Seenaa Gabaabaa Gaazexessaa Kumaa Eda’ee (1927-2009)

Kumaa Eda'eeGaazexeessaa hangaftichi Oromoo, Kumaa Eda’ee abbaasaa Obbo Eda’ee Yaaddechaa haadhasaa Aadde Dastaa Cuqqaalaarraa Waxabajjii 12 bara 1927 Magaalaa Duukam, Ganda Xaddachaa jedhamutti dhalate.

Gaazexeessaa Kumaan Yommuu umriinsaa barnootaaf gahu (bara 1934) Mana Barumsaa Odaa Nabee Sadarkaa 1fa Magaalaa Duukamitti argamutti kan hordofe yoo ta’u, sana booda Magaalaa Finfinneetti imaluun Mana Barumsa “Lise Aliance France”tti Faransaayiffa barateera. Bara 1944 Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaatti hojjataa mana galmee ta`uun hawaasasaa tajaajileera.

Wayita mana galmee keessa hojjachaa turetti hacuuccaa saba Oromoo irra gahaa jiru kitaabota adda addaarraa dubbiseef waa`ee dhiibbaa yeroo sana ture hubachuuf carraa argatee ture.

Bara 1947 gara Ministeera Eegumsa Fayyaatti jijjiiramuun biyyaafi ummatasaa kan tajaajile yoo ta’u, yeroo sanatti carraa gaazexaarratti yaadasaa ibsachuu waan argateef barreeffamoota adda addaa qopheessuun hirmaataa tureera.

Du`aan boqochuu ilma Mootii Haylasillaasee, Li`ul Mokonnon sababeeffachuun ibsi gaddaa gaazexaa irratti bahaa waan tureef, Gaazexessaa Kumaa Ida`ee namoota biroo waliin ta’uun yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin walaloo gaddaa gaazexaarratti baasaa turaniiru.

Gaazexeessaa Kumaan kitaabota Amaariffaa baay`ee kan barreesseefi hiike yoo ta`u; kanneen keessaas bara 1952 kan barreesse, “Godoloo Firee Bisiluu Xiree, Duukam Baciisanyinnat, Yalij Xabaayi Abbaatuun Masaayi” (kan Ingilifarraa hiikame)fi ‘Hamma haa madaatu’ jedhaman ni eeramu.

Kitaaboleesaa keessaa “Godoloo Firee Bisiluu Xiree” jedhamuun eenyummaasaa ibsuuf maqaa “Kumaa Za Biheera Duukam” jedhuun dhiibbaa mirgaa yeroo sana sabootaafi sablammootarra gahaa ture malaan dabarsuu danda`eera. Kitaabni “Hamma haa madaatu” jedhu yeroo sanatti seenaa gooticha Oromoo Jeneraal Taadasaa Birruu dhoksaan karaa itti ibsuu yaalameerratti kan xiyyeeffatuudha.

Kitaabota waa’ee Gadaa Tuulamaa, seenaa Dukam kan waggaa 100fi pirofaayiliisaanii barreessanii fixanii maxxansiisuuf qophiirra turan.

Bara 1965 Magaalaa Hararittiifi bara 1967 Magaalaa Finfinneetti sagantaan Raadiyoo Afaan Oromoon kan tamsaasa jalqabe yoo ta’u, yeroo sanatti Gaazexeessaa Kumaan, Haashim Adamiifi Tamasgeen Gammadaa wajjin jalqabuun guddina Afaan Oromoo keessatti guddaa gumaacheera.

Gaazexeessaa Kumaan bara 1976 hanga bara 1982tti Minsiteera Beeksisaa damee Haraargeefi Dhaabbata Raadiyoo Hararitti ittigaafatamummaan hojjateera.

Bara Mootummaa Dargiitti Ayyaana Irreechaa sagantaa Raadiyoodhaan akka darbu taasiseera. Ta’us, waa`ee Ayyaana Irreechaa barreessuusaaniitiif gaazeexoota hedduu mormiin irratti dhiyaatus, qalamasaatti fayyadamuun injifannoon keessa darbuu danda’eera.

Gaazexeessaan wayita mirgi ofiitiin fayyadamuun eegalametti, bara 1983 soorama kan bahe yoo ta’u, hawwii guddina aadaafi seenaa sabasaanitiif qabuun yeroo gabaabaaf kaffaltii tokko malee tajaajila ogummaa kennaa tureera.

Guddina aadaafi seenaa Oromootiin walqabatee hanga lubbuun turetti waltajjiiwwan guguddoorratti haala eenyummaa Oromoo ibsuun maanguddummaan eebbisaafi tajaajiloota adda addaa kennaniiru. Akkasumas ijaarsa siidaa Odaa Nabee Magaalaa Duukamitti argamu keessatti adda durummaan hirmaataniiru.

Hojii guddaa Gaazexeessaa Kumaan wayita lubbuun jiru raawwate kan hubatan Yunivarsitoonni Asallaa, Jimmaafi Adaamaa waa’eesaaniirratti hojjetaa turaniiru. Keessumaa Yunivarsitiin Jimmaa barana digrii doktareetii kabajaa kennuufiin qophii gochaa tureera.

Gaazexeessaa Kumaa Ida`ee guddina afaan, seenaafi aadaa Oromoo keessatti gahee olaanaa gumaachaa ture dhukkuba tasaa isa mudateen umriisaa 83tti Fulbaana 25, bara 2009 du`aan addunyaa kanarraa boqoteera.

Sirni awwaalchasaas bakka hiriiyoonni, firoonniifi jaalattoonnisaa argamanitti Fulbaana 27, bara 2009 Bataskaana Madanaalamii Duukamitti raawwatameera.

Gaazexeessaa Kumaa Ida’ee bultii kan qabuufi abbaa ijoollee 14 turan.

Kutaan qophii Gaazexaa Bariisaas Gaazexeessaa Kumaa Eda’eetti biyyoon haa salphatu jechaa maatii, firoota, dhibantootaafi hiriyootasaatiif jajjabina hawwa.

Odeeffannoo kana akka argannuuf daran kan nu gargaaran obboleessa Gaazexessaa Kumaa Eda’ee, Obbo Jagnaa Eda’eefi Obsan Dabalee (Waajjira Dhimmoota Komimikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Duukamirraa) guddaa galateeffanna.

Barruu kana gaazexaa Bariisaa irratti kan qopheesse Charinnat Hundeessaa ti; barri lakkkoofsaa kun akka warra Habashaatti kan kaayame.

Madda: Gaaxezaa Bariisaa