Seenaa Gooticha Barataa Kabbadaa Badhaasaa (1984-2005)

Kabbadaa Badhaasaa abbaa isaa obbo Badhaasaa Irkoo fi haadhaa isaa aaddee Maammee Tulluu irraa bara 1984 A.L.O tti caamsaa 23 godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii Ganda Qonnaan bulaa Naannoo Jidduutti dhalate.

Kabbadaa Badhaasaa (1984-2005)

Kabbadaa Badhaasaa (1984-2005)

Kabbadaan dhalatee kan guddate maatii isaa biratti yeroo ta’uu hanga umrin isaa barumsaaf gahutti maatii isaa tajaajilaa ture.Yeroo daa’imummaa isaa daa’imoota olla walitti yaa’anii taphatan keessaa daa’ima simboo addaa kana jedhanii ibsuun nama rakkisu qabu ture. Kabbadaa hanguma umriin isaa dabalaa adeemuu simboon isaas ta’e hojjaan isaa dabalaa deeme. Bifti isaa magaala ifaa cuquliisa caamni ganamaa itti bahe kan fakkaatu,hojjaan isaa nama guutuu hafee hinqabne; jiddu-galeessa ture. Ijji isaa urjii dukkana keessa iftu fakkaatee kan halaala nama waamuu fi konkonni funyaan isaa ija isaa kuulii uumamaatiin kuulamte gidduu dhaabbatti ture. Namni yeroo inni seequu ilkaan isaa cabbii baddeessa bilchaatetti suuqame fakkaatu arge Kabbadaa irraanfachuu hindanda’u.

Midhagina rabbi raajiidhaaf tolche uumee kana lakkoofne itti baasuu waan hindandeenyeef ajaa’iba jennetuma dhiisu wayya natti fakkaata “Kabbadaan ammalli isaa akkamii?” jedhee namni gaafatuu yoo jiraate;nama hunda wajjin nama walii galu,nama hunda kan kabaju waan hundaan nama gargaaruuf kan of hinqusannee, hamilee nama kamiif iyyu bakka gudda kan laatuu fi goota waan jedhe irra hindeebine ture. Kabbadaan gara laafessa, garraamii, arjaa, kutataa, sabboonaa, beekaa, nama oftuulummaa balaaleffatu,nama yaada namaa fudhatu,umrii isaa daa’ima kanatti nama akka jaarsa buleetti yaadu ture, Hinariifatu, nama hubatadha, Qalbi qabeessa.Kabbadaan ilaalchi isaa nama walqixxummaa nama hundaatti amanudha. Saba hundaaf bilisummaa fi jireenyaa walabaa kan hawwu. Gocha koloneeffattoonni fi oftuultonni saboota cunqurfamoo irratti raawwatan heddu balaaleffata. Gochii oftuultonni Habashaa Jaarraa tokkoof Uummata Oromoo fi Uummatoota cunqurfamoota Impaayera Itoophiyaa irratti raawwachaa turanii fi raawwataa jiran baay’ee balaaleffachaa fi abaaraa ture.

Kabbadaan akka umriin isaa barumsaaf gaheen bara 1995 mana barumsa Xuqur Incinnii sadarkaa 1ffaatti barumsa isaa eegale. Barumsa isaa sadarkaa lammaffaa achuma mana barumsa sadarkaa lammaffaa Xuqur Incinniitti xumure. Qormaata biyyooleessaa kutaa 10ni bara 2005 fudhate. Barumsa isaatin baay’ee cimaa ture. Kutaa isaas ta’e kutaa hunda irraa 1ffaa ykn 2ffaa ba’aa ture. Qormaata biyyooleessaa kutaa 8ffaa qabxii olaanaa 99.46% fidee gara kutaa 9ffaatti darbe. Kutaa sagalitti Qabxii giddu-galeessaa 93 fi kutaa kudhanitti 92 qaba ture. Qormaata biyyooleessaa kutaa kudhanii 3.4 fideetu gara barumsa qophaa’inaatti darbe. Umriin isaa waggaa YKN ganna 19 ture yeroo sana. Barumsa qophaa’inaa garuu magaalaa Amboo Mana Barumsa Amboo Olaanaa Sadarkaa lammaffaatti bara 2005/06 akka baruchuu jalqabetti ji’a tokkoof turban lama baratee…Kabbadaan gargaarsa tokko malee, dhiphuu fi gidiraa heddu keessaa hulluuqee”Rakko fi diina”wajjin qabsoo hadhooftuu gochaa osoo harka hinkennatin barachaa ture. Qiixxaa googduu torbanitti al tokkoo haadhaa isaa rakkatoo irraa isaaf ergamu qofaan lubbuu isaa eege barate. Yeroo Daabboo googduun kun dhibamee guyyoota hedduuf osoo afaan isaa waan tokko hin ciniinin oolee bula ture. Beelli itti dheeratee hanga qoonqoon isaa babbaqaqee gorora isaa liqimsuu dadhabuu tti gahaa ture.

Haala kanaan osoo barachaa jiruu bara 2005 Fulbaana 28 abbaan isaa addunyaa kana irraa boqotani.Haa ta’u malee abdii kutatee osoo barumsa addaan hinkutin;baratee ofii isaa,maatii isaa fi biyya isaa fooyyeessuf osoo carraaqa jiruu abdiidhaan, kutannoo fi murannoo dhugaadhaan hawwii isaa galmaan gahuuf gara fulduraatti osoo deema jiru; akka beela’ee garaan isaa qooqeetti qooqa isaa maratee,akka dheebotee bishaan hawwetti akka daaree qullaa isaa turetti fi akka rakkoon harmee fi maatii isaa ija isaa dura dhaabatee hafetti hunduu hawwii ta’ee sadaasa 8 bara 2005 xumurame. Hundu ni raawwate; guyyaa keessa sa’a 6:00. Abdii jireenyaa isaa borii godhatee kan inni abdatu,waan hunda kan inni itti irraanfatu,wabii jireenya isaa gara fuulduraa kan ta’e fi hunda caala kan inni jaallatu kitaabonni, Dabtarri fi qubeessaan isaa marti kallatti hundatti harkaa bittinnaa’an.Barataa Kabbadaa Badhaasee qabsoo farra gabrummaa Oromoo barattoonni kobbee fi dabtara qabatanii gabroomfattoota habashaa kan hanga funyaanitti meeshaa jabanaa hidhate wajjin godhan keessatti nama gahee fi bakka olaana qabudha. Adda durummaadhaan dargaggoota humna, beekumsaa fi lubbuu isaanii illee osoo hinqusatin qabsaa’an keessaa isa tokkodha.

Qabsoo barattootni Oromoo mana barumsa Xuqur-Incinnii sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa raawwataa turan keessatti barattoota dadamaqsee harka walqabatanii tokkummaadhaan sagalee diddaa gabrummaa akka dhageessisan gochaa ture. Seenaa dhugaa durii jalqabee oftuultonni Habashaa Uummata keenyaa irratti raawwataa turanii fi har’as jaarraa 21ffaa keessatti raawwachaa jiran hawwaasa maraa fi barattootaaf hima hubannoo uummata cimsuudhaan qabsoon farra gabrummaa akka finiinuuf gahee lammummaa isaa bahacha turera. Haxxummaa Habashootaa fi shira isaan xaxanii Uummata gargar qooduudhaan qabsoo Oromootaa laaffisuu fi maqsuudhaaf (Dhabamsiisuudhaaf) yaalii isaan maagaalaa Xuqur-Incinni keessatti gochaa turan irratti dammaquudhaan mala qabsoo tokkummaa Uummata tiksu dhahee uummata barsiisa ture.Uummata fi barattoota murna-murnaan (maadheedhaan )qindeessee qabsoo kallacha qabsootiin( ABO)dhaan durfamu jala akka hiriiran murannoodhaan hojjetaa ture.Barata Kabbadaan seenaa barata Alamuu Tasfaayee bara 2004 mana barumsaa Xuqur-Incinnii keessatti ergamtuu diina Poolisii Damisee jedhamuun qabsoo irratti galaafatame barreessee ture.Guyyaa awwaalcha barata Alamuu seenaa isaa Uummataaf dubbisee,uummata kumatama heddutti lakkaa’amuu awwaalchaa barata kanaaf baheef dhaamsa “Hanga yoomiitti duunaa? Hanga yoomiitti qe’ee fi biyyaa keenya irratti galaafatamnaa? “ jedhu dabarseefi ture.Uummannis seenaa barataa Alamuu wajjin wal-qabsiisee ergaa barata Kabbadaan isaaf dabarse dhaga’ee onneen isaa xuqamee qabsoo isaa cimsee itti fufuudhaan ergamtoota diinaa kanneen akka bulchaa aanaa sana yeroo sana bulchaa turee fi poolisoota ergama diina bahaa turan irratti tarkaanfii fudhatee qabsoo fincila diddaa gabrummaa har’a naannoo sanatti godhamaa jiruuf bu’ura ta’eera.

Guyyaa kana egaa kan Barataa Kabbadaan ija diina keessa bu’ee,hiree hiriyaan isaa Alamuu fi barattootni Oromoo hedduun akkasumas gootonni Oromoo hedduun argatan akka argatuuf kan kaadhimame. Sabboonummaa fi murannoon barataa kana kan garaa ishee waadee OPDOn barata galaafachuuf kiyyoo kiyyeessuu eegalte.Baruma kana (2004) hiriyoota isaa qabdee mana hidhaatti darbattee,” Barata gaafa sirna barataa Alamuu seenaa isaa barreessee dubbise baasaa,kaaseeta sagaleen isaa irratti waraabame fidaa” jettee mana hidhaa Aanaa Xuqur-Incinniitti hiraarsaa turte. Kaaseetaa sagaleen barataa Kabbadaa irratti waraabame yoo argatte illee sagalee isaa baruu hindandeenyee. Hiriyoonni isaas dabarsani isa hinlaatne. Haala kanaan bara 2004 kiyyoo dhaabni maxxannee OPDOtiin osoo hinqabamin jala darbe. Bara sanatti osoo hinkiyyeeffamin jala miliqu iyyuu, barana sadaasa 8 2005 guyyaa keessaa sa’a 6:00 irratti mana barumsa Amboo olaanaa sadarkaa lammaffaa fuulduratti ergamtoota diinaa Poolisoota Girmaa Gazzaanyii fi Habtaamuu Abdiisaa tiin galafatame. Innis hiriya isaa Jaagamaa Badhaanee rasaasan rukutamee kufe arge e “Haadhookoo Haadhookoo” jedhee yeroo inni olqabuudhaaf gad-jedhu isas diinni rasaasan rukutuudhaan hiriyaa isaa kana irratti dabaltee kuffiste.Dhiigni isaanii walqabatee karaa konkolaata irra qajeele.

Akkuma lolaa Adoolleessaa bubbisee yaa’e. Wal irraa hin citu;ni lola’a.Barattoonni iyyanii yeroo isaan reeffa hiriyoota isaanii kana laman kaasuudhaaf dhufan ergamtoonnii diina dhiiga barattoota Oromoo dhangalaasuudhaaf meeshee hidhanoo guutuu hidhatanii mooraa mana barumsichaa marsnii jiran barattoota kana irratti dhukaasuudhaan barattuu durbaa tokko yeroodhaaf Kaman maqaa ishee hinbeekne ajjeesaniiru. Barattoota warra hafan moora mana barumsaa keessa oliif gadi ari’uudhaan akka waan dirree waraana keessa jiraniitti irraatti dhukaasanii gargar facaasuudhaan reeffaa barattoota galaafataman kana dhoksuudhaaf yaala turan.Barattootni mana barumsaa olaanaa sadarkaa lammaffa Amboo garuu dhukaasa diinni isaan irratti bane kanaan osoo hin wareerin, dhagaadhaan kittallayyoota diina meeshaa waranaa hidhannoo guutuudhaan isaan marse kana of irraa faccisaa turanii.Haala kanaan reeffaa hiriyoota isaanii irraa diina ari’atanii uummata magaalaa Amboo wajjin ta’uudhaan konkolaataa Ambuulaansitiin Hospitaala Magaalaa Amboo galchani.Barata Kabbadaan Hospitaalaa seenee daqiqaa murtaa’ee boodaa hafuurrii isaa keessaa qixxaa’ee. Osoo akka kufeen gara hospitaalaatti fudhatamee jiraatee barata Kabbadaan lubbuun isaa ni bararfama ture. Garuu gara jabeenyaa ergamtoota diinaa kanaan lubbuun isaa akka darbu ta’e.Jaagamaan garuu akkuma rukutameen ture kan boqote.Haala suukanneessa kanaan egaa kan OPDOn dargaggoota abaaboo caala addunyaa miidhagsan kana kan ishiin lafa irraa cirte. Kun immoo waan haara miti; Ergamni ishee durattis ba’aa turtee fi ammas Oromiyaa mara keessatti ba’achaa jirtuudha. Kanaaf dhukkuba gartuun Wayyaanee Tigiraay nu keessatti dhalchee ittin uummata keenyaa fixaa jiru kana yeroo xumuraaf of keessaa balleessuuf harka wal qabannee haa kaanu!!Reeffii barataa Kabbadaa”Abbaa diinaatiin”ilaalamee Finfinneedhaa ennaa deebi’uu uumata kumaatama heddutti lakkaa’amutu baaduyyaa fi magaalaa Xuqur-Incinnii keessaa yaa’ee simate. Gaafuma kana (09-11-2005) Uummanni kun magaalaa fi baadiyyaa Xuqur-Incinnii iddoo adda addaa keessaa naanna’uudhaan sagalee isaa dhageessisaa ooleera.

Dhaadannoo isaan dhageessisaa oolan keessaa muraasni isaa:- Barataa Kabbadaa Badhaasee qabsaa’aa keenyaa!
-Gumaa ijoollee keenyaa ni baafannaa,warra nu ajjeesee ni ajjeefna!-Qabsoo barattoonni keenya irraa kufan galmaan gahuuf kutannoodhaan kaaneerra!-Hidhaa fi ajjeechaan of duuba nu hindeebisuu!
-Ergamtoota diinaa afaan qawweetiin nu ajjeesaa jiraniif hin bitamnu!
-ABOn kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ti kan jedhu faa ture!
Jala kaattuun mootummma Wayyaanee Bulchiisni Godina Shawaa Lixaa haala kana hubatee soda keessa waan galeef waraana kumoota hedduun lakka’aman hidhannoo guutuu hidhachiisee gara jabinaan tarkaanfii kam iyyuu fudhatee osoo reeffii hindeebi;in akka uummata kana bittimmeessu erge. Hoomaan waraana kunis uummata irratti waraana banuudhaan lubbuu barataa Lachiisaa Soonxee galaafatee namoota heddu madeesse. Uummannis qottoo, gajaraa fi eeboo qabu fudhatee itti bahuudhaan hoomaa waraana Wayyaanee hedduu faayidaan alaa godhee waraana oftuultotaa kanaan osoo hinrifatin reeffa barataa Kabbadaa simatee, warra rukutamee kufes lafaa kaafatee gale. Haa ta’uu malee Barataa Lachiisaa Soonxee eenyu akka ajjeesee adda baasuun waan hindanda’amneef namni dhuunfaan isa ajjeesee hinbeekamuu. Kunis waan dhukaasa hoomaa waraanatin rukutameef ture. Kanaaf bulchaa Aanaa fi Godina sana badiisa Lubbuu barataa Lachiisaa Soonxeef itti gaafatamummaa fudhachu qaba. Gaafa 10-11-2005 reeffii barataa Kabbadaa Xuqur-Incinnii bataskaana Goorgisii cinatti kan argmu lafa awwaalchaa amantoota Pirotestaantitti awwaalame. Hiriyonni isaa, Uummanni magaalaa Incinnii,Shanan,Gudar fi Amboo Akkasumas Uummanni baadiyyaa Aanaa sanaa fi firootni isaa marti yaa’anii; haala ho’aadhaan awwaalame.Yeroo jalqabaaf ture Uummmannii Kuma 15 ol ta’u reeffaa dargaggoo tokkoo awwaaluuf kan ba’e.

Reeffii Abbaa Biyyaa tokkoo iyyuu sirna ho’aa akkanaatin awwaalamee hinbeeku.Inni farad qabuu eeboo fi gaachana isaa qabatee dhaadannoo isaa dhageessisaa fi seenaa barata kana himaa, inni garaan isaa dadhabe boo’ee mararfamaa, akkasumas gurguddoonni biyyaa illee laphee isaanii rukutatanii hanga ijji isaanii diimatutti boo’a turani.Garuu booyichii kun hanga yoomitti itti fufaa? Hangaa yoomittis Dargaggoonnii keenyaa lafa irraa ciramuu? Sabboontoonni hiriyoota isaa Alaabaa ABO Abaaboodhaan faayame qopheessanii suuraa isaa keessa kaa’uudhaan kana malees reeffa isaatti alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo uffisuudhaan garaa diinaa bobeessaa oolaniiru. Akka sirna awwaalcha biyya sanaatti farda qamisiin qopheessanii alaabaa itti uffisanii kaayyoo fi qabsoo barata Kabbadaan Itti wareegame firaa fi diina isaatti ifaan mul’isaniiruu. Akkasumas hiriyoonni isaas seenaa isaa barreessanii sirna awwaalcha isaa irratti dubbisaan dhaamsa qabsoo barataan kun dhaamaa ture Uummataaf dabarsaniiru. Dhuma irratti sirni awwaalcha isaa eebba maanguddootaatin xumurame.

Maanguddoonni kunis ganti dhiiga Uummata keenyaa dhangalaasaa fi lubbuu gootota heddu galaafachaa jirtu abaaraniiru. Akkasumas Uummanni Oromoo marti akka abbooti duri eeboo fi gaachana isaa qabatee farda irratti bahe tokkummaadhaan akka diina isaa irratti ka’uu dhaamsa dabarsaniiru. Egaan haala suukanneessaa akkanaatiin nuti barattootni Oromoo sababaa gaaffii mirgaa kaasaneef jecha gara-jabeenyaan lafa irraa daguugamaa jirra.

Nuti Barattootni kun Dabtaraa fi Kobbee malee waan tokko illee of harkaa hinqabanu.. Gaafiin keenyaas gaaffii mirgaa fi gaaffii biyyaa ofii irratti abba biyyummaa dhugoomfachuu waan ta’eef hanga deebiin sirri ta’e argamutti gaaffiin keenyaa itti fufa. Wareegama hadhaa’aa hangana ulfaatu kaffallee guyyaa tokkoo kaayyoo keenya akka galmaan gahannu hinshakkinu. Kun ammo yeroon isaa fagoo miti. Kanaaf barattoota Oromoo lafarraa Duguugun furmaata tokkoo illee fiduu hindanda’uu.Itti iyyuu Uummatni keenya marti qabsoo hadhaa’aa kana caaluuf akka of qopheessu godhaa jiraa.

Kana ammoo sochii qonnaan bultootni Oromoo yeroo ammaa godhaa jiran fakkeenya gaariidha. Keessuma iyyuu sochiin qonnaan bultoota Aanaalee Baha fi Lixa Wallaggaa Keessatti amma godhama jiru akkasumas sochii hawwaasni Harargee amma irra jiru diinaa keenyaaf hubatamuu qaba. Gumaan barattoota Oromoos akkanaan dhangala’ee hafuu hinqabu. Har’aa eenyuu taanan gumaa barattoota kanaa baasee kaayyoo isaan kufanii fi kufaa jiran galmaan gahuu qaba. Uummanni Oromoo, barattootni Oromoo saboonti cunqurfamoon qabsoo diddaa gabrummaa kan amma barattoota Oromoon adeemsifamaa jiru kana daran cimsuun bilisummaa isaanii gonfachuu qabu.

Injifannoo Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!