Seenaa Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu (1914-1967)

Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu godina Shawaa Kaabaa Salaale aanaa Hidhabuu Abootetti Siree Madihaane’aalamii iddoo jedhamutti bara 1914 dhalate.

Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu

Obbo Birruun weerara Xaaliyaanii qolachuuf manaa ba’anii faashistoota fi baandotaan rukutamanii dirree waraanarratti kufan. Haati warraasaanis rifaatun ji’oota 3f dhukkubsachaa ega turanii booda addunyaa tanarraa boqatan. Taaddasaanis ijoollummaatti abbaa fi haadha malee hafe. Umrii kanattis akka daa’imman kaanii haadha fi abbaatti beela fi dheebuu isaa osoo hin himatin guddate. Taaddasaan faashistoota Salaale qabatan hiriyoota isaa waliin bosona seenun ba’aa gala dhoorke. Xaaliyaanonnii baandota Salaaletti fayyadamuun Taaddasaafaa to’annoo jala oolchunis hidhaaf Somaaliyaatti dabarsanii geessan.Ega hidhaa keessatti dararamaa turaniin booda xumura Waraana Addunyaa IIffaa irratti gareen Faashistootaa gaafa injifatamanii baqatan, Taaddasaan loltoota Ingilizii Faashistoota karaa Baha Afrikaatii ari’an keessatti miseensa ta’ee hiriirun dandeettii fi aarii qabuuf isaanitti argisiise.

Taaddasaan Faashistoonni hanga biyyaa baatutti goota lafa qabatee lole ture. Shaalaqaa ykn kumalaan 3ffaa Itiyoophiyaa gaafa hundeeffamu innis miseensa fi ajajaa addichaa ta’uun Shaalaqaa Baashaa ta’ee muudame. Amajjii 1934 Shaalaqaa 3ffaa irraa gara Baha Itiyoophiyaa loltoota adda Harargee jiranitti jijjiirramee itti aanaa ajajaa dhibbaa ta’ee muudame. Baruma kana Wiirtuu Leenjii Hoolotaa Gannat seenuunis barnoota loltummaa ega barateen booda hojii hojjechaa ture.Ingiliizoonni dandeettii isaa arganis leenjii loltummaa Keeniyaa Mombaasaa dhaqee akka argatuuf isa ergan. Leenjichas gaafa xumuru ajajaa shantamaa ta’uun muudame.

Waggoota sadiin booda bara 1937 wiirtichatti deebi’ee barsiisummaan tajaajilaas ture. Waggaa lamaan booda bara 1939 birgeedin 4ffaan yoo hundeeffamu shaalaqaa 23ffaa keessatti ajajaa itti aanaa ta’uun ergama loltummaa fudhate. Birgeedii 24ffaa keessattis yeroo baay’ee osoo hin turin aangon meejarummaa kennameef. Waggoota sadii fi ji’oota 8 booda ammoo birgeedii 3ffaa keessatti itti aanaa bulchiinsaa ta’uunis muudameet ture.

Humni poolisii biyyattii gaafa gurmaa’u bara 1947 Taaddasaan umriin isaa 33 ture. Umriisaa kanaanis aangoo Leetnaal Koloneelummaatin leenjisaa poolisii ammayyaa Itiyoophiyaa ta’ee nama muudamuu danda’e ture. Poolisoota daddafee qaqqabaa ykn humna addaa yeroo jalqabaatif leenjisee kan ebbisiises Taaddasaa ture.

Taaddasaan bara 1951 aangoo guutuu koloneelummaa argate. Waggoota 4 booda raawwii hojii barootii hojii isaatti galmeessiseen Onkololeessa 21,1955 aangoon Birgaadeer Janaraalummaa laatameef.

Hojii idilee irratti ramadame; biyyasaa tajaajiluu ciminaan hanga bara 1959; hamma mana hidhaa galutti gaggeessaan qoodasaa ba’aa turee. Hojii mootummaan alatti jijjiirramni barnootan dhufa jedhee kan amanu Taaddasaan pireezdaantii raayyaa qubee (yefidel serawit) biyyoolessaa ta’uun Oromoon akka baratuuf gumaacha guddaa taasisaa ture.

Eenyummaan Taaddasaa abbootii taayitaa Haylasillaasee tokko tokko biratti hin beekkamu ture.Dhalataa Manzees isa se’u ture jedhama. Muummicha ministiraa sirnichaa kan ture Akliiluu Haabtawaldis Taaddasaa Birruu mana isaatti yaamee irbaata nyaachaa osoo jiranuu,“Taaddasaa ati ummata hundaan baradhaa baradhaa jetta. Keessattuu Oromoon, akkanattuu akka galaanaa baay’atu.Ummanni Oromoo akka baratu gorsuun gaarii miti. Nuti ummata kana bituuf waggoota 100 nutti fudhateera.Ati isa waggaa 100 abbootin keenya itti dadhaban guyyoota muraasatti bishaan nyaachisuufi. Yoo baratan lammiilen kun nuuf waan hin ajajamneef barnoota dhoorkun ammoo gaaffii mirgaa akka hin gaafanne godha.Kanaaf of eeggannoo godhi; isa baradhaa baradhaa jettu kanas itti yaadi.” yoo jedhuun miirri Taaddasaa Oromoof dhiyoo ture tuqamee madaa’e.

Taaddasaan irbaata mana Akliilutti affeerrame dhiisee nan jarjaraan biraa ba’ee deeme.Dubbiin waraana lafa jalaa jibbiinsa Oromoorrattigaggeeffamu Taaddasaa teessisuu waan dhoorkef ifaa ifatti qabsoo jalqabe. Waldaan Maccaa fi Tuulamaas akka jajjabaatuf halkanii guyyaa hojjechaa ture.

Gochaan gaarii fi gootummaa isaa gaafa leellifamaa deemu sodaan kan guutame mootummaan Haylasillaasee Taaddasaan akka to’annoo seeraa jala oolee ragaan itti funaannamu ta’ee raga sobaatin adabbiin du’aa itti murtaa’e.

Taaddasaan biyya keessattis ta’e alatti dhagayamtummaa fi beekamtii qaba waan tureef dubbichi dubbii biraa nutti kaasan murtoo hidhaa umrii guututti jijjiirun akka hidhaan dabarsu itti murteessan.Hidhaadhaa yoo gadi lakkifamu namoota gurmeessee hidhannootti seene. Haata’uutii duuka buutota hedduu kaayyoo isaa har’a ifa ba’e hubachuu danda’an hamma barbaade horachuu hin dandeenye ture.

Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Koloneel Hayiluu Raggaasa

Suuran kun gaazexaa Addis Zaman kan Gurraandhala 1967 maxxanfame irraa kan fudhatame. Gaazexichi suuraa gootota kanneenii kan qabatee ba’e maqaa isaanii xureessuf ture.Akka goototiin kanneen Dargiin lafa qonnaan bultootaf hiruu isaa morman fakkeessee qabamuu isaanii ittiin beeksisuuf ture.Kaayyon qabsoo isaanii garuu Oromoo bilisa baasuf ture, miseensota Maccaa fi Tuulamaatti fayyadamuun ummata bira ga’uun.

Janaraal Taaddasaa Birruu yeroo sana Baha Oromiyaatti qabsoo jalqaban; adda qabsoo lammaffaa jiddugala Oromiyaatti banuuf namoota 15 hin caalle of duuba kaasanii ji’a Amajjii keessa bara 1967 bosona lixa Shawaa seenan.

Maccaafi Tuulamni garee siyaasaa kamiifuu ta’e amantaaf kan hin qoodne ture. Miseensonni waldichaas siyaasa fi amantaan kan hin qooddamne turan. Ogeessi loltummaa jabdichi Leeftinaant Jaagamaa Keelloo, Pireezidaantii Itiyoophiyaa Girmaa Walda Giyoorgiis, Dooktar Nagaasoo Gidaadaa, Dooktar Moggaa Firdiisaa, Hayilasillaasee Waldiyaa, Abbaa biyyaa Abbaa Joobir, Galaasaa Dilboo, Leencoo Lataa fi kanneen biros hundeessitoota waldichaa keessaa warren jalqabaa ta’uun ni dubbatama.

Maqaa waldichaatin gaaddisa tokkummaa jalatti hiriiranis siyaasan garuu dhumarras ta’u jarri tokkummaa yaadaa hin qaban ture. Kanaafis seenaa tokkoon tokkoon isaanii ilaalun ni danda’ama.Ani garuu maxxansa kana keessatti hunda ilaaluu baadhus seenan isaanii agarsiistuu akka ta’uu fi waanan ka’eef akka naaf gabbisu qofan muraasa isaanii keessaa fudhee ilaala.Fulduratti garuu qabsoo Oromoo keessatti hunda ilaalun dirqma ta’a.

Waldaan Maccaafi Tuulamaa Oromoon akka wal jaalatee tokkummaan dhaabbatu, seenan isaa akka gabbatu, aadan isaa akka dagaagu fi afaan isaa akka sirnaan beekamtii argatu ciminaan hojjeteera.Ummanni Oromoo cunqursaa garee biyyattii keessa ture muul’isuun akka cunqursaa sabaatti akka hin fudhatamneef hojii guddaa hojjeteera.Amma ammaatti mallattoon paartilee siyaasaa Oromoo bakka buuna jedhanii socho’an marti isaanii, asxaan itti fayyadaman Odaa akka ta’uu Waldaan Maccaa fi Tuulamaa adda durummaan hojjeteera.

Jeneraal Taaddasaa Birruu fi miseensota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti ragaan maqaa isaanii xureessu sobaan irratti gurmeeffamee yoo hidhaman inni jalaa miliqee ega harkaa ba’een booda, jalqaba iddoon itti hidhaman Finfinneetti ture. Itti aansees Galamso Harargeetti hidhaan isaa ta’e.

Qabsoo ummata Oromoo yeroo sanii waliin wal qabatee Waldaan Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka hangafaatti ilaallamuu isaa eenyuma jalaa waan dhokatu miti.Waldaan kun yeroof maqaa wal gargaarsaatiin ejjennoo haa jalqabu malee, yeroon booda ejjennoo siyaasummaa qabachuun qabsoo ummata Oromoorratti xiyyeefanno isaa cimsachaa deemeet ture.

Waldaan Wal gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa yeroo sanatti, sanyiin Oromoo ta’anii qondaaltota sirna mootummaa Haylasillaasee keessatti iddoo garagaraa hojjetaniif gaaffii miseensummaa dhiyeessaniif keessaa B/J Taddasaa Birruun isa tokko ture. Jalqabarratti akkuma miseensa loltoota Ingilizii keessa jijjiiramee dhufeen, sirni mootummichaa dhugumaan ummata Oromoof waan dhaabbate itti fakkatee, yoon miseensa waldaa kanaa ta’e, ilaalchi qooddaa sabaa ummamuu danda’a, jechuudhaan shakkee akka dide ni dubbatama.

Muummicha ministeera yeroo sanii Akiliil Hatewald, B/J Taddasaa Birruu irbaata mana isaatti afferee osoo taphachaa jiraanuu Taaddasaaf akeekkachiisni laate yaada isaa akka jijjiiru isa taasise.Birgaadeer Jeneraal Taddasaa Birruu koree duula qubee waan tureef akka ummanni oromoo baratee doofummaa keessaa bahuuf tattaaffii inni gochaa ture daraan cimaa waan ta’eef muummicha kana sodaachisuun hin hafne.Jeneralli kun Oromoo ta’uusaas waan hin shakkineef baradhaa jechuun gaarii akka ta’ee; garuu eenyu barsiisun akka irra jiraatu. Duulli raayyaa qubee guutuu biyyattii sochii jalqabame ture.

B/J Taddasaa Birruun akka Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti miseensummaan dabalamuuf karaa bal’aa kan baneef dubbii doorsisoo muummicha ministeera yeroo sanii Akiliiluu Hatewaldi.Sana boodas, miseensummaaf onnee guutun eeyyamamee, dhugaa jirus baasee miseensota waldichaatti hime.Jecha muummichi ministeera sun jedheen eeruudhaan, “Wuskiin fuuldura kootti buufamee jiru dhiiga natti fakkate.Gonkumaa miirakoo to’achuu waan hin dandeenyeef, wuskiin naaf buufame ammoo ani bar qorichaan fudhachaa jiraam, kanaafuu hin dhugu jechuudhaan dhiiseen bahe.” jedhanii akka turaan ni yaadatama.

Bara 1966 keessa waldichi akkuma tasaa gara sochii siyaasa ol’aanaatti cee’uu isaatin miseensota lakkoofsan hedduu ta’an horachuu danda’e. Jijjiramni dhufe kunis bu’uurri isaa haasawa dadammaqiinsaa B/J Taddasaa Birruun taasiseeni.

Haasofni Jeneraalichaa waa’ee muummichi ministeeraa , abbootii taayitaa mootummaa kan turan, loltoota sadarkaa ol’aanaa gahanii fi Oromoo gara dhaabbilee barnoota ol’aanoo galan lakkoofsi isaanii akka hir’atu kan jedhu bakka Jeneraalli kun jirutti wal gahii gaggeeffame irratti ibsamuu isaas eeraniit turan.

Yeroon booda shira abbootiin taayitaa ol’aanoo mootummaa Haylasillaasee qopheessaniin B/J Taddasaa Birruu fi ajajaa dhibbaa Maammoo Mazamir, namoota lakkoofsan 7 ta’an waliin gara mana hidhaa “Alem Baqqanyitti” darbataman. Xaxoo fi yakka B/J Taddasaa Birruu fi jaallan isaa hafan ittiin himatamaan, heera mootumaa diiguudhaan, tokkumaa ummata Itoophaa yeroo dheeraa cimee ture kan fashaleessu holola sobaa oofuudhaan ummata jeequmsaaf kakaastan. Bakka wal ga’ii hundatti uummata mootummaarratti meeshaa waraanaa qabatanii akka kaka’aan Taaddasaan yoo dubbatu, kanneen hafaan immoo ajajaa fi yaada isaa irratti walii galaniiru.

Himata Birgaadeer Janaraal Taddasaa Birruu fi jaallaan hafaan irratti qindaa’eef Jeneraalli kun callisee ilaalun hin teenye. Iyyata,“Bilisummaa ummata tokkoo wantootni guutuu akka ta’u godhaan baay’ee ta’aan illee, qabxii guddaan garuu seera baheen murtii madaallamaan wal qixa fayyadamuudha. Carraa koo haa ta’uu, yookaan waanaan sanyiidhaan adda ta’eef yoo ta’e garuu hinbarre.

Dur Itoophiyaanonni kanneen biroo hanga har’aatti seeraan ajaja Girmaawii mootii mootichaan kennamutti fayyadamaa turan. Anaaf waan kun hin fayyadne. Himatamuu fi hidhamuun koos na gaddisisuu irra darbee warreen ana fakkatan illee abdi kan kutachiisudha. Heera mootummaa keeyyata 3 (a)irratti akka ibsutti muuduu fi angoo irraa buusuu kan danda’u mootii mootichaa qofajedha.Seera adabbii lakk.126 gulantaan kan mulqamu ajaja mana murtitiin jedhee lafa kaa’a.

Kan koo garuu kanaan ala aangoo himattota kiyyaatiin qofa gulantaan koo akka waan narraa mulqameetti ummata Itoophiyaaf gazexaadhaan ibsame.Kunis kan ibsu seerri anaaf kan hin hojjenne ta’uu isaati.Hanga har’aatti qondaaltootni aangoo anaan walfakkatu qaban “Alem baqqanyitti” hidhamanii hin beekan. Anarratti garuu dabni kun narratti rawwate. “Alem baqqanyittan” hidhameeargama.

Daba kanas kabajamoo mana murtitti iyyadheen achitti hidhamuun kee sirridha jedhamee murtiidhaan akkan jiru ni yaadatama. Barumsaan kan duubatti hafan sabni Oromoo akka baratu waanan godheef saba addaan qoodde jedhamee dhimma bu’uura hin qabne; kaniin ani hin hojjetin, har’a jaarraa 20ffaa keessatti yeroo ummanni addunyaa hundi sanyiidhan, amantiidhan, gosaan fi saalaan osoo wal hin qoodin tokkumaa isaanii cimsatanii gara fuulduraatti tarkaanfataa jiraan kanatti ana irratti yaadni akkanaa dulloomaan kun, ummata amma jirus ta’ee,dhaloota dhufu osoo hin gaddisisin kan hin hafne.” jechuun qabxiilee kanaa fi kanneen kana fakkatan hedduu barreessudhaa gara mana murtii ol’aanaa yeroo sanaatti dhiyeeffateera.

Manni murtii Ol’aanaanis, ragaan qabaan murtii isaa murteesse. Murtiin kunis miila qabsoo ummata Oromoo yeroo sanatti madeessera. B/J Taddasaa Birruu fi Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazamir du’aan akka adabamaan, Kanneen hafan ja’an ammo hidhaa cimaa waggota gara garaatiin akka hidhaman irratti murtaa’e. Murtiin obbo Hayilamaaryaam Gammadaa, sababa dhukkubsatani mana yaalaa jiraniif bira darbamee yeroon booda akka irratti murteessaan walii galan.

Murtii du’aa kan mirkaneessu ykn raggaasisu mootii Haylasillaasee waan tureef, kanneen biroo akkuma jirutti mirkaneessee, kan B/J Taddasaa Birruu murtii du’arraa gara hidhaa umri guututtijijjiirame. Jeneraal fonqolcha mootummaa Hayla Sillaasee irratti Muddee 5 bara 1953 gaggeeffame ol’aantummaadhan kan fashaleesse waan ta’eef, isa akka olmaatti lakka’eetis jedhama.

Murtiin Maammoo Mazamir akkuma itti cimetti itti fufee, walakkaa bara 1962 mana hidhaa Finfinneetti argamu “Alem baqqaany” jedhamee waammamu keessatti akka fannifamee du’u taasifame.

B/J Taddasaa Birruu erga murtiin hidhaa umri guututti jijjirameefii gara magalaa Hararitti akka ergamee hidhamu taasifame. Baay’ee osoo hin turin mana hidhaa magalaa Hararii gara mana hidhaa Galamsootti jijjirame. Taaten kun carraa addaa Jeneraala kanaa fi ummata Oromoof uume.

Taddasaa Birruu hidhamaa amanamummaan socho’aa waan tureef, carraa ummata waliin wal argee qabsoo ummata Oromoo bifa haaraa ta’een fininsuu eegalu argate. Haalli gaarin ummameef tokko ummanni Harargee yeroo sana qabsoo diddaa gabrummaa finiinsaa turan waan jiraniifi ture. Keessattu gootichi ilmi Oromoo Elemoo Qilxuun bosona Carcar galuudhaan lammi isaa waanjoo gabroomsaa jalaa baasuuf tattaaffii cimaa gochaa yeroo jiru ture. B/J Taddasaa Birruu qunnamtii isaa dhoksaan Elemoo Qilxuu waliin gochaa, ummanni naannoo sanii ammoo akka barataniif gorsaa ture.

Akkuma yeroo kamuu ummata Oromoorraa dhalatee yookin nyaatee guddatee maqaa Taaddasaafaatin daldalatee bu’aa buufachaa kan ture hedduudha. Taaddasaafaan ummataaf yoo qabsaa’an; aduu qurri yoo itti jijjiirramu maqaa isaanitiin hataa kan turan baay’edha. Taaddasaan waan ummata miidhu osoo hin raawwatin akkana godheen kan maqaa isaa xureessuuf yaales lakkoofsa hin qabu.

Fulbaana 2,1966 sirni H/sillaasee waan kufeef Dargiin B/J Taddasaa Birruu fi hidhamtootni biroos akka hiikkaman ajaja dabarse.Ammallee sirni Dargii ummataaf akka hin taane kan hubate Jeneraalli kun, cunqursaa yeroo dheeradhaaf ummata Oromoorra ture faccisuuf qabsoo hidhannoo filatee bosonatti galuudhaan sirna Dargii wajjiinis walfalmuu eegale.

Onkololeessa 23,1959 yaalii fonqolcha mootummaa Haaylasillaasee irrati taasifame irratti;

  1. Birgadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu, walitti qabaa,
  2. Birgaadeer Jeneraal Daawit Abdii, miseensa,
  3. Leetanaal Koloneel Alamuu Qixxeessaa, miseensa,
  4. Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir, qaboyaa’ii,
  5. Loltuu Lammeessaa Boruu, dhukaasaa matarayyeesii fi miseensa,
  6. Obbo Sayfa Tasammaa,miseensa,
  7. Obbo Daadhii Fayyisaa,miseensa,
  8. Obbo Makoonnan Wasanuu,miseensa,
  9. Obbo Hayilamaariyaam Gammadaa, miseensa ta’uun hirmaataniiru. (Taaddesee Teelee 2004:7-8)

Warreen kanneen hundi isaanii ijoollee Oromoo fi miseensa Waldaa Walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaati. Onkololeessa 12 fi 22, 1959 mana jireenyaa Taaddasaa Birruutti walga’anii mootummaa Haylasillaasee aangorraa buusuf meeshaalee waraanaas qopheeffatanii guyyaa ayyaanaa dhaloota Haylasillaasee eeggachuun balaa qaqqabsiisuuf turan. Guyyaan dhaloota mootichaas Onkololeessa 23 waan tureef baruma 1959 miseensota fonqolcha mooticharratti raawwachuuf qophaa’an galgala toora sa’aa 1:30 konkolaataa hojii Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu yaaphatanii masaraa seenan.

Kabaja ayyaanichaafis loltoonni kibuur zabanyaa agarsiisa waltajjii fi eegumsa mooraa masaraatif taasisuuf qophaa’anii turan. Loltoota kanneenis kana ajaju Taaddasaa waan tureef rakkina tokko malee dhimma ka’aniif raawwachuun isaanitti hin ulfaatu ture. Haata’uutii ajajaan eegduu masaraa loltoota miseensa lafoo 50 qopheessuun isaa waan itti himeef, ‘eegdonni biroo hin barbaachisaniitii hin ta’uun’, yaadni kaayyoo isaa fashaleessu duuban ka’ee isa gaddisiise.

Taaddasaanis jaallewwan isaa waliin manatti deebi’anii maatii isaanitti nagaa ega dhaamaniin booda gara bosonaa Subbaa; Mannaagashaa seenan. Kunis Onkololeessa 23,1959 ture. Hamma galgala Sadaasa 4, 1959ttis achuma turanii qeesii Madihaane’aalamii Mannaagashaa erguun Haylasillaasen araara uumanii guyyaa biroo eegutti ka’an.

Sadaasa 5,1959 poolisoonni miseensa nageenya mootichaa 5 xalayaa kutichaa barreeffame, kan akka meeshaa waraanaa isa harka jiru akka deebisu dirqisiisu harka ga’e. Taaddasaa Birruunis poolisootichi akka alatti isaan eegan itti himee meeshaa waraanaa fudhatee ba’uun 2 ajjeessee, 2 madeesse. Isaan miliquu danda’an yoo qawwee isaanii gatanii miliqan Taaddasaan qawwee saaman walitti guuree miiltowwan isaatif hire.

Taaddasee Teelee (2004:9) akka jedhutti Maammoo Mazammir boombii harkaa 2 fi shugguxii hidhatanii Siinimaa Finfinnee seenanii akka dhukaasa banan Taaddasaan ajajanii Sadaasa 8 bara 1959 tiikkeetii kutatee seenun ibsaan dhaamee fiilmin yoo jalqabamu boombii harkaa qabu dhoosee namoonni 21 akka madaa’an taasisee bosonatti deebi’eera. Taaddasaan bosona seenuu isaatinis eegumsi masaraaf taasifamu harka sadiin akka dabalu ta’e. Eegdonnii fi jaleewwan hoggantootaa dachaan dabalamaniiru. Balaa qaqqabuu danda’u sodaachun. Bataskaana Haylasillaasen itti waaqeffatutti hordoftoonni amantichaa gaafa seenan sakatta’iinsi cimeet taasifamaa ture.

Sadaasa 5 bara 1959 hamma Sadaasa 13 bara 1959tti bosona ganda qonnaan bultoota Meeccaa Carreechaa ega turaniin booda qabamanii mana murtiitti dhiyaatan. Sadaasa 1959 hamma Adoolessa 26 bara 1960tti falmaas turan.Turtii ji’oota 23 boodas Adoolessa 26 bara 1960 mana murtiitti dhiyaatanii murtoon irratti laatame. Murtoon laatames;

  • Birgadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu,rasaasan reebbamanii akka ajjeeffaman,
  • Birgaadeer Jeneraal Daawit Abdii, murtoo hidhaa cimaa waggaa 3n akka adabaman,
  • Leetanaal Koloneel Alamuu Qixxeessaa, murtoo hidhaa cimaa waggaa 10n akka adabaman,
  • Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir, fannifamanii akka ajjeeffaman,
  • Loltuu Lammeessaa Boruu, murtoo hidhaa cimaa waggaa 5n akka adabaman
  • Obbo Sayfuu Tasammaa, murtoo hidhaa cimaa waggaa 10n akka adabaman
  • Obbo Daadhii Fayyisaa, murtoo hidhaa cimaa waggaa 10n akka adabaman
  • Obbo Makoonnan Wasanuu, murtoo hidhaa cimaa waggaa 7n akka adabaman
  • Obbo Haylamaaryaam Gammadaa, sababii dhukkubaatin hospitaala waan turaniif yoo fayyan murtoof akka dhiyaatan ture.

Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruunis oliyyannoon mooticha fulduratti dhiyaatee murtoon du’aa akka irraa haqamee fi fonqolcha mootummaa Mangistuu Nawaay fashaleessufis oolman Taaddasaa guddaa akka ta’e itti himamee aangon Birgaadeeerummaa fi badhaasnis sanuma sababeeffachuun akka ta’e itti himamee . Lafa qonnaa isaa Carcar jirus deemee qotuun akka jireenya isaa gaggeeffatu Sadaasa 23 bara 1963 itti murtaa’e.Taaddasaanis turtii ji’oota 9n booda Fulbaana bara 1964 Carcarii Finfinneetti deebi’uun maatii ofii waliin jiraachuu jalqabe.

Mengistuu Haylamaariyaam(2004:130) akka jedhutti yaalii fonqolcha mootummaa bara 1953n booda Haylasillaasen garaa hanquu kan qabuuf miseensota Maccaa fi Tuulamaa kanneen ta’an Jeneraal Daawit Abdii,Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Shaambal Maammoo Mazammir irratti ture.

Fiqrasillaasee Wagdarras(2006:197) ammo akka jedhutti, yakkoota addaddaatin bara Haylasillaasee mana hidhaa keessa kan turan Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu fi abbaa seeraa murtii waraanaa kanta’e Koloneel Hayluu Raggaasaa Dargiin bilisa baasee osoo jiruu dhiibbaa Baaroo Tumsaatin bara 1968 bosona Mannaagashaa seenaniit turan.Taaddasaa Birruunis hawaasa toorichaa biratti fudhatama, dhagayamtummaa fi jaalala guddaa qaba waan tureef Dargiin hollateet ture.Haata’uutii garuu jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaatinis waan wal qabatuuf ciniinnatee komaandoo afaan Oromoo danda’an itti erguun duuka buutota ega ta’aniin booda Taaddasaa fi jaallewwan isaa qabanii waajjira Dargiif dabarsanii laatan.

Mootummaan Haylasillaasee Dargiin bakka gaafa bu’amu mootummaan Dargiis osoo nuwaliin hojjetteen isa affeeret ture. Gurraandhala 25 bara 1967 labsiin lafaa gaafa ba’u Taaddasaan Gurraandhala 27 deebi’ee bosona seene.

Dargiin mormiin natti baay’achuun hin hafuun Bitootessa 2 bara 1967 Taaddasaafaa qabee hidhuun Bitootessa 5 bara 1967 Koloneel Axnaafuu Abaatee fulduratti dhiyeesse. Murtoon adabbii du’aas seera malee loltoota Dargiin itti murtaa’ee, dhaaba gamootti hirkatanii akka dhaabbatan taasifamee rasaasan erga takkaa waxalamanii ajjeefaman. Koloneel Axnaafuu Abaatee booda ofumaafuu Dargiin isa nyaatera.

Taaddasaan mana ho’aa fi maatii isaa guutuu ummata Oromoof goota aarsaa kaffalee kaffalchiise. Asittis achittis yaadannoof waan jalqabbii ta’an hojjetamaa jiru. Oolmaa Taaddasaan ummata isaaf oole bakka bu’uu baatus, yaadannoof manni barumsaa sadarkaa 1ffaa Jeneraal Taaddasaa Birruu; Gullallee naannoo Inqulaal Faabrikaa, Hoteela Imbiltaa duubatti Ganna kana ijaarrameefii ebbifameera. Manni barumsichaa bara 2010ttis barnoota eegaluuf qophiisaa xumureera.

Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa Birruu yoomiyyuu goota hin irraanfatamne; abbaa qabsoo ummata Oromoo ta’ee darbeera.

Dhaaltonni qabsoo fi kaayyoo Taaddee amma; “Taaddee Birruu dur rasaasni dadhabe, har’a saanduqat gadi qabe.” jedhaniit sirbuuf.

Maddi; Seenaa Gootota Oromoo fi Kaan

Hubachiisa: Lakkoofsi guyyaa fi baraa kan as keessatti eeraman akka ALH ta’uu hubachiifna.