Seenaa Gaazexaa Bariisaa

Charinnat Hundeessaatiin

Guddina afaan tokkoo keessatti gumaachi miidiyaalee keessumaa kan maxxansaa daran olaanaadha. Miidiyaan maxxansaa afaan waaltessuufi dagaagsuuf shoora murteessaa qabaata.

Baatiin keessa jirru kun yeroo gaazexaa seena qabeessi Afaan Oromootiin maxxanfamu itti eegale waan ta’eef Guraandhalli ummata Oromoo biratti iddoo guddaa qaba yoo jedhame dubbii arbeessuu hinta’u.

Kanaan walqabatees guddina Afaan Oromoo mirkaneessuuf tattaaffiileen adda addaa yeroowwan gara garaatti taasifamaa turaniiru. Nutis dhimma kanarratti waan kitaaba Seenaafi Qabsoo Oromootaa bara 2004, Muhammad Sayid Abdulrahmaaniin barreeffame keessaa waa’ee gaazexaa Bariisaa yaadannoof isin dubbisiisna.

Tattaaffii Afaan Oromoo guddisuuf taasifame keessaa tokko gaazexaa Afaan Oromootiin maxxanfamu “Bariisaa” maxxansiisuu yoo ta’u, Gaazexaa Bariisaa maxxansiisuun kan jalqabame haala rakkisaafi dhiphaa keessatti sabboontota Oromoo kanneen akka Obbo Mahdii Muudee (Abbaa Bariisaa), Obbo Lammeessaa Boruu, Aadde Kuwee Kumsaa, Obbo Ibrahim Hajii Aliifi Obbo Immiruu Angoseefaan ni eeramu. Namoonni kunniin Fulbaana 2 bara 1968 Gaazexaa Bariisaa Finfinneetti maxxansiisuu akka eegalaniidha ragaaleen kan seenaa bahan.

Loogoo Gaazexaa Bariisaa duriifi ammaa

Bariisaan guyyaa guyyaan baramaa, guddataa, ummata Oromoo biratti jaalatamaa dhufe. Bariisaan yeroo jalqabaa sanatti habbaa (koppii) kuma 20 ol maxxanfamee raabsamaa kan ture yoo ta’u, Guraandhala 1 bara 1969 (waggaa 40 har’aa jechuudha) eddii mootummaa Dargiitiin dhaalamee booda koppiin maxxansa bariisaa kuma shan qofatti gadi bu’ee akka maxxanfamu taasifame.

Raabsa Bariisaarratti daba guddaa raawwachuun magaalotaafi godinoota Afaan Oromoo dubbatamu kanneen akka Asallaa, Naqamtee, Harar, Jimmaafi Gobbaafa’itti koppii shan ergaa, iddoo Afaan Oromoo itti hindubbatamne kanneen akka Asmaraa, Gojjaam, Gondariifi Tigraayi fa’itti koppii 50 ergamaa akka tureedha kan himamu.

Sababiin Gaazexaaan Bariisaa mootummaadhaan dhaalameef waantota lamaafi. Kan duraa fandiin gaazexichi ittiin maxxanfamu sabboontota Oromoorraa koree qindeessituu ta’anii kan sassaaban namoota Dhaabbata Gaazexaa Bariisaa keessa hojjetan waan ta’eefi. Kan lammataa ammoo namoonni dhaabbaticha keessa hojjetan agarsiisa aadaafi muuziqaa godinaalee Oromoo jaha irraa walitti fidanii sirboota Oromoo agarsiisuun ummata Oromoo kan dadammaqsan waan ta’eef haaloo bahuuf akka ta’e himama.

Bariisaan hojii ilmaan Oromoo tokkummaafi bilisummaa akkasumas afaan, aadaafi seenaasaanii dhokate mul’isuuf tattaaffii taasisan irratti waltajjii ta’uudhaan Oromoonni yaadasaanii hamma danda’amutti akka waljijjiiran gargaareera.

Gaazexeessitoonni Bariisaa koree tokko dhaabanii hojii obbolummaafi tokkummaa ilmaan Oromoo mirkaneessan hojjetaniiru. Hojiin seenqabeessi “Agarsiisa sirbaafi aadaa Oromoo” kan bara 1977 Magaalaa Finfinnee keessatti mul’ate tokkummaa Oromoo jabeessuu waan wixineef nafxanyoonniifi diinonni Oromoo kan birokraasii mootummaa Dargii keessa turan haalaan rifatanii Gaazexaan Bariisaa mootummaa Dargiitiin akka dhaalamu murteessan.

Dhalachuu Bariisaatiin ilmaan Oromoo hiree walaloo ifatti barreessuufi maxxansuu yeroo duraatiif argatan. Walaloowwan Bariisaarratti maxxanfamanii bahan waa’ee cunqursaa siyaasaafi dinagdee Oromoorra gahu, waa’ee walcaalchisa sabootaafi sablammoota mootummaa biyya bulchaa tureen raawwatamu, waa’ee dhiibbaa afaan, aadaafi seenaa Oromoorra gahu kan ibsan turan.

Akkasumas waa’ee walqixxummaa, waa’ee afaan ofiitiin barachuufi hojjechuu, waldhaansootti cimuufi bilisummaa Oromiyaatiif loluufi kkf of keessaa qaba

Dhimmoota Gaazexaa Bariisaarratti maxxanfaman keessaa haalaan kan jaalatamaa ture walaloodha. Mahdii Hamid Muudee walaloowwan gaazexicharratti bara 1975 hanga 1977tti maxxanfaman keessaa kitaaba, “Walaloo Bariisaa” jedhamu bara 1996 maxxansiisaniiru. Xalayoota baroota 1968fi 1969 bahanis kitaaba, “Xalayoota Bariisaa” jedhamuun maxxansiisaniiru.

Asxaa Bariisaa bara ammaa

Gaazexaan Bariisaa xalayoota dubbistootarraa ergamaniif qabatee bahuun ummata Oromoo walqunnamsiisaa tureera. Bariisaan bara Oromoon hacuucamaa turetti ilmaan Oromoo mirga ofiitiif falmachuurratti akka onnatan, aadaa, afaaniifi seenaa ofiitiin akka boonan barsiiseera.

Walumaagalatti Gaazexaan Bariisaa ilmaan Oromoo hundi obbolummaafi tokkummaa ofii jabeeffatanii mirga ofii gonfachuuf waldhaansoo cimaa adeemsisuun akka cunqursitoota ofirraa darbataniif waltajjii ta’ee tajaajileera.

Gaazexaan Bariisaa amma, yeroo sirni cunqursaa hundeedhaa hunkutaa’ee sirni walqixxummaa, dimokraasii mirga afaan ofiitti fayyadamuun aadaafi seenaa ofii dagaagfachuuf ulaa bane diriiree asis tajaajilasaa ittifufeera.