Seenaa Artist Usmaayoo Muusaa (1967-2006)

Duuti sabboonaa Oromoo artisti Usmaayyoo Muusaa gadda ummata Oromoo walii galaa ta‘ee darbeera; garuuhojiin gaarii artistichi ummata Oromoof gumaache bara baraan yaadatam.  Artisti Usumaayyoon jiruu fi jireenya isaa keessatti dalagaa aartiin qabsoo fi eenyummaa Oromoo guddisaa ture; hojiin boonsaan inni uummata isaaf kaa‘ee darbes bara dhufaa darbu hunda akka yaadatamu shakkiin hin jiru.

Artisti Usmaayyoo Muusaa (1967-2006)

Arti Usmaayyoo Muusaa (1967-2006)

Wallisaa Oromoo beekamaa fi jaallatamaan Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967 abbaa isaa Muusaa fi haadha isaa Faaxumaa Abdullaahiirraa Baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayyaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon jiruu fi jireenyaan ennaa ummata isaa wajjin lafa irra ture gara laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekama.

Artiisti Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraa kanka‘e jiruu fi jireenya isaa QBOf dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Oromoon qaamaan isaani beekuu fi kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan dursa, sababni isaas maaliif akka ta‘e kan beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu.!!

Artisti Usumaayyoon Bara 1987 ega Abdii Mahammed (qophee), Kadir Sa’id, Adam Haarun, Abdii Abraahim, Halloo Daawwee fi artistoata biro waliinis wal bareen booda fedhii jaalala muuziqaa tan isa keysa jirtu ifatti baasuuf Abdii Mahammed wajjiin hujii muuziqaa qindeyfate shakala xumuree albama tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY kan je’amutti gurgure. garuu kaasettiin isaa osoo magaalaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa isappaa dargii qabsoo cunqurfamootaatiin bar bodaawe kufe. Kaasenni isaa saniis achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe.
Bara 1991 eega dargiin Caphe booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo (ABO) fudhatee hawwisoo caffee gadaa wajjin magaalaa dadar keysatti gurmaawee qabsoo itti fufe. yaadannoodhaaf seenaa hujii isaa tan gaafasi keysaa

Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraa

Obese sirraa hafuu nindadhabe garaa

Sidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa … Kan jedhamutu keessatti argama.

Sirbi Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee garaa roraasee qabsoof Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ce’umsaa diigamteen boodas

Artis usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture.

Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keeysa shira Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse.

Bara 2004 keysa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis ji’um sana keeysa albama 3ffaa “Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsu”mata duree jedhuun baase.Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon yoomiyyuu qabsoo kana irraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef.

Artisti Usmaayyoo Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. Haati warraa isaa gannoota saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa ijoollee ishee ammoo mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo fiigduu dadhabbii, miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee ishee dirreetti facaaftee, abbaa warraa ishee mana hidhaatti dhiiftee addunyyaa kana irraa godaante.

Artisti Usumaayyoon roorroo fi dararama qaamaa fi qalbii irra ga’aa tureen mana hidhaa Zuway keessatti baatii Sadaasaa bara 2006 addunyaa kana irraa du‘aan godaane.

Sirni awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummatni Oromoo hedduminaan irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu baafannaa guddaa of keessaa qabuun raawatameera.

”Qabsaawaan ni kufaa, qabsoon itti fufa”