Seenaa Gabaabaa Weellisaa Jireenyaa Ayyaanaa

Jireenyaan Abbaasaa Obbo Ayyaanaa Garbaa Barbariifi Haadha isaa Aadde Jaliilee Calqaa irraa Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Gabaa Jimaataatti dhalatee guddate. Abbaan isaa balbala Jomottoo keessaa kan argame yommuu ta’u, harmeen isaa Udoo
warra Calliyaa irraa dhalatte. Jireenyaan maatiisaaf ilma angafaa yoo ta’u obboleessa dhiiraa tokko Magarsaa kan jedhamuufi obboloota dubaraa sadii (Ayyaantuu, Xurunee fi Hinkooshee ) Ayyaanaa kan jedhaman qaba.

Ijoollummaa irraa kaasee jireenyaan nama eenyummaasaa iaallatuufii Oromummaasaan boonu ture.Dubbii dabaaf tole kan hin jenne goota ija ibiddaati. Waa’een eenyummaa kan isa quuquu jalqabe gaafa abbaansaa barnoota akka baratuuf gara Qeesii ykn Luba tokkootti isa erguun akka baratu yaalu jalqabe.Akkuma deemeen Jireenyaan Qeesii (barsiisaa) kana waliin walii galuu dadhabe. Kunis lubichi waan Afaan Oromootiin hin barsiifneef maaliif Afaan ani beekuun na hin barsiiftu? Yaada jedhuun Qeesii waliin wal dhabuu jalqabe.

Barsiisaan kunis akkamitti gurbaan hammana geessu kun dubbii akkasii nagaafatti jedhee yeroo hunda Jireenyaa reebuufi jecha hamileesaa
tuquun arrabsuu eegale.Jireenyaanis arrabsoofi reebicha kana obsee barachuu hin dandeenye. Guyyaa tokko barsiisaan kun akkuma amalasaa Jireenyaa ifatee dareedhaa baasuuf yommuu yaalu, Jireenyaa aariidhaan dhagaa lafaa fuudhee mataa barsiisaa sanaa lamatti baasee arrabsamaa barachuurra barnoota dhiisee gale.

Jireenyaan jaalala abbaasaa dhandhamatee utuu hin quufiin abbaansaa tasaa dhukkubsatee ijoollummaatti irraa duunaan Jireenyaan itti gaafatamummaa maatii abbasaa fudhachuun obbolaan guddisuutti ka’e.Hojii garaagaraa hojjechuun haadhasaa gargaaruu itti fufe. Barnoota galee takka dhiisaa takka itti deebi’aa hanga kutaa kudhaniitti baratee xumure. Jireenyaan aadaafi seenaa Oromoo baruufis fedhii guddaa qaba.Kanaaf oolmaansaa jaarsoliifi maanguddoota waliin ture.

Barreessaan barruu kanaa Jireenyaa Ayyaanaaf Jalaala fi kabaaja guddaa qaba. Sababa kanaaf, yeroo adda adda Artistoota Oromoo biyya ambaa jiraan irraa waa’ee isaa qorannaa gochaa ture. Akka kanaan waa’ee Jireenya Ayyaanaa waan tokko lama barreessee kaayuu jalqabe. Akka kanaan guyyaa tokko wellisaa Daagim Mokonnin Finfinnee itti argee turti daqiiqa muraasa waliin godhe.

Yeroo san kessaa itti waa’ee Jireenyaa Ayyaanaa nama akkami akka ta’e irraa iyyaafate. Waan har’aa beekuu baatuus, yeroo duraa santti Jireenyaan qaama waldaa Maccaa fi Tuulamaa kan ta’e Baandii Gadaa jedhamu keessa hojjachaa ture.wallistooti inni waliin hojjataa tures, kan akka Zarihuun Wadaajoo, Ebbisaa Addunyaa, Geetuu Lammii, Zeenuu Mohammad, Umar Sueeman , Yooseef Gammachuu, Abaabaa Abbishuu, Tottoobaa Taddasaa, Aadam Haruun, Abdii Qophee, Rayyaa, Abbaa Maccaa, Shaabee Sheekoo, Shoolee Tafarii, Jawwee Booraa, Birratuu Lammaa, Mulgeetaa Garramuu, Ilfineesh Qannoo, Muktaar Usmaan, Daawwite Mokonnin, Alii Shaboo, Adinaan Mohammaad, Addisuu Furggasaa, Halloo Dawwee, Usmaayyoo Musaa, Haayiluu kitaaba, Biqilaa Guyyootaa, Hirphaa Ganfurree, akkasumaas addaati yeroo adda addaa sirbaa waliin sirbu irrati kan waliin beekamaan ture.

Wallee Jireenyaa keessaa kan akka Gooti barroodee lagaan jedhani kan wal jala qabuun sirbaan, sirba cidhaa fi wallee Waaraqsaa kan waliin itti beekam har’aa lammaan isaani waliin kaaseti baasuun Ummata isaan gumaachani garuu karaa naannawaas ta’e karaa cinaa gala (directly or indirectly) kan sabaaf lubbu kennaan ture. Wallisooti gariin har’a lubbuu dhaan hawwaasa isaani waliin jiraachuu baatanillee, seenaan isaan yaadata; hojiin isanis  kan dagatamuu miti. Wallistooti gariin raasaasa dinaan kan nyaataman ture; fakkeenyaaf kana akka Wallistuu Zeenuu Mokonnin bakki dhaloota ishee Jireenya waliin bakka tokko kan ta’e yaadachuu dandeneya.

Sirboota ishe kessaa muraasa akka armaan gadii dha.

Gooti baroode lagaan ×2
Badaa Finfinnee galuuf gooti Oromoo
Xoboora baate kunoo ol arreedaa
————–
Sirba bira
WBO raasaa dagalaa
qolaate bahuufii
ABOn garaa kessaa qalatee bahuuf..
Jettu sagalee kiilolee fi na dhaggeffadhu na dhaggeffadhu jettu sanaan waliin akka turee akkasumas barreessitu, Wallistuu fi Qabsootu kan taate Wallistuu Maaramee Harqaa kaasaa, barreessitu kitaaba Gundoo Booree
Sirba ishee kessaa
Alaabaan wabii Oromoo
Janoo kulaa diidimaa
Siin bilbile siin Umee
Eenyu lubbuu si dhabaa
Qernsoota kaleessa darbatu nuuf dabarse
Kayyoon kessan yo caabde
Lafeen kessan na ha quuquu Awwaala
Kessaan caabsee……..

Sirba bira
Ya Bishooftuu horaa irreecha
Finfinnee eenyuti gad- dhisa
……
Maqaa kaasettii ishee dagaadhe jira garuu Zeenuu waliin kaasetiiti sirba waliin qabu. Yeroo sana manni Maaramee kun naannoo Dooqaa Booraa turee mucaa tokko akka qabdu dhageen jira, garuu mala godha dinnii keenya mana hidhaa Gidduu galessa qorannaa Yakka Feederaalaa (Maa’ikelaawwii), Aleem baqaanyi, fi kkf kessaati daraara guddan irra gahee isheenis mana ishee galte jiraachu hin dandeenye dhukkuba cimaan booda lubbuun ishee akka darbe dubbatu carraan warraa wal jallataan kan du’aa taate kan Jireenya garuu……
—————————–
Jireenyaa Ayyaanaa sagalee kiilolee uumaan
kenneefitti fayyadamuun sirboota aadaa
ijoollummaarraa kaasee sirbuu eegale.
Du’a abbaasaa booda jireenyaan hiriyyoota
abbaasaa waliin maabara abbaasaa dhugaa
hiriyoota abbaasaarraa aadaafi seenaa hedduu
barate.Yommuu namoonni nyaatanii dhuganii
maabara kanarratti geeraran, Jireenyaan
akkuma warra gurguddaa dabareesaa eeggatee
geeraruun abbaafi lammiisaa faarfatee namoota
garaa raasaa ture.
Booda sababa cunqursaa mootummaa Dargiitiin
jireenyi ulfaataa dhufnaan Jireenyaan qe’ee
warrasaa dhiisee hojiif gara Gimbiitti sokke.Haa
ta’u malee haalli achiis isaa mijachuu dinnaan
Finfinnee ijoollee Wasiillan isaa bira deemee
hojii daldalaa hojjechuu jalqabe.
Kufaatii mootummaa Dargii booda Jireenyaan
gara qabsoo bilisummaatti makamee gara
bakka dhalootasaatti deebi’ee hojii uummata
dadammaksuu itti fufe.
Haa ta’u malee kufaatii mootummaa ce’umsaa
booda rakkoo uumameen humna Wayyaanee
basaastota bobbaasuun isa ajjeesuuf yaallaan
ammas gara Finfinneetti deebi’ee hojii aartii itti
fufuun sirboota aadaa, seenaa,qabsoo,
gootummaafi sirboota cidhaa Albeema lama
hojjechuun gurra uummataan ga’ee jaalala
guddaa horateera.
Yeroo Finfinnee turetti Jireenyaan Diraamaa
“Dukkanaan Duuba” jedhamu kan Dhaabaa
Wayyeessaan barreeffame irratti hirmaachuun
ciminasaa mulliseera.
Sirboota isa kessa kan aadaa inni ittiin beekamu
1) sirbaa ayyaana Masqalaatti Iyooshee daraaree… Iyooshee…. Daraaree..
Emoo ya gurraaleewo kan jedhamu garuu har’aa namni baay’ee itti sirba jiru

Sirbaa isa kessaa

Ya waaqa Oromoota
Nuuf haaraamtaa laataa?
Darbaa maali dhaaqaxee?
Sa’ati waati hoongisee?
Soreeti soora Gadaa
Darbaa maali dhaaqaxee?
. ……………………
Fardaa Oromoo kan jedhamu,
Chechee ya Fardaa
Fardaa Oromoo durii
Kan Goobanaa Diiri
Obciin dakkuu hin didnee
Waqaara dhoksaanii
Du’aa Goota Oromoo garaan aaruu hin dhifne
Bekkaani dhoksaani
Che! … chee ya Fardaa…….
Karaa Baleen bu’ee Roobaan dinaa Sardaa
Abba Fardaa balee
…………….
Sirba biraa
Aleele barri keenya
Cooraa bobeesitii barri keenya
Silumaa barrii keenya.
Jirti yaartuun nama silumaa barri keenya……

Gooti baroode lagaan ×2
Badaa Finfinnee galuuf gooti Oromoo
Xoboora baate kunoo ol arreedaa
————–
Sirba bira
WBO raasaa dagalaa
qolaate bahuufii
ABOn garaa kessaa qalatee bahuuf..
Jettu sagalee kiilolee fi na dhaggeffadhu na dhaggeffadhu jettu sanaan waliin akka turee akkasumas barreessitu, Wallistuu fi Qabsootu kan taate Wallistuu Maaramee Harqaa kaasaa, barreessitu kitaaba Gundoo Booree
Sirba ishee kessaa
Alaabaan wabii Oromoo
Janoo kulaa diidimaa
Siin bilbile siin Umee
Eenyu lubbuu si dhabaa
Qernsoota kaleessa darbatu nuuf dabarse
Kayyoon kessan yo caabde
Lafeen kessan na ha quuquu Awwaala
Kessaan caabsee……..

Sirba bira
Ya Bishooftuu horaa irreecha
Finfinnee eenyuti gad- dhisa
……
Maqaa kaasettii ishee dagaadhe jira garuu Zeenuu waliin kaasetiiti sirba waliin qabu.
Yeroo sana manni Maaramee kun naannoo Dooqaa Booraa turee mucaa tokko akka qabdu dhageen jira, garuu mala godha dinnii keenya mana hidhaa Gidduu galessa qorannaa Yakka Feederaalaa (Maa’ikelaawwii), Aleem baqaanyi, fi kkf kessaati daraara guddan irra gahee isheenis mana ishee galte jiraachu hin dandeenye dhukkuba cimaan booda lubbuun ishee akka darbe dubbatu carraan warraa wal jallataan kan du’aa taate kan Jireenya garuu……

—————————–
Jireenyaa Ayyaanaa sagalee kiilolee uumaan
kenneefitti fayyadamuun sirboota aadaa
ijoollummaarraa kaasee sirbuu eegale.
Du’a abbaasaa booda jireenyaan hiriyyoota
abbaasaa waliin maabara abbaasaa dhugaa
hiriyoota abbaasaarraa aadaafi seenaa hedduu
barate.Yommuu namoonni nyaatanii dhuganii
maabara kanarratti geeraran, Jireenyaan
akkuma warra gurguddaa dabareesaa eeggatee
geeraruun abbaafi lammiisaa faarfatee namoota
garaa raasaa ture.
Booda sababa cunqursaa mootummaa Dargiitiin
jireenyi ulfaataa dhufnaan Jireenyaan qe’ee
warrasaa dhiisee hojiif gara Gimbiitti sokke.Haa
ta’u malee haalli achiis isaa mijachuu dinnaan
Finfinnee ijoollee Wasiillan isaa bira deemee
hojii daldalaa hojjechuu jalqabe.
Kufaatii mootummaa Dargii booda Jireenyaan
gara qabsoo bilisummaatti makamee gara
bakka dhalootasaatti deebi’ee hojii uummata
dadammaksuu itti fufe.
Haa ta’u malee kufaatii mootummaa ce’umsaa
booda rakkoo uumameen humna Wayyaanee
basaastota bobbaasuun isa ajjeesuuf yaallaan
ammas gara Finfinneetti deebi’ee hojii aartii itti
fufuun sirboota aadaa, seenaa,qabsoo,
gootummaafi sirboota cidhaa Albeema lama
hojjechuun gurra uummataan ga’ee jaalala
guddaa horateera.
Yeroo Finfinnee turetti Jireenyaan Diraamaa
“Dukkanaan Duuba” jedhamu kan Dhaabaa
Wayyeessaan barreeffame irratti hirmaachuun
ciminasaa mulliseera.
Sirboota isa kessa kan aadaa inni ittiin beekamu
1) sirbaa ayyaana Masqalaatti Iyooshee daraaree… Iyooshee…. Daraaree……

Emoo ya gurraaleewo kan jedhamu garuu har’aa namni baay’ee itti sirba jiru

Sirbaa isa kessaa

Ya waaqa Oromoota
Nuuf haaraamtaa laataa?
Darbaa maali dhaaqaxee?
Sa’ati waati hoongisee?
Soreeti soora Gadaa
Darbaa maali dhaaqaxee?
. ……………………
Fardaa Oromoo kan jedhamu,
Chechee ya Fardaa
Fardaa Oromoo durii
Kan Goobanaa Diiri
Obciin dakkuu hin didnee
Waqaara dhoksaanii
Du’aa Goota Oromoo garaan aaruu hin dhifne
Bekkaani dhoksaani
Che! … chee ya Fardaa…….
Karaa Baleen bu’ee Roobaan dinaa Sardaa
Abba Fardaa balee
…………….
Sirba biraa
Aleele barri keenya
Cooraa bobeesitii barri keenya
Silumaa barrii keenya.
Jirti yaartuun nama silumaa barri keenya……
Gama qabsoo bilisummaatiinis Jireenyaan hojii
gudda hojjeteera.Sirbootasaatiin hacuuccaa
sabasaarra jiru ifatti waan mormeef
xiyyeeffannoo humna tikaa keessa galuun bara
1996 humna tikaa mootummaa Wayyaaneetiin
ukkaamfamee achi buuteen isaa dhabame.Erga
gaafa sanaatii du’eef jiraan isaa utuu hin
beekamiin waggaan meeqa darbeera.

Jireenyaan saba isaatiin hojii gudda hojjeteera. Sirbootasaatiin hacuuccaa sabasaarra jiru ifatti waan mormeef xiyyeeffannoo humna tikaa keessa galuun bara 1992 humna tikaa mootummaa Wayyaaneetiin ukkaamfamee achi buuteen isaa dhabame. Erga gaafa sanaatii du’eef jiraan isaa utuu hin beekamiin waggaan meeqa darbeera.

Itti dabala Madda ragaa:

Bayyanaa Biiftuu.