ABO: Kaayyoo, Wareegamaa fi Galma

Lammii Beenyaatiin

olf-flagABOn adda roorroo fi cunqursaan ummataa dhalchedha. Biyya weerartuun afaan qawweetiin nurraa fudhatte afaan qawweetiin deebisuuf hundeeffame. Kaayyoon adda kanaa Oromiyaa walaba mirkaneessuudha. Dhalli Oromoo kaayyoo kana jala hiriiree ‘Bilisummaa yookaan du’a!’ jedhe. Kumaatamni kaayyoo kanatti amane. Miliyoonni kaayyoo kana dhaale. Kaayyoo Oromiyaa walaba mirkaneessuuf kaan lubbuu ofii dabarsee kenne; gariin qaamaa fi qalbiin itti miidhame; hedduun hidhaan itti dararame; kumaatami jireenyi diigamee baqattuu ta’e.

Amnichi heddu dheeraadha. Amni dheerachuu keessatti wareegamni kaffalame heddu. Sirna Dargii awwaaluun biiftuun bilisummaa akka quuqxu taasise. Garuu hin taane. Awwaala sirna Dargiirratti sirni hammeenyaan hiriyaa hinqabne kan biraan biqile. Biiftuun bilisummaa Oromoo utuu hin turiin dhiite. Biiftuu sana bariisisuun ammas dirqma ta’e. ABOn ammas amna dheeraa fi daran ulfaataa eegale. Bakkuma kaleessaatti deebi’e – bosona.

Haati ilmaan Ertiraa fi Tigiree yeroo boqottu haati ilmaan Oromoo akkuma durii gala gudunfitee bosonatti marmaaruu itti fufte. Kan humna fixatte imimmaan dhimmisaa qara ilaaluu eegalte. Akka hawwametti milkiin dhabamus kaayyoon hin gufanne. ABOn akeeka walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu mudhii hidhatee itti fufe. Ummannis akeeka kanatti amane. ‘Bilisummaa yookaan du’a!’ alaabaa tokko jalatti. Kaayyoo tokko jalatti. Biyya tokko ijaaruuf – Oromiyaa walaba. Ilaalchi kun Oromoo hundaan leellifame. Ummanni hafuura ABO baafate, dhiiga ABO dhikkifate. ABOn Oromoo, Oromoon ABO ta’e. Dhugaan kun ilaalcha ABO’ummaa dhalche. Amna dheeraa kana keessatti diinonni QBO ABO dadhabsiisuun waan Oromoo jilbeenfachiisan itti fakkaate. Garuu kun hintaane. Sababni: ABOn kaayyoodha; ABOn haqa; ABOn galma. Karaan ABO karaa Oromoo ti. Karaan ABO Itoophiyaa cabsee Oromiyaa geessa.

Amni sun ammayyuu dheeraa fi nuffisiisaa ta’uu mala. Oromoon ammallee wareegama ulfaataa kaffaluu mala. Garuu inuma irra aanama. Amna kana gabaabsuuf Oromoon onnatee qabsoo finiinsuu qaba. Karaa haqaa kanarra hunduu yoo walfaana hiriire injifannoon dhihoo jirti. ABOn qabeenya waloo Oromoo ti. Oromoon kunuunfachuu fi wayyeeffachuutu irra jiraata. Addicha keessatti of arguun dirqama nama hundaa ti. Jijjiiramni hawwii fi guungummii qofaan hin dhufu. Jijjiiramni wareegama irraa baqachuun hin dhufu. Jijjiiramni waan qabaniin akeeka tokkoof wareegamuun dhufa. Qabsoo keessatti waan hawwan osoo hintaane waan itti wareegamantu dhugooma. ABO jabaan hawwamu hirmaannaa jabaa walootiin ijaarama.

Har’a diinni Oromoo heddudha. Diinni hunduu kallattii hundaan Oromiyaa dhiigsaa jira. Bakka Oromiyaan dhiigdetti lubbuutu baha, lafeetu caba, dhiigatu coba, jiruutu manca’a. Oromoon of malee ollaa gaarii abdatuu fi hiriyaa gaafa rakkoof amanatu hinqabu. Qabsoo Oromoon gaggeessaa jiru qabsoo ofirratti hirkannoo gama hundaa ti. Qabsoo akkasii keessaan injifannoon dhufu kan ummataa ti.

ABOn Oromoof ka’e; Oromoof jiraata. Oromoon kaayyoo kana maxxanfate. Ilmaan itti hiriirse. ABO fi Oromoon haqa walirraa qabu. Haqa kana duumessi burjaajjii har’aa haguuguun irra hin jiraatu. Ummanni keenya kaayyoo ganamaa galmaan gahuuf filannoo adda addaa dhiheessuun fayyummaadha. Bilchinni keenya yabbina yaadaa fi filannoo keenyaan madaalama. Kaayyoo tokko galmaan gahuuf filannoo adda addaa dhiheessuun waan nagaa ti. Kaayyootti duuluun garuu farrummaadha. Gabrummaa mari’atanii malee maraatanii keessaa hin bahan. Yeroon kun yeroo qilleensaaf wal kennan miti. Yeroon kun yeroo shiraan wal takaalan miti. Yeroon kun yeroo tasgabbiin mari’atani. Yeroo balbala ofii cufatanii ilaa fi ilaameen walitti dubbatan, yeroo keessumatti wal sukkuumanii dhibee furatan, yeroo ummata Oromoof aantummaa dhugaan gad jedhaniin mala dhahatan.

Keessaanis ta’e alaan rakkoo Oromoo furuuf ABOn itti gaafatamummaa guddaa qaba. Mooraa QBO deebisee suphuu fi kaayyoo ganamaarra ummata hiriirsuuf dirqamatu irra jira. Dirqamoota kana hunda akka bahuuf hiree kennuufi qofa osoo hintaane waan dandeenyuun bira dhaabbachuun dirqama seenaa ti. Namni dhimmi Oromoo ilaallatu balbala ABO rukutee olseenuu yoo dhiises kaayyoo sanatti gufuu ta’uu hinqabu. Kaayyoon ABO kaayyoo Oromoo hundaa ti.
Jaarmiyaalee Oromoo biroon ABO waliin masaanuu ta’uu hinqaban. Dhaabbileen kun michuu waliif ta’uu qabu. Milkiin isa tokkoo kaaniif kufaatii miti. Injifannoo dhaabni tokko galmeessu dhaaba biraa hin kuffisu. Kaayyoon jaarmiyaalee hundaa tokkuma: gabrummaa fonqolchuudha. Hunduu tulluu tokkicha jiksuuf dhiiba. Amni qabsoo keenyaa kan xumuramu yoo Finfinnee gahamedha. Karaa amna sanaa bal’isnee walfaana irra didichuun ni danda’ama. Abraham Lincoln akkas jedhe: ‘United we stand; divided we fall’ – tokko taanu dhaabbanna; qoodamnu ni kufna. Yeroo biraammoo yaaduma kana gabbise: ‘A house divided cannot stand together’ – manni walqoode walfaana hin ijaajju. Dubbii jabduu kana akka salphaatti ilaaluun wareegama hanga ammaatti kaffalame gatii dadhabsiisuudha.

Yaada koon koon gudunfa. ABO fi Oromoon haqa walirraa qabu. Warri haqa walirraa qabu kan waliiti – adda hin bahan. Qacceen warra haqaa hin baddu. Hiddi warra haqaa hin buqqaatu. Waan qabnu jabeessaa, waan dabe qajeelchaa fuulduratti haa tarkanfannu.

Nagaatti!