BARRI KUN BARA OROMOO FI OROMIYAAN MILKAAWAN HAA TAHU

   Taammanaa Bitimaa irraa
Yaa ddubbiftoota barruu tanaa, mee hunda keessaniif barri amma itti-seenne kun, bara nagaa fi bara badhaadhinaa haa tahu! Akkuman ani jedhe kana mee WAAQNIS haa jedhu! Barruu tana keessatti barri dabre kun, barri 2016, Oromoo fi Oromiyaa teenyaaf akkam akka ture wajjumaan ilaalla. Yoo waan keessa dabran sonaan hubatanii, xiinxalatan bara dhufu keessa hojiin namaaf salphata. Akkuma bara dabre kana keessa Oromoon daran miidhame, bu’aa daran cimaa tahes gonfatee argama. Mee isaan kun lamaanuu baldhinaan kanaa gaditti ibsumutii, qalbii fi obsa keessan natti hin qusatinaa!
Bara dabre kana keessa Qabsoon Fincila Diddaa Gabrummaa Oromiyaa guutuu irratti itti-fufuun otoo walirraa hin citin, baatiiwwan 12 lakkoofsifate. Gandii fi mandarri, magaalaa fi godinni Oromiyaa tokkollee kan qabsoo kana keessaa qooda hin qabne hin argamu. Akkanuma dhiiraa-dubartii, xiqqaa-guddaa, bartaa-barsiisaa, barattuu-barsiftuu, qotee-bulaa fi daldalaa, hojjataa fi hojjachiisaa mara kan of-keessatti hammate ture, qabsoon seena-qabeesssichi kuni. Uummanni Oromoo guddichi akkanatti manaa-alaa walcinaa tarree galee haqaa fi mirga ofiitiif sochoha jedhee namni yaade, beekaan tilmaame hin turre. Oromoon keenya akka raajiitti olka’ee addunyaan guutuun akka isa raajeffatu taasise. Oggaa Oromoon moggaa Oromiyaa bahaa, Baabbilee irraa iyye, ennasuma Oromoon moggaa Oromiyaa lixaa Beegii irraa isa dhagawuun iyyee iyya dabarsuun gadbaye. Akkanuma ennaa Oromoon gaara Oromiyaa kaabaa Kamisee irraa iyye, bataluma Oromoon daka Oromiyaa kibbaa Mooyalee irraa iyyee iyya dabarsuun bira gore. Akkanuma iyyi dachee Gadaa, Oromiyaa baldhoo irraa ka’ee biyya-lafaa mara bakka Oromitichi tokkollee jiru, Oromtittiin takkallee jirtu dhaqqabe.
Oromoon tokkoomee dachee sochoose kun, meeshaa waraanaa tokko malee, harkaa isaa olkaasee mataa irraan qaxxaamursuun kilaashoo fi taankii warra Wayyaanee dura dhaabate. Kana irratti dhiigni ijoollee Oromoo akka galaana Abbayyaatti dhagalawuun biyyee fi Biyya Oromoo jiise. Lafeen dhalawwan Oromoo akka qoraanitti caccabuun lafa guute. Maarree, kan akkanatti oljechuun hundee gabrummaa Habashaa sochoose dargaggeeyyii fi shamarraan Oromiyaa qofa hin turre. Kan biraa hafee akkoowwan Oromoollee, shimala butatanii gad-bawuun addunyaa raajeffachiisani. Seenaa isaa kan akkaan dhiiraa keessatti Oromoon akkanatti tokkoomee, kan dachee sochoose bardhibbee 16-ffaa keessa ture. Yoommuu sanas, hardhas Oromoon waan filmaanni hamaan “baduu yookaan jiraachuu” jedhamu isa dhaqqabeef, walcinaa hiriire. Ennaa sanis weerara gita-bittee Habashaatu, hardhas hammeenya fi roorroo mootummaa Habashaatu akka inni akkanatti tokkoomuun olka’uu isa taasise.
Hacuuccaa fi roorroon mootummaa Habashaa kan Wayyaanee ofiin jedhuu kun, waggaalee 25 guutuu homaayyuu Oromoo fi Oromiyaa irraa hin dhaabanne. Bara dheeraa kana keessa Oromoon qeyee ofii irraa buqqifamuun, manneen hidhaatti naqamuun, dabrees ajjeefamuu fi biyya ofii irraa ariyamuun ittuma fufee, ittuma kutee itti-hammate. Garuu, kan bara dabree kun safuu dha! Bara dabre kana keessa Oromoon manneen hidhaatti kumaa fi dhabbatamaan naqamuu bira kutee, manneen hidhaa kana keessatti ibiddaan akka gubatee dhumu tahe. Bineessummaa fi hammeenyi akanaa kun, jechuun namoota manneen hidhaatti naqanii ibiddaan fixuun addunyaa kana keessatti tahee kan hin beekni. Ginni-bittee Habashaa kun karaa kanaan rikordii warra Naazituu cabsee argama. Dabrees dhiiga uummata Oromoo kan bara 2016 kana keessa dhangalayee fi lafee Oromoo caccabsame yoo ilaalle, bara tokko keessa erga bara Aannoolee, bara Calanqoo fi bara Gullallee-tii asii kan akkanatti dhangalayee fi caccabsame hin argamu. Raajii dha; Wayyaaneen rikordii Minilik cabsitee jirti jechaa dha!
Gocha mootummaan Wayyaanee bara dabre kana keessa Ayyaana Irreechaa irratti adeemsise: seenaanis, Oromoonis, Waaqnis kan irraanfatee bira kutuu miti. Namoota ilillii fi coqorsa qabatee irreechaaf baye, kan kitila (miliyoona) lamaa ol tahe irraatti gaazii boochisaa itti-roobsuun, boombii itti-darbachuun namoota 700 galafatee, kanneen kumaatama hedduun lakkaawaman madeesse. Kun cufti kan tahe, otoo addunyaa isa daawwachaa jiruuti. San boodas Oromoon kan duraa caala waltahuun itti-kaanan, ji’oota jahaaf seera  waraanaa biyya guutuu irratti labse. Amma seera kana dayeeffachuun loltoonni Wayyaanee wanneen isaan uummata Oromoo irratti adeemsisaa jiran, kan barreessufii dubbachuufillee sonaan nama suukaneessu. Dureewwan Wayyaanee namummaa fi safuu ilmoo namaa achi darbachuun addunyaa fi Waaqa duratti qullaa of-dhaabanii argamu. Akkuman kanaan dura lafa kaaye, Wayyaanonni bakka amantii ofii qawwee buuftan kun uummata Oromoo callaa otoo hin taane, uummatota Toopphiyaa mara humna qawweetiin dhiddhiitanii bitaa jiru. Ammoo, tuullaan meeshaa waraanaa faashistoota Xaaliyaanii fi sanyiitti-amantoota Appartaayidii-yyuu boolla qotameef irraa oolchuu hin dandeenye.
Kanaa olitti wanneen mootummaan Wayyaanee bara dabre kana keessa uummataa fi saba keenya irratti adeemise, guutuus tahuu baatu hamma tokko mildhannee jirrra. Mee ammammoo Oromoon dhumaatii fi dukkana kana keessa dabree, wanneen tokko tokko kan inni bu’eeffate haa ilaallu. Uummanni Oromoo dhumaatii fi dhiiga ofiitiin ofii isaa fi Oromiyaa isaa biyya-lafaa guutuu irratti beeksifatee argama. HardhaOromiyaan teenya akka biyyoota sonaan beekamoo: akka Indiyaa fi Meekiskoo, akka Aljeeriyaa fi Jarmanii faa ramaanii (kaartaa) addunyaa irratti galmeeffamuun iftee muldhatti. Keessumaa erga leencichi Oromoo Fayyisaa Leellisaa, Olompiyaa Riiyoo irraatti raajii Oromoof baasee, Oromoo fi Oromiyaan qalbii fi sammuu uummatoota addunyaa kitila hedduun lakkaawamanii keessatti galmeeffamanii jiru. Guyyaa tokkicha keessatti namoonni biliyoona lamaa ol (miliyoona kuma-lamaa ol) gocha Fayyisaa Leellisaa irraa kan ka’een, waayee Oromoo fi Oromiyaa qalbeeffatani. Ammaan tana gaazexoota, tiibiiwwanii fi raadiyoolee addunyaa irratti daran beekamantu waayee saba keenyaa dabrsaa jira. Eekaa, waaqaa gaditti lafaa olitti hamma bilisummaa fi walabummaa keenya gonfannutti duubatti deebiyuun gonkummaa hin jiru!
Maarree, erga karaa qabsoo keenyaa irraa duubatti deebiyuun hin jirree, tokkummaa fi dhaabbii keenya, kayyoo fi tooftaa keenya, jaarmaa fi dureewwan keenya, hidhannoo fi sabbata keenya akkaan jabeeffachuu qabna! “Qabnaan” kun dirqama dhalootaa fi dirqama seenaa-ti. Furguggee dirqama kanaa jalaa eessattuu gajjedhanii miliquun hin dandayamu. Dhumaatii uummata Oromoo isa gaafa Irreechaa-tii asii jiraa Oromoo dhiisitii, du’aan Oromooyyuu tokkoomee, tokkummaan tarkaanfachuu qaba! Ammaan booda walqocoluu fi walxiqqeessuun “riphxee-loltuuwwan” feesbuuk keessatti  adeemaa jiru kun dhaabachuu qaba! Hardhaan booda: arrabnii fi qalamni keenya, shimallii fi eeboon keenya wal irrattii mitii, diina Oromoo fi Oromiyaa irratti xiyyeeffamuu qaba! Dhiiga ijoollee Oromoo akkasitti dhangalye santuu, lafee haayyolee Oromoo akkasitti caccabsame santu akka waltaanee, tookkummaan harqoota gabrummaa Habashaa ofirraa darbannu nu dirqisiisa. Eekaa, akkuma jagnichi keenya Jaarraa Abbaa Gadaa jedhe san: “bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa akka du’aatii, waan ooluu miti!”