Ijaaramaa: Bilisummaan yoo of ijaaran malee hin argamtu.

Ob Ibsaa Guutamaatiin

Oromoo, alaa fi manaa, maaloo ijaaramaa; kan ijaramne jettanis caalaa of cimsaa. Hubatamuuf hagam gumgumuu qabdu yk jilbeenfattanii kadhatu? Ijaajjuun, akka waggoota afur dura gootan mataa ol qabadhaatii mirgi kun keenya jedha. Yeroon kun cehumsa jedhamee jira, garuu garamatt akka cehamu ifaa miti. Dira’inni roorrisaa kan dhumate fakkaataa, garuu miillana empyericha oolchuuf maal fudhatanii akka bahan eenyutu beekaa?

Lolli afaani o’ee kan mullatu Amaaraa fi Tigree gidduutt. Bulchi mootummaan empayeriti haasaa hogganootaa irraa gara Amaaraatt kan duufaa jiru fakkaata. Oromoon masaraa seeneef angoon kan Itophiyaa malee kan Oromoo hin taane. Namooti Itophiyaa fi Oromiyaa keessatt aangoo irra jiran miseensota EPRDF. Kanaafi kan isaan Itophiyummaa afarsanii; kolonumaan Oromiyaa sammuu saanii keessaa hin baane jechuu dha. Itopiyaa, Itophiyaa innaa jedhan akka nama gatee argateett yoo tahu, walabummaa Oromiyaa akka waan du’eett irraanfatanii jiru. Hamaan darbe akka nuti hin deebineef kanneen daddaaqan yaadachiisuun barbaachisaa dha.

Maal gochuu akka qabnus akeekaa yoo deemne malee qeeqa bakka malee fi yeroo malee walii fi diinaa irrattii qofaan yeroo dabarsuun furmaata hin tahu. Wanti waliinis namaanis jennu bu’aa qabatamaa yoo hin qabaannee maaf afaan badnee of salphisnaa? Bineensi qarriffaa cimaan qorqaa jiraate yeroo qarriffaan saa harcaatu, kan biraa humna haaraan dhufee karaa inni irra ture fooyyessee foon qofa utuu hin tahin lafee yoo alanfate garaa garummaan saa maanni? Hamma bujjugfame yoo hin taane, nyaatamuun nyaatamuumaa.

Waan Habashaan Ankobar fi Habashaan Aduwaa Oromiyaa gootee wal fakkeenya saanii hubatan malee dogoggorree miidhama ofii qoricha addaa barbaadna taha. Hundaan olhaantumaa fi saamichi keessan as irratt haa dhaabbatu jechuuf annisaa horachuu dha. Isaan erga Aksum diiganii angoo irratt walqabaa jiraatanii. Waliin nuqabachuun isaan araarse, tokko qofti nu dhuunfachuun isaan waldhabsiise. Jalaa utuu of baasee milla ofiin hin ijaajjin lola saanii keessa nama Oromoo maaltu galche? Utuu of bilisoomsuu dandahuu nammi attamitt goftaa gidduu filataa? Kanaan duras micciiramooti keenya utuu hin gargaarree, kophaa qabatanii nu nyaachuu hin dandahan turanii. Ammas dhiiga Oromoon Tigree mancaasisanii Oromiyaa deebisanii qabachuuf batattisan jiru.

Oromoon masaraa Minilik Tigireen itt cufte bananiifii irraa dacha’aa jiru. Sana gochuu saaniif “Zaranyaa” jedhaman. Oromoon isaan irra bilisoomuuf “Zaranyaa” yoo jedhaman, isaan kan balleessuuf itt duulan maal jedhamu? “Zaranyaa” kan jechisiisee kiyya, kiyyaa keessan keessanii sana barree waliif haa kabajnu jechuu dha. Oromoon seenaa saanii keessatt sanyiin nama faanfananii hin beekanii, ilmoo namummaan yaadu. Kan amanaan Oromoott dugda garagalchuun seenaa hardhaa qofa miti. Waan Qeerroon si’ana gumaacheef galatan saanii Cinaaksan, Mi’eessoo, Mooyyaalee, Areeroo, Wanbara, Gobba, Baatii kkf yeroo qalaman birmannaa dhowwatamuu dha.

Bilisummaan yoo of ijaaran malee hin argamtu. Ijaaramuu dhabuutu gidduu kana harcaatuun sirna Nafxanyaa DCitt lafa isinitt dhiittee. Utuma jirtanii hubatamuu dhabdanii. Manesotaan ijaarameef seenaa hojjete. Oromiyaa Xiqqittiin, Oromiyaa guddichi maal akka fakkaatu saaxiltee. Hamma yoonaa Oromoon mootummaan Itophiyaan balleeffamuu irraa qabsoo saaniin baraaramanii. Ammas qabsoo itt fufaa taheen baraaramanii mirga ofii abbaa biyyummaa akka deebifatan warraaqaan hin shakkuu. Yoo dandahame Oromoon, “Ilaa fi Ilaameen” nagaan gara furmaataatti deemuu; aadaan saanii sanaa. Yoo hin taane diina of irra ittisuuf waan argatanitt dhimma bahuun mirga dhalootaatii. Ijaaramaa, ijaaramtan malee gadoodaa haftuu. Oromiyaan haa jiraattu!