Seenaa Baqqalaa Mokonnon (1922-2016)

Obbo Baqqalaa Mokonnon abbaa isaanii Qanyi Azimaachi Mokonnon Wasanuu fi haadha isaanii Adde Abbebbechi Ejersaa irraa akka lakkoofsa Itiyophiyaatti Sadaasa 28,1922 naannoo Oromiyaa, konyaa Salaalee, ona Wacaalee, ganda Boolee jedhamee beekamutti dhalatan. Obbo Baqqalaa Mokonnon haadhaa fi abbaa isaaniif mucaa jalqabaa; obboleessaa fi obboleettii isaaniifimmoo hangafa turan.

obbo-baqqalaa-mokkonnon-wasanuu-1930-2016Obbo Baqqalaan abbaa isaanii fi haadha isaaniitiin, keessattuu adaadaa isaaniitiin kunuunfamanii guddatan. Afaan Amaaraas baratan. Akkuma ijoollee naannoo isaanii farda gugsii, bishaan daakuu, xiyyaafannoo qawwee, kollee/qillee xapahchuu jaallatu ture. Barnoota afaan Amaaraa erga fixanii booda mana barumsaa Tafarii Mokonnon seenanii barnoota sadakaa lammaaffaa xumuratan. Sana booda, yeroo sanatti haarawaa banamee kan ture koollajjii hujii daldalaa (Commercial College) seenanii waggaa afuriif barnoota isaanii hordofan. Barnoota isaanii xumuranii hojjetaa herregaa ta’anii Baankii Daldaala Itiyoophiyaaf (Commercial Bank of Ethiopia) waggaa 13 hojjetan.

Obbo Baqqalaan amala gaarii, miidhagaa, uffatnaa bareedaa fi walumaa galatti of- eeggannoo fi of-babbareechuu dhan dargaggoota yeroo isaanii turan keessaa dinqisiifamaa turan. Haa ta’u malee, haala jireenya isaanii fi jireenya saba isaanii, keessattuu rakkinaa fi badaddina ummata Oromoo, yeroo walbira madaalanii ilaalan jireenyi isaanii nama qullaa karabaataa hidhatee adeemu isaanitti fakkatte. Jireenyi isaaniis hiikaa dhabe. Kanaafis umurii dargaggummaa irraa jalqabee hanga lubbuun isaanii dabartutti waan dandahan gochaa turan. Gochaa kana keessatti- jalqaba jireenya firaa fi saba isaanii foyyeessuuf akka nama tokkootti waan tokko tokko gochuu eegalan.

Waan dalagan keessaa hanga xiqqoo maqaa dhahuuf: baankii hojjetan keessaa horii baasanii namoota rakkatoo Waajuu keessaa fi naannoo jiraataniif hiranii akka hoolaa, handaaqqoo, dhadhaa fi kkf nagadanii bu’aa argatan; horii liqeeffatanimmoo akka baankiitti deebisan gochaa turan. Abbaan isaanii, Qanyi Azmaachi Mokonnoo, mana barnootaa Waajjuu fi Dabre Tsigee keessatti bananii turan. Obbo Baqqalaan, namootni naannoo sanaa ijoolleen isaanii akka mana barnootaa kanatti geessanii barsiisan gochaa turan; bakka nagadaa (gabaa) abbaan isaanii Dubar keessatti dhaabaanii turan namootni akka dhimma itti bahanii jireenya isaanii fooyyessan carraaqqii guddaa godhaniiru. Kun hundi jireenyaa fi mirga ummata isaanii, akka isaan barbaadanitti jijjiiruu akka hin dandeenye, waan hubataniif haala foyyaheen ummata isaanii gargaaruuf yaaduu jalqaban. Utuu kana yaadaa jiranii warra waldaaa Maccaa fi Tuulamaa bu’uuressaan, Obbo Hailemariam Gammadaafaa, waliin wal quunnaman. Marii isaani wajiin godhetan. Kuni obbo Baqqalaa hedduu gammachiise. ‘‘Dhuguma Waldaa kana keessatti qooda fudhadhee fedhii fi kaayyoo kiyyaa bakkaan gahuun nan dandhaha’’ jedhanii waldaa kana dhaabuu keessatti qooda guddaa taphatan.

Akka lakkoofsa Itiyophiyaatti bara 1955 waldaan Maccaa fi Tuulamaa ifatti erga dhaabbatee jalqabee geggeessitoota kaan waliin onnee fi murannoo dhan guutuu Oromiyaa keessa naannawanii ummata dammaqisuu fi ijaaruu dhan bakka hedduutti damee Waldaa Maccaa fi Tuulamaa dhaaban. Akka lakkoofsa Itiyophiyaatti bara 1959 waldaan Waccaa fi Tuulamaa guddatee guutuu Oromiyaa keessa sochoosuun waan sodaachiseef mootummaan yeroo sanaa obbo Baqqalaa dabalatee hoggantoota waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti hidhaa waggaa 10 hanga adabaa du’aa isaanitti murteessee gara mana hidhaa ‘Alem Beqqanyi’ jedhamutti darbataman.

Obbo Baqqalaan hidhaa isaanii xumuranii erga bahanii booda intala- intala bulchaa (Baalabbaata) wallaggaa, Kumsaa Morodaa, kan ta’an adde Atsede Habtemariame fudhanii ilma isaanii Kumsaa Baqqalaa dhalchan.

Obbo Baqqalaan bara 1991 yeroo mootummaa cehumsaa dhaabbatee ture Adda Bilisummaa Oromoo simatanii qubsiisuurraa eegalanii koree manguddootaa qindeessuu dhan naannoo adda addaa deemanii ummata barsiisaa fi ijaaraa turan. Obbo Baqqalaan akka lakkoobsa Awurophaatti bara 1992, biyya isaanii keessa jiraachuu irratti rakkina waan taheef biyya Ingilizi seenanii, magaalaa London keessa waggaa 24 jiraatan. Biyya Ingilizi yeroo jiraatan firoota fi ilmaani firoota isaanii walitti sasaabuu dhan maatii guddaa uumanii; firaa baayyee horatanii jireenya hedduu nama gammachiisu dabarsan.

Obbo Baqqalaan erga biyya Ingilizi seenanii hujiin isaaniii inni guddaan QBO jabeessuu, ummata Oromoo tokkoomsuu, gorsuu fi barsiisuu ture. Obbo Baqqalaan dargaggoota hedduu qabsoo bilisummaa Oromootti fiduu, qaruu fi jajjabeessuu keessatti gahee guddaa taphachaa turan. Kallattii dhan koree ABO biyya UK keessatti qooda fudhatanii Abbaa Dinagdee tahuu dhan qabeenyaa dhaabaa amanamuummaa fi qusannoo dhan qabanii hujii dhaabaarra oolchaa kan turan amanamaoo turan. Kanatti dabalee sagalee Oromoo ukkamfamee ture mootummaa Ingilizii fi biyyoota kaanitti dhageessisuuf hiriira ummataa qindeessuu fi keessatti qooda fudhatuu dhan utuu hin hifatiin waggaa 24 falmaa turan. Obbo Baqqalaan qorra, cabbii, bokkaa fi aduu utuu hin sodaatiin hiriira bahuu, hawaasa Oromoo ijaaruu, gorsuu, ebbisaa kan turan hangafa Oromoo ti. Akkasumas waajjira mootummaa biyya Ingiliziitti deddebi’anii rakkina Oromoo ibsaa turan. Itti dabalees walgahiilee Oromoo biyya Norway, Germany, Belgium fi USA irratti argamanii barnootaa fi gorsa bal’aa ummata Oromoof kennaa kan turan abbaa fi barsiisaa guddaa turan.

Obbo Baqqalaa kan isaan dheekkamsiisuu fi nama waliin walitti isaan buusu waan tokko qofaa ture. Innis firaa fi sabni isaanii yeroo miidhaman arguu ture. Kanaaf umurii isaanii guutuu mirga lammii fi saba isaanii falmaa turan. Hujii Obbo Baqqalaa kan adda taasisu keessaa inni guddaan cichoomina kaayyoo kan hin dhumne qabu ture. Amanamummaa fi qulqulluummaan sabaa fi lammii isaaniif qaban daangaa hin qabu ture. Akkasumas, yeroo hundaa hamilee guutuu qabaachaa turan Hanga daaqiiqaa lubbuun isaanii baatuutti dararama Oromoof quuqamaa, ilmaan Oromoo yeroo ammaa ajjeefaamaa jiraniif yaaddawaa turan.

Obbo Baqqalaan bara jireenyaa isaanii rakkina, hidhaa fi baqattummaa obsaan keessa darban; kaayyoo dhabbataniif daqiiqaa tokkofillee utuu hin irraanfatiin, sodaan Waaqayyoo utuu isaan irraa adda hin bahiin kan jiraatan qabsaawaa Oromoo jabaa fi goota turan. Mirgaa fi kabaja sabaaf jecha lubbuu isaaniillee yoo kennan hin jibban ture. Firaa fi saba isaaniif gaachana guddaa kan turanii dha. Yeroo gaddaa fi gammachuu maatii isaaniif; guddaa fi xiqqaaf; kuni fira dhihoo, kuni fagoo utuu hin jedhiin nama hundaaf walxiqa dhaqqabaa turan. Yeroo rakkinaa yoo dandahan kan qaban irraa hiranii, yoo dadhabanimmoo fira irraa fuudhanii nama gargaara turan.

Obbo Baqqalaa Mokonnon baatii lamaaf mana yaalaa (hakiimaa) St. Thomas jedhamee London keessatti beekamutti tajaajila irra turanii dhalatanii waggaa 86 itti Dilbata, Amajjii 15, 2008 (akka lakkoopsa Itiyoophiyaatti) adunyaa kanarraa du’aan boqotan. Guyyaa dhukkubsatan irraa jalqabee hanga lubbuun isaanii dabartutti ilma isaanii, obbollaa isaanii fi firoottan isaaniitiin akkasumas ummata Oromootiin marfamanii guyyaa tokkollee utuu dhukkubni isaanitti hin dhagayamiin utuu taphatanii fi kolfanii nagaa dhan adunyaa kanarraa godaanan.

Obbo Baqqalaa of biraa dhabuu keenyaaf gaddi guddaa akka nutti dhagayame ibsachaa ilmi isaanii fi maatii isaanii bal’aaf jajjabina akka argatan hawwina. Akkasumas, ummatni Oromoo beekaa fi goota akka Obbo Baqqaalaa of gidduu tii dhabuu irraa gaddi guddaan akka itti dhagayamu hubatamnaa dha. Garuu mul’ataa fi kaayyoon Obbo Baqqalaan ilmaan Oromoo gidduutti dagaagee mirga Oromoo gonfachiisuu yeroo itti belbelaa jiru kana waan isaan umurii ijoolluummaa irraa jalqabanii itti dadhabaa turan bakkaan akka geenyu abdii qabna.

Obbo Baqqalaan seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabatanii bara baraaf jiraatu.

Qabsawaan ni kufa qabsoon itti fufee bakka gaha!

Injifannoo ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Gurraandhala 3, 2016