Fayyaan Mataa, Fayyaa Waa Maraa ti!

“Haalli omishaa keenya barumsaafi mariidhaan gabbachuu qaba”-Doktar Addunyaa Waaqjiraa

Itoophiyaatti qorannoon qonnaa heddumminaan gaggeeffama. Namoota dhuunfaadhaanis ta’u, akka dhaabbattaatti qorannooleen omishaafi omishtummaa dabaluu danda’aniifi jireenya ummata qabatamaan jijjiiruu danda’an ni adeemsifamu. Ta’uus biyyattiin ammayyuu miidhaan nyaataatiin of  hindandeenye.

Dhimma kanarratti qorataa kan ta’aan Doktar Addunyaa Waaqjiraa Bariisaaf ibsa kennaniiru. Dhimmi kun qorattoota qonnaa dabalatee kan hawaasa hundaati jechuun ibsasaanii eegalan.

Akka yaadaafi hubannaasaaniitti rakkooleen qonnaa kan bubbulan, walxaxaafi adda adda yoo ta’an, dhiyeessiifi teknolojiifi beekumsa qofaan kan furaman miti. Dhimmoonni kunniin imaammata, dinagee, hawaasumaa, aadaa, bu’uuraalee misoomaafi kkf biyyattii wajjin walqabatu. Teknolojiiwwaniifi beekumsi  baay’inaan, qulqullinaan, yeroodhaan bakka itti barbaadamutti humna bitannaa qonnaan bulaatiin dhiyaachuu qaba jedhu.

Qonnaan/ horsiisee bulaan waa’ee hojmaataafi ittifayyadama teknolojii, malawwan qusannaa (qabeenya/maatii)fi kkf barachuu, hubachuufi hojiitti hiikuun irraa eegamaayyu. Waantonni kunniin adeemsa keessa kan dhufan malee haala nuti tilmaamnuun al tokkotti kan raawwataman miti jedhan.

Akkuma waliigalaattuu aadaan hojii hunda keenyaa sakatta’amuu qaba kan jedhan Doktar Addunyaan, damee dinagdee kan ta’e qonnaaf imaammata sirrii qopheessuu, bajata ga’aa ramaduu, ogeessa beekumsaafi muuxannoo qabu ramaduun sirna hordoffiifi deggarsaa diriirsanii hojjechuu barbaachisaa ta’uu eeru.

Qonnaan bulaarratti ashuurri humnaa olii fe’amuu hinqabu, yeroo balaan namuumees ta’e uumamaa mudatu akka dandamatuuf qonnaan bulaaf wabiin ni barbaachisa. Dhimma kanarratti ciminaan hojjechuu qabna jedhan.

Qonni jireenyaafi dinagdee keenyaaf bu’uura waan ta’eef sirnaan utubuun dirqama kan jedhan qoratichi, kanaafis lammiin hundi ilaalcha boodatti hafaa qonnarratti qabu jijjiiruu akka qabu dubbatu. Yoo kun ta’uu baate haala amma jiruun qonna tuffataa beelaafi hiyyummaa keessaa bahuu hindandeenyu jedhan.

Qonni akkuma hojiilee biroo bu’aa qabeessa ta’ee qonnaan bulaa keessumaa dargaggoota hawachuu qaba. Kanaafis meeshaaleen qonnaa fooyya’oon qonnaan bulaaf kiraadhaanis ta’u bittaadhaan dhiyaachuu qaba. Kana maddiitti tajaajila jallisiifi liqii babal’isuun  murteessaadha jedhan.

Haalli omisha keenyaa, qusannaa, bu’aa qabeessummaa, barumsaafi mariidhaan gabbachuu qaba. Walumagaalatti midhaan nyaataatiin of danda’uufi guddina ittifufiinsa qabu galmeessisuuf xiyyeeffannaan hojjetamuun irra jiraata.

Hojii qorannoo karaa qonnaa dinagdee biyyattii jijjiiruu dandeessisu hojiitti hiikuunis barbaachisaa ta’uu Doktar Addunyaan ni dubbatu. Biyyattiin abdii guddaa waan qabduuf qonnarratti xiyyeeffannaan yoo hojjetame midhaan nyaataatiin of danda’un ni danda’ama jedhan.

Waltajjii dhiyeenya kana Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatiin kallattii qonnaa ilaalchisuun qophaa’erratti akka ibsametti, qonna biyyattiis ta’e naannichaa ceessisuuf keessumaa hojiilee qorannoo kanaan dura geggeeffamanii taa’an hojiirra oolchuuf tattaaffii cimaan taasifamaa akka jiruudha kan eerame.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011