Seenaa Magarsa Badhaasaa (1892-1936)

Namni kun gaafa Oromiyaa, Tuulama keessaa Fichee Salaaletti maatii qote bulaa irraa dhalatu, bakka amma itti yaadatamu gaha jedhee kan eegee hin turre. Garuu, milkiin dhalootaa sun surra qabeessa ture. Bara 1892 Fichee Salaaletti maatii qote bulaa irraa kan dhalate, Magarsaa Badhaasaa nama biraa ta’e; seenaan isaan haga yeroo dhiyootti aguugamee ture.

Namni kun maqaa Abune Pheexiroos jedhuun namoota hedduu biratti beekamaa ture. Magarsaanis Badhaasaanis hin beekaman ture. Kun maaliif?

Abune_PetrosMagarsaa Badhaasaa Oromoo Tuulamaa irraa dhalate. Warri isaanii irraa dhalatanis gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhaman gama haadhaatiin ammoo warra Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii jalqabaa Magarsaa akka ta’e himama. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda’anu. Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyootni amantaa jiru gara kaaba Itoophiyaa, Gondar, akkasumas Gojjam fi Walloo deemuudhaan baruumsa afuurawaa qo’atanii turan. Bara 1908, Walloo iddoo Amaara Saayintitti waggoota sagaliif barsiisa nama turanii dha. Bara 1917 ttis sirni moloksummaa kawaala Dabra-Libaanositti raawwatameefi ture. Kawaalaa Gabr’ieelii Baatuu(Zuwaay) dabalatee iddoo gara garaatti naanna’anii barsiisa turan.

Godina Arsii Aanaa Zuwaay(Baatuu) Dugdaa Hora Danbal irratti kan argamtu godaambaa afuurawaa Debre Tsiyoonitti/Tullu Guddootti/ wangeelli isaan harkaan barreessan uffanni isaan uffataniifi Masqaliin isaan qabatachaa turan ammayyuu ni jira. Tullu Guddoon bara mootuu Yoodit Tabotni Tsiyoon waggaa 40 iddoo itti dhokattedha. Bara 1927 ammoo gara Finfinnee dhufuudhaan bataskaana Maarqoositti tajaajilaniiru. Phaaphaasota Itiyoophiyaadhaa bara 1929 yeroo jalqabaaf gara Masrii, Aleksaandariyaatti ergamanii muudaman keessaa tokko turan. Bara 1936 yemmuu Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf manneen kiristaanaa gubaa, namoota ajjeesa turanitti qabsaa’ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turan.

Abune_Petros_Statue_Addis_AbabaKeessumattuu gara Salaalee deemuun qabsaa’ota Salaales kakasanii akka diinan morman shoora guddaa taphataniiru. Booda garuu diddaa bittaa gabrummaa Xaaliyaanii kanaan harka Xaaliyaanotaatti kufan. Erga qabamani boodas gara Giraaziyaanii Dhiyaatanii, abbootni murtee Xaaliyaaniitiin adabbii du’aa irratti murteessan. Isaanis “Ana irratti wanta barbaaddan raawwadhaa; ijoollee koo irratti garuu homaa hin raawwatinaa” dubbii jedhu dubbatan ture. Xaaliyaanotni uummatni akka Xaaliyaaniif bitamu nuuf ajajaa maaloo jedhanii gaafatan. Isaan garuu uummata walitti naaf qabaa jechuudhaan erga uummatichi wal gahee booda “An egaa warra gita bittoota kanaaf akka hin bulle nama keenya dhiisaati lafa kanayyuu hidheera” jedhanii gara kuteenyan dubbachaa turan.

Murtiin du’aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti akka raawwatu ta’e. Yemmuu kiisii isaanii keessa baasanii sa’aatii ilaallatan sodaan tokkollee irratti hin muldhatu ture. Haa ta’u malee abbaan murtii inni murtii du’aa isaan irratti kennaa ture yemmuu murtii dubbisu ni hoollata ture. Isaan garuu murtiin du’aa kun homaa itti hin fakkaatne. Yemmuu ajjeefamuuf ka’anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan. Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis ni dhungatan. Namoota murtii du’aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture. Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii dhaabachiisan. “Fuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?” jedhamanii gaafatamnaan ‘kuni hojii keeti’ jedhaniin nama isaanitti haasawuun.

Naannoo addaba’aaba’ii Birbirsa Goorootti(Piyaassatti) gamootti hirkisanii dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa saddeettaniinuu du’uunsa shakkan. Yeroo kana du’uuf dhiisuu isaanii adda baasuuf hakimni waamame. Akka lubbuun keessa hin baane mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti deebi’anii shugguxiidhan yeroo sadi mataatti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi ta’u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummatni dirqamaan akka harka dhawu/rukutuuf taasisaa ture.

Photo-Abune-Petros-Magarsa-BadasaReeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan Xaaliyaanonni. Ummati Finfinnees guyyaa sana guutummaan boo’afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1947 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef. Manni amantaa ortoodoksi bara Paatiriyaarikii Shanaffaa Abune Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abune Pheexirosiif aangoo qulqullummaa laatte.

Jaarraa si’anaa kana keessas mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti aangoo qulqullummaa kan argatan isaan qofadha. Taabotni maqaa isaaniitiin moggafames Salaaletti argama. Abbaa dhugaa ta’uudhan yemmuu warri biyya bulchina jechaa turan guyyaa rakkoo kana uummata gatanii dheessanitti, isaan garuu ummata isaanii waliin du’uu filatan.

Siidaan isaanis Finfinnee Piyaasaa/Birbirsa Goorootti argama. Kanana dura yeroo gabaabaaf sababa ijaarsa daandiitin ka’ee kan ture, yoo ta’u Guraandhala bara 2016 iddoo isaatti kabajaan deebi’eera.