Joobiraa

Bara Durii namticha Joobiraa jedhamu tokkotu ture. Namichi kun baay’ee gaarummaa qaba. Ilma namaa qofaa osoo hin ta’in bineensa daggalaallee ni mararfata. Cubbuu waan jedhan takka hin beeku. Namtichi kun gaaf tokko imala dhaquuf ganamaan manaa bahee,osoo karaa deemuu iyya namaa dhaga’e. Namtichi “maaloo naaf bahaa” jedha. Joobiraan asiif achi laalus sagalee malee namicha iyyu arguu hin dandeenye. Maddii tokkotti siglaan boqoonqa tokko arge. Namichis kan iyyu boqoonqicha keessaa ta’uu hubatee, waan godhu wallaaluun gaddaa ofirra taa’e.

Takka turee mala argachuun tushaa dheeraa foo’ee boqoonqichatti yoo gadhiise namichi tushichatti rarra’ee bahuu akka danda’u hubate. Yeroo gabaabaa keessattis tushaa dheeraa foo’ee, fiixee tokko qabee fiixee tokko boolichatti gadhiise. Tushicha harkisee yeroo baasu kan tushicha qabatee bahe leenca ture. Leencichis Joobiraa galateeffatee deeme. Namichi garuu inuma iyya.

Joobiraanis,yeroo lammataaf tushicha gadi deebise. Garuu kan tushicha qabatee bahe namticha osoo hin ta’in jawwee ture. Jawwichis Joobira galateeffatee deeme. Namtichi ammas iyyasaa itti fufe. Joobiraanis yeroo sadaffaaf tushicha boqoonqichatti gadi deebise. Yeroo kana namtichi tushicha qabatee bahe. Innis Joobira galateeffatee gammadaa gara qe’ee isaa qajeele. Joobiraan ammoo waaqa galateeffataa imalasaa dhaqe.

Yeroo dheeraa booda Bonni hamaan bu’ee, sababa Bonichaan Joobiraa jalaa loon dhumanii hiyyummaan harka qabatte. Ilmaan isaa beelaafi dheebuun dararamteef, nyaata barbaacha adamoof osoo deemuu leencaafi jawween gaafas inni boolla keessaa baase itti dhufan. Isaanis huqqina Joobiraa arganii “Maal taate?” jedhaniin. Innis sababa Bonaatin hiyyoomuu isaa itti hime. Isaanis baay’ee gaddanii “Gargaarsa siif goonaa boru ganama nutti deebi’i!” jedhaniin. Joobiraan ganama barraaqaan gara leencichaafi jawwichaa deeme. Yeroo deemu leenchi lafa fagoorraa loon saamee qopheesseefiira. Jawwichi ammoo daaba qalqala tokko qopheesseef. Joobiraan daabasaa baattatee loonsaa ooffatee gale. Maatiin isaas gammachuudhan simatan.

Waa bubbulee Joobiraan daaba isaaf bittuu barbaacha gara gabaa utuu qajeeluu, karaa irratti namicha gaafsana leencaafi jawwee waliin boollaa baase sanatti dhufe. Nagaa hoo’aa erga wal-gaafatanii booda Joobiraan sababa Bonaatiin hiyyoomee akka tureefi leenciifi jawween hiyyyummaa keessaa akka isa baasan himeefii, bittuu barbaacha gabaa deemaa akka jirus itti hime. Namtichi ammoo “Bittuu anatu sii fida. Waan isaa anatti dhiisi,” jedheen. Joobiraanis “Bor ganamaan sin eega.” jedhee ofirra deebi’ee gale.

Namtichi garuu qabeenya Joobiraan argatetti akka malee waan inaaffeef, qabeenya san irraa saamuu yaade. Kanaaf jechas masluuftota gurguddoo afur magaalaa keessaa fudhatee ganamaan gara mana Joobiraa deeme. Yeroo isaan achi ga’an Joobiraan reefu hirriibaa ka’a. Erga harka walfuudhanii booda “Daabicha fidi.” jedhaniin. Joobiraanis waa bittaaf dhufan se’ee daabicha gaafa gadi baasu, namtichi haqaaqee isa qabnaan, masluuftotnimmoo tuushaadhaan harkasaa lameenuu dudduubatti hidhan.

Sanaan booda namtichi sun “Qabeenyi kun cufti keetii miti; leencaafi jawwee qabeenya kana siif kennan saniinis kan wal barte sababa kiyyatti. kanaaf, daaba kanas ta’ee loon kana natu fudhachuu qaba” jedhee itti dheekkame. Joobiraan harkaafi miila hidhamee waan jiruuf,waa takka dubbachuufi warraaquu hin dandeenye.

Jarri looniifi daabasaa fudhachuun akkuma qe’ee Joobiraarraa xiqqoo siqaniin, leenciifi jawween sun itti dhufan. Jawwichi jara shananuu hiddee ajjeese. Leenci ammoo cicciree isaan nyaate. Boodarras looniifi daabni Joobiriif deebi’e jedhama.

Source: https://www.facebook.com/beekan.guluma/posts/656252871220240