamullee maayii irra waan mala jedhan irra gahan.

Caaltuun algabara taatullee Quuftuu guututu jaalataan ture. Ka uumamaan qabdu bareeda fuulaa qofa miti. Uumaan sammuu haxxiyyaa dafee waa hubatullee badhafteenii jirti. Akka dubartoota naannoo ta cunqursaaf ee jettu hin turre. Umriidhaan barumsi irra tarullee “deemtee hiree isii haa yaaltuu” jedhanii irrati wolii galanii akka gara Shaggar deemtu murteessan.

Caaltuun hennaa yaanni kun itti himamu gammachuu guddaadhaan fudhatte. Shaggariin hin beektu. Oduu ammoo ni qabdi. Adaadaa isiittu hennaa tana dura Quuftuu dhufte itti odeesse.  San dura naannoo dhaloota isii irraa fagaattee ka deemte haga Haqaaqii basaqaa qofa. Sunis hennaa woggaa kudhan turte. Kanaafuu “Shaggar deemtee haa barattuu” yaanni jedhu baay’ee isii kakaase. Fedhiin barumsaa ka eebjuu ta’ee isii keessatti hafee ture kana dhageennaan kottee baasee ka’ee dhaabate. Woldorgommiin seenaa Tuulamaa, ka injifannoo itti argatte deebi’ee isii keessatti lalisee injifannoo biraa argachuudhaaf hamilte. Maayiirratti, deemsa isii ka gara Shaggar mataan hidhamee qophoofte.

Maatiin ijoollee isaatiif tola hawwuun haqa. Waan ijoollee isaatiif hawwe raawwachuudhaaf tattaafata. Abbaan finnaa ijoollee isaatiif, keessattuu mucaa intalaatiif haga hin qabu. Abbaa Caaltuu obboo Midhaksaallee kanumatu simate. Yaadee mari’atee dhumarratti mucayyoo isaa gara Shaggar obboleettii isaa biratti erguudhaaf murteeffate. Deemsa isii ka gara Shaggar irratti aanaa aanteen yaa’ee nagayaa fi tola hawweef. Jaarsi bahee akka aadaa Tuulamaatti eebbiseen.

“Yaa Waaq! Tokkicha maqaa dhibbaa,  Roobaa garaa Taliilaa,

Waaqa sagal Booranaa, Sagaltama garbaa,

Waaqa ciicoo gurraattii, waaqa bokkuu gurraachaa!

Waaqa Tuulama Sadanii, Waaqa sadan Daacii, waaqa jahan Bachoo,

Waaqa jahan Jiillee, waaqa jahan Galaan!Waaqa torban Obboo!

Waaqa sadan Sooddoo! Waaqa shan Kuraa Jiddaa! Waaqa sadan Ada’aa!

Waaqa lamaan Liiban! Waaqa Sadeen Aabbuu!

Waaqa Odaa Nabee! Waaqa Caffee  Dongoraa!

Waaqa Caffee Tumaa! Waaqa Yarar Kormaa!

Waaqa Birbirsa Fooqaa! Waaqa Malkaa Hawaas! Caaltuu Midhaksaa! bakka deemtu nagayaan geechi!

Nama baratee abbaa fi haadha gargaaru godhi!

Kan duudhaa fi safuu ofii beektu godhi!

Hayyittii Galaan! Ayyaanni Bantii Dammoo! Abdaariin Quuftuu! Ateeteen haadha teetii bakka deemtu nagayaan si haa geechu! Nama beekee biyyaaf ta’u ta’ii guddadhu! Jedhanii wol duraa duubaan eebba itti roobsan.

Eebba booda Caaltuun namota abdii isii irra kaayatan mara galateeffatte. Namoonni naannootis ta’anii dhalaa- miiloon isii akkanatti isii abdachuun bareeda uumaa isiin qabdu irraa kan ka’e qofaa miti. Amala shamarran naannoo sanii irraa adda ta’e akkasumas ufitti amantaa waan qabduuf ture. Karaa biraatiin intala jabduu akkanaa Quuftuu irratti hidhanii kaayuun yakka ta’ee itti muldhate. Kanaaf jecha gara Shaggar deemtee akka barattu godhame.

Egaa Caaltuun kana mara keessa tartee Shaggar galte.

………………………………………….

Adaadaa fi maatiin isii haaluma gaariin ka isii simatan ta’ullee, guyyaa mana adaadaa isii galte irraa jalqabee wontoonni isiin hin eegin, ka ammallee isiif hin galle muldhataa dhufuu jalqaban. Jaarsi adaadaa Caaltuu doktor Geetaachoon barsiisaa yoo ta’u, nama amantii Oortodooksii hordofu, nama biyya Amaaraa, nama Marraabeeteeti. Maatiin isiin biratti galte ka adaadaa isii ijoollee lama ka qaban yoo ta’u, obboleettiin doktortichaa woyiillee isaan bira jiraatti. Maqaan isii Maarituu dha. Maarituun guyyaa Caaltuun Shaggar mana isaanii dhufte irra qabee Caaltuu afaan Amaaraa akka barsiiftu dirqamni itti kenname.  Caaltuun san dura jechoota muraasa bira waan tare afaan Amaaraa irraa waan beektu hin qabdu turte. Jechoota sanis Quuftutti qeensota mana kadhannaa Qobboo fi araata gabaa galu irraa dhageette.  San irraa waan hafe Afaan Amaaraa dubbachuufillee yaaltee hin beettu. Birattillee Afaanichi nama dhiba. Adaadaan isii gaafa isiin Shaggar galte galgala maatiin eega wol barsiifteen booda, ganama itti aanu teessiftee, afaan Caaltuun beettuun akkana jettee gorsite. Afaan Amaaraa jireenna isii ka uf duraatiif barbaachisaa ta’uu, Mana barumsaa seenuudhaaf afaan Amaaraa beekuun barbaachisaa ta’uu akkasumas Amaariffa dubbachuu baannaan mana barumsaa galuu akka hin dandeenne tolchitee itti himte. Daftee Amaariffa barachuudhaaf ammoo Afaan Oromoo dubbachuu dhiisuu akka qabdus akeekkachiifte.

Ka itti aane ammoo waa’ee maqaa isii ture. Caaltuu Midhaaksaa maqaan jedhu midhaagina isii ka miidhu ta’uu fi kana hambisuudhaaf ammoo maqaa isiitii fi ka abbaallee jijjiirachuu akka qabdu irra deebitee tolchitee ibsiteef. Hin turre. Caaltuu maqaan jijjiiramee Heelan jedhamte. Mana barumsaa uduu hin seenin dura wagggaa tokkoof afaan Amaaraa akka shaakaltullee itti edaateef. Maayiirratti akkana jetteen. “Bifaa fi argaa akkanaa qabaataa Caaltuu jedhamtee waamamuun si miidha.Tumata mormaa kana immoo sitti godhuu hin malle. Immoo takka ta’eera. Homaa gochuun hin danda’mu. Abbaan kee bifa kee kana fakkaatutti taphate. Bareeda akkana jiru kana akkanatti balleessuun baay’ee nama gaddisiisa. Ta’ullee Amaariffa yoo qajeelfatte homa hin jedhu. Ati jabaannaan ammoo woggaa dhufu Fulbaana irratti barumsa galgalaa si galchina…”.

Haala kanaan Caaltuun jireenna Shaggar takka jette. Haata’uu garuu wonni isiif hin galin waa heddu ture. Jijjiirraa maqaa sammuun isii fudhachuufii dide. Maqaan ijoollummaa isii irraa ittiin boonaa guddatte maaliif jijjiirame? Waan isii hin galle qofa utuu hin taane ka isii dhukkubsu ture. Maruma irra wonni jaalattu yoo jiraate maqaa isiiti. “Caaltuu” jechuun isii waanuma maraanuu maruma caaltu jechuu dha. Kanaafuu “namoonni Shaggar maqaa kana maaliif jibban laata?” baaftee buuftee, buuftee baafte. Hiikkaa maqaa itti moggaafame, ka “Heelan” jedhuullee yaaduun isii hin oolle. Adaadaa isii garuu hin gaafanne.  Yeroo Quuftuu turte “Caaltuu worra Galaan!” jedhanii boonsaniin ture. Worra akkas jedhee waamaanii ture, keessattuu dargaggoota Quuftuu yaadatte. Boonni Quuftuu fi wonni Shaggaritti isii simate isima keessatti wol a’e wolin rakkatte. Isii bira taree maqaan abbaallee jijjiiramuun taan caalaa isii cinqe. Maqaan akaakayyuu isii inni “Bantii Dammoo” jedhu isiidhaaf maqaa qofa hin turre. Ka akka dhiigaa qaamaan wol fudhate, hundee eennummaa isii ka ittiin boontu ture. Inni abbaa jedhamee amma kennameef  ka “Geetaachoo” jedhu, uffata ergisaa ka hafuura hin tolle itti ta’e. Baafattee ufirraa darbuu kajeeltee dadhabde. Waa’een tumata qaama isiillee baay’ee dhibeen. Tumata mormaa, haga guyyaa Shaggar dhuftuutti wanna dubri qaamaan bareechifattu ta’uttu beekti. Adaadaan garuu “abbaan kee qaama si balleessee” jetteen. Tumanni mormaa akkamitti bareedinna namarraa balleessa? Agartee dhageettee hin beettu. Gaafilee eega gaafa Shaggar dhufte irraa isii marsan, kanneen deebii hin qabne hedduun rakkattee wonni dalagamu marti sirrii itti fakkaachuu baatullee, adaadaan isii akka isii hin miine, waan isiidhaaf tolu qofa ka gootuuf ta’uu uf amansiifte. Ajaja kennamuuf raawwachuudhaaf garuu qalbii shakkiitiin itti qophoofte. Oolmettiin isii obboleettii doktortichaa woliin. Kun ammoo Amaariffa barachuudhaaf hiree ta’eef. Bataskaanaa fi gabaa Maarituu woliin deemti. Maarituun dhiheennuma baadiyaa ta dhufte taatus, akka barbaaddetti bakka barbaadde deemtee afaan isiitiin namaan wolii galti. Caaltuunillee akka isiitti afaan isii akka barbaaddetti, bakka barbaaddetti nama barbaadde woliin uduu dubbattee hawwite. Kun ammoo afaan Amaaraa akka barattu dhiibbaa itti godhe.

Tattaafattee Amaarifficha torbanneen muraasa keessatti dubbachuu jalqabde. Maarituunillee manatti qubee laakkofsifte. Dubbisuu fi barreessuunillee yeroo dheeraa irraa hin fudhanne. Kitaabbilee dur durii suutuma suutaan dubbisuu jalqabde. Barumsi herregaa afaan Amaaraatti dabalamee itti himame guddaa hin dhibneen. Hennaa Quuftuu turte “Takkaan maal? Lama maal? Sadi maal?…” herrega jedhu, ka ijoollummatti sammuu ijoollee herregaan kunuunsuuf maatiin ijoollee barsiisu sirritti beekti. Akkaataan waamicha tapha herregaa sun ammoo ardhallee akka biraa itti tola.

Takkeen maal?      Takkaan takkittima!…

Lama maal?      Lama mucha re’ee, takkeen takkittima.

Sadi maal?    Sadiin suunsummanii, lamaan mucha re’ee, takkeen takkittima,

Afur maal?   Arfan muchiin sa’aa, sadiin suunsummanii, lamaan mucha re’ee, takkaan takkittima

Shan maal? Shanan qubiin harkaa, arfan muhiin sa’aa, sadiin suunsummanii, lamaan mucha re’ee, takkaan takkittima….

Haaluma kanaan gaaf tokko galgala haga dhibbaa isiin laakkofnaan jaarsi adaadaa isii; doktortichi ajaa’ibsiifatee “Heelan sammuu cimaa qabdi. Ammuma mana barumsaa galuu qabdi” jedhe.

“Fulbaana dhufu barnoota galgalaa haa seentuu” jette adaadaanillee.

Miluma san gaaf tokko. Uduu gara bataskaanaa deemaaran adaadaan akkana jetteen.

“Helan bareedduu tiyya! Ollaan marti si jaalateera! Mucayyoo cimtuu fi qalbi qabeettii dha jedhanii natti himan. Bareedinnaa fi argaa kee namni hin dinqisiifanne hin jiru. Amaariffi keellee nama maratti toleera. Baay’ee na boonsite. Isa arraba kee hidhu kana garuu balleessuu yaali. Kana yoo goote jireenyi kee jijiirama. Yoo barumsa jalqabde ammoo kana caalaa na gammachiifta. San booba qabaataa barate wayiitti si heerumsiifna…”

Caaltuun Shaggar eega geettee tutturtus, jireenni mana firaa sun isiif mishaa hin turre. Qorumsa heddutu mudateen. Qorumsa kana hubachuudhaaf ammoo Oromoo ta’uun barbaachisaa ture.

Yeroo tokko garuu waan ni ta’a jettee hin yaadin taate. Wanni ta’e sun lafetti isii dhukkubse. Ijoolleen adaadaa isii lama turan. Daa’imman. Lachuu dhiira. Inni tokko woggaa ja’a. Inni kuun ammoo saddeet. Dhiqee ka isaan nyaachisu Caaltuu turte. Ijoolleen sun haadha Caalaa Caaltuu jaalatan ture. Afaan Amaaraa Maarituu caalaa ka isii barsiisan ijoollee san turan. Yeroo haadhaa fi abbaan gara hujii, akkasumas Maarituun gara mana barumsaa deeman Caaltuu woliin oolan. Guyyaa tokko tasuma isii ateetee faarfattu ijoolleen dhagayanii jalaa butanii faarsuu jalqaban. Akki ijoolleen faaruu ateetee itti jedhan kolfisiiseenii irra deebitee uduu itti himtu, ijoolleenillee itti tolee uduma wol jalaa faarsan oolan. Galgala yoo worri galu ijoolleen faaruu ateetee san Caaltuu caalaa bareechisanii faarfachuudhaaf homaa isaan hin hafne.

“Ateetiyyoo woggaan gahee,

Woggaan geenyaan caaccuu furree,

Woggaan geenyaan Sabaroo furree,

Woggaan geenyaan qorxii furree,

Woggaan geenyaan qoloo furree,

Woggaan geenyaan gaadii fi okolee furree” faaruu jedhuun worra simatan ijoolleen sun. Adaadaan Caaltuu kana dhageennaan naasuudhaan ija babaaftee, bakka dhaabattetti afaan qabattee hafte. Jaarsi isii doktor Geetaachoon ammoo kolfaa ture. Wonni ta’e Caaltutti balleessaa hin fakkaanne. Badii guddaa ta’uu fuula aarii fi rifaatuu, ka adaadaa isii irraa hubattee rifatte. Adaadaan garuu aarii fi rifaatutti hin dhaabanne. Fuula baddee “ijoollee hujii shaaxanaa naa barsiisuu jalqabdee?” jetteen.

“Adaadaa bar kun faaruu ateeteetii!?” jette Caaltuun akkuma rifattetti. Isiin kana jennaan adaadaan taan caalaa itti iyyite. “Hin barbaadu! hin barbaadu! Lammata! Lammata ijoollee too waan akkanaa hin himin! Waan hin barbaachifne akka dhiiftu ammoo sitti himee ture” jetteen. Caaltuun iyyansa adaadaatiin rifattee qabbanooftee waan jettu wollaalte. Yeroo kana jaarsi adaadaa isii jidduu seenee “Heelan! Hin rifatin! Kun badooma hin qabu! Garuu ka ijoolleen faarsan kun hiikkaan isaa maal mee nutti himi!” jedheen. Caaltuun hin dubbanne. Bakkuma teettetti mataa lafa keettee caldhifte. “Hin aartee?” jedheen isiin caldhifnaan.

“Lakki hin aarree?” jetee Caaltuun amma ol jettee.

“Adaadaan tee sumaaf yaaddeetii… garuu mee beekumaafii hiikkaan isaa maal? Faaruudha jettee mitii? Mee natti himi”

“Afaan Amaaraatiin hin beeku!”

“Callee, Qaalicha, ayyaana  ka jedhan sanii?” Caaltuun ammallee hin dubbanne. Isiin caldhifnaan jalqabe. “Callee, qaallichaa, ayyaana maarroo jedhan san yoo ta’e akkuma adaadaan tee sitti himtu, wonni akkasii mana kana keessatti hin barbaachisu! Nuti kirstaana. Atillee kirstaana! Qaallicha! Callee! Maarroo wonni jedhan kun aadaa sheexanaati! Sheexanni qaawwa akkanaa kanniiniin seenee sammuu qulqulluu dhara hin beekne xureessa. Gooftaan yasuusii fi haati isaa karaa jannataati. Wonni qalbii, onnee fi sammuu kee dhuunfachuu qabu isaan!” jedhee eega itti haasayaa tureen booda “yeroo biyya kee turte bataskaana deemtee beektaa?” jedheen.

“Ee ni deemna ture” jette Caaltuun.

“Akkatti gooftatti galata galfataniin isin hin barsiifnee?

“Wonni isaan jedhan nuuf hin galu ture”

“Eegasuu bataskaana deemtanii maal gootan?”

“Afaan Oromootiin sirbina!”

“Maal jettanii?”

“Baallamii yaa shaammaree shaammaree,

Gootarraa maa dheessan ree namaa gamtu malee…”

“Maal jechuu dha akkas jechuun?”

“Sirba!”

“Tolee… amma… hunduma keennaaf… sifis waa’ee qaallichaa kana mana kanarraa fageessuu woyya. Kun ammoo dogongoraan ka hojjatte waan ta’eef hin rifatin” jedhee dubbii mataa hidhe doktortichi.

Ateeteen Caaltuun faarfatte sun garuu ergaa sheexanaa hin turee? Abadan! Amantii Oromoo keessatti Ateeteen Ayyaana yookiin woliyyii dha. Isii naggeenna haawwanii eegdu, ka hormaata dhabeef waaqarraa kadhattu akkasumas ka waaqni kenne guddiftu jedhamee amanama. Dubartiin Oromoo martuu ateetee mataa isaanii qaban ture. Ayyaanni Ateetee Oromoo guutuu biratti ka beekkamu ta’us akkaataan itti kabajan garaa garummaa qaba. Tuulama keessatti woggaa lama lamaan kabajama. Ayyaana kanaaf uffanni uffatamu, calleen godhatamu, akkasumas hoolaa yookii re’een qalamu adda bahee bekkama. Dubartii yoo eebbisan “ateeteen haadha teetii si woliin haa taatu” jedhan.

Dogoggorri Caaltuu sanitti hin dhaabanne. Sanii asillee dogogora wol fakkaatu ka biraa uumuun isii hin oolle. Guyyaa tokko “ayyaanni irreechaa eessatti kabajama?” jettee gaafatte. Adaadaan Caaltuu yeroo Caaltuun Shaggar dhufte Afaan Oromoo itti dubbachuu dhiisuudhaaf torban tokko hin geenne. Eegasii dhimma kamiifuu afaanuma Amaaraatiin itti dubbatti. Afaan Amaaraatiin waan isii barbaachisu itti himti. Yoo gorsitus yoo loltus afaan Amaaraatiin. Har’as Caaltuun waa’ee ayyaana irreechaa kaafnaan Afaanuma Amaaraatiin itti iyyite. “Mucayyoo nanna! Ati hojii sheexanaa kana dhiisi jennaan dhagawuu diddee mitii? Deebitee waan akkanaa kaaftee Geetaachoon dhageennaan guyyaa tokkolee mana kana buluu hin dandeettu”

Guyyaa biraallee akkasuma waan itti himame dagattee “sirni waaree fi okolee hin godhamuu?” jettee gaafatte. Adaadaan isii ardha taan caalaa aartee, mataa uf ciraa Afaanuma baratteen “Uuuuuuu! Maalumatu naaf wayya! Mucayyoonnana! An sitti himee hifadhe. Akkamuma si godha?! Afaan kamiin akka sitti himu wollaale. Waan yeroo Quuftuu jirtu beektu kamuu akka waan hin uumaminiitti hubadhu siin jedhee ture! Asitti Irreechi hin kabajnu! Waareen hin jiru. Okoleen hin jiru. Ibsaa Oromoo wonni jedhamu hin jiru. Ateeteen hin jiru! Siif gala wonni siin jedhu!? Iyyitee kutuu didde.

Caaltuun waan eega Shaggar dhufte balaaleffatan kana marumaa hammeennatti hin beettu turte. Ibsaan Oromoo ayyaana yeroo birraan bar’u kabajamu. Gara baroota maayii kana ayyaana masqalaa woliin yeroo kabajama. Ibsaan ayyaana Oromoo bara haarawaati. Shubboo bobeessanii ibsuudhaan kabajan.

Waareen ammoo borumtaa ayyaana masqalaa ka kabajamu yoo ta’u, loowwan bakka margi jiidhaan jiru geessanii dheechisuu dabalata. Itti aansee ka kabajamu ammoo ayyaana irreechaati. Irreechi ayyaana Oromoo isa guddaa fi kabajaati. Ayyaana gatii galataa waaqaa itti baasan. Waaqa dukkana gannaa irraa gara ifa birratti nama baaseef galata galu. Marga jiidaa afanii, bunni dhaabamee, asheeta ataraa fi baaqelaa akaayanii ‘waaqaaf galata’ jedhan. Midhaan facaafamee gaarellee akka guutee gahu kadhatan.

Ka biroo Sirna okolee dhaabannaa ti. Inni kun goromaa dhale eebbisuudhaaf sirna godhamu. Aanan goromsaa kuufamee, cinaan raafamee dhadhaa baasanii, kaan itittuu godhanii, shalalaa isaatiin qincoon marqamee, firri wol gahee eega wol eebbiseen booda nyaattama. Bara durii sirni kun baatii Hagayyaa keessa kabajama ture. Eega kiristaanummaan dhufee garuu wonni heddu itti mammakamee ayyaana masqalaa woliin kabajama.

Adaadaan Caaltuu Quuftutti dhalattee ka guddatte ta’us irra jireessa ka jiraatte Shaggar. Isii woggaa kudhan jirtu, Tulluu Diimtutti lafa baldhaa ka qabu abbaan lafaa tokko kiristinnaa kaasee Shaggar geesse. Maqaan isii Gaaddisee ture. Jijjiiranii Immabeet jedhaniin.

Caaltuun halkan gaafa adaadaan isii itti kaate san uduu hirribni ija isii irra hin baane bulte. Sodaa hin beekne woyiitiin liqimfamtee turte. Maaliif akka sodaatte ammoo hin beektu. Yeroo Quuftuu jirtu Sirna Okolee fi Ateetee kiristaanummaan woliin kabajuu baratanii turan. Wontoonni yeroo Quuftuu jirtu jaalattuu fi dinqisiifattu, akkasumas aadaan bareedaan keessatti guddate asitti dhoorgamaa ta’uu hin oolle ka sodaa isitti naqe. Bakka seenuu hin qabne akka waan seenteetti itti dhagayame. Hennaa biyya turte ateeteen woggaa lamatti harka tokko kabajama ture. Sirna haadh Milkii” irratti yeroo heddu hirmaatteerti. Sirni haadha Milkkii sirna tola lootiif moonaa loonii keessatti godhamu yoo ta’u haati milkii ayyaana nageenna loonii tissiti jedhama.

Sirni biraa ka kabajamu Wodaaja. Wodaanyi sirna kadhannaa naannoo fi maatiidhaaf  godhamu galata Waaqaaf galfamu. “Wodaaja biyyaaf bulfatu” jedhama. Kanaafuu Wodaaja eebba biyyaatiif godhatan. Caaltuun kana mara yaaddee yaaddofti. Akka Godeen itti himtetti sirni kun marti uduu kiristaanummaan hin dhufin dura irraa ni jiran ture.

Kun marti bakka amma jirtutti teeda. Dhoorgaa dha. Wonni dhoorgameef ammoo abadan galuufii dide.Yeroo wonni akkanaa isii mudatu garaan lafatti deebitee ciifti.

………………………….

Caaltuun woggaa tokko booda Fulbaana irratti mana barumsaa kutaa afur seente. Barumsa isiitiin cimtuu taate. Woggaa lammataatti qorumsa kutaa jahaffaa fudhattee qabxii quubsaa argatte. Adaadaan isii kanatti gammaddee woggaa sadeessoorratti mana barumsaa seensifte.

Rakkinni Caaltuu irra gahu guddaan ka jalqabe eega mana barumsaa seentee as. Afaan Amaaraa akka gaaritti dubbachuu dandeettullee arraba gara Afaan Oromoo jalaa mucucaatu ufirraa hambisuu hin dandeenne. Gaafa mana barumsa guyyaa dhaxxe irraa jalqabdee jechoota isii cinqan dhagayuu jalqabde. Jechoonni sun naannoo mana barumsaa qofa uduu hin taane naannoo gabaattillee itti isii rakkisan. Namoonni akka waan woliin mari’atanii waanuma tokko isiin jedhan.

“Gaallaa morma tumaa uduu ta’uu baattee bareedduu turte! Ayi hujii gaallaa! Bareeda kana fakkaatu akkanatti balleessan!”

Haasofni akkanaa miidhaa guddaa irraan gahuu itti fufe. Waa’een eenyummaa isii, inni “Caaltuu worra Galaan” jedhaa guddatte haala amma keessa jirtuun faallaa ta’ee jeeqamte. Maqaan isii haarofnillee rakkinna biraa ture. Maqaa gaafatanii “Heelan!” jettee yoo himattu itti kolfan. Wonni kolfaniif ammo hin galuuf. Gaaf tokko barataan tokko “uduu geejjaa ta’uu baattee wol dorgommii ni injifatta ture.” jedheen. Yeroo san jechi sun baay’ee ajaa’ibeenii ture. Gurbaan sun Gajjaa jechuudhaaf dogogoree geejjaa jechuu akka hin oolinitti hubatte. Akka isiin beettutti gajjaan waan ittiin nama arrabsan hin turre. Waan qaanfatan waan turellee miti. Akkamitti gajjaan arraba ta’a? Gajjaan naannoo isiin dhalattetti abbootii fardaa isaan fardaan lolan. Yeroo tokko, abbeeraa isii Barraaqaa Boruu jedhamu woliin farda kaachisaa Gajjaa deemtee turte. Gajjaan mootummaa kamiifuu uduu hin jilbiiffatin worra bilisummaan jiraate ta’uusaaniitiin beekti malee ka ittiin nama arrabsan hin turre. Jannummaa fi ufitti amantiin gajjaa ammoo waan isii hinaafsisu ture. Dur ijoollummaa isiitti worri isii jabeenna isii laalanii “Gajjatti si heerumsiifna!” jedhaanii akka turanillee hin dagattu ture. Haata’uu garuu ardha, mucaan magaalaa sun jechicha jijjiiree “geejjaa” jedhee isii arrabse. Egaa wonni siin jabinnatti dur beektu marti bakka amma jirtutti arraba ta’uun isii galuu baatullee waan gootu waan hin qabneef numa caldhifti. Guyyaa biraallee barataan biraa maqaa isii gaafatee itti himnaan itti kolfe. “Heelaniin hin fakkaattu! Waan Caaltuu jedhaniin woyiiti malee!” jedheen. Yoona akka malee rifatte. Garuu homaa hin dubbanne. Akkasumaan fiigaa galtee waan taate adaadatti himate. “Adaadaa! Caaltuu ta’uu koo namoonni beekaniiru!”

“Dogongortee itti himteerta akka hin taane!”

“An homattuu hin himne!”

“Maal siin jedhan! Mee qajeelchii nati himi!” Tokko tokkoon waan ta’e itti himte. Yoona adaadaa dubbiin galeefii waan jiru ibsiteef.

“Caaltuu ta’uu kee namni beeke hin jiru”

“Caaltuu naan jedhee beeki!” isiin jennaan adaadaan suuta jettee irra deebitee ibsiteef.

“Biyya kanatti Oromoo baadiyaarraa dhufeen Caaltuu jedhu. Yoo dhiira ta’e immoo Caalaa jedhuun. Magaalaa kanatti Caalaa fi Caaltuun akka arrabaatti fudhatama. Namni Caaltuu siin jedhe sun ammoo tumata mormaa fi Amaariffa ati haasoftu irraa ka’eeti. Tumata mormaa homaa godhuun hin danda’amu. Yoo haasoftu arraba kee qajeelfachuu yaali. Yoo arraba kee sirreeffatte ammoo baadiyaa irraa ta’uu kee malee bakka irraa dhufte beekuu hin danda’an. Tumata mormaa Goondaroonnillee ni godhatu…”

Ibsi adaadaa isii kun Caaltuu baay’ee ajaa’ibe. Galuufii dide. Caaltuu fi Caalaan akkamitti arraba ta’a? Adaadaa fi jaarsi adaadaa isii waa’ee bifaa fi bareedinna isii dinqisiifataa, waa’ee tumata morma isiitiif ammoo abbaa isii yoo abaaran irra deddeebitee dhageetteerti. Haata’uu garuu irra deebitee yaaddullee badummaan tumata morma isii abadan! Itti muldhachuu dhabe. Irra deddeebitee daaw’iteedhaan yoo laaltu ammoo akkuma dur itti bareeda. Uf argaa keessatti uf daa’wataa maaliif abbaan isii tumata isii bareeda saniif akka abaaramu galuufii dide.

Maayiirra garuu ilaalchi tumata mormaa saniif qabaataa turte itti hin fufne. Adada tumata mormaa isiitiin isii arrabsaniin suutuma suutaan jibbaa dhufuu jalqabde. Tumanni sun akka uf jibbitu godheen. Faarmaasii seentee karaa tumanni mormaa sun itti baduun gaafattee turte. Abdii woyiituu kan hin qabne ta’uu yoo itti himan akka nama du’eetti uf laalte. Fuuldurri isii dukkanaayee itti muldhate. Adada namni isii mildhatuun waan tumata mormaa san itti kaasan seetee bararraaqxi. Oromoo ta’uu fi tumata mormaa san qabaachuun wontoota qorqalbii isii miidhan keessaa haga tokko. Wontichi waan gaaf tokko.

Wontich waan gaaf tokko ta’e ture. Yeroon yeroo shaakala spoortiitiif dirreetti yaa’aniiran ture. Caaltuun jimnaastikii irratti barattoota maraayyuu ol taanaan barsiisaan akka barattoonni harka dhayaniif godhe. Barattoonnilee wol jalaa fiissaa harka shaaaaaa…. godhaniif. Akkuma harka rukkuttaan sun dhaabateen, “niqqisee gaallaa” sagaleen jedhu gurra isii seene. Arraba kanaan ka isii darbate barataa Samsoon Zallaqaa jedhamu ture. Gammachuun rukuttaa harkaatiin isii fudhatee ture hin turre. Yoosuu tana buutee isii keessaa ta’e. Saalfattee ija waan irra dhaabdu dhabde. Gaallaa jecha jedhu yeroo duraatiif ka dhageette eega Shaggar dhufte as. San dura jecha kana dhageettee hin beektu.Yeroo jalqabaatiif eessatti akka dhageettellee hin dagattu. Hennaa san Shunkurtii akka bittu gara gabayaa erganin. Namticha shunkurtii qircu haasaya isii irraa Oromoo ta’uu eega hubateen booda “ati gaallaa dha?” jedhee gaafateen. “Galaan” jechuu waan barbaade itti fakkaatee “eeyyan! Galaan irraay” jetteen. Akkuma deebitee mana geetteen waan taate adaadaa isiitti himte.

“Namtichi shunkurtii guguru sun Galaan irraa dhuftee naan jedhe”

Adaadaan diqqoo eega yaaddeen booda “Galaan waan jedhan beekuu hin danda’u! Gaallaa sin jedheera!” jetteen. Itti fufteellee ibsiteef. “Dur dur keessa Gaallaa jedhanii nu yaaman ture. Haga mootichi Hayla Sillaaseen kufe dhoorgamee ture. Gariin garuu har’as ittuma fayyadamu” isiin jennaan Caaltuun gaafii biraa aansite. “Gaallaa jechuun maal jechu dha?”

“Hin beeku Helan!”

“Galaan jechuu barbaadanii ta’innaa!?”

“Hin beeku!”

Tumata morma isii laalchiseellee arrabuma fakkaaattu isii simataa ture. Gaaf tokko uduma deemtu, namni isiin hin beekne tokko bira gahee “niqqisee!” jedheen. Kanas galtee adaadaa isii gaafattee turte. Kunillee ni ibsameef. “Jecha afaan keenyaan “Tumaa” jennu Afaan Amaaraatiin “niqqisaati” jedhu. Isuma kana ammoo gabaabsanii “niqqise” tti jijjiiranii ittiin nu yaamu” jettee itti himte.

San boodas namoonni isiin hin bekne “niqqisee gaallaa” jedhaa yoo itti qoosan dhageetteerti. Jechoonni wolitti tisheessaman kun lamaan arraba ta’uu yeroma ittiin isii waaman hubatte. Jechi gaallaa jedhu isa galaan jedhuun hariiroo woyiituu akka hin qabne hubattee jechicha jibbite. “Ijoollee worra Galaan” jedhamaa guddatte waan ta’eef “Galaan!” jedhanii uduu isii waamanii baay’ee jaalatti ture. Maayiirra jecha “niqqisee gaallaa” jedhu jibbuu bira tartee sodaachuu jalqabdeerti. Jechoota kanniin yoo dhageettu, ni birbinyiti. Jireenna isii keessatti arraba waan jedhan hin beetu. Qooftutti namni tokko sababa malee akkanumaan ol ka’ee nama hin arrbsu. Asitti garuu namonni waan tokkolle isiin itti hin dubbatin lafumaa ka’anii arrabsaniin. Gaafa Jimnaastikiidhaan ijoollee maraa ol taatee harki dhayameef san gurbaan Samsoon jedhan maaliif akka isii arrabse galuufii dhabe. Gurbaa saniin san dura gadoo wolitti hin qaban. Isiin mufachuu dhiisii ol jetteetuu nama ija keessa laaltee hin beektu. Dhaabbata, bifaa fi dandeettii akkasumas jabeenna qaamaatiin eenyuuyyuu ol akka taate of beekti. Gaaf san akkuma sochiin jimnaastikii sun dhumeen nama mara keessaa hojja baatee teette. Baay’ee gadditee turte. Garuu nama mara jumlaan jibbuu jalqabdee turte. Fedhiin barachuu keessatti du’eera. Yaadaan bakka mara gettee biyya yaadatte. Baroota gammachuu ka gurraacha isii woliin dabarsite hawwite. Maal qaba uduu deebitee bosona Bilbiloo fi Tulluu Diimtuu keessa gurraacha isii kaachiftee?? Yaada kana mara keessatti baddee haga barsiisaan ispoortii dhufee isii bira dhaabatullee hin agarre turte. Tasuma yoo mildhattu agartee naatee lafaa ol utaalte.

Barsiisichi sun ammoo afaan Oromotiin itti dubbate. “Eechaa dhufte?” jedheen.  Afaan Orommootiin namni isii dubbisuun waan hin eegin ture. Barsisichi sun afaan Oromootiin itti dubbannaan waan dur keessa turte yaadattee ibiddi itti qabatee, imimmaan dhanqooleen harra goote. Barsiisichi sossobuu yaallaan ufirra dhaabattee imimmaan haqattee, waan barsiisichi gaafateef deebii kennite, afaan Oromootiin.

“Galaan irraa dhufe!”

“Galaan keechatti eecha?”

“Ganda Quuftuu jedhamuu dha. An akaakilee Bantii Dammooti!”

Afaan isii yoo dubbattu ittii boonaa baate haga diqqotti Shaggar galtee dhabde. Woggoota sadi booda deebitee hiree dubbachuudhaa argannaan ammas imimmaan boqoo dhiqe. Maaliif akka boottu ammoo barsiisichi sun hubachu hin dandeenne.

“Dihana kee nyaattertaa?”

“Eeyyen!

“Eenyu wajjiin jiraatta?”

“Adaadaa koo wajjii nan jiraadha”

“Si dhaanuu!”

“Lakki namuu na hin dhaanu”

Barsiisichi sun waan akkasitti isii boochise hubachuu baatullee haga diqqoo haasofsiiseen.

Guyyaa san arrabni namootaa isii miidhaa ture keessatti du’ee gammaddee oolte. Barsiisichi bareeda bifa isiitiif itti dhihaatee haasofsiisuu akka barbaadullee hin hubanne turte. Ee! Afaan isii dubbachuu qofatu gammachuu san keessatti hore. Cinqaa keessa isiitti ukkaamamee isii dhukkubsu hafuura baafatte. Qajeelcha adaadaa isii irra ijjattee afaan Oromoo haasayuun balleessaa ta’uunillee itti hin dhagayamne.

………………………

Baruma san baatii Arfaasaa adaadaan isii galata bataskaanatti galfattu qabdi ture. Kanaaf jecha Caaltuu woliin Harargee Qullubbii deemte. Bakka bulanitti gara halkanii irkatanii kaanii kaan kaasanii uduma haasayan adaadaan jiddumaan “Amaariffaa fi tumata mormaa kee kanaan si rakkisanii motii?” jetteen. Caaltuun adaadaa isii kana dubbatti jettee hin eegne ture. Garuu homaa hin deebifne. Gubata afaan ufiitiin dubbachuu dadhabanii afaan namaatiin arrabamuudhaa uf keessatti gad afuufattee caldhifte.

“Rabbi isaanii haa dhiisu…”jettee itti fufte adaadaan. “Waan hin beekneefi… waanqni ilma namaa hundumaa qixa godhee uume”

Mucayyoon ammallee hin dubbanne. “Rakkini sirra gahu waan na hin dhukkubsine sitti fakkaataa?” jettee kaatee, afaan Oromotiin itti fufte. “Garaa koo keecha barbadaa abiddaattu jira. Guddachuudhaaf afaan Amaaraa beekuu si barbaachisa. Afaan kana yoo hin beeknee hojii faanchoollee hin argattu. Kan kana hunda si dhiibu sumaaf jedheetan. Gadadoo ati keecha jirtu kana gabaabsuufan!”

Caaltuun waan tokkollee uduu hin dubbanne mataa lafa keettee, ijaan lafatti goddee caqafti.

Kutaa isiin itti baattu keessa Barataa Tolasaa Magarsaa jedhamutu ture. Hennaa maqaan isaa barsiisaadhaan waamamu yookiin ammoo inni maqaasaa himatu barattoonni itti kolfan. Caaltuun adada barattoonni kolfaniin keessa isiitti dhukkubsatti. Heelan ta’uu dhabuu waan beekan seetee cinqamti. Caaltuu ta’uu irratti argan seetee fuuraan isii fudhata. Tolasaanis akkuma isiitti yoo cinqamu agarti. Akka nama qullaa dhaabatateetti yoo maqaa isaatti kolfamu waan ta’u wollaala. Caaltuun Tolasaa woliin guyyaa tokkollee haasoftee hin beettu. Akkuma tasaallee yoo wol bira gahan daftee jalaa gara galti. Yoo maqaa fi Amaariffa isaatti kolfan woliin kolfitee hin beettu. Waan isii kolfisiisullee hin turee. Caldhifteetuma mataa lafa keetti. Karaa biraatiin ammoo barattuu Elsaa Abbabaa Caalaa jedhamtutu ture. Shaggar keessatti dhalattee guddate. Amaariffi isii rakkoo hin qabu. Tumatallee hin qabdu turte. Garuu maqaa akaakayyuu isiittu Caalaa ture. Kanaaf ta kolfaa taate. Barattoonni ‘Caalaa’ jedhanii waaman. Caaltuu kunillee ni ajaa’ibaan ture.  Maaliif akaakayyuudhaan isii yaaman? Caalaan ammoo maqaa dhiiraati. Akkamitti dubartiin maqaa dhiiraatiin yaamamti? Naannoo sanitti Caalaan maqaa arrabaa ta’uu ka adaadaan itti himte yaadattus arraba namootaa mucayyoo Elsaa jedhamtu saniin wol biratti laalte. Elsaan mucayyoo michuu dha. Mucayyoo hin dubbanne. Ta nama hin geenne. Akkanumaan ol ka’anii akkamitti nama arrabsan? Hammeenni akkanaa kun maal? Gaafilee tarree itti galaniif garuu deebii hin qabdu. Waan galuuf  hin turre.

Gurbaan Samsoon Zallaqaa jedhamu sun arrabaan Caaltuu irraa hin teenne. Diddiga arraba isaatiif garuu guyyaa tokkollee deebii kennitee hin beettu.  Inni garuu Caaltutti qoosuu meeshaa taphatuun ka worri biteef godhatee itti fufe. Arrabni isitti baasu mirga addaa itti fakkaate.

Gaaf tokko yeroon ka boqonnaadhaa dacha’an ture. Gabatee gurraacha irraa fakkii dubartii woyiittu muldhata. Fakkichi ka akka sattawwaatti mormi keessaa baheeru woyii ture. Tumannillee irratti fakkeeffameera. Jalatti ammoo barreeffama “Heelan- niqqisee Gaallaa!” jedha.

Barattoonni fakkii san wolitti muldhisaa afaan qabatanii kaakkisan. Heelan homaa hin dubbattu. Bakkuma teettetti gogdeerti. Wonni yeroo sanitti yaaduu dandeette guyyaa itti aanu barumsa dhiiftee gara Quuftuu deebi’uu qofa. Fakkii san ammoo ka haquu yaale hin jiru. Uduu kanatti jiran barsiiftuun Ingiliffaa seenan. Barsiiftuu Xiggee jedhaman. Yoosuu woci dhaabatee caldheesi kutaa fudhate. Barsiiftuun kitaabbilee xarapheezaa irra kaayatanii gabatee gurraacha haquudhaaf yoo as gara galan fakkii san argan. Wonna jalatti barreeffamellee eega dubbisaniin booda gara barattootaa as gara galanii “eenyutu kaase kana?” jedhan. Namni deebii kenne hin turre.

“Eennu itti gaafatamaan kutaa?” jedhan. Mucaan Darajjee jedhamu ka’ee dhaabate. “Eennutu kaase kana?” jedhanii gaafatan.

“An hin garre. Yoo boqonnaadhaa deebinu akkanumatti agarre”

Gara Heelan gara galan. “Eennutu kaase kana Heelan?” jedhaniin. Gad gurraachattee deebfte. “An abbaa kaase hin garre. Garuu akkana jedhaa ka na arrabsu Samsoon” jette. “An hin kaafne!” jedhee iyye Samsoon. “Ka’ii koottu garana” jedhanii itti ka’an. Ka’ee gara barsiiftuu dhaqe. Martuu waan ta’u caldhisee qalbiin laala. Hafuurrillee hin dhagayamu. Barsiiftuun shabbeena goommaa itti fudhatanii “eennutu kaase?” jedhaniin. “Anaa miti” jedhe. Takkittii shabbeennaan iyyansa gad dhiise. “Eennutu kaase?” jedhaniin ammallee.”Barsiiftuu! anatu kaasee dhiifama naaf godhaa!” jedhee mummu’ame. Shabbeena san akkuma qabatanitti diqqoo eega yaadaan badaniin booda “afaan meeqa dubbachuu dandeetta?” jedhaniin. “Amaariffa danda’a” jedhe mummu’amaa ammas. Gara Heelan akeeaa dubbatan. “Heelan afaan lama dandeetti. Afaan Oromoo ni dandeetti. Afaan kee Amaariffallee ni beetti. Afaan Ingiliffaatiinis sii oli! Garuu semistara tokkoffaa Heelan meeqaffaa akka baate beettaa?” jedhaniin. Hin caldhise. “Natti himi kaa Heelan meeqaffaa baate.”  kaa!” “3ffaa” jedhe ija qaaniitiin. “Ati hoo?” ammallee ni caldhise. “Si gaafadhaa bar!” jedhaniin. “41ffaa” jedhe amma taan caalaa qaanayee. “Ati barataa shantamii sadi keessaa afurtamii tokkoffaa dha. Isiin sadaffaa dha. Agartee garaa garummaa keessan?! Bor worra kee qabii koottu! Deemii taa’i amma! Dadhabaa!”

Akkuma barsiiftuun Xiggeen kutaa bahaniin Samsoon ol ka’ee dhaabatee Heelanitti dhaadachuu jalqabe. “Si Niqqisee Gaallaa! Waxabajjii soddoma wol garra! Guyyaa san sitti muldhisaa eeggadhu!” jedheen. Baratteen uduu hin taane baranneen ijoollee magaalaa isa marsanii Caaltutti baldan.

………………………

Kana mara keessatti wonni Caaltuu rakkise eennummaa haarawa itti dirame godhachuu wollaaluu isiiti. Yeroo takka takka ka akeekkatte itti fakkaatus eennummaa dur beektuun wol fudhachuufii dide. Adada gara Heelan hiiqaa deemtuun Heelan jalaa deemaa deemti. Caaltuu ammoo irraa fagaataa deemuu yaalte. Uduu hin jaalatin jibbite. Caaltummaan isii keessatti du’aa deemus Heelanummaan isii kessatti guddataa deemuu dide. Barattee nama Shaggar ta’uu fedhii qabdu irraa Heelanummaa waan jaalatte yeroon itti fakkaatu jiraatus Heelanitti qulqullaahuu danda’uu isii irraa amantaa hin qabdu ture. Keessattuu wonni eennummaa isii ka durii isii yaadachiisu argamnaan Heelanummaan isii keessaa dhabamti. Haala kanaan addunyaa isii keessatti wol dhabe, ka tasgabbii isii dhoorge kana keessatti kophaa isii cinqamuun qooda jireenna isii ta’e. Caaltuun Qooftuu fi Helaniin Shaggar yeroo mara isii keessatti wolitti duulan. Kun ammoo yeroo adaadaa isii woliin bataskaana dhaxxu itti hammaata. Yeroo namni kuun waaqa isaa kadhatu weedduu aadaa ka Qooftuu weeddisutu isiif ta’aaf.

“Baallamii yaa shaammaree, shaammaree,

Gootarraa maa dheessan ree namaa gamtu malee…”

Ilmi namaa afaan guyyaa keessa barateen fedha isaa ibsachuun ni ulfaata. Caaltuunillee haaluma akkanaa kana keessa seente. Shaggaritti yeroo du’a firaa dhageettu waan akkanaatiin rakkataa baate. Yeroo akkasitti du’a firaa dhagayan afaan Amaaraatiin booyuu wollaalte. Afaan beekanin malee imimmaanillee akka nama didu agarte. Akkasitti rakkattee yoo Afaan Oromootiin boottu, nama irraa adda baatee, gola tartee kophaa teettee akka boottu godhamaa ture. Adaadaan isii hiriyyootaa biratti jecha “ani bade fira kiyya! Ani haa badu dhala kiyya!” jedhu dhagayuu hin barbaanne. Gadda, naasuu, sodaa, waan tasa ta’e akkasumas gammachuu afaan Amaaraatiin ibsachuun ammoo Caaltuuf hin taane. Itti wollaalte. Haala keessa jirtu keessatti yoo cinqamtu “badde tan Bantii Dammoo!” jetti. Yoo kakattu “Hayyittii Galaan!” yoo naatu “joollee Galaan!” jechuu ufirraa dhisuu dadhabde. Yoo abdii kutattu akkasumas sodaan isii fudhattu aammoo “yaa ateetee haadha kootii maal keecha na galchite?!” jetti. Alattis ta’ee manatti yerroo jechoonni kunniin uduu hin beekin afaani bahan cinqamuun isii hin hafne. Adaadaan isii ammoo waan kana yoo dhageettu irbamtee itti kaati. Kanarratti jaarsa adaadaa isii doktorticha woyya. Yoo wonni akkasii ta’u kolfaa “Heelan! Maal jechuudha mee natti himi” jedhaan. Inumaayyuu yeroo tokko “uduu yeroo qabaadhee afaan Oromoo na barsiiftaayyu” jedheenii ture. Afaan Oromoo akka hin dubbanne dhoorgamuu isii uduu beeku kana jechuun isaa isii galuu dhabus baaftee hin dubbanne. Wonni eennummaa isiitiin wol rukutu, ka manatti, naannotti akkasumas mana barumsaatti ta’u dhamaaseenii barumsa isiitiinis hanqataa dhufte. Bu’aan qorumsaa ka gara kutaa saddeetii tarteen baay’ee jalaa gad bu’ee ture.

………………………………

Ganna san gara worra isii Quuftuu akka deemtu eeyyamameef. Uffataa fi kopheen bitameefii, yeroo jalqabaatiif surree jiinsii itti godhan. Dabbasaa isiillee tottolfattee, boorsaan haarkaa moofaan adaadaa isii kennameefii deemuuf kaate. Uduu deemsaaf hin ka’in garuu adaadaan teessiftee akkana jettee akkeekkachiifte. “Qooftuu yoo deemte Amaariffi jim jedhee si harkaa bada! Kanaafuu Afaan Oromoo ni dagadhe jedhii afaan Amaaraa qofaan itti haasayi! Haadha teetillee taanaan! Caaltuu waan jedhu kana ammoo deebisanii akka si hin barsiifne. Heelan ta’uu kee itti himi. Caaltuu jedhee ka si waame jalaa hin dubbatin.”

Jaarsi adaadaa isii doktortichi garuu kana dhagayee lole. Jaartii isaatiin wolii hin galle. “Maal ati mucayyoo maaliif akana cinqita?” yoo doktortichi jedhu Caaltuun dhageettee turte. Akkana jechuu doktortichaa jaalattus adaadaan isii dogongora dubbatti jettee yaaduu hin dandeenne. Adaadaa isii waan taateef waan isiif hin taane hin gootu. Haala mataa mataajjii isii wollaalchise kana keessa woggaa afur eega turteen booda yeroo jalqabaatiif gara ganda itti dhalate Quuftuu qajeelte. Hennaa Shaggarii kaatu jeeqamteerti; yaadannoo hedduun.

Barri Sadaasa keessa ture. Bara dargaggeeyyii woliin dorgomtee injifattee gurraacha badhaafamte. Gaafii wol dorgommii irratti dhihaate namni gaafateen manguddoo Abbaa Guutaa jedhaman turan. Uduu abbaan Guutaa gaafatanii hin fixin afaanitti qabdee yoo isiin deebiftu eebbi shaaaaa…  jedha ture. Gaafilee darzana gahan keessaa takka qofa dhabde. Yeroon woldorgommii san injifattee gurraacha ka dhuunfaa ufii godhatte sun jireenna isii keessatti yeroo cululuqaa ture. Kun ammoo akka hin haqamnetti sammuu isii keessatti maxxanee hafe.

Baras gaaf woldorgommii injifatte san. Gurraachi Ashankitaabiin bareedee qowwaafateera. Ka’imticha woyiittu qabee dhaabata ture. Abbaan Guutaa bacumaa Abbaa Gadaa irra taa’aniiran. Caaltuun ummata bakka maraa yaa’ee dhufee Odaa jalatti yaa’ii marsee taa’u dura akka loltuutti dhaabatti.

“Caaltuu! Waan gaafatamtu deebisuudhaaf qophoofteertaa?”

“Qophaayeera Abbaa Guutaa!”

Caaltuun “Godeen waan hundumaa si barsiifteerti jedhama. Kana si ilaaluudhaaf!” Abbaan Guutaa jennaan kolfitee “na gaafadhaa Abbaa Guutaa! Bantii Dammoo hin saalfachiisu!” jette. Ashaqxeerti. Bara ummanni Oromoo Sirna Gadaatiin bulu biyya Oromoo keessatti abbootii Gadaa heddutu aangoo wolitti kennaa ture. Haaluma kanaan baroota 1800 dura Tuulama keessatti abbootii Gadaa 223 tu baallii wolitti dabarse seenaa jedhutu jira. Gaafileen Abbaa Guutaatiin Caaltuudhaaf dhihaatan kana irraa ka’aniiti.

“Caaltuu!”

“Oo! Abbaa Guutaa!”

“Ada’a eenyu?”

“Ilma Galaan afraffaa dha kaa Abbaa Guuta”

“Ijoolleen Ada’a Sadeen eenyu fa’i?” Afaanitti qabdee deebifte.

Handa, Dhakkuu fi Ilu”

“Caaltuu Shanan Gadaa Tuulamaa natti himi!”

“Birmajii, Beelbaya, Michillee, Halchiisaa fi Roobalee” Yoona rukkutaan harkaa eebba caalu “shaaaaaaaaaa….” Jedhe.

“Sirna Gadaa Tuulamaa keechatti isaan Birmajii wajjiin dorgoman kam fa’i?”

“Roobalee fi Belbaya”

“Qadaadduun Gadaa Birmajii eenyu fa’i?”

“Halchiisaa fi Michillee dha Abbaa Guuta!”

“Ilmi Bachoo sadaffaan eenyu?”

“Waajjituu dha”

“Abbaan Amuummaa eenyu jedhama?”

“Warra Jaarsoo!”

“Abbaan Jiddaa eenyu jedhama?”  Gaafichi itti laafee kolfaa deebifte.

“Galaan!”

“Mucayyoo too Caaltuu?”

“Oo Abbaa Guuta!”

“Ijoollee worra Galaan” jettee si dhaadattu namni hin dhagayin hin jiru! Mee lafa seenaa Galaan keessatti argaman natti himi!”

“Odaa Nabee! Caffee Dongoraa! Caffee Tumaa! Hora Finfinnee! Hora Arsadee! Kanneeni. Garuu kan biraa jiraa Abbaa Guuta!”

“Lakki isaanuma mucayyoo too Caaltuu!”

Gaafii fi deebiin itti fufe.

“Abbaan Galaan eenyu?”

“Daacii dha kaa ! Abbaa Guuta! Akkamittan kun na dhiba!”

“Caaltuu!”

“Oo Abbaa Guuta!”

“Ada’a moo Liibantu angafa?”

“Hangafti Liiban! Quxisuun immoo Gaadullaa dha Abbaa Guuta!”

“Gosooti Tuulamaa dur Miniliik Finfinnee irraa buqqise eenyu fa’i?”

“Gullallee, Yakkaa fi Galaan!”

“Mucayyoo too Caaltu!”

“Oo Abbaa Guuta!”

“Sooddo Ilmaan meeqa qaba ture?”

“ Sadi!”

“Bakki Araarri itti godhamu, kan amma masaraan Miniliik irra jiru maal jedhama ture?”

“Dhakaa Araaraa!”

“Bara Mniliik woraanaan Shaggar qabate Gadaan Tuulamaa aangoon harka ture woggoota sadihiif Odaa Nabeetti yaa’ii akka hin godhamne godhamuu beektaa?”

“Nan beeka Abbaa Guuta!”

“Gadaa isa kam?”

“Roobalee dha” jettee kaatee deebitee sirreessitee “nan dogongoree na hofkalchaa Abbaa Guuta! Birmajii ture” Asii achii namoonni tataa’an ajaa’ibsiifataa “guddadhu mucayyoo! Ijji hamtuun sin argin!” jedhanii eebbisan.  Yoona gammaddee kolfite. Gaafii fi deebiin itti fufe.

“Mucayyoo too Caaltuu!”

“Oo Abbaa Guuta!”

“ Waa’ee Raada Nabee dhageetteertaa?”

“Nan beeka Abbaa Guuta”

“Iddoon raaddi Nabee itti dhalatte maal jedhamee waamama?”

“Caffee Tumaati kaa Abbaa Guuta!” Yoona sagaleen guddaan dhagayame. Abbaan Guutaa kolfaa “dogongorte Caaltuu. Caffeen Tumaa bakka dildhuun itti buute. Bakki Raaddi Nabee itti dhalatte Caffee Dongoraa ti” jedhan.

Caaltuun haga Shaggarii kaatee gara Qooftuu deemaa turte waan keessa turte kana mara yaadaa deemti. Dabalees weedduu ijoollummaarraa jaalattu isa yeroo cidhaa faarfataa deemti.

“Emmoo Yaa lashoo kooraa cabee,

Kophatti hafee yaa hiriyyoo too,

Emmoo yaa lashoo!

Alangee Alanagee Alangeen mukumaa!

Woldhabnee woldhabnee,

yaa qe’ee abbaa koo wol dhabnee dhugumaa!

Lammii fi firri koo babbareechaa oolii,

Eeleen caban ooltuu, wal jaalachaa oolii!

Gargar baati hin ooltuu,

Kooraan cabee, kophaan hafee,

Yaa hiriyoota koo!”

Weedduun san qofa hin turre. Yaadannoon woggoota afuriif isii keessatti ukkaamamee akka bahuun dhabe bakka argatee keessaa dhooyee weedduu kaan weeddiftee kaanitti tarte. Irra caalaa ammoo ateetee haadha isii weeddiftee dhiisuun isii dhibe.

“Faana loonii jalaa owwaadhu na jalaa!

Oomii jaalaa faana loonii jalaa,

Owwaadhu na jalaa!

Garbii jalaa, faana jabbii jalaa!

Owwaadhu na jalaa,

Ateetiyyoon dhufteettii!

Ihiiree?

Haa teessu kaa boroo ishii

Haa suuftu kaa qoloo ishii,

Ateetiyyoon dhufteettii,

Ihiiree?

Haa suuqxu kaa mutaa shii,

Haa suuftu kaa mucaa shii!

Haa suuqxu kaa xarbii shii,

Haa suuftu kaa jabbii shii!

Egaa Caaltuun yaadannoo, haala fi yaada biyya isii isii gubaa ture keessa tartee Qooftuu geettus turtiin baatii lamaa gaarii hin turre. Ka eegde akka hin egin harkaa ta’e. Oduu guddaa ka ta’e tokkoffaan jijjiirramuu maqaa isiiti. Kun Quuftuu mara wol gahee waan aanaa fi firaaf hin galle ta’e. Warri isii Amaariffa barachuu jaalatanillee maqaa jijjiirachuu isii garuu fudhachuudhaaf rakkatan. Dabaleellee “Afaan Oromoo dagadheera” jettee Amaariffa qofa haasawuun ta kolfaa isii godhe. Itti amanuu baattus gorsa adaadaa isii faana baate. Akka Amaariffi harkaa hin banneef jecha afaan Oromoo dubbachuu didde. Haati isii kana dhagayan akka salphinaatti fudhatan. Kanaaf jecha kophaa isii teessisanii dubbisan.

“Caaltuu intala too!”

“Oo harmee too!”

“Intala too maqaa abbee fi haatee sii baasne maaliif jijjiirte?”

“Shaggaritti maqaan kun hin ta’u naan jedhan”

“Heelan jechuun maal jechuu dha?”

“An hin beeku harmee too!”

“Abaarsa haa ta’uu eebba, maqaa hiikasaa hin beekneen akkamitti si yaamna ree intala too?”

“Waanuma adaadaan godhi naan jetten godhe ani. Shaggaritti Caaltuu hoo jedhan ni kolfu!”

“Maaliif kolfu intala too?”

“An hin beeku haadha too!”

“Inni haa ta’uu… afaan Oromoo maaliif irraanfadhe jetta ree?”

“Yoo afaan Oromoo dubbatte afaan sidaamaa si jalaa bada. Kanaafuu hin dubbatin naan jedhan”

Egaa Caaltuudhaaf turmaanni quuftuu ka cinqaa ture. Haalli isiin taate yoosuu biyya mara wol gahe. Yoo gabaa baatu, yeroo fira gaafachuudhaaf mandara deemtu, dursanii ka gaafataniin waa’ee jijjiirraa maqaa isiiti. Yoo afaan Oromootiin itti dubbatan Amaariffaan namatti deebisuun isii biyya akkasitti mootomte san keessatti akka tuffatamtu godhe.Yoona namoonni “Caaltuu eechatti gatte Caatltuu?” jedhaniin.

“Caaltuun ni duute!” jettee Amaariffaan deebifti.

“Eechatti awwaalamte ree?”

“Madaanalamii Qobboo!”

Akkanuma jedhaa Helanummaan itti fufte. Karaa biraatiin qalbiin isii farda isii Gurraacha bira hafuu dadhabdus Gurraacha arguu hin dandeenne. Gaafannaan worra gaarii fardaa Aqaaqii Basaqaatti qarshii dhibba torbatti gurguramuu itti himan. Gurguramuun gurraachaa garaa isii gubus baaftee hin dubbanne. Bara isaa garmaamtu yaadattee yaadaan baddus homaa godhuu hin dandeenne. Qarshii inni itti gurgurame haatii kenninaaniif “atuu itti fayyadami” jettee harkatti didde. Egaa amma wonni bakka jiru hin jiru. Hunduu jijjiiramee akka hin jirre ta’eera. “Ijoollee worra Galaan” qe’ee jettetti, qe’ee dhoorgaa malee bashannantee qashaatee akka garaa isiitti kolfite keessatti uf jijjiirtee kophee taakkoo dirattee, boorsaa moofaa rarraafatte nama woliin dhalatteen adda uf godhuu yaalte. Kun garuu kabajaa isiif hin taane. Afaanii baafatanii itti dubbachuu baatanis akka isiin taate kana akka irraa jibban hubatte.

Aanaa fi fira isii beekutti dhaqxee, eega dhungatanii nagaya gaafataniin booda ka gaafatan hiikkaa maqaa isiiti. Isiin garuu deebii hin qabdu. Gaafiin garuu itti fufa. “Afaan Oromoo maaliif hin dubbanne?”

Deebiin kennitu inumayyuu ka hin amansiifne waan tureef deebitee saalfatti. Namoonni seenaa ijoollummaa isii irraa jaalatan “abbatu Shaggaritti ergee galaafate! Mucayyoon akkas fakkaattu sun akana taatee hafte!’ jedhanii yoo dubbatan dhageette. Turmaata baatii lamaa fixattee gara Shaggar gaaf deebitu barsiisaa akkuma isii baadiyaa turee gara Shaggar deemuun miila taatee karaa buute. Barsiisaan sun haga Aqaaqii gahanitti waa’ee cunqursaa Oromoo irra gahaa turee fi jiruu itti haasayaa ture. “Qabsoo Oromoon cunqursaa dhabamsiisuudhaaf godhu! Afaan, Aadaa, Seenaa!! Waan heddu itti haasaye. Isiin garuu itti haa dheeratuu yookiin galuufii haa dhabuu qalbiin hin caqafne.

*********************************

Egaa seenaan Caaltuu Midhaksaa asitti xumurame. Haata’uu haga kutaa saglaffaa barattee turte. San booda bulchaa konyaa tokkotti heerumtee turte. Kufaatii dargii irratti jaarsi isii hidhamuu irraa ka ka’e manni ijaarattee turte ni diigame. Dhalee jaarsa isiitiif mana hidhaatti guduunfutuu mitii ufii isiitiifuu waan nyaattu hin qabdu ture. Gara adaadaa isii ammoo hin deebine. Kaaffee woyii keessa hojjataa haga humna isiitiin mana kutaa diqqaa qabu woyii kireeffattee jiraachuudhaaf yaaltee turte. Manneen bunaa galtee uduu hojjattee galii mishaa argachuu ka dandeettu ta’uu namoonni itti himanii turan; isiin tole hin jenne malee. Umriin isii woggaa digdamii afur ta’us akka nama bara dheeraa rakkoo keessa tureetti miidhamtee ta dadhabde turte. Eega Dargiin kufee waan televizsiinii keessaa dabru hordofaa turte. Oduu afaan Oromootiin darbu arguu isiitti baa’ee dinqamte. Waan akkanaa yoo agartu yeroo jalqabaati. Oromonni maqaa Oromo qaban cunqursaa Oromoo irra gahaa ture kaasanii yoo dubbatan qalbiidhaan caqaftee turte. “Gaafii bilisummaa Ummata Oromoo!” ka jedhullee dabalatee.  “Afaan ufiitti fayyadamuu fi dhimma itti bahuu!” ka jedhu garuu guddaa isii hawatee ture. “Sirna Cunqursaa Amaaraa!” wonna jedhamu ammoo qajeelatti hubachuu dadhabde. “Amaarri marti diina!” jechuullee itti fakkaatee ture. Barsiiftuu Xiggee fi jaarsa adaadaa isii yoo yaadattu ammoo kun harkaa bada. Namoota kabajju kanniiniin “cunqursitoota” jechuu rakkatte. Yaanni isii keessatti wol a’u waan hubattuu fi dhiiftu isii wollaalchise. Waan Raadiyoo irraa dhageette keessaa jecha “cunqursaa” jedhu hubachuudhaaf yaaltee turte. Qajeelatti eennu akka isii cunqurse hin beekne. “Namoonni na cunqursan eenyu fa’i?” jettee uf gaafattee turte. Samsoon Zallaqaa…, Namticha shunkurtii gurguruu… moo adaadaa isiiti. Garuu deebii hin arganne. Kufaatii dargii booda wonni haarofni isii keessatti uumame yoo jiraate maqaa “Heelan” jedhu waanuma kamiinuu caalaa jibbuu isiiti. Ka irra caalaa isii cinqe ammoo Heelaniin jibbuu uduu hin taane Caaltuu barbaaddee uf keessaa dhabuu isiiti. Caalaa fi Caaltuun maqaalee jibbaman ta’uusaanii sammuun isii fudhatee ture. Maqaa qabsaayaa Oromoo waa’ee mirga Oromootiif dubbatu maqaa “Abbaa Caalaa” jedhu haguma dhagettullee maqaan Caaltuu jedhu baay’ee cinqeen. Ee! “Caaltuu akka Helanitti” uumuudhaaf diraamaan dalagame diraamaa hin qabanne ta’ee hafe.

Garuu waan isiin taate isii keessatti galaafatee, waan isiin hin ta’in ka taasise eennu?’ Kun ammoo sirna sirnaan eennummaa ummata tokootti duule ta’uun isaa Caaltuuf hin galle. Ka isii dhibe waan biraati. Yoo Heelanitti qulqullaayuu hin dandeenne, Caaltutti deebi’uun ammoo yoo dhibe eennuun taati yookiin ammoo maal taati?

***************

Akka lakkoofsa worra Habashaa bara 1984 baatii badheessa keessa gaaf tokko, dubartiin golgoloofte woyii shaanxaa diqqaa woyii rarraafattee Quuftuu dhufte. Akkuma mataa lafa keettetti balbala mana guddaa woyii geette. Dubartiin manguddummatti deemaniiran, isaan umriin jabeenna qaamaa-qalbii hin tuqin mana san keessaa gad utaalanii dubartii golgoloofte san simatanii itti jigan.

“Caaltuu intala too baga nagayaan naaf galte!”(Bakka tanatti haadha Caaltuu haa fakkaatu) jedhan. Sagaleen dadhabee deebifte. “Aayyoo too naaf dhiisi! Naaf dhiisi harmee…!” (Caaltuu dadhabde haa fakkaatu) jettee morma haadhaatti maramtee bootte. Hagas!

***********

Baatiilee muraasa mana worra irraa dhalattee turte. Guddaa manaa hin baatu turte. Dabree dabree garuu gabaa dhaquun sii hin oolle. Yoo namoonni “Caaltuu” jedhanii waamaniin hin mormine. Wonni mormituufis hin turre. “Heelan” jedhee ka isii waame ammoo hin turre. Deebitee Afaan Oromoo dubbachuu jalqabuun isii isaan ajaa’ibus baasee ka isitti dubbate hin turre.  Sammuun isii ammoo naga akka hin jirre maatiin hubatee ture. Yeroon cululuqaan isiin keessa tartee fi waa’ee gurraacha ka isiitti kaasan sammuu isii jeeqame gooharsee fayyisuu hin dandeenne. Baruma san gara baatii gannaa dargageessa yunivarsitii baratu, ka boqonnaasaatiif baadiyaa dhufe tokko woliin haga takka mumuldhattee turte. Namarraa fagaattee kophaa waan turteef barataa san woliin gooharuun sammuu isii ka tasgabbii hin qabne san ni woyyeessa jedhamee abdatamee ture. “Sheexana hamatu tuqeenii jira” worri jedhaa turellee yaada jijjiiree ture. Fulbaana irratti eega barattichi gara Shaggar deebi’een booda garuu kophaa taate. Namatti hin dhihaattu. Nyaatallee homaa hin nyaattu. Gara guyyaa bakka ciiftuu kaatee buna eega dhugdeen booda, qixxaa gogaa afaanumaan qabdee bakka ciiftutti deebiti. Gabaa dhaquu maruma dhiifte. Manaa ka baatu takke takkee qofa. Miilaan diqqoo deddeemtee deebitee ciifti. Haadha malee nama kamiinuu dubbisuu dhiifte. Haaluma kanaan baatii muraasaaf eega turteen booda, guyyaa Sambataa tokko akkuma baratame buna dhuddee deebitee ciifte. Galgaluma san yoo haati irbaataaf kaasuuf dhaqan Caaltuun lubbuun hin turre.

******************