Kan Jiru Haa Dubbatu! Seenaa Wareegamtoota Oromoo Keessaa.

By Abdii Toleeraa irraa (Madda: Barruulee Sinbirtuu. Waxabajjii bara 1993, Shaamboo)
Ajjeechaa suukkanneessaa bara sana raawwatame namni ijaan arge tokko akkas jechuun ibse ture. “Waan huunda caalaa haanga hardhaatti kan na gaddisisu, odoo lubbun isaanii keessaa hin ba’iin akka wayyaa isaani fi qophee isaani uffatanitti osoo iyyanii biyyoon akka itti deebi’u ajaja laatameen biyyoon isaan irra tuulamu isaati”
Uummatni Oromoo irree halagaatiin cabee abbaa biyyummaa isaa dhabee dachee mataa isaa irratti akka lammii lammaffaatti ilaalamuu jalqabee kaasee siirna gabroomfataa of irraa fonqoolchee gatuuf yaalii heedduu godheera. Yaalii gochaa ture kana keessattis Oromummaa isaaniitti kan boonan goototni ilmaan Oromoo heddu wareegamaniiru.
Uummata Oromoo konyaa Horroo Guduruu keessaas warri akka Abiishee Garbaa fi Dhuguumaa Jaldeessoo dhiibbaa alagaa irratti finciila gochaa tuurani akka gammachiisaa ta’e kan seenaa isaanii beeku marrii ni yaadata. Siirna ukkaamsaa dargii keessa Oromummaa isaaniif jedhanii kan ajjeefaman sab-boonton Oromoo konyaa kanaa heedduu dha.
Isaan kana keessaa kan akka Immiruu Ibsaa, Birruu Warquu fi Faariis Hirphaa faa akka fakkeenyaatti yeroo fudhataman yoo isaan du’an illee seenaa saanii kan hindunee fi dhalootattii darbaa jiraatu dha.
Sinbirtuunis seenaa isaanii gingilchitee baasuuf yeroo isaan lubbuun tuuranitti gad-fageenyaan isaan beeku jechuun kan amante:
1. Obbo Oljiirraa Ejjeetaa (Falmataa) Qotee bulaa koonyaa Horroo Guduruu kan turan.
2. Obbo Tarrafaa Warquu, Obboleessa Birruu Warquu fi kan wajjiin hidhaman.
3. Obbo Tasfaayee Hordofaa, Mana hidhaa keessa kan waliin turan fi
4. Aadde Shaashituu, Obboleettii Immiruu Ibsaa qorattee akka kanaan gadiitti qindeessuun dhiheessiteetti.
Obbo Imiruu Ibsaa kutaa Wallaggaa konyaa Horroo Guduruu Ona Jimmaa Gannatii ganda Saallan jeedhamutti bara 1930 (ALH) abbaa isaa Obbo Ibsaa Itichaa fi haadha isaa aadde Shagee Haayilee irraa dhalate. Obbo Imiruun dhalatee ji’a (baatii) ja’atti sababa abbaan isaa haarka shiiftaatti du’eef adaadaan isaa aadde Dhiinnoo Itichaa of itti fudhatanii guddiisan. Umuriin isaa baruumsaaf yemmuu gahu bara 1936 (ALH) ti Finfinnee dhaqee kutaa 1ffaa hanga 12 ffaa ti barate. Akka barnoota isaa kutaa 12ffaa xumureetiin hojii mootummaa irra bobba’ee yeroo muraasaaf hojjete. Kanaan booda dandeettii fi feedhii barumsaa qabuun hojii motummaa lakkisee Yuniversitii Haayila Sillaasee galudhaan digrii isaa duraa B.A. barnoota hawaasaatiin fudhate. Obbo Imiruu Ibsaa abbaa ijoollee shani ture. Akkasumas barnota isaa biiyya Inglizii deemuun digrii isaa lammaffaa M.A. fudhateera.
Akkuuma Inglaandii dhufeen Minsteera Qonnaa jalatti itti gaafatamaa qabeyyee lafaa kutaa Wallaggaa yeroo muraasaaf hojjeteera. Achii booda bulchaa Horroo Guduruu tahee haanga gaafa hidhameetti hojjete.
Bulchaa koonyaa Horroo Guduruu ta’ee ummata kanaaf waan hojjeete huunda tarreessuun nama dhiiba. Kanneen keessaa haanga tokko qotee bulaan naannoo kanaa kan itti qootatu kan dhabeef meeshaa qoonnaa, kan facaafatu kan dhabeef sanyii akka inni argatu godheera. Obbo Imiruu Ibsaa barsiisaa, goorsaa fi lolchisaa tuure. Koonyaa Horroo guduruu keessatti akka nageenyi hin jiraanne warra gooloo adda addaa uumani abbaa lafoota siirna nafxxanyaa hordoofan nagaan haarka laachu akka qaban goodhuu irra darbee warra didan ammoo bakka adda addaatti ofii duulee itti dulsisudhaan jarree kana barbadeessee uummataaf nagaa buuseera. Kanaafuu dhiibbaan hanga kana hin jedhamne karaa bulchaa Wallaggaa ajajaa dhibbaa Nugusee Fantaa irraan gahamaa osoo jiruu cimina qabuun namoota muraasa meeshaa waraanaa hidhachisee ture. Kana irratti guddiina koonyaa Horroo Guduruuf fedhii fi hawwii hammana kan hin jeedhamne sababa qabuuf karoora misoomaa heedduu baasee ture. Karoora inni baase keessaa kan hojii irra oolan jiru. Akka fakkeenyaatti daandii karaa Baakkoo fi karaa Finca’aa; mana barumsaa; ibsaa fi kan kana fakkaatan heedduu jiru. Keessuumaa daandiin magaala Shaamboo keessaa yeroo hojjeechiise ofii dhagaa baatee hojjeechuun isaa ummata magaala Shaamboo biratti yoomuu kan hin dagatamne dha. Bulchaa magaalaa ta’ee osoo jiru mana barumsaa ol’aanaa sadarakaa lammaffaa Shaamboo keessatti sagantaa fudhatee akka barsiisaa tokkootti barnoota Geography barsisuun isaas haanga hardhaatti ni yaadatama.
Dandeetti, qaroomiina siyaasaa fi jaalalla obbo Immiruun Uummata biraa qabu irraa sodaa guddaa kan hoorate motummaan dargii sababa adda addaa itti funaanudhaan karaa itti isa dhabamsiisan irratti dalaguu eegalan.
Yeroon isaa yeroo itti sareen maraatuu uummata magaala Shaamboo cininudhaan balaa qaqqabsisaa turan waan ta’eef obbo Imiruun akka bulchaa magaalaatti haayyama hospitaala irraa baasee boolla sarootni itti awwaalaman qoochisiisee ture. Nafxanyootni magaala Shaamboo jiraatan muraasni “Immiruun amaaroota fixee boolla itti owwaalu qochisisaa jiira” jeechudhaan ajajaa dhibbaa Niguse Fantaatti iyyatan. “Lafeen lafa jalaan wal agarti” akkuma jedhamu Nuguse Fantaa himmannaan kuun himannaa dharaa ta’u osooma beeku looltu qabate magaala Naqamtee irraa ka’ee magaala Shaamboo dhufe. Akkuuma dhufeeniis warra amaaraa dukaa mana dhoksaatti wal ga’ii godhate. Sadaasa 13 bara 1970 (ALH) ti uummata naannoo fi hojjeettoota mootummaa wal ga’ii yaamee namoota lakkoofsi isaani 35 tahan fudhee Naqqamteetti sokke.
Hidhamuu namoota kanaaf sababni biraa miseensa M.I.S.N fi I.C.T akka ta’an shakkamu isaani fi qotee bultoota afuur bara 1969 (ALH) ti koonyaa Horroo Guduruutti milishaaf filamanii booda motummaa dargiin ajjeefaman dukaa kan wal qabate ture. Qotee bultootni kun kan milishaaf filaman dirqamaan ture. Kanaafuu dirree lenjiitii badani odoo mana isaanitti galaa jiranii magaala Naqqamteetti qabaman. Akkuuma qabamaniin otuu mana seeraatti dhiyaatanii murtee hin argatiin ajaja Nugusse Fantatiin ajjeefaman. Ajjeefamuun jara kanaa sirrii miti jechudhaan uummatni konyaa Horroo Guduruu ona ona isaatti wal gahudhaan murtee ejjeennoo ja’a qabu dabarse. Muurtee kana keessaa tokko “Nugusse Fantaa goocha isaatiif seeratti nuuf haa dhiyaatu” kan jeedhu ture. Immiru Ibsaa muurtee sabaa kana walitti qindeessudhaan karaa waajiira bulchiinsaa bakka dhimmi isa ilaaluu hundatti akka eergamu taasise. Nuguse Fantaas “Uummata kan narratti kakaasu Immiruu Ibsaa dha” jedhee qaboo irratti qabate.
Obbo Immiru dabalatee qabamuu namoota 35in kan baayye gadde ummatni naannoo jarreen kana dina jalaa hambifachuuf goolii uumuun yaalii guddaa godhani turan. Keessumaa uummatni ona Jimmaa Gannatii daandii konkolaataa irratti muka jigsudhaan eeggataa tuuran. Garuu Nugusee Fantaa odeeffannoo kana durse waan argateef karaa biraa hidhamtoota kana fudhate bahe.
Namoota obbo Immiruu dukaa ajjeefaman keessaa
1. Obbo Birruu Warqu
Obbo Birruu Warqu kutaa Wallaggaa konyaa Horroo Guduruu ganda Akkaajji jedhamee waamamu keessatti bara 1933 (ALH) ti dhalate. Barnoota isaa balbala tokkoffaa hanga saddeettaffaatti mana barumsaa Shaambootti barate. Sagalaffaaffi kudhanaffaa mana barumsaa Naqqamteetti barate. Bara 1957 (ALH) TTI galudhaan eebbifame hanga bara 1965(ALH) ti barsiisaa ture. Bara 1966 (ALH) ti Universitii Haayila Sillaasee gale.
Obbo Birruun waan huunda calaa hacuuccaan uummata Oromoo irra ture sababa itti dhagahamuuf barnoota isaa osoo hin xumuratiin biiyya dhaloota isaatti deebi’ee itti gaafatamaa misooma qonnaa Horroo Guduruu ta’ee otuu hojjetuu uummatni Ormoo Impaayeera Itoophiyaa keessatti akka miirga dhabee jiru bal’inaan barsiisaa ture.
2. Obbo Faaris Hirphaa.
Obbo Faaris kutaa Shawaa konyaa Jibaatii fi Maccaa ona Calliiyaa naannoo magaala Geedootti dhalate. Barnoota isaa kan xumurate mana barumsaa ol aanaa sadarkaa lammaffaa Amboo keessatti yemmuu ta’u sochi barattootaa mana barumsaa kana keessatti qooda cimaa qaba ture. Finciila mooticha Haayila Sillaasee irratti ta’aa ture dura bu’aa barattootaa (Student movement leader) ta’udhaan qabsoo cimaa gaggeessaa ture. Eerga baruumsa isaa xumure boodas hojjeetaa misooma qonnaa konya Horroo Guduruu ta’ee ramadame odoo hojjeechaa jiru Immiruufaa dukaa qabame hidhame.
3. Obbo Alamuu Danda’aa (Kan seenaan isaani bara barulleen Simbirtu maxxanfamte gutummaan hin qoratamne)
Sabboontoonni ilmaan Oromoo kun uummatni Ormoo cabee, abbaa biyyummaa isaa dhabe bittaa alagaa jalatti kufudhaan seenaan, afaanii fi aadaan isaa wallaalamuun quuqamuu irra darbani biiyya dimokraasiin culloo hin jirreetti soda tokko malee saba Ormoo naannoo kanaa kakaasuuf yaaliin gochaa turan nama aja’iba.
Akkaataan isaan ajjeefaman kan garaa jabinaan guutame ture. Fulbaan 1, 1972 (ALH) ti ajaja Nugusse Fantaa irraa darbeen looltoota dargiin galgala mana hidhaatii baasaman. Bakki isaan tursiisan beekamu baatuus guyyaa sadii booda gaafa Fulbaana 4 ganama bari feerroodhaan haarka isaani walitti hidhanii mana hidhaatti deebisan. Guyyaa isaa namoota hidhaa jiran keessaa nama afuur waamani boolla qochisisan. Galgala isaa immoo namoota sadan kanatti Obbo Alamuu Danda’aa dabalanii bakka boolla qotamee qophaahe sanitti geessudhaan rasaasaan rukutani boollatti darbatan.
Goochaa suukkanneeysaa kana jalqabaa haanga dhumaatti kan ija isaan arge yaada isaa akkas jeechuun qopheessitoota barruulee Sinbirtuuf ibse:
“Waan huunda caalaa haanga hardhaatti kan na gaddisisu, odoo lubbun isaanii keessaa hin ba’iin akka wayyaa isaani fi qophee isaani uffatanitti osoo iyyanii biyyoon akka itti deebi’u ajaja laatameen biyyoon isaan irra tuulamu isaati”