Seenaa Haylamaaryaam Gammadaa (1907-1962)

Haylamaariyam Gammadaa, abbaasaa Obboo Gammadaa Masqalee fi haadha isaa aadde Ka’ade Addaamuu irraa bara 1907 godina Shawaa Kaabaa aanaa Jiddaa ganda Bogonjoo jedhamutti dhalate.

Hayilamaarama Gammadaa

Seenaa Haylamaaryaam Gammadaa (1907-1962)

Umuriin isaa akkuma barnootaf ga’een gara magaalaa Finfinnee geeffamuun, mana barnoota Daagimaawii Miniliik seenee barnoota akka jalqabu taasifame.Haata’u malee yeroo sanatti Xaaliyaaniin biyya waan weerarteef, barnoota isaa gidduutti kutuun hiriyoota isaa waliin falmii weerartuu Xaaliyanii waliin taasifamaa ture keessatti qooda fudhachuu jalqabe.

Yeroo dheeraas osoo hin turin magaaluma Finfinnee keessatti sochii diddaa weerartuu Xaaliyaanii sana gochaa ture irratti qabamuun gara mana hidhaa weerartuu Xaaliyaanii, Somaaliyaa bakka Dananee jedhamutti ergamuun waggaa sadi boodas akka Xaaliyaaniin biyyaa baateen gara Finfinnee deebi’e.

Akka Finfinneetti deebi’enis yeroo sanatti Ministeera Hojiitti qacaramee kutaalee Walloo, Shawaa, Tigraay, Harargee, Kafaa, Iluu Abbaa Booraa, Baalee, Arsii fi Sidaamaa deemun hojjeteera.

Deemsa carraa hojii isaa kanaanis obbo Haaylamariyaam Gammadaa waa’ee Oromoo fi kutaalee Oromiyaa akkasumas, mala bulchiinsa hamaa ummata Oromoo irratti mootummaa yeroo sana tureen fe’amee jiruu fi walumaa gala waa’ee Itoophiyaa kana hubannaa gaarii argachuu danda’ee ture.

Mal-bulchiinsi dabaa looginsi sanyii, dhiittaa mirga dhala namaa Oromoon lafa itti dhalatee jiraachaa jiru irratti akka sabaatti tuffatamuu fi maqaa hin malleefiin waamamuun isaa obbo Haaylamaariyam Gammadaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti argaa ture sun boqonnaa laateefii akka inni hojii isaa qalbiin ciisee hojjatu taasiisuu hin dandeenye.

Rakkoo sana keessaa Oromoo kan baasuu danda’u Oromoo malee qaamni biraan jiraachuu akka hin dandeenye hubachuuf yeroos itti hin fudhanne. Isa kaanfis of irraa jalqabuun akka isa irra jiru murteessun hojii mootummaa yeroo dheeraaf hojjachaa ture gad lakkisuun dhuunfaan hojii abukatummaa seeraa hojjachuu jalqabe.

Hojiin isaa kunis barnootaan kan deeggarame akka ta’uuf, guyyaa hojjachaa galgala ammo barnoota seeraa Yuunivarsiitii Finfinneetti barachuu jalqabe. Barnoota isaa kanas xumuree diipploomaan erga eebbifamee booda jiruun itti fufe.

Hojiin seeraa inni dhuunfaan hojjatu kunis Oromoota kutaalee Oromiyaa adda addaa dhufan baay’ee waliin kan isa wal barsiise yoo ta’u, namoota qunnamu hundarraa waan innidhaga’u haqa barbadaaf dhaddacha fuula duratti dhihaatanii haqa osoo qabanii sanyiin, looginsa isaan irra ga’u hubachaa deemera. Jibbiinsi sirna sanaaf qabus jabaachaa hawwii inni falmaaf qabu ol ka’aa deeme.

Akeeka isaa fiixan baasuufis ummanni Oromoo bifa kamiinuu of ijaaruu fi ijaarsa sanaan tokkummaan falmii gochuu akka qaban waan itti amaneef hayyama mootichi Hayilasillaasee uummanni of ijaaruu danda’a jedhee baasetti dhimma ba’uun namoota yaada akka isaanii qaban waliin ta’uun bu’ureffamni Waldaa Maccaafi Tuulamaa mirkana argatee hojiitti seenan.

Yeroo sanatti waldaan Walgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa maqaa fi qaama lama ta’ee beekkamullee waldoonni Kun lamaan bakka tokkotti walitti dhufuun maqaa tokkoon “Waldaa Maccaafi Tuulamaa” jedhamee akka beekamuuf namoota taasisan keessa Obbo Haylamaaryaam Gammadaa isa tokko akka ta’e namoonni baay’een dhugaa ba’uuf.

Waldaan kunis seeran galmaa’ee qaama hojii gaggeessituu yeroo filatus obbo Haaylamaaryaam Gammadaa barreessaa Waldichaa ta’uun filame. Yeroo sanaa kaases Waldaan Maccaa fi Tuulamaa bifa lamaan qabatee irra keessa misooma fi walgargaarsa, keessaan ammo hojii sosochii siyaasaa hojjechaa ture.

Haaylamaaryaamis, yeroo isaa irra guddaa aarsaa itti godhe heera fi seera waldichaa bareesse. Odaan sirna Gadaa keessatti bakka inni qabus gadi fageenyan qoratee ibsuunis asxaa waldichaa akka ta’uuf kan yaada dhiheesse fi raggaasise ture.

Haa ta’u malee, sochiin isaa kan hin gammachiifne, mootichi yerosii Hayilasillaaseen namootni Oromoo hin taane waldaa kana kessa seenuun akka basaasaniif namoota baay’ee itti miseense. Obbo Haaylamariyaam Gammadaa, yeroo hojii mootummaarra tures ta’e, sana booda yeroo hojii dhuunfaa hojjatu qondaaltota mootummichaa baay’ee waliin dhimmoota Oromoo fi seenaa isa ilaallatu irratti karaa addaa addaan walitti bu’aa waldura dhaabbachaa turuun isaa hojii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hojjachaa jiru keessatti mootummicha biratti ija shakkiin akka ilaallamu karaa kan saqe ture.

Itti dabalees, obbo Haylamaariyaam Gammadaa uumamaan nama waan argee fi taajjabe sodaa tokko malee utuu itti hin fakkeessin fuula duratti dubbatuu fi barreessu waan ta’eef haalli uumama isaa kunis hordoffii mootummaa akka isarraa hin fagaanneef sababa itti dabalaa akka ta’etu himama.

Kanatti dabalees, bara 1942tti kitaaba ‘Zikkira Nagar’ Bilaattaa Maahtama Sillaaseen barreeffame waa’ee Oromoo kaasee ture. Cuunfaan dubbichaas Oromoon biyya kana keessatti akka hin dhalannee fi akka saba Itoophiyaa kaanii mirga abbaa biyyummaa hin qabne, akkasumas Oromoon akka ciisanyaa (gabbaaritti) malee, seera namummaa guutee hin ilaalamu kan jedhu ture.

Barreeffamni kunis karaa obbo Haaylamariyaamiin deebiin quubsaan itti kennamee ture. Deebiin itti kenname sunis, abbaa biyyummaa Oromootiif, Itoophiyaan mataan ishee irra guddaan ummata Oromoo ta’uu ishee bal’inaan kan ibsu dhaamsa guddaa dabarseef.

Haalli akkasii yeroo sanatti waan hin beekamneef dubbichi nama kitaaba kana barreesse fi qondaaltoota mootichaa baay’ee kan rifachiise ture.

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa hojii siyaasaa hojjechaa waan jiruuf, osoo mootummaan jirruu mootummaa biroo ijaaruu fi nuun fonqolchuuf deemaa jirtan waan ta’eef akka waldichi cufamu mootummaarraa ajajni darbaaf.

Obbo Haaylamaaryaamis, mootichatti dhiyaatanii hojiin waldichaa misooma akka ta’e itti himan. Kun ammo hojii mootummaan hojjetu deeggaruu waan ta’eef waldichi cufamuu akka hin qabne sirriitti hubachiisan. Mootichis haata’uun dubbicha dhiisan jedham.

Haylamaaryaamis hojii mootummaatti deebi’ee akka hojjetu itti gaafatamummaan laatameefii ture. Hojiin isaa sunis itti gaafatama abbaa seeraa fi qeeyee mootummaaf ammo gorsituu seera ta’ee akka dalaguuf ture.

Muudamni kunis maalif akka ta’e, obbo Haaylamaaryaamiif galuuf yeroo itti hin fudhanne ture. Yeroo gabaabaaf erga hojjateen booda fedha isaan hojicha gad lakkisee ba’uun yeroo isaa guutummatti ijaarsa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti dabarsuu jalqabe. Haa ta’uyyuu malee yaada isaa kana bakkaan ga’uuf hin milkoofne.Hojii isaa gad lakkisee yeroo muraasa booda hidhattoota mootummichaan manaa fuudhamee mana hidhaatti darbatame.

Qabeenya isaas maqaa idaa baankiin horii hin taanetti gurguruun mormitootni isaa akka qircatan taasisanii, maatii fi qeeyee isaa dirree gubbaatti rakkinaaf gad lakkisan. Mana hidhaa sana keessattis dararama qaamaa fi qalbiin irra ga’aa tureen erga dadhabeen booda manatti galee haa du’u jechuun yeroo lubbuun isaa ba’u geessu manatti galchan. Mana ga’ees bultii muraasa qofa erga tureen booda bara 1962 lubbuun isaa dabarte.

Utuu hin du’in dhaamsa inni maatii, hiriyyootanii fi ummata Oromoo maraaf dabarses ilmi isaa obbo Adaal Haaylamariyaam maxxansa Madda Walaabuu Lakk.1 Gurraandhala 1993 ba’e waliin gaaffii fi deebii gaggeessee turerratti akkas naajedhanii jedhe:

‘‘Ijoollee kiyya abbaan keenya du’e jettanii hin gaddinaa. Bakkaa dhugaa dhaabbadhee, dhugaa dubbadheen du’e. Ani abbaan keessan gabra ta’ee, gabra guddisuurra jedheen isinis rakkisee ofiikoofis du’e. Duuti Kiyya du’a gootati’’

Maddi; Kitaaba “Seenaa Gootota Oromoo fi Kaan”